Karoora Hiixataa Karoorfachuun Imala Badhaadhina Biyya Keenyaa Milkeessa!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora xiiqiin fayyadamummaa uummataa milkeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira. Karoora walootin imala badhaadhina maatiifi biyyaa dhugoomsuuf hojjetamaa jiru karaa guutuu ta'een galmaan gahuufi ce'umsa diinagdee gooroon biyya jijjiiruuf hojii karoorfame qixaan raawwachuun raawwii argame bu'aan madaaluuf qorannoon raawwii hojii murteesaadha.
Kanuma bu'uura godhachuun Biirooleen naannoo Oromiyaa raawwii hojii waggaa kilaastara, kilaastaraan gamaaggamaa ture guyyaa har'aa xumuruuf mari'achaa jiru.
Maree xummura gamaaggama raawwii hojii kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa irratti sadarkaa Pireezidaantii itti Aanaatti qindeessan kilaastara hawaasummaa Obbo Saadaat Nashaa
kallattii xiyyeeffannoo hojii gara fuulduraa kennaniin gabaasa raawwii hojii waggaa ilaalamaa turan keessatti ciminaaleefi hanqinaalee mul'atan adda bahuun kallattiin kaa'amuu ibsanii jiru.
Akka kilaastara hawaasummaatti raawwiin hojii waggaa keessatti seektaraaleen hojii fooyya'iinsa qabu galmeessuu eerun carraa kanaan injifannoon gurguddaan kan itti mul'ateedha jedhan.
Keessattuu hojii gama kenna tajaajila lammumma hojirra oolmaa inisheetiiviiwwan bocaman idileessuufi raawwii pirojektootaa irratti milkaa'inni mul'achuu Obbo Saadaat kaasanii jiru.
Sirna deeggarsaaf hirdoffiitinis hojiin fakkeenyummaa qabu hooggansaafi qaama dhimmi ilaallatuu hundaan kan hojjetamaa ture ta'uun ibsameera.
waliigalaan gamaaggama kanaan hanqinaalee raawwii hojii bara 2017 keessatti mul'atan maqsuun yaadama haaraafi miira jijjiiramaa olaanaa gonfachuun karoora milkaa'inaa bara 2018 keessatti injifanmoo caalu galmeessuuf karoora hiixataa karoorfachuun miira xiiqiitin raawwachuu akka qaban Obbo Saadaat yaadachiisanii jiru.
Karoora itti aanu keessattis dhimma kenna tajaajilaa, misooma waloofi fayyadamuummaa ummata mirkaneessuu irratti ciminaan hojjetamuu akka qabu kallatti kennan keessatti eerameera.
Gama paartii badhaadhinaatinis hojiin dhalootatti abdii horu hojjetamaa jiraachuu kan eerame yoo ta'u,gamtaan paartiin cimaan jiraachuun paartiin cimaan akka jiraatu kan taasisu ta'uu gamaaggama kana keessatti Obbo Saadaat ibsaniiru.
Seektaraalee hawaasummaa tokkoo tokkoon isaanitiin raawwii hojii muuxannoo ta'uu danda'u kan galmeessan ta'uu kan eerame yommuu ta'u hojiin miidiyaafi kominikeeshinii raawwatamaa ture gaarummaan ilaalameera.
Yaada mana keessaa ka'aa tureenis Biiroon kominikeeshinii Oromiyaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii bal'aa gama hundaan hojjechaa jiraachuu kan eerame yoo ta'u, inisheetiivii waltajii komataaf komatamaa diriirsuun yaada, gaafii, komiifi qeeqa ummanni kaasu akka hiikkatu taasisuun qaamni dhimmi ilaallatuun deebiin akka itti kennamu gochuun uummataafi mootummaa giddutti iftoomina uumaa jiraachuun ibsameera.
Gama biraatin Biirichi fooramii miidiyaalee hundeessuun odeeffannoon amanamaafi waqtaawaa ta'e madda tokkoorra akka tamsa'u taasisuufi sochii naannicha keessatti taasifamu qixa sirrii ta'een gurra uummataa akka gahuufi naannoon Oromiyaa roga gaariin akka ijaaramtuuf kallattii hundaan cichee hojjechuun utubaa jiraachuu maree gamaggama raawwii hojii irratti ibsamee jira.
WALIIGALAN ALAA GALAN! Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Gadaan Muudanaa godaansasaa Odaa Nabee xumurachuun Caffee Tumaa qubate.

Oromoon Sirna Gadaa keessatti dhimmoota hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee seera itti godhuun karaa dimookraatawaa ta'een hojiirra akka oolan taasisa. Bara addunyaan waayee dimookraasii hubannoo hin qabneetti Oromoon dimookraasii shaakaluun hojiirra oolchaa tureera. Kanaanis Sirni Gadaa 'UNESCO' irratti galmaa'uun hambaa Addunyaa ta'uu danda'eera. Sirna Gadaa keessatti aangoon kamiyyuu marsaa marsaadhaan karaa dimookraatawaa ta'een waliirraa dabarfama.Angoo waliirraa dabarsuun durattis sirnoonni raawwataman jiru.
Bu'uruma kanaan Gadaa Tuulamaatti jilli Gadaa Muudanaa (Michillee) godaansa Odaa Nabee xumurachuun har'a Caffee Tumaa qubateera.
Gadaan Muudanaa(Michillee) godaansa Odaa Nabeetti taasiseen abbaan Faajjii Faajjii dhabuun Foolleenis Birbirsa dhaabee korma qalee sirna araaraa raawwachuun guyyaa har'aa hayyoonni Caffee dongoraatti seera jahan mata dhangalaasuun Caffee Tumaa qubateera.
Caffee Tumaattis seera fooyya'eefi haaraa bahe hayyoonni Gadaa Muudanaatiif dhangalaasu.
Miseensonni Gadaa Muudanaas seera hayyoonni dhangalaasan fudhachuun ardaasaanitti deebi'uun miseensota Gadaa hafaniifi uummata bal'aan gahu.
Waggaa tokkoon booda Gadaan kun waan hawaasni bal'aan irratti waliigale qabatee deebi'uun Andoodee Tumaa (dhaka Koraa)'tti seerrri ragga'uun muudanni qumbii afaan kaawwatee Gadaa Meelbaarraa alangee fudhachuun ittiin bulcha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Abbaan Gadaa Booranaa marsaa 72ffaa Guyyoo Boruu nagaan Baallii Gadaa fudhatan.

Abbaan Gadaa Booranaa marsaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo karaa nagaan Baallii gadoomaa Abbaa Gadaa Booranaa Guyyoo Boruu 72ffaaf kennaniiru.
Haaromsaan booda Abbaa Gadaa 72ffaa tahuun aangoo Baallii kan fudhatan Abbaan Gadaa Booranaa Guyyoo Boruu waggoottan itti aananiif sirna gooroo gadoomaa hogganu. Sirna wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Oromoo Booranaa 72ffaan jiloota garaa garaan kabajamaa turuun guyyaa har'aa bakka keessummoonni garaagaraa biyya keessaafi alaa argamanitti Aanaa Areeroo Ardaa Badhaasitti geggeeffame. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Sirna walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Oromoo Booranaa 72ffaa irratti hirmaachuuf Boorana galanii Sagantaa Baallii walharkaa fuudhiinsaa Gadaa Booranaa 72ffaa haasaa taasisaniiru. Walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaan geggeeffamaa jiru irratti argamuun ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Aadaafi duudhaa gabbataa kaleessarra dhaabannee boruu keenya ijaarrachuu akka qabnu dubbataniiru.
Oromoon aadaa isaa ganamaatti yoo deebi’e injifannoo galmeessuu akka danda'u himuun, haaroomsi aadaa Oromoo amma gaggeessuuf itti deemamaa jiru, galmoota sadii akka milkeessu himaniiru.
Jalqabarratti Barnootaafi teeknooloojii kan milkeessuu ta'uu himuun, kanaaf barnoonni sirna gadaafi safuun barnoota keessatti baratamaa jirachuu dubbataniiru.
Ammayyaa'uun aadaafi duudhaa ofii beekuu waan ta'eef, uummanni Oromoo haroomsa aadaa geggeeffamuuf jiru tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
Uummanni hojii Haaromsa aadaa, misoomaafi nagenya mirkaneessuuf tumsuu akka qabu kaasuun, uummanni keenya injifannoo amma argametti gargaaramee aadaa isaa eeggachuu, kunuunfachuufi dhalootatti dabarsuuf haaromsa aadaa eegalame tumsuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Sababa adda addaan aadaafi dudha uummatichaa dagatame deebisanii haaromsuun misoomaaf, eegumsa nageenyaafi jireenya waloof fayyadamuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Sirna gadaa Haaromsaan booda jabaate itti fufe kana caalamaatti addunyaatti beeksisuuf mootummaan naannichaa hojii eegale cimsee akka ittifufu dubbachuun, Ardaa Jilaa Badhaasaa misoomsuufis kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Abbaa Gadaa Baallii fudhataniif bara hojii gaarii hawwanii, keessummoota sirnicharratti hirmaachuuf keessaafi alarraa dhufanis galateeffataniiru. Guddinni galmeessinu kamiyyuu Oromummaa keenya giddugaleeffachuu qaba! jechuun PMNO Obbo Shimallis Abdiisa haasaa isaani goolabaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Baga guyyaa dhaloota Yesuus Kiristoos Nagaan Geessan" Shimallis Abdiisaa PMNO.

Ilmi namaa akka bifaafi fakkeenya Waaqaatti uumame; ulfinaafi simbo qabeessas ture. Waaqayyo dhala namaa ofii isaatti aansee uumuu qofa osoo hin taane uumamoota biroo hundas akka kunuunsuufi bulchuuf aangoofi ergama seeraaf sirna waliin kenneefii nagaattis akka jiraatuuf kan isa eebbise ta’uu macaafa qulqulluutu dhugaa ba’a. Aangoofi ergama guddaa waliin uumamuu isaa cinattis ilmi namaa kan kabajaaf ulfina qabu, dhaga’ee wal hubatuufi mari’atees waliigalu ta’uu isaatu uumamoota biroo irraa adda isa taasisa. Daabiloos faallaan hojii gaariifi ilma namaa garuu kabajaafi jaalala ergama addaa waliin ilmi namaa uumaasaa biraa gonfatetti inaafuun olka’iinsa irra jiru irraa gad isa buusuuf shira shire. Ilmi namaas shirichaan toosifamee daandii seermaleessummaa hordofuun olka’iinsa haaraa dabalachuuf kufaatii hamaa keessummeesse. Kanaanis walitti dhufeenya uumaa isaa waliin qabu dhabee garbummaa mootummaa Daabiloos jala galuun Jaannabaaf kaadhimamee jooraafi jaawwaraa ta’ee imala jireenya gadadoon guute jiraachuu itti fufe.
Waaqayyos ilma namaa fakkaattii isaan uummate kufaatii araara hin qabne kufee akka hafu waan hin barbaanneef harka araaraa diriirsee balbala Jannataas banee ilma namaa bade barbaacha nama ta’ee mul’achuun birmadummaa deebi’ee hin banne gonfachiisuuf murteesse. Murtee kanaafis amanamee sagaleen raajii abdii hordoftoota Amantaa kiristaanaa baroota baay’eef eegamaa ture erga dhugoomee har’a waggoonni 2017 lakkaa’amaniiru. Dhalachuun goftaa Iyyesuus mallattoo dhiifamaa, araaraafi kakuu diigamee ture kan haaromse ce’umsa dukkana irraa gara ifa bara baraatti; imala gara Jaannabaa irraa gara Jannata Edenitti geessuuf kan balbala banedha.
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa kan biyya keessaafi ala jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa ulfinaafi kabajaan guute guyyaa yaadannoo dhalachuu Iyyesuus Kiristoos kan bara 2017 nagaan geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.
Dhalachuun isaa Daabiloosiin abdii kan kutachiise, birmadummaa ilmoo namaa deebisee kan labseefi mallattoo kakuu haaraa uumaafi uumama walitti araarse ta’uus macaafni qulqulluun dhugaa ba’eera. Daandiin jaalala, obsaan danda’uufi tokkummaa deebisanii ijaaruun guutame kun aarsaa guddaan kan argame ta’us araaraafi dhiifamaan kan goolabamedha. Duudhaa guddaan kun hordoftoota Amantaa Kiristaanaa birattis ta’e jireenya ilmoo namaa keessatti kabajaafi ulfina guddaa kan qabudha. Kana malees, guyyichi Oromoo biratti Ayyaana dachaa bifa aadaatiinis Qilleen kan taphatamudha. Aadaan tapha Qillee dorgommii miira namaa hawwatu jaalala ijaaree tokkummaa jabeessu, jibba fageessee hawaasummaa tiksudha. Kanaaf guyyichi xinnaafi guddaa biratti kabajaafi ulfina qaba.
Duudhaa gaarii kana gonfanneefi biyya amantaa garaa garaa jaalala, tokkummaafi araarri keessatti barsiifamu taanee maalif maraammartoo wal waraansaa keessaa ba’uu dadhabnee? Maalif kabaja ilma namaaf malu gonfachuu hanqannee? Imala nagaa waaressuu lagannee maalif waraana filannee? Gaaffiiwwan akka sabaattis ta’e akka biyyaatti hundi keenya itti yaaduufi deebii kennuu qabnudha.
Duudhaan Waaqayyo ilma namaa bade ittiin barbaades ulfina dhiisanii gadi bu’uu, araara labsanii dallaa jibbiinsaa diiguu, riqicha jaalalaa ijaaranii gara iddoo nagaafi boqonnaatti wal ceesisuun isa hamaa gaariin mo’uu akka ta’e qabatamaan baranneerra. Jireenya dhugaa kana jiraannee gadoofi gadadoo lagannee dhiifamaafi araara gochaan agarsiisuu qabna. Kanaafis uummanniifi mootummaan keenya nageenya waaressuufi araara waliigalaa mirkaneessuuf harka araaraa diriirsinee; balbala nagaas bannee fageenya barbaadamu caalaa deemnee jirra. Kanaanis naannoo keenyatti ejjennoo wal waraansa irraa gara nageenya waaraatti biyya ceesisuuf eegalleen milkaa’inootni akka sabaatti gonfachaa jirru daandii milkaa’inaa irra akka jirruuf ragaa guddaadha. Dhugaan hunda keenya waliigalchu uummanni keenya waraanni nu ga’eera; araaramaa jechuu isaati.
Kanaafis ulfoo isaa qabatee walwaraansa hooddatee harka bal’isee akka seeraafi sirna isaatti kadhoo taasisaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii uummata isaa eyyantaa guutuun fudhatee Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo gaaffii nagaa simatan wajjin waliigaltee nagaa mallatteessuun boqonnaa haaraan saaqamuu danda’eera. Qilleensi nagaas bubbisuu eegaleera.
Qondaaltonniifi miseensonni waraana Bilisummaa Oromoo Qawwee gadi qabanii gaaffii araaraa simatan isaan dhugumaan gootota yeroo hundaati. Gaafa diinni jibbiinsa Oromoofi sabootaan machaa’ee keessaafi alaan ilkaan nutti qaratu; roorroo uummataa ofiirraa deebisuuf tokkummaa jabeessuuf araaraan uummatatti makamuu caalaa aantummaafi quuqama mul’isuu kan ga’u hin jiru. Akka sabaattis ta’e akka biyyaatti nagaa waaraa, diimokiraasii ijaaruufi dinagdee itti fufiinsa qabu milkeessuutu nu barbaachisa. Kanaafis aarsaa barbaadamu hunda kaffallee fageenya barbaadamu hunda imallee nagaan akka waara'uuf ni hojjenna. Waaqayyo uumaan waaqaafi lafaa abbaan nageenyaa, araaraafi jaalalaan guutes nu gargaara. Madda galaana walwaraansaa gogsinee shirtootaaf shira isaanii qolannee imala keenya gara olka’iinsaatti taasifnu ni milkeessina.
Har’a akkuma ergamaa kufe sanaa warri deebi’anii ka’uu dadhabuu isaaniif abdii kutan gabaa siyaasni isaanii keessatti rakase deebisanii ho’isuuf ajandaa du’e waliin boo’aa oolanii boo’aa kan bulan argaa jirra. Galmi isaanii ati kufi ani nan deemaa, ati du’i ani na mo’aa; aarsaa ati kaffaltuunan galma ga’a kan jedhu fedhii dhuunfaan kan machaa’eefi galma milkaa'u kan hin qabne ta’uu isaani uummanni keenya hubateera.
Ammas mootummaafi uummanni keenya laphee nagaaf of kennee araara filate waraanas hooddateef; harka diriirsee balbala banee dhiifamaan simachuu itti fufa. Akka duudhaafi safuu keenyaattis ta’e barsiisa Amantaa kiristaanaafi kanneen birootti gadoofi gadadoon qaanii, wal waraansi badii araarri mo’aadha. Kanaaf boqonnaa haaraa saaqamee qilleensa nagaa bubbisuu eegale waliin dhaabbannee nagaan hundaaf akkuma ta’e hundis nagaaf akka dhaabbannu waamicha koon dhiyeessa.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa akkuma walwaraansa keessaa ba’uuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jirru maraammartoo hiyyummaa keessaa ba’uufis dagannaa tokko malee carraa naannoon keenya qabu hunda daguugnee fayyadamuun imala jalqabne cichinee milkeessuuf hojjechuu qabna. Hojii misoomaa jalqabneen milkaa’ina gonfachaa jirra. Waktii Bonaa keessa Qamadii oomishuu jalqabneen bakka hundatti babal’isuuf hojiin hojjetame milkaa’adha. Hojii roga hundaan eegalle cimsinee itti fufuun gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ni ceena. Kanaaf naannoo keenyatti karooraan hogganamnee yeroo hunduu qulqullina, baay’inaafi ariitiin oomishuu kan oomishne irraas qusannee ofiif biyya keenya jijjiirru ta’uu qaba. Bona kanas copha bishaaniifi jal’isii jiru fayyadamnee oomishuu cimsinee itti fufna. Bakka hundatti xaa’oofi sanyii filatamaa ni dhiyeessina, ifaajii uummanni keenya taasisu hundas ni milkeessina.
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi duudhaafi barsiisa gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa dhaalleen dhiifama waliif gochuu, kan kufe kaasuu, kan beela’e nyaachisuu, jaalala qajeelummaa qabu walii keenyatti agarsiisuun Ambaasaaddara nagaa taatanii hojjechuu akka qabdan dhaamaa guyyichi kan nagaa, gammachuufi milkaa’inaa hunda keenyaaf akka ta’un hawwa.
Oromiyaa ni ijaarra;
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nugargaara.
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Muddee,2017
Finfinnee
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Walii galteen nageenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota WBO gidduutti mallatteeffame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha keessatti qilleensi nagaa bubbisee uummanni Oromoos boqonnaa argatee hojii hawaas dinagdee irratti fuuleffachuun badhaadhina maatiifi biyyaa keessatti shoora isaa akka bahatuuf xiyyeeffannaan hojjechaa tureera, hojjechaas jira. Dhibdeen Oromoofi Oromiyaa Karaa nagaa akka furamuufis nuffi tokko malee walitti fufiinsaan waamicha nagaa taasisaa tureera. Qaamoleen quuqamni Oromummaa Manaa isaan baaseefi dhibdeen siyaasa Oromoo afaan qawween qofaan fala argata jedhanii yaadaa turan miseensonni WBO hedduunis ejjennoo mootummaan Nageenya waaressuuf qabuufi waamicha isaaniif dhihaachaa ture fudhatanii karaa nagaa galaa turaniiru.
Yeroo ammaas Mootummaan Naannoo Oromiyaa egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin mariin taasifamaa jiru milkaa’aadha.
Guyyaa har’aas Hooggansa Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO gidduutti walii galteen araaraa mallatteeffameera. Walii galtee kana gama mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mallatteessan Pirezedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Andiisaa yoo ta’an, gama WBOn ammoo qondaala olaanoo WBO kan ta’an Obbo Sanyii Nagaasaatu mallatteesse.
Pirezedaant Shimallis saganticha irratti WBO Waamicha Uummataafi Mootummaa simatanii qabsoo Karaa nagaa filatan galateeffatanii wal dhabdeen keessoo Oromoo diinotaaf Karaa banuu irraa kan hafe Oromoof faayidaa homaa akka hin qabne kaasaniiru.
Qondaalli WBO Obbo Sanyii Nagaasaan kan nufide waamicha uummanni taasise simachuufi dararaan Oromoo hafee qilleensi nagaan Oromiyaaf akka bubbisu yaadneeti jedhan.
Araarri bu'uura Nageenya waaraati!
Tokkummaan Oromoo ijaarsa biyyaaf!
Mareef marabbaan duudhaa sirna Gadaati!
Elaaf elaameen waldhabdee furuun Nageenya Waaressa!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Tokkummaa Sabdaneessaa Ijaarsa Biyyaaf!

Tokkummaa sabdaneessaa cimsuun nageenya biyyaa waaressuun misooma saffisiisee walooma utubuun ijaarsa biyyaa olkaasa. Biyyoota akka biyya keenyaa; ijaarsa biyyaa irra jirtu keessatti tokkummaa Sabdaneessaafi afdaneessaa jabeessuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu bira darbee itti fufiinsa biyyaafi badhaadhina waloo dhugoomsuu keessatti shoorri inni qabu guddaadha. Imala nageenyaa waaraafi daandii badhaadhinaa waloo milkeessuuf dhimmoota biyyaaleessaa irratti miira tokkoomeen walooma jabeessuun hojjechuun daraan barbaachiisaa waan ta'eef, federaalizimii dhugaa lammiilee hunda haammatuufi ilaalcha biyyoolessummaa irratti xiyyeeffate qabaachuun baay'ee barbaachisaadha.
Kun ammoo Biyya hundaaf taatu hundaan, hundaarraa ijaaruuf hirmaannaa lammiilee cimaafi miirri xiiqiin akka jiraatu taasisuun misooma hunda galeessaa mirkaneessuun guddina biyya ariifachiisuun karoorri imala badhaadhina biyya keenyaa akka dhugoomu taasisa.
Agarsiiftuu walooma keenyaa kan ta’e guyyaan saboota sablamootaafi uummattoota Itoophiyaa bara kanaa marsaan 19ffaan Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti haala hoo'aan kan kabajame yoo ta'u, akka Biyyoolessaatti ammoo Sadaasa 29 Naannoo Kibba Itoophiya magaalaa Arbaa Minciitti mata duree Waliigaltee Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf" jedhuun karaa sirna federaalizimii sabdaneessaa calaqisiisuun ni kabajama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Araarri bu'uura Nageenya waaraati!
Tokkummaan Oromoo ijaarsa biyyaaf!
Mareef marabbaan duudhaa sirna Gadaati!
Elaaf elaameen waldhabdee furuun Nageenya Waaressa!
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Irreechi Ibsituu Aadaafi Hawwii Gaariiti!

Uummanni Oromoo saba guddaa Gaanfa Afrikaa seenaa boonsaa qabu, uummata safuufi duudhaa mataa isaa kan Addunyaa hawwatuufi simboo miidhaginaa ta'een bulaa turedha. Oromoon saba falaasama gabbataa qabuufi qaroomina gurguddoo heddu Addunyaaf gumaachaa har'a ga'eefi har'aas itti jirudha. Uummatichi hacuuccaafi dhiibbaa sirnoota dhufaa darbaan hundaa danda'ee jiruufi jireenya isaa gaggeessuuf, hariiroo uumaafi uumamaa murteessuuf, madaallii uumamaa eeguuf, hariiroo ilmaan namaa gidduu jiru qajeelchuufi madaallii uumamaa eeguuf sirnootaafi jaarmayoota garagaraa tolchee ittiin wal qajeelchuun safuu, aadaafi duudhaa isaa gabbisuun Addunyaaf fakkeenya guddaa ta'eera.
Sirnoota Oromoon kalaqee ittiin jiraachuufi wal gaggeessaa ture keessaa inni tokkoofi beekamaan Sirna Gadaa Oromoo yoo ta'u, Sirni Gadaa Oromoo sirna guddaa dhimmoonni bulchiinsaa, siyaasaa, hawaasummaa, diinagdeefi hariiroon Waaqaafi namaa ittiin qajeelfaman sirna baay'ee ulfoofi kabajamaadha.
Oromoon sirna ajaa’ibsiisaa kana kalaqee ittiin wal bulchuu kan eegale waggoota kumaatamaan dura yoo ta’u, yeroo Oromoon sirna kana kalaqee ittiin wal bulchaa turetti Addunyaan dukkana waraanaafi wal balleessuu kan jibbaan guute keessa turte. Oromoon garuu hariiroo bulchiinsa sirna Gadaa tolchuun nageenya, obbolummaa, birmadummaa, walqixxummaafi kabaja ilma namaa mirkaneessee wal jiraachisaa, waliinis jiraachaa tureera.
Uummatichi sirna miidhagaa kana bocee dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa, diinagdeefi uumaafi uumamaa qajeelchuuf aadaaf wal jaalachuu, wal kabajuu, waliin jiraachuu, walooma jabeessuu, ofirra darbee saboota biraa haammachuu dagaagsuun dimokiraasii har'a Addanyaan ittiin wal bulchu kanaaf bu'uura jabaa ta'eera.
Safuufi duudhaaleen Oromoon ittiin jiraataafi wal jiraachisaa ture, akkasumas hariiroo namaafi uumaa gidduu ittiin hubachaa ture Sirna Gadaa keessaa kan madde yoo ta'u, Jaarmayaaleen Oromoon hariiroo ollaa isaa, namaafi uumamaa, dacheefi samii, ittiin qajeelchaa ture heddu keessaa tokko Irreecha.
Irreechi jaarmayaalee Sirna Gadaa keessaa tokkoofi isa guddaa ta’ee Ayyaana Oromoon waggoota dheeraadhaaf kabajaa tureedha. Irreechi Oromoo sirna Oromoon Waaqa itti galateeffatu, ayyaana araaraafi obbolummaa akkasumas falaasama galateeffannaa Oromoon addunyaa kana keessatti ittiin humna Waaqaa ibsu, jireenya lafa kanaa raajuufi dhoksa jiruufi jireenyaa dhaloota itti aanuuf ittiin ibsudha.
Kanaafuu, Irreecha ibsituu aadaafi hawwii gaarii keenya ta'e kana guyyaa yaaddoo nageenyaa osoo hin taane guyyaa araaraa, nagaa, tokkummaan Oromoofi sabaafi sablammootaa itti calaqqisu, akkasumas malkaan Irreechaa iddoo wal dorgommiifi ajandaan siyaasaa itti gaggeeffamu osoo hin taane dachee safuufi nagayaafi guyyaa guddinniifi miidhaginni Oromoo addunyaatti ittiin mul’atu waan ta’eef qaamni kamuu kabaja guyyaa ayyaanaa kana ofiifis miidhagee ayyaanicha miidhaksuun barbaachisaadha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Baga Waggaa Haaraa Bara 2017 Nagaan Geessan" Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

eroon kennaa uumaa marfata taateewwan uumamaafi namtolcheen taliigamee qormaataafi carraan guutamee ilma namaaf kenname kennaa gati jabeessadha. Marfatni yeroo uumaan qajeelchee kenne taateewwan jajjaboo jireenya dhala namaatiif hiikoo garagaraa qaban duraa duubaan keessummeessuun qormaatilee keessatti milkaa’inootaafi muuxxannoo jireenyaa gonfachiisa. Ilmi namaas qormaatilee mo’achuun eebbaafi carraa yeroo waliin maree dhufu hunda gonfachuuf gareefi dhuunfaan ifaaja. Kanaafis Oromoon falaasama guddicha ilaalama Addunyaalessaa qabuun yeroo maree dhufu yayyabee injifannoofi milkii bulfatee qormaata namtolcheef uumamaa hooddachuun faloo keewwachaa waloomaan akka sabaatti of ijaaraa as ga’e.
Oromoon hayyuudha; hayyuu dhuka yeroo beekumsaan lakkaa’ee dhaha isaa xiinxalee waaqa yeroo maree fidee dabarsu eebba waakkii malee nama badhaasu kan darbeef galateeffachaa; kan dhufuuf ammoo itti kadhatudha.
Kabajamtoota Uummattoota Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii Gannaa hulluuqxanii jalbultii Booqaa Birraa bara 2017 nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.
Barri 2016 bara qormaatilee keesstti milkaa’inoota hedduu itti galmeessineefi pootenshaalaa qabnu sirriitti yoo fayyadamne raajii dalaguu danda’uu keenya kan itti adda baafannedha. Fayyadamummaa uummata Keenyaa gama hundaan mirkaneessuuf karoora xiiqii qopheessinee hojii hojjenneen kallattii laannee gaafa hordofnuufi karoorsinee gaafa qixaan hooggannu milkaa’uu akka dandeenyu qabatamaan kan itti agarredha.
Haala biyya keenya keessatti hin baratamneen Gannaa Bona, Birraa Arfaasaa qotuun callaa gaarii argamsiisuu akka danda’uufi laftiifi cittuun lafaa kamuu agabuu akka hin bulle golee misoomaa ta'uu akka danda'u kan itti mirkaneeffanneefi dacheen Oromiyaa hundi callaa kuntaala miliyoonotaan laatee abdii egeree biyya kanaa ta’uu keenya bara itti sirriitti ibsine, qote bulaan keenya karooraan qotee galii argaturraa karooraan yoo qusate Inveestimentiitti ce’ee ofiifi lammii isaaf carraa hojii uumee jijjiirama waaraa keessa galuu akka danda’u qabatamaan bara itti agarre bara milkii ture.
Gaaffii ummata keenyaa deebisaa fedhii misoomuu inni qabu guutuuf hojii hojjetameen haala kanaan dura hin baratamneen Pirojektoota fayyaa, barnootaa, bishaaniifi daandii kumaatamaan yeroo gabaabaa keessatti xumuruun fayyadamummaa uummataaf oolchuun akka dandaa’amu irra deebii bara itti agarsiifneefi bara itti galaa dhalootaa keenye ture.
Sirna jabaa qabnu giddu galeeffannee duudhaa keenya ganamaatti yoodeebine haqa waloo mirkaneessuun haqni kan abbaa haqaa ta'uu akka danda'u, tokkummaa keenya cimsaa Buusaa Gonofaa yoo jabeeffanne rakkoo numudatuu kamiifuu eeggattuummaa alagaa irraa walaba baanee wal utubuu akka dandeenyu bara itti adda baafanne, qormaatilee keessatti injifannoo galmeessuun akka dandaa’amuufi humnaafi beekumsa akkasumas qabeenya qabnu tajaajila lammummaaf yoo oolchine raajii dalaguu akka dandeenyu bara itti agarreefi hanga danda’uu Keenyaa daguugnee yoo fayyadamne uummata raajii dalaguu danda’u ta’uu keenya ormaafi firatti bara itti mul'ifnee imala keenya boriif daandii haaraa kan saaqee milkaaína egereef xiiqii addaa kan nutti hore bara raajii ture.
Bara 2016 keessa milkaa'inoota gama siyaas dinagdeefi hawaasummaan ummata keenya boquu olqabachiisan kan itti galmeessine ta'us, milkaa’inotni argaman kanneen garuu dirree walqixxaataafi mijataa keessatti osoo hin taane gootota sirnaafi uummata isaaniif amanamoo ta’an hedduun aarsaa lubbuufi qaamaa kaffalaniiti. Ummanni sirna isaaf ta'u ijaarrate; sirna isaa tursiifatee injifannoo isaa bulfachuuf hojjeta, kanumaaf aarsaa qaqqaalii kaffalameen ummanni keenya boquu ol qabate. Akeekni diinni Oromoo bara baraan Oromoo qilee rakkinaa, boo'ichaafi gadadoo keessatti ilaaluuf karoorses fashalaa'eera.
Diinota injifachuun Oromoo isaan hubu finxaaleyyiin bitaafi mirgaa kanneen ummata dararuufi bu'uuraalee misoomaa barbadeessuu injifannootti lakkaawwatan harka tokkoon qolachaa, gara nagaatti akka dhufaniif waamicha nagaafi araaraa taasifneenis bara kana dargaggoonni gowwomsaa sobaan diina uummata isaaniitti makaman hedduun nagaan galuun mootummaafi ummata isaanii dhiifama gaafachuun injifannoo waaraa bara kanaa ture.
Mootummaan naannoo Oromiyaa Mootummaa qormaata kamiifuu hin jilbeenfanne, qormaata riqicha ce’umsaa taasifachuun fayyadamummaa uummata isaa mootummaa si’oomsu ta’uu firris ta’e hormi argeera.
Kabajamtoota ummattoota naannoo keenyaa;
Akkuma waktiin Gannaa lufee waktiin Birraa dhufe akka sabaattis ta’e akka biyyaatti barri 2017 bara itti dhuka imala keenyaa qorree injifannoo bulfannee nagaa keenya itti waaressinu akka ta’u abdii guutuun qaba. Akka mootummaatti karoora gochaan masakameen tokkummaa saba keenyaa bu’uura jabaa irratti ijaaruuf tarkaanfii fudhatamuu qabu hunda fudhachaa, duudhaa keenya ganamaa jabeessuun imaanaa gootota keenyaa kudhaammannee daandii gara galma guddichaatti nu geessu beekumsaan hoogganaa injifannoo dachaa galmeessuuf kutannoon hojjenna.
Karoora xiiqii marsaa 2ffaa qopheessine qixaan hoogganaa hojii qabatamaatti seenuun fayyadamummaa uummata keenyaaf hojjechuun hojii dursaa bara kanaati. Boqonnaan qabsoo keessa jirru haaraadha. Kanaafis sirna siyaasaa keenya ammayyeessuun dorgommii Addunyaan keessa jirtu keessa seennee imaanaa gootota darbaniirraa dhaalle osoo hin sharafin ergama dachaa fudhannee biyya badhaateefi kabajamte ijaaruuf kutannoon hojjenna. Imalicha yaadama haaraan utubuuf akka sabaatti sabboonummaa Oromoo dinagdee, barnoota, saayinsiif teeknoloojiin ijaarree fagoo yaadnee fagoo ga’uuf imala keenya milkiin itti fufuun dhimma filannoof dhihaatu miti.
Seenessi qeenxee saba tokkoofi sirna tokko leellisu, kan aarsaa saboonniifi sablammoonni ijaarsa biyya isaaniif kaffalan balfee moggaatti dhiibu sirni cuqursaa aduu qabsoo uummataan erga dhabamsiifamee as biyya hundaaf taatu hundaan hundarraa seenessa waloon ijaaruu eegalle cimsinee itti fufna.
Kabajamtoota Uummattoota naannoofi biyya keenyaa
Mootummaan jijjiiramaa hiyyummaan qaanii badhaadhinni qananii ta’uu gochaan dhugoomsuuf imala dinagdee damdaneessaa tarsimoon masakee eegaluun uummata isaa qindeessee injifannoo galmeessuu itti fufa.
Gannaafi Bona Arfaasaafi Birraa hojjennee idaa kaleessarraa dhaalle haqnee biyya badhaateefi idaarra walboomte dhaloota dhaalchisuuf kutannoon keenya har’aa murteessaadha. Imalli gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceúufi eegalles qaama karoora imala badhaadhinaati. Biyyi biyyoo gabbataa oomishaaf mijaa’aa ta’e qabdu gargaaramtummaaf harka bal’isuun daba seenaa waan ta’uuf Ganna roobaan bona jallisiin hojjennee oomishtummaa keenya jabeessuun seenaa hojjechuuf kutannoon hunda keenyaa murteessaadha.
Cabiinsi barnootaa har’a keessa jirrus kuufama idaa kaleessaati. Kuufamni idaa ammoo godaannisa hin fayyamnme osoo hin taane xiyyeeffannoon hojjetanii kan itti ofirraa haqan hojii xiyyeeffannoo addaa barbaadudha. Kaanaaf uummanni naannoo keenyaafi caasaan barnootaa hundi dhimmi kun dhimma dhaloota gahoome biyyaaf oomishuu waan ta’eef cabiinsa barnootaa keessaa baanee hayyoota miliyoonataan lakkawaman akka qabaannuuf tumsi keessan cimuu qaba.
Barii jijjiiramaa irraa eegallee imalli keenya kan nutti agarsiisu hanga dubbanne kan hojjennu hanga hojjennes kan milkoofnu ta’uu isaati. Ce'umsi boqonnaa haaraa keessa jirru bu’uura amansiisaa irratti akka ijaaramuuf sirna cimaafi mootummaa jabaa ijaaraa jirra. Kanaafis sadarkaa Gandaatti gurmaa'insa haaraa hojiirra oolchuun tajaajila mootummaa uummatatti siksuuf hojiin eegalle injifannoo guddaadha. Gurmaa'insa kanaan hojii keenya hunda uumataati siksinee uummata waliin yoo hojjenne milkaa'inni dachaan waan galmaa'uuf ummanni keenyas deeggrsa eegale akka cimsu waamichakoon dabarsa.
Jalqabni keenya xiqqaa yoo fakkaateyyuu galmi keenya guddaadha. Gaara rakkinaarra qaarinee yeroon injifannoo guca badhaadhinaa qabsiifnee guddummaa keenya Addunyaaf labsinus dhiyoodha. Qoramnee ni injifanna, hojjennees ni milkoofna. Gama hundaan caallee duudhaa hammannaa keenyas gabbifnee ulee diinni Oromoon Oromoo cabsuuf qopheesse waliin cabsinee bara haaraatti nagaa keenya waaressuuf hojjechuu qabna.
Xumura irratti waggaa haaraan bara kanaa uummata Oromoo, saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa maraaf kan gammachuu, milkii gaariifi imala badhaadhinaa itti milkeesinu akka nuuf ta’un hawwa.
Ayyaana gaarii!
Oromiyaa ni ijaara,
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara !
Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii MNO
Qaammee, 5/2016
Finfinnee.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Bacaqii Gannaa Oofkaltanii Booqaa Birraatti Baga Nagaan Ceetan!" Af-Yaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan

Uummanni Oromoo, akkasumas, Ummattoonni Itoophiyaa hundi bacaqii gannaa ofkaltanii booqaa birraa arguuf Jala Bultii Bara Haaraa 2017 Baga Nagaan Geessan; Waliin Nu Gahe! Uumamni dabareen waljijjiiraa birraa waggaan maree dhufu arguuf hawwiin eeggata. Qaammeen waktii jijjiirraa gannaas, dabaree ishee eeggattee birraa goobanee as adeemu simachuuf dirqamti. Keelloon daraartee dacheetti miidhagina addaa uwwistus waggaatti yeroo tokko mul’achuun barii birraa weeddisti.
Roobni gannaa qooree, malkaanis taliila. Uumamni magariisaan badhaate, abaaboon dabaaltee miidhagina addaa dacheetti horti. Barataan wallalummaa dhabamsiisuuf birraa barii obsaafi abdiin eegaa ture argata. Barsiisaan yaadaafi qorqalbii haaraan beekumsaan dhaloota jijjiiruuf qophaa’ee eeggata. Qonnaan bulaanis, bu’aa dadhabbiifi dafqa isaa ganna gurraacha dabarse yaadachaa, daraaraa miidhaniifi oyiruu barakaa baattee as adeemtu ijaan ilaalaa quufa leellisa. Daldalaanis, abdii milkaa’ina egeree isaaf qabu of fuulduratti ilaalaa bara haaraa simata. Mootummaan, yaadaafi karoora haaraan ummata isa ceessisuuf bara haaraatti waan haaraa qabatee as baha. Wayita kana, abdiin keenyas lalisee akka ililii birraa daraaree firii isaa hawwiin eeggata.
Ummata keenyaaf, guyyoonni waggaa haaraa kana keessatti argaman hundinuu qabeenya guddaa jijjiirama barbaannu gama hundaan ittiin galmeessinudha. Guddina hawwinu bira gahuuf, dadhabuun, carraaqqachuun, qormaatilee adeemsa raawwii hojii keessatti nu mudatan injifachuun mul’ata qabanne biraan nu gaha. Barri haaraan kun, bara itti ofiifi maatii keenya jijjiirru, darbees, naannoofi biyya keenya ceessisuuf akka lammii tokkootti kutannoofi xiiqiin hojjennudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, jiruufi jireenya ummata naannichaa bu’uura irraa jijjiiruuf halkaniif guyyaa xiiqeffatee hojjechuu irratti argama. Nagaafi tasgabbii naannoo keenyaa mirkaneessuun misooma keenya waaressuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Guddinaafi galmoota misoomaa walgitiinsa qaban diriirsuun diinagdee naannoo keenyaa utubuuf xiyyeeffannoo addaan hijjechaa jira. Kanaaf, lammiin hundinuu bakka jirutti jijjiirama bu’uuraa fiduuf miira jijjiiramaan hojjechuun dirqama isaa bahachuu qaba.
Mootummaan, fedhii misoomaa ummataa hubatee, bulchiinsa gaariifi nagaa hawaasaa waaressuuf, tajaajila si’ataafi haqa qabeessa ta’e hawaasatti gadi buusuun gurmaa’iinsaafi hojimaata haaraa diriirsee jira. Hanqina kenna tajaajilaan ummanni keenya mootummaa ofiin hundeeffateen furmaata akka argatuuf deddeebisee gaaffii gaafachaa ture, hundeerraa furuun jijjiirama qabatamaa fiduuf hojii seena qabeessa ta’e hojjechuu irratti argama.
Kanaaf, bara dabarsine keessatti hojiiwwan gurguddoo dameewwan hunda irratti itti milkoofne qabannee, muuxannoowwan milkaa'ina keenyarraa argaman qindeessuun badhaadhina ummata keenyaa roga maraan mirkaneessuuf carraawwan misoomaa jiran hundatti fayyadamuun kan hojjetamu ta’a. Galma gahiinsa karoora bara 2017f ammoo, hirmaannaafi qooda fudhannaan ummata keenyaa iddoo olaanaa qaba.
Caffeen Oromiyaas, waggoottan sadeen dabarse keessatti aantummaa ummata isaaf qabu gochaan mirkaneessuuf waadaa gale kabajee raawwachaa tureera. Waggoottan lamaan Bara Hojii Caffichaa hafan keessattis, milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee isaa kan bahatu, murtiiwwan fayyadamummaa ummata naannoo keenyaa mirkaneessan raawwachuun fedhiifi faayidaa ummata keenyaa dhugoomsuuf kan hojjetu ta’a.
Milkaa’ina hojii kanaafis, riifoormiiwwan adda addaa taasisuun hojiirra oolchaa kan dhufe yommuu ta’u, qajeeltoo Heera Fooyya’aa Naannichaa hordofee mootummaa cimaa sadarkaa Gandaatti ijaaramaa jiru karaa utubuun gurmaa’insi Mana Maree Gandaa taasifamus, humna jijjiiramaa qaamolee mootummaa utubuu danda’u akka ta’uuf kan hojjetu ta’a.
Badhaadhina hunda galeessa gama hawaasummaan, diinagdeefi siyaasaan qabanne dhugoomsuuf, gamtaan hojjennee EGEREE biyya keenyaa dhaloota milkeessuu danda’u rabbiin nu haa taasisu jechaa, irra deebi’uun ummata naannoo keenya hundaan BAGA JALA BULTII BARA HAARAA 2017n ISIN GAHE jechaa barri haaraan dhufu kan nagaa, gammachuu, milkaa'inaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.
Sa’aadaa Abdurrahmaan
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Qaammee 05 Bara 2016
Finfinnee See less
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Goobeen Hooda! Shinooyyeen milkii!

Achii dhuftee hidda ummata tokkoo keessa eenyummaatu jira. Eenyummaan kuusaa calaqqee aadaa — seenaa, duudhaafi safeeffannaa walxaxaa, moggaasa birqaba sabaa maqaa dhahatanii himatani. Eenyummaan, onneefi sammuu ummataa keessatti gadi fageenyaan hapheeffamee, afaan dubbatan, duudhaa kabajaniifi mallattoolee mararfataniin kan ibsamuudha. Sirnoota walirraa lufaa darbaniif, mallattoo tokkummaa keenyaa kan ta’e eenyummaa keenya qabannee mirga abbaa biyyummaa goonfachuu mitii, gola keenyatti akka ofiitti jiraachuuf carroomoo osoo hinta’in turreera. Baroota kanneenitti mirga abbaa biyyummaa Itiyoophiyummaan ibsamuuf, gahaa taane argamuuf, eenyummaa keenya dhoksuu ykn guutumatti ofirraa mulquun dirqama ture. Badii kana caalaatti kan hammeessu ammoo, Itiyoophiyummaatti fudhatamuuf calaqqee eenyummaa keenyaa dhoksuu ykn guutumatti ofirraa haquu qofa osoo hintaane, isaan sirnoota barichaatiin kabajamaniin oftolchuun dirqama ture. Warri dhiibbaa kanaan eenyummaa ofii ofirraa mulqanii calaqqee “Itiyoophiyummaa” barichaa fudhatan, adeemsa ofganuu kana keessa darbaniillee, warra “Itiyoophiyummaa” dhalootan dhaalle jedhaniin walqixumma hinqaban ture.
Eenyummaan keenya sirnoonni waggoota hedduuf itti wal jijjiiranii yuyyessuuf dhiitaa turan, qabsoo sabaa, baadiyyaa hanga magaalaatti, ilmaan kumaa kitila itti gabbarameen, qabeenya gartee badu osoo hintaane, falaasama eenyummaa jabaa, Oromummaan keenya qofa osoo hintaane, Itiyoophiyummaan keenya ittiin ibsamu ta’uu muldhiseera. Itiyoophiyummaan kennaa ykn waan nuuf hinmalle osoo hintaane, mirga lammummaa eenyummaa keenyan ibsamu ta'uu goonfanneera. Har'a Itiyoophiyummaa goonfachuuf Oromoon wanti shaakalu hin jiru; eenyummaa isaa Oromummaa qabachuun qofti gahaadha. Kanaaf akka dhala hortee saba kanaatti itti fufnee Goobeefi Shinooyyee bilisummaan yoo kabajnu gammachuu addaa waliini.
Caacculee eenyummaa dhufaatii ayyaana Irreechaa akeekaniifi barii birraa dura kabajaman keessaa Goobeefi Shinooyyeen Oromoo biratti jaalatamoodha. Goobeefi Shinooyyeen taatee osoo raareen hinqoorin, fixeensi hinharca'in, duumessiifi hurriin samii irraa hinduguugamin, caffeen hinjabaatin, booruun lageewwanii hincalalin, dalaliin qarqara haroowwaniii hintuulamiin, qeerroofi qarreen abdii booqaa birraa misiraachoon Uumaa irraa fuudhanii umamatti riqicha ta'uun labsaniidha.
Ijoollen dhiiraa goobee yoo dhiichisan, akkas jechaa waljalaa qabu:
"Goobilee- goobileyoo..... goobee goobaa
Gooben geesse jedhani .... goobee goobaa!
Yoo dandessee jedhanii..... goobee goobaa!
Goobee maaloo goobsan malee kormi hin aaduu
Goobee hoo!
Goobee maaloo simalee kan biraa hin yaadu
Goobee hoo!
Goobee maaloo gooba tuula yaa faaxulaa
Goobee hoo!
Goobee maaloo dhiirti birraa kana duula
Goobee hoo!
Goobee maaloo goobee itti dheeressi.
Goobee hoo!" Jedhu.
Sirni Goobee abdii, booruu Gannaa irraa gara booqaa Birraatti tarkaanfachuuti. Kanaan hofkaltii cehumsa Gannarraa gara Birratti tarkaanfachuu keenya Uumaa ittiin galateeffanna. Birraan abdiidha, araara, badhaadhinafi gammachuudha; Oromoon falaasama isaa keessatti birraadhaan Booqaa jedhee faarsuun kanaafi. Dargaggeessi Goobeedhaan goota faarsa; ittiin misoomaafi nageenya faarsa; ittiin dhaadatas.
Ji'uma kana ijoolleen durbas sirna qabu — Shinooyyee/Aseesaa. Shinooyyeen ijoollee dubraaf miirafi yaadannoo addaati. Weedduuwwan jaalalaa qalbii namaa harkisan, faaruu suga birraa akeekan, urgaa foolii abaaboo leellisan, sagalee simbirrootaa, huursa laggeeniifi qulqullummaa Uumaafi birmadummaa umamaa leellisantu qarreewwan shinooyyee sirbaniin lallabama.
Qaarreewwan Shinooyyee/Aseesaa yoo taphatan, akkas jechuun foolii birraa biifu:
"Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee
Dhallaadduu buqqiffannaa
Dhallaadduu buqqiffannaa
Gurguddoo heerumsiisnee
Xixiqqoo guddifannaa
Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee
Bishaan booruu yaa booruu(x2)
Daddarbaaf karra yaanaa
Yaa Abbaa nooruu nooruu
Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee"
Sirbaafi faaruu kunneeniin, lafa ho'isuu qofa osoo hintaane, ittiin hawwii qaban ibsatu; ittiin abdii labsu. Sagaleen hiddamaan qarreewwanii, qillisni yeedaloo sagalee durbaa umama hundaaf gammachuufi naatoo milkii dorrobsuudha. Ililleen sagalee isaanii cirracha lageewwanii dhaaba; biqiloonni daraaraa hudhan akka futtafatan yaadachiisa, Birraa waqtii gurracha gaggeessee bari’uuf nagaa, araara, badhaadhinafi milkii hoodata.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata qabsoo sabaa eenyummaan keenya osoo hinmulqamin Itiyoophiyummaa keenya nugoonfachiiseef qabu duudhaa Oromummaa ganamaa dagaagsuufi dhaabbilee itti ijaaruun mirkaneessuu galma taasisee baldhinaan socho'aa jira. Sirna Gadaafi Irreechaa dabalatee Goobeefi Shinooyyee, akkasumas faaruu, afoolaafi ayyaanota falaasama ummata keenyaa mandheeffatan dadammaqsuu, eeguufi tiksuu irratti hojii baldhaa raawwataa kan jiru yoota’u, sochiin ilaalchafi falaasama ummaticha gama hundaan babaldhisuufi itichuu dirqama Oromoo hundaa ta'uu asumaan yaadachiisuun barbaada.
Goobeefi Shinooyyee/Aseesaan dhaloota haaraa gara duudhaa ganamaatti deebisuu keessatti shoorri isaan taphatan kan laayyoo miti. Ummata keenya hundaan baga geessan; baga geenye jechaa, addatti Dargaggootaafi Shamarran keenyaa aadaa bareedaafi boonsaa kana agarsiisuu, beeksisuu, akkasumas kan dagate yaadachiisuufi kan hinbeekne barsiisuuf magaalaa guddoo keenya Finfinnee dabalatee iddoo garagaraatti sirnicha miidhagsaa jirtan hundi galatoomaa, ulfaadhaa isiniin jechuun barbaada!
Birraan milkiif ofkaltiidha!
Gadaan quufaaf gabbina!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Hudhaalee harma hoosisuuf danqaa ta'an hir'isuun haadholiin hundi harma akka hoosisan haa deeggarru.

Biyyi dhaloota egereerratti hin hojjenne boruuf abdii hin qabdu. Torbeen Harma Hoosisuu Addunyaa/ World Breast Feading Week/ Akka Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti, “hudhaalee harma hoosisuuf danqaa ta'an hir'isuun haadholiin hundi harma akka hoosisan haa deeggarru" jedhuun kabajameera. Kabaja torbee harma hoosisuu Addunyaa kanarratti kan argaman Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaafi Bakka Bu'aa Hoogganaa Obbo Darajjee Abdannaa saganticharratti haasaa taasisaniin Biyyi dhaloota egereerratti hin hojjenne boruuf abdii hin qabdu, kanaaf kaayyoon sagantaa har'aa danqaa haati tokko akka mucaashee hin kunuunsine ykn akka hin hoosifne taasisan maqsuun haadholiin akka daa'ima harma hoosisan haa deeggarru haala haamijeessinu kan jedhu qabatee ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa fayyummaan isaa eegamee hojiilee misoomaarratti dammaqinaan hirmaatu horachuuf qaqqabamummaa fayyaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Harma hoosisuun daa'imman sababaawoo guddina biyyaaf shoora isaanii taphatan argachuun akka danda'amus ibsameera.
Harmi haadhaa qabiyyee daa'ima irraa dhibeewwan kanneen akka dhiibbaa dhiigaa , sukkaaraafi, carraawwan dhibeewwan daddarboon qabamuu ittisuu qabaachuus obbo darajjeen ibsaniiru.
Daa'imni tokko dhalatee hanga ji'a jahaatti harma haadhaa qofa hodhuu akka qabu, hanga ji'aa jahaatti nyaata dabalataa daa'imaaf kennuun guddina daa'immaniif osoo hin taane miidhaa garaagaraaf saaxiluu akka danda'us dubbatameera.
Daa'imman harma haadhaa hodhanii guddatan jaalala haadhaa bira darbee hawaasa ofii biyya ofii jaalachuullee achirraa kaasanii dhaalaa kan dhufan waan ta'eef haadholiin harma akka hoosisan hawaasti hunduu tumsa barbaachisaa taasisuufii qabaas dhaamameera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaa bara kanaan lafa hektaara mil 10.8 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Raawwii Qonna Arfaasaafi qophii Qonna Gannaa bara 2016/17 ilaalchisuun Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisoo addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromioyaatiif ibsa kennaniiru. Obbo Bariisoon ibsa kennaniin potenshaala Naannoo Oromiyaan qabdu fayyadamuun misoomsuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira jedhan. Bara 2015 Qonni Arfaasaa haala gaariidhaan kan raawwatame ta’uu ibsanii, muuxannoo argame babal’isuun bara kanas Godinaalee 10 keessatti lafa heektaara miliyoona 1.2 misoomsuuf karoorfamee lafa heektaara miliyoona 1.5 facaasuun kunuunfamaa jira jedhsn. Kanarraas midhaan kuntaala miliyoona 28.2 argachuuf kan karoorfame yoo ta’u haalli qilleensaa hanga ammaa jirus karoora qabame milkeessuuf haala mijataa uumeera.
Naannichatti Qonna Gannaa bara 2016/17tiin lafa heektaara miliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfamee qophiin gahaa taasifamaa jiraachuus dubbataniiru. Bara darbe Qonna Gannaatiin lafa heektaara miliyoona 9.6 kan misoome ta’uu yaadachiisanii bara kana lafa heektaara miliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfamee qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Karoorichi qooda fudhattoota sadarkaan jiran hunda waliin mari’achuun poteenshaala misoomuu dandeessisu adda baasuun kan qophaa’e ta’uus eeraniiru. Hanga ammaattis lafti heektaara miliyoona 1.3 faca’eera.
Bara kana callaa guddistuu kuntaala miliyoona 8.2 qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u hanga ammaattis xaa’oon kuntaala miliyoona 5.8 dhiyaate keessaa kuntaalli miliyoona 3.6 raabsameera. Kan hafes yeroodhaan karaa yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uuraatiin kan raabsamu ta’uu kaasaniiru. Dabalataanis kompostii miliyoona 100m3 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Sanyii filatamaa midhaan gosa adda addaa kuntaala miliyoona 1.2 dhiyeessuuf karoorfamee qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf raabsamaa kan jiru ta’uu Obbo Bariisoon kaasaniiru.
Qonni makaanaayizdii wayita ta’u yeroofi humna namaa qusachuun oomishaafi oomishtummaa daran dabala kan jedhan Obbo Bariisoon qonna naannichaa makaanaayizeeshiniidhaan deeggaramuun raawwachuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Tiraaktaraafi kompaayinara dabalatee maashinaroonni qonnaa ala galan taaksiirraa bilisa akka seenan taasifameera.
Dabalataanis qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni dhuunfaanis ta’ee gurmaa’uun 30% qusachuun tiraaktaraafi kompaayinara akka argatan taasifamaa jira. Kanaanis armaan dura Godinaalee muraasa keessatti qofa tiraaktaraan kan qotamaa ture yeroo ammaa Naannichatti tiraaktaroonni kuma 7tti siqan godinaalee hunda keessatti kan argamu ta’uu dubbataniiru.
Qonna gannaa bara kana misoomsuuf karoorfame keessaas lafti heektaara miliyoona 4 ol ta’us tiraaktaraan qotuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kana milkeessuufis sosochii taasisuun qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni muuxannoo akka qooddatan taasifameera.
Karoora misooma Qonna Arfaasaas ta’ee Qonna Gannaa milkeessuuf qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf leenjii hubannoo uumuu bal’aan kan kennameefi qabatamaanis jijjiirama guddaan argamaa jiraachuus ibsameera. Hojiin qonnaa sektara qonnaatiin qofa milkaa’uu hin danda’u kan jedhan Obbo Bariisoon karoora qonna arfaasaafi qonna gannaa bara kanaa milkeessuuf sektaroota qooda fudhattoota ta'an hunda waliin qindoomina olaanaadhaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Naannoo Oromiyaatti bara kana ji'oota kurnan darban keessatti Pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiif Bittaa Boondiifi Arjoomaan qarshiin Bil. 1.3 ol sassaabameera.

Waajirri Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaatti bara kana deeggarsa ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiif sochii sassaabbii galii taasifamaa tureen ji'oota kurnan darban keessatti bittaa Boondiifi Arjoomaan qarshiin Bil.1,305,737,302 sassaabamuu ibseera. Guyyaaa dhagaan bu’uuraa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa kaa’amee irraa eegalee uummanni naannoo keenyaa humna, qabeenyaafi beekumsa isaa osoo hin qusatiin gahee irraa eegamu bahachaa tureera.
Bu’uuruma kanaan dhaloonni haaraan maannen barnootaa keessa jiranis ilaalcha ‘ni danda’ama’ jedhu qabatee qarshii 100’n boondii dhuunfaatti bitachuun ashaaraa mataa isaa akka kaa’uuf barattoonni 3,840,328 manneen barnootaa naannoo keenya keessatti argaman waliigala qarshii 384,032,800 akka bitaniif karoorfamee hojiin eegalamuu Waajirichi beeksiseera. Kana keessaas sochii hanga ammaatiin ji’a Eblaa keessa qarshii mil. 18,133,950 bitatani jiraachuun himameera.
Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ashaaraa lammiilee Itoophiyaafi injifannoo gurraachota Afriikaa ta’e kana milkeessuuffis uummanni Oromoo gama hundaan adda durummaan gahee isaa bahaa kan jiru yoo ta’u, deeggarsa ijaarsa pirojektichaatiif sochii hanga ammaatti sadarkaa hundatti geggeeffameen gumaachi Naannoo Oromiyaarraa taasifame karooraa ol %108 gahuun eerameera.
Walumaagalatti waggoota 13 darban keessatti bittaa boondii, Arjoomaafi ergaa gabaabaa 8100A’n karoora qabameen ol qarshii biliyoona 7.1 ol sassaabamuudhaan Oromiyaan naannolee jiran keessaa sadarkaa 1ffaa qabatee jiraachuu ragaan Waajira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Misooma Dinagdee Magariisaa Milkeessuuf Tumsi Qaama Hundaa Murteessaadha.

Hojiin misooma dinagdee magariisaa addunyaarratti hayyootaafi Ogeessota Dinagdeen fudhatama argachuun erga tarsiimaa’e waggoota kurnan lama ol lakkoofsisaa jira. Dinagdeen magariisaa, guddina walitti fufaa fiduufi kaarboonii xiqqeessuun addunyaa faalama qilleensaarraa walaba ta’ee lubbuu qabeeyyiif mijate uumuudhaaf kan barbaachise yoo ta'u, barbaachisummaa isaa kanattis amanuudhaan biyyootiin baay'een ofitti fudhachuun hojiirra oolchaa jiru.
Akka ragaleen gara garaa mul'isutti Warraaqsi dinagdee magariisaa biyya Hindiitti kan jalqabe yoo ta'u, kunis oomisha qonnaa baay’ee gadi aanaa ta’e fooyyessuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamuu jalqabeen ta'uutu himama.
Warraaqsa dinagdee magariisaa kana hordofuunis biyyattii keessatti bara 1960 kaasee sanyii midhaan nyaataa dabaluuf hojii guddaatu hojjetame. Isaan kana keessaas oomishni gosa qamadii garagaraa Waagii dandamachuu danda'an oomishuun akka fakkeenyaatti ka'u. Biyyattii keessatti jalqabbiin gosa sanyii oomisha gaarii kennutti xiyyeeffachuun ammoo bara 1965 asitti yoo ta’u, “Warraaqsa Dinagdee Magariisaan” Hindiin biyya midhaan nyaataan of dandeesse taatee jirti.
Biyyi keenya Itoophiyaanis biyyoota tarsimoo misooma dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne qopheeffatanii hojjechaa jiran keessaa ishee tokkodha. Misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis hojii misooma sululaafi sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojiilee abdachiisoon hojjetamaa jiru.
Akka biyyaatti sagantaan Ashaaraa magariisaa hojiirra oolaa jiru sirna dinagdee magariisaa ijaaruuf gumaacha olaanaa kan qabudha. Sagantaan Ashaaraa magariisaa yaada Muummicha Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmadiin Adoolessa bara 2011 kan eegalamedha.
Akka ragaan mul'isutti Sagantaa kanaan marsaa jalqabaatiin, waggaa afur keessatti biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf karoorfamee karoora ol biqiltuun biliyoona 25 dhaabamee jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaan ammoo biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, kana keessaas bara kana qofatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin sadarkaa biyyatti biqiltuu biliyoona 6.5 dhaabuuf hojjetamaa jira. Biqiloota hanga yoonaatti dhaabbatanii jiran kunneenis jijjiiramni dinagdee hawaasummaafi naannawaa argamuu qorannoon gaggeeffame kan mul'isu ta'uu ragaaleen adda addaa dhugaa bahu.
Gama biroon misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf hojiileen eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa(misooma sululaa) irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, gama kanaanis bu'aalee abdachiisoon mul'achaa jiru.
Walumaa galatti misoomni dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa mudatu furuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu hubachuun barbaachisaadha. Biyyi keenyas tarsimoo kanatti xiyyeeffannoo kennuudhaan hordofaa waan jirtuuf, tarsimoo misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis Ashaaraa Magariisaafi kunuunsa qabeenyaa uumamaa irratti hojiilee hojjetamaa jiran gama keenyaan tumsa barbaachisu gochuun nurraa eegama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa Kenname.

Ajjeechaan miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaarratti raawwates ta’e, ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama hin qabu. Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaa qaama hin beekamneen miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate mootummaan ni balaaleffata; kun kanaan osoo jiruu miseensi ABO kun mootummaa waliin garaagarummaa ejjennoo siyaasaa waan qabuuf duwwaa akka gochaan kun qaama mootummaatiin raawwateetti ololli deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu mootummaan cimsee beeksisa.
Miseensi ABO Obbo Battee Urgeessaa qaama hanga ammaatti adda hin baaneen magaalaa Maqiitti lubbuun isaanii darbee argamuun ni beekama. Gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabnedha.
Kun Kanaan osoo jiruu, Obbo Battee Urgeessaa garaagarummaa ejjennoofi kaayyoo siyaasaa mootummaa waliin waan qabuuf qofa, ajjeechaan kun akka waan qaama mootummaatiin raawwatee ololli bitaa mirgaa faca’aa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne akka ta’e mootummaan cimsee beeksisa.
Aadaa siyaasaa biyya kanaa jijjiiruuf qabsoo obsa fixachiisaa taasifameen bu’aan adeemsa jijjiiramaa waggoottan jahan darban keessatti argame keessaa tokko dirree siyaasaa bal’isuu akka ta’e ni beekama. Obbo Battee ta’ees jaarmiyaaleen siyaasaa qabsoo karaa nagaa filatan hundi carraa kanatti fayyadamuun ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan tarkaanfachiisaa jiru. Mootummaan bal’ina dirree demokiraasiif aarsaa kaffalaa as gahe sababa garaagarummaa siyaasaatiin qaama qabsoo karaa nagaa gaggeessu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhata jedhanii yaaduunis ta’ee, carraa kanaan qaawa siyaasaa guuttachuuf yaaluun gonkuma fudhatama hin qabu. Qaamoleen siyaasaa kasaaraan siyaasaa isaan qaqqabe carraa kanatti fayyadamuuf tattaaffi humnaa olii taasisaa akka jiran mootummaan taajjabbii qaba.
Dhumarrattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa yakka ajjechaa Obbo Battee Urgeessaarratti raawwate adeemsa qorannoo seeraa hordofee uummataaf kan ifoomsu ta’uu beeksisaa, hanga qaamni nageenyaa qorannoodhaan adda baasee uummataaf ifoomsutti itti gaafatamummaa gochaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee, qaamni kamiyyuu olola qabatamaa hin taane tamsaasuurraa akka of qusatu cimsee beeksisa.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Eebla 2016
Finfinnee
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Misooma Dinagdee Magariisaa Milkeessuuf Tumsi Qaama Hundaa Murteessaadha.

Hojiin misooma dinagdee magariisaa addunyaarratti hayyootaafi Ogeessota Dinagdeen fudhatama argachuun erga tarsiimaa’e waggoota kurnan lama ol lakkoofsisaa jira. Dinagdeen magariisaa, guddina walitti fufaa fiduufi kaarboonii xiqqeessuun addunyaa faalama qilleensaarraa walaba ta’ee lubbuu qabeeyyiif mijate uumuudhaaf kan barbaachise yoo ta'u, barbaachisummaa isaa kanattis amanuudhaan biyyootiin baay'een ofitti fudhachuun hojiirra oolchaa jiru.
Akka ragaleen gara garaa mul'isutti Warraaqsi dinagdee magariisaa biyya Hindiitti kan jalqabe yoo ta'u, kunis oomisha qonnaa baay’ee gadi aanaa ta’e fooyyessuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamuu jalqabeen ta'uutu himama.
Warraaqsa dinagdee magariisaa kana hordofuunis biyyattii keessatti bara 1960 kaasee sanyii midhaan nyaataa dabaluuf hojii guddaatu hojjetame. Isaan kana keessaas oomishni gosa qamadii garagaraa Waagii dandamachuu danda'an oomishuun akka fakkeenyaatti ka'u. Biyyattii keessatti jalqabbiin gosa sanyii oomisha gaarii kennutti xiyyeeffachuun ammoo bara 1965 asitti yoo ta’u, “Warraaqsa Dinagdee Magariisaan” Hindiin biyya midhaan nyaataan of dandeesse taatee jirti.
Biyyi keenya Itoophiyaanis biyyoota tarsimoo misooma dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne qopheeffatanii hojjechaa jiran keessaa ishee tokkodha. Misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis hojii misooma sululaafi sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojiilee abdachiisoon hojjetamaa jiru.
Akka biyyaatti sagantaan Ashaaraa magariisaa hojiirra oolaa jiru sirna dinagdee magariisaa ijaaruuf gumaacha olaanaa kan qabudha. Sagantaan Ashaaraa magariisaa yaada Muummicha Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmadiin Adoolessa bara 2011 kan eegalamedha.
Akka ragaan mul'isutti Sagantaa kanaan marsaa jalqabaatiin, waggaa afur keessatti biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf karoorfamee karoora ol biqiltuun biliyoona 25 dhaabamee jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaan ammoo biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, kana keessaas bara kana qofatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin sadarkaa biyyatti biqiltuu biliyoona 6.5 dhaabuuf hojjetamaa jira. Biqiloota hanga yoonaatti dhaabbatanii jiran kunneenis jijjiiramni dinagdee hawaasummaafi naannawaa argamuu qorannoon gaggeeffame kan mul'isu ta'uu ragaaleen adda addaa dhugaa bahu.
Gama biroon misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf hojiileen eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa(misooma sululaa) irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, gama kanaanis bu'aalee abdachiisoon mul'achaa jiru.
Walumaa galatti misoomni dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa mudatu furuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu hubachuun barbaachisaadha. Biyyi keenyas tarsimoo kanatti xiyyeeffannoo kennuudhaan hordofaa waan jirtuuf, tarsimoo misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis Ashaaraa Magariisaafi kunuunsa qabeenyaa uumamaa irratti hojiilee hojjetamaa jiran gama keenyaan tumsa barbaachisu gochuun nurraa eegama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Uummanni keenya gaaffii hedduu ilmaan isaa itti gabbaruun mirga abbaa biyummaasaa mirkaneeffatee jira" Dr Abiyyi Ahmad.

Ergaa MM Dr Abiyyi Wallaggatti dabarsan keessaa
MM FDRI Dr. Abiyyi Ahimad hiriira deeggarsaa dhaadannoo "Nageenya Keenya tikfachaa Injifannoo keenya Waaressina!" jedhuun Magaalaa Naqamteetti gaggeeffame irratti argamuun uummata Godinoota Wallagga arfan irraa walitti dhufeef ergaa dabarsaniiru. Haasaa taasisaniinis dhufaatiin keenya jaalala keessan arguun humna nutti hora. Kabajaafi jaallalli isin nutti agarsiiftan kabaja guddaadha jedhan. Dhimma nageenya uummata Wallaggaatti akkamitti himu? kan jedhan Dr Abiyyi biyyi kun biyya luboota hedduu nagaa lallabaniin kan beekkamtu, kan jaalala labsuun nageenya waaressuun beekamu ta'uu dubbataniiru.
Uummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif mirgisaa sarbamee, afaaniifi aadaa ofii dhabee, seenaan isaa irraa mulqamee jiraachaa ture. Uummanni Wallaggaa beekuu kan qabu Orommoon bilisoomeera. Har'a gaaffiin jiru gaaffii Afaanii osoo hin taane Afaan ofii afaan saayinsiifi teknoloojii taasisuudha.
MM Dr Abiyyi "Uummanni keenya gaaffii hedduu ilmaan isaa itti gabbaruun mirga abbaa biyyummaasaa mirkaneessee jira. Biyya bulchuun qofti garuu gahaa miti; har’a gaaffiin laftikoo gurguramuu hin qabu, tajaajilli gurguramuu hin qabu kan jedhu ta'uu qaba" jechuuni kan dhaaman.
Uummanni keenya injifannoo aarsaa dhiigaafi lafee itti cabee argate tikfachuu qaba. Yeroo ammaa kanatti "gaaffiin afaaniifi ofiin of bulchuu gaafachuun duubatti hafummaadha. Labsiin har’a dabarsus, "dachee Oromoo irratti wal ajjeessuun, wal buqqisuun dhaabbachuu qaba. Ajandaa diinatiin rakkachuun nurraa dhaabbachuu qaba. Diina Oromoo wajjiin Oromoo cabsuuf hojjechuun dhaabbachuu qaba; aadaan Oromoo kana hin qabu. Diina Oromoo wajjiin mari’achuu irra walii keenyan mari’achuu jabeessuu qabna".
Nagaan bu’uura waan hundaa ta'uu kan ibsan Dr Abiyyi namni keessoon isaa, ollaan isaa, biyyi isaa nagaa ta’e wal argee waliin gammaduu danda’a. Nageenyi abbootii keenya kaleessaa har’as jiraachuu qaba jechuun dhaamaniiru.
Ergaan kiyya lammaffaan tokkummaa dha kan jedhan MM Dr Abiyyi Ahmad Oromoon guddina sadarkaa olaanaa qaba. Haata’uu malee, jaarraa hedduuf diinni gara garummaa keenyatti fayyadamuun nu bituu danda’eera jedhan. Bara ijoolleen Oromoo qabsoo eegalte osoo tokkummaan jiraatee Hayilee Fidaafaa diinaan hin nyaataman ture.
Oromoon humna guddaa waan ta’eef tokkoomee jennaan jijjiirama fiduu danda’a. Tokkummaa jechuun waan hundaan tokkoo ta’uu jechuu miti. Garummaan yaadaa yoomiyyuu ni jiraata. Amma tokkummaan keenya barbaachisaadha. Kun ta’uu baannaan cabinsa keessa galla. Diinni keenya yoo kaane maal fiduu akka dandeenyu bareera. Oromoon gandatti galee, lagaafi gandaan wal diigaa, angoorrattis wal qoodaa Oromoo salphisuurra yoo tokkummaan qabsaa’uu hin dandeenye galanii lafa Oromoo qotachuutu fala ta’a.
Tokkumman Oromoo hin eeggamu taanan Itoophiyaan tokko ta’uu hin dandeessu, Oromoon hin jijjiiramu taanan Itoophiyaan hin jijjiiramtu; Oromoon hin misoomu taanaan Itoophiyaan hin misoomtu; nageenyi Oromiyaa nageenya hin eeggamu taanaan Itoophiyaan nagaa argachuu hin dandeessu.
Biyyi kun gaafa jijjiiramni dhufu mindaa kaffaluu hin dandeessu turte. Jijjiiramaa asitti bu’aa mul’achaa jiruun biyyi keenya yeroo ammaa sadarkaan ishee ol guddachuun dinagdee dhaloota jijjiiruu danda’utu hojjetamaa jira. Humni dinagdee biyya keenyaa ijaaruu irraa nu dhaabuu hin jiru. Sababni isaa nuti harka qulqulluun hannarraa bilisa taanee laphee guutuun hojjechaa waan jirruufidha. Itoophiyaan biyya badhaate ta’uun waan hafuu miti.
Mootummaan Wallaggaan misoomsuuf, jijjiiruuf yaada guddaa qaba. Kanaaf mul’ata guddaa qabna. Mul’anni kun akka dhugoomuf uummanni ijoollee keenya karaa nageenyaatti akka deebi’an taasisuu, Waaqa keenya sodaachuu, tokkummaan dhaabbachuu, misoomaafi tasgabbii iddoo birootti dubbatan Naqamtee dhufanii akka daawwataniif uummanni Mootummaa waliin dhaabbachuu qaba. Miirri nageenyaa, misoomaafi tokkummaa kaleessaa deebi’uu qaba. Kanaaf, hunduu hojjechuun ammoo murteessadha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Du’aa ka’uun Yesuus, guca injifannoo imala jireenya haaraa araaraan guutamedha” Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Waaqayyo jalqabatti Waaqaafi lafa; itti aansuunis uumama hunda uume. Namas akka bifaafi fakkeenya isaatti uumee ofitti aansee Addunyaa kanas akka bulchuuf Angoo gonfachiise. Itti gaafatamummaas hidhachiise, seeraafi sirna qabsiisee Jennata Eden eebbaan guute keessatti jireenya akka isaaf mijeesse macaafni qulqulluun dhugaa ba’eera. Ilmi namaa garuu jireenya dhugaafi eebbaan guute kana dagachuun goyyomsaafi shira daabiloos kiyyeesseen xaxamee jireenya qormaataan guutame keessummeesse. Akkasiin ilmi namaa jireenyarra du’a, ifarra dukkana, gammachuurra gadda, eebbarra abaarsa, ce’umsarra kufaatii, dhugaarra soba, jaalalarra jibba, wal utubuurra wal diiguu gochoota walii faallaa jireenyaaf hin mijoofne keessummeessee jooraafi jaawwaraa du’a bara baraaf kaadhimame ta’e.
Waaqayyo garuu ilma namaa fuula isaatii bade barbaachaaf nama ta’ee mul’achuun karaa jireenyaafi dhugaa gara mootummaa Waaqayyootti deebisu barsiisee; araarri, jaalalliifi tokkummaan mo’aa akka ta’e hubachiise. Abboommiiwwan mootummaa waaqaa hubachiisaa, dogoggora kaleessaa barsiisa qajeelaan sirreessaafi shira daabiloos kiyyeesse hunda ciruun imala ilma namaa gara jaannamaatti ture gara jireenya bara baraatti deebisuu cimsee itti fufe. Hanga du’a Fannoottis rakkinaafi dhiphina ilmaan namootaa hunda baatee du’ee du’aa ka’uu isaatiinis shira daabiloos bakkaa balleesse. Akkasiin ilma namaa ofitti araarsuun abdii deebi'ee baduu hin dandeenye kakuu haaraas namootaaf dhaabe.
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hunda biratti du'aa ka'uun mallattoo jireenya haaraa eebbaan guuteefi kennaa gati jabeessa Yesuus Kiristoosiin argame akka ta’etu amanama. Daandiin Yesuus irra deeme, jaalalaafi nagaan inni agarsiises, gadi ofdeebisanii tajaajiluun, jaalalaafi obsaan wal danda’uufi namoota hunda kabajuu inni raawwate fakkeenya godhachuun hunda keenyarraa eegama. Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa baga guyyaa ayyaana Du’aa ka’uu Yesuus kiristoos bara 2016 nagaan geessan, baga waliin geenye.
Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaafi uummata naannoo keenyaa; biyyi keenya qormaatileen kan guutamteefi sirna uummatummaa ijaarame dhabuu isheetiin ilaachi finxaalesummaa kan keessatti dagaage turte. Sanaanis wal takaaluu malee riqicha ce’umsaa waliif ijaaruun kan hin turre, rakkinoonnis akka gocha gaariitti seeneffamuu isaanii irraa kan ka’e dogoggoroonni akka gocha sirriitti fudhatamaa dhufaniiru. Kaan isaanii hojmaata keessa galuun alseerummaan akka seeraatti, dirqama ba’uu dhabuun akka mirgaatti fudhatamuun yeroo dheeraaf waan tureef jireenya hawaas diinagdeefi siyaasa biyya keenya miidhaniiru.
Mootummaan keenya rakkinoota kuufama waggoota dheeraa cabiinsi hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa dhale bu’uura irraa furuuf “dhiifamaan ida’amnee jaalalaan haa ceenu” ejjennoo jedhu qabachuun hojjechaa jira. Biyyi keenyas kan tokko ofitti qabdee kaan moggaatti dhiibdu akka hin taaneef biyya sirni sabdaneesummaan hojiirra itti oolu, hundarraa, hundaafi hundaan ijaaruu jalqabnee jirra. Kuufamni qormaatilee biyya keenya keessa turan caaseffama gadi fagoo kan qabaniifi walxaxoo ta’uu isaanii irraa kan ka’e qorachuun sirreessuu, diiguun ijaaruu kan gaafatanidha. Sanaanis dogoggoroota akka sirnaatti ijaaramaa turan hundeen diigaa tokkummaa sabdaneessummaa ijaaraa jirruun injifannoon kan waloo ta’aa jira. Imala badhaadhinaa eegalleenis qormaattota injifachaa milkaa’inoota ajaa’ibsiisaa galmeessuu eegalleerra; uummata keenya qindeessuun hojiiwwan hojjetaman hundi daandii milkaa’inaa biyyaafi naannoo keenya cimsaniiru.
Injifannoon siyaasaa dhiigaan argame dafqaanis dabalamuu qaba. Uummanni dinagdeen hin ijaaramne injifannoo guutuu waan hin qabaanneef ummanni keenya dinagdeen of ijaaruufi hooggansi keenyas dinagdee hoogganuun dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaadudha.
Itoophiyaan biyya Amantaa hedduu waan taateefis duudhaan wal danda’uufi waliin jiraachuu cimee itti fufuu qaba. Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuufis hojii hojjetameen qaamoleen dhugaa itti fakkaatee qe’ee isaaniirra bosona filachuun uummata dararaa turan hedduun balbala nageenyaaf saaqame simatanii nagaan galaa jiru. Kanaanis imalli jalqabne amansiisaa milkaa’inni argamaa jirus dachaadha. Uummata keenya waliin qindoofnee qormaata hunda ni injifanna; badhaadhina eegalles ni milkeessina. Ammas qaamoleen jiruufi jireenya hawaasaa jeeqaa, nageenya uummataas booressaa jiran gara nagaatti akka deebi’aniif harki nagaaf diriire hin dachaane, balballi araaraaf banames hin cufamne. Kanaafuu humnoonni kun nagaafi araaraan akka galan irra deddeebinee waamicha dabarsina.
Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaa naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa seena qabeessa guyyaa yaadannoo du’aa ka’uu Yesuus kan bara 2016 nagaan geessan; baga waliin nu ga’e jechaa, wayiita ayyaanicha kabajnu kan daare uffifnee, kan beela’e nyaachifnee, kan dhukkubsate gaafannee jaalala, tokkummaa, nagaafi araara lallabuun ta’uu akka qabu hawwii gaarii qabun isiniif dhaama.
Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Ebla 26/2016
Finfinnee
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa sirna kominikeeshinii si’aawaafi qaqqabamaa hojiirra oolchuun mootummaafi uummata jidduutti wal-hubannaan akka uumamuuf hojjeta", Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO

Haasaa baga nagaan dhuftanii Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa sirna baninsa "Agarsiisa Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa" guyyaa har'aa eegalame irratti taasisan Duraan dursee milkaa’inoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota darbanii kan agarsiisu “Agarsiisa Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa” qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa’e daawwachuuf baga nagaan dhuftan Anaa dhufu jechuun barbaada.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa sirna kominikeeshinii si’aawaafi qaqqabamaa hojiirra oolchuun mootummaafi uummata jidduutti wal-hubannaan akka uumamu, ajandaawwan gurguddoo akka biyyaafi naannootti jiran irratti waliigalteen biyyaalessaa akka jiraatu akkasumas maqaan Naannoo keenyaa roga gaariin akka ijaaramuuf hojjechaa jira. Kana milkeessuufis tooftaalee kominikeeshinii adda addaa fayyadamuudhaan odeeffannoo waqtaawaa, qulqulluufi dhugaa ta’e uummata bira akka ga’uufi yaadonni uummataas mootummaa bira akka qaqqaban taasisuun riqicha mootummaafi uummataa jidduutti ta’ee hojjeta.
Yeroo ammaa guddinaafi ammayyoomuu teknoloojii odeeffannoon walqabatee meeshaaleefi tooftaaleen kominikeeshinii odeeffannoon ittiin tamsa’u saffisa guddaan babal’achaa dhufee jira. Kanaanis odeeffannoon taatee golee addunyaa tokko keessatti raawwatu ariitii libsuu ijaatiin golee addunyaa biraa akka qaqqabu dandeessiseera. Guddinni teeknoloojii odeeffannoo kun danqaa bakkaafi yeroo hir’isuun Addunyaa mandara tokko taasiseera.
Babal’achaa dhufuun teknoloojii odeeffannoo akkuma bu’aa olaanaa galmeesse yaaddoo guddaas fidee dhufeera. Odeeffannoon sobaa ariitiin faca’uun xiyyeeffannoon uummataa ajandaa misoomaa irraa akka maqu gochuun burjaajii hamaa uumaa jira. Gama biraan odeeffannoon qulqulluufi dhugaa hin taane guyyaa guyyaan oomishamaa oolan ka’umsa walitti bu’iinsaafi jeequmsaa ta’uun nageenyi akka hin waarofne taasisuu keessatti gumaacha mataa isaa qaba.
Biyya akka keenyaa caasaan kominikeeshinii hubannoofi hidhannoon sadarkaa barbaadamuun hin ga’oomne, sababaan hoogganamuun hin dagaagneefi dhaabbileen miidiyaa ittigaafatamummaan hojjetan hin babal’anne keessatti dhiibbaan kun ni cima.
Haalli kun dhugaa addunyaa keenya har’aati. Dhugaa kana hubachuun qaqqabummaa odeeffannoo mirkaneessuuf caasaa kominikeeshiniifi miidiyaalee mootummaa dorgomaa ta’an akkasumas dhaabbilee miidiyaa itti gaafatamummaafi naamusa ogummaa bu’uura gonfatanii akka hojjetaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Keessumattuu imaammatni, tarsimoo, karoorriifi raawwiin mootummaa ariitiifi qulqullinaan uummata biraan ga’uun uummanni ajandaa misoomaafi nageenyaa irratti akka xiyyeeffatu karaa biraan ammoo odeeffannoowwan sobaa uummata burjaajessan qolachuuf tooftaalee kominikeeshiniifi miidiyaa jiran hunda fayyadamaa jirra.
Kanaafis akka Biiroo keenyaatti ergamaafi gahee hojii odeeffannoo naannichaa waaltessuu, bulchuufi hoogganuu sirnaan hojiirra oolchuuf akkasumas hojiiwwan misoomaa, siyaasaafi nageenyaa mootummaan hojjetu uummanni akka beekuufi hirmaannaa isaa akka cimsu, yaadonniifi gaaffiiwwan misoomaa uummata biraa ka’an mootummaa bira qaqqabuum mootummaaf galtee akka ta’an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirra. Dhaabbilee Miidiyaa Mootummaafi dhuunfaa naannoo keenya keessatti hojjetan waliin fooramii hundeessuunis odeeffannoo waqtaawaafi qulqulluu uummata biraan ga’uu, uummanni imaammata, tarsiimoofi karoora mootummaa irraa beekee akka fayyadamu gochuufi injifannoo argame balballoomsuu irratti milkaa’inni guddaan argameera.
Tooftaalee kominikeeshinii Biiroon keenya hojiirra oolchu keessaa agarsiifni egzibiishinii isa tokkodha. “Agarsiisni Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa” qindeessummaa Biiroo keenyaatiin yeroo jalqabaaf qophaa’e kun milkaa’inoota gurguddoo hundeeffama Mootummaan Naannoo Oromiyaa hanga bara kanaatti jiru milkaa’ina caalaaf mootummaafi uummata kan qopheessudha. Kana malees, hojillee manneen hojii mootummaa hojjechaa jiran uummata biratti akka beekamuufi sekteraaleen mootummaas muuxannoo walirraa akka qooddataniif kan gargaarudha.
Kanaafuu, agarsiifni akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti yeroo jalqabaatiif qophaa’e kun guyyoota sadiif kan turuufi Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa naannootti jiraniifi Bulchiinsi magaalaa Shaggar kan hirmaatanidha."
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Magaalaa Finfinnee Keessatti Aadaafi Duudhaa Oromoo Dagaagsuuf Hojjetamaa Jira

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo dhiibbaafi hacuuccaa sirnoota darbaanii damdamatee har'a ga'e gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan utubee deebiisee haala uummaticha ibsuun ijaaruuf hojiilee gurguddoo hojjechaa jira. Kana galmaan ga'uufis dhaabbilee hojiin aadaafi duudhaan Oromoo keessatti dagaagu, agarsiifamuu, gurguramuu fi bakki leenjiin itti kennamu Kutaa Magaalaa adda addaa keesstti gamoowwan ijaaramaa jiru.
Kanneen keessaa guyyaa har'aa pirojektii giddugala agarsiisa gurgurtaa meeshaalee aadaa Oromoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataatti ijaaramee sadarkaa xumuraa irra ga'aa jiru Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Kabajamoo Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniin daawwatamee jira.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Sirni Gadaa Sadarkaa Guddina Qaroomina Uummata Oromoo kan Agarsiisudha!

Uummattoonni addunyaa kanarra jiraatan sirna ittiin jiruuf jireenya isaanii gaggeeffatan, falaasamaa fi dhugeeffannoo hariiroo Uumaa fi uumama akkasumas isaaniifi uumama jidduu jiru ittiin ilaalan adda addaa qabu. Uummanni Oromoos uummata dhugeeffannoo, falaasama gabbataa fi sirna bulchiinsaa ittiin jiruufi jireenya isaa gaggeeffatu qabudha. Oromoon saba qaroominaa fi falaasama gurguddaa akka Sirna Gadaa addunyaa kanaaf gumaachedha. Qaroomina addunyaa kanaaf gumaachuu qofa osoo hin taanee saba guddaa jaarmiyaalee aadaa, duudhaa fi seenaa isaa ittiin tikfatu qabudha. Kana keessaa Sirni Gadaa adda durummaan ka’uu danda’a.
Sirni Gadaa sirna Oromoon ittiin haala waliigala siyaasa, dinagdee fi hawaasummmaa isaa akkasumas hariiroo Uumaa fi uumama waliin qabu ittiin qajeelfatudha. Yeroo addunyaan waa’ee mirga dhala namaa hin beeknetti Oromoon mirgaafi dirqama akkasumas ittigaafatmummaa dhalli namaa qabu sirneessuu bira darbee hariiroo uumama waliin jiru sirnoomsedha. Gadaan sirna bulchiinsaa yeroo ammaa ammayyaa jedhamu waan hedduun caala. Kun Sirna Gadaa Oromoo adda taasisa.
Sirni gabbataa fi utubaa uummatichaa ta’e kunis jaarmiyaalee adda addaa kan of keessatti haammatudha. Sirna kana keessatti aangoo paartilee Gadaa shanan jidduutti qoqqoodamuu qofa osoo hin taanee aangoon waggaa saddet saddeetiin dabarfama. Kun osoo addunyaan dimokiraasii har’aa hin beekiin waggaa kuma hedduun dura. Aangoon kan dabarfamu bakka ulfoo mataa isaa danda’ettidha. Bakki kunis Ardaa Jilaa jedhama.
Sirna Gadaa keessatti Ardaan Jilaa bakka walharkaa fuudhinsi aangoo itti raawwatu qofa osoo hin taanee bakka dhimmi uummataa itti mari’atamuufi murtaa’udha. Uummata Oromoo biratti falaasamni walqixxummaa bal’aafi jabaataa waan ta’eef namni kamiyyuu umurii, koorniyaa, bifa, beekumsaan osoo hin daangeffamiin dhorkaa tokko malee dhimma dhuunfaa isaaniis ta’ee, rakkoo hawaasa keessa jiru iftoominaan iddoo itti dhiyeessaniifi irratti mari’atanidha.
Ardaan Jilaa ammoo waltajjii dimokiraatawaa Paartiin Gadaa baallii kennu turtii waggoottan saddeetii biyya bulche keessatti hojii raawwataa turee fi Paartiin Gadaa aangoo fudhatu karoora isaa irratti ibsa bal’aa hawaasaaf iddoo itti dhiyaatudha. Harcaatiin hojii Gadaa baallii ofirraa kennuuf deemuu, Gadaa baallii fudhachuuf qophaa’e dhimmoota nama dhuunfaas ta’ee hawaasa bal’aa bara Gadaa isaanii furmaata akka argatan hubannoo bakka walii itti kennanidha.
Ardaalee Jilaa hedduu Oromiyaa keessa jiran keessaa iddoo wal harkaa fuudhinsa Baalli Gadaa tokko Ardaa Jilaa Me’ee Bokkooti. Ardaan Jilaa Me’ee Bokkoo iddoowwan seena qabeessa Oromoon qabu keessaa tokko yoo ta’u Godina Gujii Aanaa Soraatti argama. Bakki kun bakka burqaa seerri jiruuf jireenya hawaasichaa itti tumamee labsamu waan ta’eef bakka ulfinaa fi kabaja guddaa qabudha.
Bara kana Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti wal harkaa fuudhinsi Baalli Gadaa Oromoo Gujii marsaa 75 Harmuufaa irraa gara Roobaleetti kan taasifama. Sirni kun Sirna Gadaa Oromoo keessatti aangoo karaa jaalalaa fi nagaan waliif dabarsuu kan agarsiisuu sirna boonsaadha.
Kanaafuu, milkaa'ina wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Oromoo Gujii 75ffaa kana tumsuufi sirna guddaa fi boonsaa abbootiin keenya tiksanii asiin gahan kana beeksisuu, kunuunsuu fi tiksuudhaan dhaloota itti aanutti dabarsuun nurraa eegama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Guyyaan Ayyaana Horsiisee Bultoota Oromiyaa 19ffaan Kabajamaa Jira.

Guyyaan ayyaana horsiisee bultootaa naannoo Oromiyaa marsaa 19ffaan sirnoota adda addaan magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti mata duree "Misoomni horsiisee bulaa badhaadhina waloof" jedhuun kabajamaa jira. Saganticharratti Hogganaan Biiroo Misooma jallisiifi horsiisee bulaa Oromiyaa Injiiner Girmaa Raggaasaa haasaa taasisaniin mootummaan naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bultootaa jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibsanii karoora dandamannaa hongeen pirojeektiwwan finnaa 35 naannoo horsiisee bulaatti hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Hawaasni horsiisee bulaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee waggaa 600 oliif kan Gadaan bulaa ture hawaasa kabajamaa ta'uus ibsanii jiru.
Sadarkaa itti aanaa piresidaantiitti qindeessaan kilaastera baadiyaa naannoo Oromiyaa Obbo Abdurhamaan Abdallaa hawaasni horsiisee bulaa dhiibbaa hedduu dandamachuun nageenyaafi birmadummaa biyyaa eeguuf daangaa irratti kan har'a ga'e ta'uu ibsanii, mootummaanis yeroo ammaa pirojeektiwwan finnaa,jallisii ammayyaafi bu'uraalee misooma adda addaa akka hojjechaa jiru ibsaniiru. Bifa addaanis dhiibbaa qilleensaa dandamachuuf hojiin misooma sululaafi ashaaraa magariisaa heddumminaan hojjetamaa akka jirus himaniiru.
Guyyaa kanas baazaariin faayaalee adda addaa, uffata aadaafi nyaatni aadaa naannoo horsiisee bultootaatti beekaman dhiyaachuun daawwatamaa jiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Malaammaltummaan Diina Waloo Keenyaa Waan Ta’eef Gamtaadhaan Irratti Qabsaa’uu Qabna!

Malaammaltummaan danqaa guddina dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa ta’uun dhiibbaa gurguddaa geessisaa jira. Yakkii malaammaltummaa daangaa biyyootaa kan qaxxaamuruufi dhiibbaan geessisus hamaa ta’uu isaatiin Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Addunyaa 190 waliigaltee waloo mallatteessuun tarsiimoo yakkoonni malaammaltummaa ittiin qolatamu hojii irra oolchaniiru. Kanaanis biyyoonni tokko tokko qabsoo farra malaammaltummaa gaggeessaniin milkaa’aa kan jiran yoo ta’u biyyoonni hedduun garuu ammayyuu qormaata malaammaltummaatiin muddamaa jiru.
Biyyi keenya Itoophiyaan waggoota kurnan lamaan darbe waliigalticha mallatteessuun hojiirra kan oolchite yoo ta’u malaammaltummaa ittisuufi too’achuun waliigaltee sadarkaa Idil-Addunyaatti taasifame mirkaneessuu, qabeenya malaammaltummaan saamame deebisiisuufi qabsoo farra malaammaltummaa cimsuuf hojiiwwan garaa garaa hojjetamaa jiraatus yakkoonni malaammaltummaa yaaddoo biyyaa ta’uun itti fufeera.
Malaammaltoonni tasgabbii dhabuu biyyi keenya yeroo dheeraaf keessa turte, cabiinsa naamusaa dhaloonni keessa seeneefi xiyyeeffannoon hojichaaf kenname laafaa ta’uu hordofee hanni bu’uura hawaasummaa akka qabatu taasiseera. Kanaaf ilaalchi hamaan kan gaafa muudame hin nyaanne gaafa bu’u gaabba jedhu barmaatilee badaa yakkoonni malaammaltummaa hawaasa keessatti akka babal’ataniif bu’uura kan buusedha. Mootummaan Naannoo keenyaas ta’e akka biyyaatti waggaa darbe irraa eegalee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun hattootatti luugamni akka kaa’amuuf murteessee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Tarkaanfilee naannoo keenyaatti barii jijjiiramaatii eegaluun hanga bara 2015-tti fudhatameen galmeewwan 2,663 ta’an irratti murtiin kan kenname yoo ta’u kanaanis qabeenyi qisaasame qarshiin biliyoona tokkoofi miliyoona 355 ol akkasumas lafti kaare meetira 1,887,159.71 akka akka deebi’u taasifameera. Kana malees, qarshii 3,380,440,389fi lafti kaare meetira 2,735,578.50 akka dhorkamu ta’ee qoratamaa jira. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuufi hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu irratti tarkaanfiin eegalame cimee itti fufa. Mootummaan hojmaata badaafi hanna duudhaa uummataa cabsee hanga birmadummaa biyyaa miidhuutti aggaammii taasisaa jiru akkuma diina waraanutti waraanaa jira.
Kana malees, qorattoonni hojii qorannoo isaaniitiin saaxiluu, dhaabbileen barnootaa dhaloota malaammaltoota baachuu hin dandeenye ijaaruun, hojjettoonni mootummaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuufi kenna tajaajilaa amanamummaan fooyyeessuu, dhaabbileen Haqaa Haqa uummataatiif hojjechuufi muudamtoonni siyaasaa imaanaa uummanni itti kennateef amanamuun qabsoo farra malaammaltummaa saffisiisee biyya jaalannu akka ijaarru taasisa.
Qabsoon kunis cancala guduunfaa hattoonni harka dhoksaa lafa jalaatiin fo’an salphaatti cicciree olaantummaan seeraa akka kabajamuuf haala mijeessa. Kun ammoo qabsoo obsa fixachiisaa daangaa hanga daangaatti uummata hirmaachise taasisuun malaammaltoonni akka tufamaniifi qabeenyi biyyaas akka baraaramu taasisa.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa; hanni hidda gad fageeffachuun duudhaafi safuu uummataa diigee diinagdee biyyaa kan miidhu qofa osoo hin taane tajaajila mootummaan tolaan uummataaf diriirse gatiin akka bitatu taasisa, rakkoo nageenyaafi okkora garaa garaa uumee biyya tasgabbii dhorkuun waraana keessa tursa, wal amantaa hir’isee garaa garummaa bal’isuun hawaasummaa jidduutti sanyii diinummaa kan facaasuufi sirna diimokiraasii quucarsuun birmadummaa biyyaa gaaffii keessa galcha.
Gocha badaa akkasiif uummanni keenya araarama tokko malee itti fufiinsaan qabsaa’uu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas yakkoota malaammaltummaa hundeerraa maksuuf dhaabbilee ciccimoo ijaaruun hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu, qabsoo uummataa jabeessuufi dhaloonni duudhaa ganamaa akka baratuuf barnoota safuu hojii irra oolcheera. Dhaloonni safuu beeku hanna ciiga’a. Ofii isaaf osoo hin taane biyyaaf dursa kennee birmadummaa biyyaa cimsuun sirna dimokiraasii jabeessee imala badhaadhinaa milkeessa.
Ergama guddicha kana milkeessuufis halkaniifi guyyaa harka wal qabannee hojjechuu qabna.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa guyyaa farra malaammaltummaa bara kanaa wayiita kabajnu malaammaltummaan diina waloo keenyaa ta’uu hubannee gamtaadhaan irratti qabsaa’uu akka eegalluufi egeree biyyaatiif ammoo dhaloota barnoota safuutiin ijaarame akka itti guddifnu waamicha keenya dhiyeessa.
Muddee, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hojiilee Misoomaa Eegalaman Ittifufsiisuun Imala Badhaadhinaa Eegalle Milkeessina.
.jpg)
Itoophiyaan biyya gamtaa uummata isheetiin ijaaramteefi birmadummaan ishee tikfamee har'a geessedha. Uummattoonni Itoophiyaa uummata birmadummaa biyya isaanii irratti aggaammii kamiifuu hin jilbeeffanne wareegama kaffaluun birmadummaafi bilisummaa biyyaa kabachiisanidha. Kunis, Itoophiyaa fakkeenya bilisummaa Afrikaa kan taasise yoo ta'u uummanni ishees uummata ilaalcha olaantummaa warra Adii fudhachuu diduun gootummaa isaanii addunyaaf mirkaneessanidha.
Haatau malee, gootummaan birmadummaa biyyaa tikse maraammartoo hiyyummaa cabsuu dadhabuu isaatiin Itoophiyaan biyyoota dinagdeen boodatti hafan keessaa tokko ta'uun maqaa hiyyummaan beekamaa turte. Jijjiiramaan asitti seenaa kana jijjiiruufi uummata Itoophiyaatti kabaja horuuf mootummaan karoora Imala Badhaadhinaa qopheessuun birmadummaa dhiigaan gonfanne guutuu taasisuuf tarsimoo sirrii bocee hojiirra oolchuun Itoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf hojjechaa jira. Imalli kunis badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuun birmadummaa keenya gama hundaan guutuu kan taasisudha.
Hojii Motummaan Naannoo Oromiyaa uummata hirmaachisee inisheetiiviiwwan garaa garaa bocuun hojii irra oolchaa jirus kanaaf fakkeenya guddaadha. Qormaata uumamaafi namtolchee nu mudachaa turan humna waloo keenyaan qolannee gara carraatti jijjiiruun hojiin hojjetamaa jiruufi milkaa'inni mul'ataa jiru abdii kan namatti horudha.
Rooba Gannaafi Jallisii Bonaa fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessaa, oomishaalee biyya alaa irraa galaa turan biyya keessatti oomishuun uummata keenya waliin qindoofnee seenaa jijjiiruu akka dandeenyu arginee jirra. Kanaafis, hojiin inisheetiivii misooma qamadii jallisii Bonaa fakkeenya guddaadha. Muuxannoo misooma qamadiin argannes misooma Ruuziin dabaluuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira.
Bara 2016 kanatti dinagdee damdaneessa cimsuu, bu'uuraalee misoomaa babal'isuu, misooma magaalaa jireenya lammiileetiif mijataa ta'e uumui, oomishtummaa humna namaafi faayinaansii guddisuu akkasumas nageenya, bulchiinsa gaariifi haqa mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.
Kanaafis milkaa'ina hunda galeessa fiduuf baay'ina, qulqullina, ariitiifi carraa hojii uumuuf kallattiin kaa'amee xiyyeeffannoon hojjetamaa waan jiruuf qormaata keessatti milkaa'inni galmaa'aa jira.
Hojiileen misomaa garaagaraa Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiranis daandii milkaa'inaa irra jiraachuu keenua kan agarsiisanidha. Uummanni naannoo keenyaa carraa misoomaa jiru hundatti fayyadamuun Bonaafi Ganna osoo hin jedhiin badhaadhina maatii mirkaneessuu, aadaa qusannaa gabbifachuufi gabaa hunda keessatti dorgomaa ta'ee argamuuf hojjechuu qaba. Hojiileen misoomaa garaagaraafi bu'aan tarkaanfilee haaraa naannoo keenyatti hojiirra oolaa jiraniin mul'ataa jiruu hirmaannaafi dhamaatii uummata keenyaan kan dhufe waan ta'eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummata Naannoo keenyaaf galata guddaa dhiyeessa.
Uummanni keenya hiyyummaan qaanii ta'uu hubachuun qormaatilee uumamaafi namtolchee isa muudatan qolachaa hojiilee misoomaa har'a guutuu Oromiyaatti guyyaa har'aa daawwatamaa oolan caalaatti itti fufsiisuuf hojjechuutu nurraa eegama.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Onkololeessa 14/2016
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Irreechi kaleessa dhoksaadhaan kabajamaa ture har'a ayyaana miiliyoononni irratti argamuun kabajamuufi miidiyaalee addunyaan gabaafamu ta'ee jira jedhan obbo Shimallis Abdiisaa.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee karaa nagaafi milkiin xumuramuu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ayyaanni Irreechaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee karaa nagaa ta'een kabajamuun isaa uummanni keenya hangamam nagaa akka barbaadu, duudhaa isaaf kabaja akka qabu akkasumas qindoominni qaamota nageenyaa biyya keenyaa sadarkaa akkamii irra akka ga'e agarsiisa jedhan obbo Shimallis Abdiisaa.
Obbo Shimallis "Irreechi kaleessa dhokannaafi sodaadhaan kabajamaa ture har'a ayyaana uummanni miiliyoononni irratti argaman ta'ee kan kabajamuufi miidiyaalee gurguddaa addunyaan kan tamsaafamu ta'ee jira" jedhan.
Yeroo har'aa Irreechi ayyaana sabaaf sablammoonniifi uummattoonni biyya keenyaa jaalalaan kabajan, lammiileen biyya alaa irratti hirmaatan, ayyaana hawwataafi madda Turizimii ta'aa akka jiru kan ibsan Obbo Shimallis MNO duudhaafi aadaa uummata Oromoo bakkatti deebisuuf, guddisuufi dagaagsuuf labsiiwwan garaa garaan deeggaruun hojiiwwan hedduu hojjetaa jira jedhan. Waggoottan arfan darbanii asittis Irreechi haalaan guddachaa dhufuu himaniiru.
"Ayyaana Irreechaa dirree jeequmsaafi boo'ichaa taasisuuf diinonni keenya namaaf maallaqa ramaduun yaalii taasisanis qindoomina uummata keenyaafi qaamolee nageenyaa keenyaan fashalaa'uun karaa nagaafi duudhaa isaa eeggateen kabajamuu danda'ee jira" kan jedhan Obbo Shimallis Abdiisaa kanaaf ammoo qaamoleen nageenyaa Naannoo Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Federaalaa boqonnaa malee hojjechuu isaaniin waan ta'eef maqaa isaaniifi maqaa uummata Naannoo Oromiyaan galateeffatanii jiru.
Keessumaa jiraattonniifi hooggansi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Magaalaa Bishooftuu sadarkaan jiran jala bultii irraa eegalee keessummoota ayyaana Irreechaa irratti hirmaachuuf dhufan bifa ho'aa ta'eefi karaa obbolummaa keenya agarsiisuu danda'uun nyaataaf dhugaatii, bakka aara galfii qopheessuufi bakka Irreeffannaa qulqulleessuufi simachuun ayyaanicha kabajatanii gara mana isaaniitti nagaan akka galan waan gootaniif galata guddaa qabdu jedhaniiru obbo Shimallis.
Torbeewwan fuuldura keenyaa kanas Irreechi Oromiyaa guutuutti kabajamuuf, bakka hundatti karaa nagaan akka kabajamuuf gaheen uummataa olaanaa ta'uu ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa miidhagee ijaafi gurra uummata addunyaa bira akka ga'uuf halkaniif guyyaa, qorra osoo hin jedhiin hojii ajaa'ibsiisaa kan hojjetan miidiyaalee biyya keenyaa hundaaf galanni isaanii guddaa ta'uus ibsanii jiru.
Itoophiyaa cimtuufi guutuu taate ijaaruuf tokkummaan saboota, sablammootaafi uummattootaa murteessaa ta'uu kan himan obbo Shimallis kun ammoo aadaa, duudhaafi seenaa uummataa guddisuufi misoomsuun mirkanaa'a jedhaniiru.
Dhumarrattis Milkaa'ina kabaja Ayyaana Irreechaa irratti mul'ate hojiiwwan keenya kan biiroo irratti itti fufsiisuuf Qindoominaafi tokkummaan kabaja Ayyaanichaa irratti mul'ate jabeessinee irra itti fufsiisuun akka barbaachisus obbo Shimallis dhaamaniiru.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Ayyaana Gaarii!
"“Baga Bacaqii Gannaa Hoofkaltanii Booqaa Birraa Nagaan Geessan Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ”

Ayyaanonni waggaan maranii dhufan miira ittiin yaadatamaniiifi kabajaman qabu. Waktiilee itti kabajamanittis hawaasa keenyaaf hiikaafi ergaa dhama qabu dabarsuun achii-dhuftee ganamaa lallaba buleeyyiin galaa hawaasaaf gumaachu. Waqitiin Ayyaana Masqalaa Dachee rooba gannaan dhoqqoofte qoorsee, biiftuu hurriidhaan haguugamtes saaqee riqicha taee Ganna irraa Birraatti kan ceesisu ayyaana kabajamaadha. Ayyaanni Masqalaa uummata Oromoo biratti jaalalaafi tokkummaan kan kabajamu, kan arjoomuu malee waakkiin keessa hin jirre ayyaana quufaafi sugaati. Kanaaf Masqalli Mootii Ayyaanaa jedhamee uummata Oromoo biratti miira addaan kabajama.
Kabajamtoota uummata Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii Gannaa hoofkaltanii Booqaa Biirraa Ayyaana Masqalaa tibba horii fi namni, waatiifi daaimni akkasumas kan fagoofi dhiyoo gammachuun guutamee, hawaasummaan haaromee walooma isaa itti leellisuufi gammachuu isaa ittiin ibsatu nagaan geessan.
Uummata Oromoo biratti booqaan Birraa taatee wal jijjiirraa yeroon dhufu qofaa osoo hin taane, sochiin hawaasummaafi diinagdee sababa rooba cimaan gargar fagaatee fagaatee ture deebiee jabaachuun ilma namaa imala haaraawaaf qopheessa. Hawaasummaa ganni gargar fageesse deebiee haaroma, Qeerroofi Qarreenis Goobeefi Shinooyee taphachuun qeee tokkoo gara birootti imalanii misiraachoo simannaa Ayyaana Masqalaatti labsu. Kana malees, Masqalli ayyaana tibba sanyiin Ganna facaafame Asheetee ollaafi firri walitti dhufanii waliin sooratan, loon kaloorraa dheedanii wayita quufan kabajamu waan taeef simboo addaa kenna. Kanaaf Oromoon Masqalli quufa jedha.
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa birattis Masqalli ayyaana yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoos taee kabajama. Hordoftoonni amantichaa jaalala dhugaa Waaqayyo dhala namaatiif qabu guyyaa itti dinqisiifataniifi galateeffataniidha. Yesuus kiristoos jaalala ilmaan namaatiif jecha sababa dhiifamuu cubbuutiif tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti erguun wareeguu isaa yaadachuun araaraafi dhiifama guyyaa itti lallabaniidha. Kanaafis, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Ayyaanni Masqalaa guyyaa yaadannoofi mallattoo jaalalaa, araaraafi dhiifamaa tauutu barsiifama.
Uummata biyya keenyaa hunda biratti Masqalli akka mallattoo ceuumsaatti ilaalama. Sababni isaa Masqalli wayita Gannarraa gara Birraatti darbamu waan taeef rakkoofi gadadoo irraa gara quufaatti waan ceaniif, Oromoon kan darbeef Waaqa galateeffachuun kan dhufuuf immoo kadhachuun kabajata. Kabajaafi ulfina Ayyaana Masqalaatiif qabus yeroo ibsu Galgalliifi Masqalli waakkii hin qabu jechuun duudhaa arjummaa sirna uummata Oromoo keessa jiruun maaddii waliin qooddachuufi ayyaanicha gamtaan waliin kabajata.
Kabajamtoota uummata Oromoo, saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa duudhaa waloomaa waggootaaf kuufanneen tokkummaa keenya jabeessinee humna nu diiguu barbaadu gamtaan dura dhaabannee bara 2015 keessa qormaataawwan hedduu turan carraatti jijjiirree milkoofnee jirra. Uummanni keenya gamtaa isaa cimsatee qormaatilee waan injifataman hin fakkaanne hunda injifatee, hanqina jiru sirreesseefi cimina qabnus itichuun hojiin hojjechaa dhufne humna guddaa imala keenya milkeessee badhaadhinaan nu gau tauu gocha qabatamaa keessatti agarree jirra. Keessumaa wayita hongeen cimee rakkoo hamaaf uummata keenya saaxile uummanni Kaabaa Kibbatti, Bahaa Lixatti harka arjummaa isaa waliif diriirsee Buusaa Gonofaan wal hirphee qormaaticha karaa ajaaibaan akka damdamannu nu taasiseera. Kana malees, hongee jijjiirama qilleensaan dhufu hundeen qolachuu kan nu dandeessisan Pirojektoota Finnaa baajata mootummaa xiqqaa qabnuufi humna waloo keenya fayyadamnee fala waaraa rakkoolee akkasii ittiin furrus nu gonfachiiseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaafi safuu Oromoo ulfoofi ulfina isaa ganamaatti deebisuun Oromiyaa ijaaree Itoophiyaas utubuuf imala waloomaa jabeessuu, misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuufi nagenya waaressuuf eegale daandii ummatichaa qajeelchee injifannoo ummatichaas akka itti fufu taasiseera.
Aadaafi duudhaan keenya akkasumas seenaan gootummaa keenyaa misoomaafi guddina dinagdeenis akka dabalamuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa harqota hiyyummaa caccabsuun diinagdee damdaneessaa mirkaneessuuf bara 2016tti karoora xiiqii qopheessee hojiitti hiikuu eegaleera.
Karoorri xiiqii bara kanaa aadaa hojii keenya buuraan jijjiirruun ariitiifi baayinaan oomishnee kalaqaan dabaaluun akka galma guddaatti kan qophaae karoora uummataati. Kana malees humni waloo keenya tajaajila lammummaa, Buusaa Gonofaa, Gaachanni Sirnaafi Manni Murtii Aadaa karoora keenya cimsee riqicha amasiisaa boruu keenya ittiin ijaarru taee kan nu gargaaru tauun xiyyeeffannoon kennameefii jira. Galma qabame milkeessuufis Oromoon wal hubatee gurmaaee waliin dhaabbatee qormaata isa mudatu hunda waloon qolachuufi nageenya isaa tikfachaa injifannoo isaas bulfachuun egeree isaa buuura jabaa irratti cimsee akka ijaarratu waamichan dhiyeessa.
Uummanni ayyaana kana wayita kabaju gootota ilmaan sabaafi sablammootaa kaayyoo finxaaleyyii dura dhabbachuun kabaajaafi ulfina naannoofi biyyaa tiksan yaadachuufi kabaja kennuu, maatii isaanii deeggaruun haalaan barbaachisaadha. Kan rakkate gargaaruu, kan dheebote dheebuu baasuufi kan daares uffisuun wal bira dhaabbachuu qabna.
Waktichi waktii Manneen Barnootaa saaqamaniifi barattoonnis manneen barnootaatti deebian waan taeef tajaajila lammummaa keenya cimsinee misooma waloo keenya akka milkeessinu waamicha dhiyeessuun barbaada. Ayyaanichi kan gammachuu, jaalalaafi tokkummaan keenya daran cimee sabdaneessummaan itti dagaaguun biyya cimtuu hundaaf mijattuu taate itti ijaarru nuuf haa tau jechaa, ayyaanni kan nagaa, jaalalaafi milkaainaa, akka nuuf taun hawwa.
Ayyaana Gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Torbeen Turizimii Oromiyaa 3ffaa guyyoota 3f turu Finfinnee Hoteela Iskaaylaayititti eegale.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa diinadgeefi hawaasummaa uummataa cimsuuf turizimiirratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa kan jiru ta'uu Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluu himuun mootummaan dinadgee damdaneessaa uumuudhaaf qabeenyaafi humna namaa qindeessuun hojiilee jajjabeessaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Waggoota sadan darbanitti hojii sektarichaan hojjetamaniin bu’aaleen gaggaariin hedduun argamuus obbo Abdulhakiim himaniiru.
Komiishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa gama isaaniin Torbee Turizimii 3ffaa Oromiyaa adda kan taasisu yeroo Paarkiin Biyyaalessaa Gaarrewwan Baalee hambaa addunyaa ta'uun 'UNESCO'tti galmaa'eefi jala bultii Ayyaanota Masqalaafi Irreechaatti ta'uu isaa himuun komiishinichi hojii qabeenyawwan hawwata turizimii Oromiyaa beeksisuu Daandii Qilleensa Itoophiyaa dabalatee qaamolee biyya keessaafi alaa gara garaa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru. Torbee Turizimii Oromiyaa 3ffaa kana irratti biyyoonni kanneen akka Yugaandaa, Keeniyaafi Chaayinaa argamaniiru WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
"Raajii hojjechuu kan aadeffate uummanni Oromoo egeree biyyaaf abdii ta’uu irra deebiin mirkaneessee jira!

Aadaa qabeenya uumamaa kunuunsuu abboota irraa dhaalameefi duudhaa uumama tiksuu sirna Gadaan utubame bu'uureffachuun waamichi Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaraafi dachaa mancaatii bosonaatiin hubame misoomsuuf taasise gochatti jijjiirtanii ergama Oromiyaa magariisa uwwisuu eegalame waan dhugoomsitaniif galata guddaan isiniif galchuu barbaada. Uummanni keenya waamicha mootummaa isaa fudhachuun biqiltuu Ashaaraa Magariisaa akkuma waggoota Arfan darbe injifannoo irratti injifannoo guddaa galmeesse bara kanas guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 481 dhaabuuf karoorfannee biqiltuu miiliyoona 520,535,401 dhaabuun seenaa biraa dalaguun Itoophiyaafis abdii ta’uu irra deebiin mirkaneesseera.
"Boruu keenya har’a haa dhaabnu! Dachee Oromiyaa magariisa haa uwwifnu!" jennee gaafa murteessinu; karoora hiixataa egeree dhalootaa itti fufsiisu gaafa qopheessinu; akkasumaan osoo hin taane uummata raajii dalaguun har’a irra taa’ee dhalootaaf ashaaraa isaa kaa’u, uummata hamma jedhe ga’u isin qabaachuu keenya waan beeknuufi.
Kabajamtoota uummattoota Naannoo keenyaa!
Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afrikaas ni tasgabbeessina yeroo jennu tarsimoo raawwii isaa dursinee qiyyaasneetu. Tarsimoo qiyyaafame keessaa ammoo tokko dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa yoo ta’u, Oromiyaa ijaaruun hojii boriif bulfamu osoo hin taane hojii itti fufinsaan raawwatamudha. Dhimma dhaloota har'aa waliin hojjechuu dhaloota egereef galaa kaa'uu ta’e kana irratti hirmaachuun guddummaa Oromoofi utubaa guddicha Itoophiyaa ta’uu keenya waan mirkaneessitaniif irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada.
Qormaatawwan sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufu qolachuuf inisheetiiviin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummicha Ministeeraa keenya Looreetii Nagaa Addunyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin labsame tumsa uummanni keenya taasiseen gaaraafi dachaawwan onan magariisa akka uffatan, laggeen gogan akka mirgisan taasiseera.
Har’as akkuma kaleessaa uummanni Oromoo daangaa hanga daangaatti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa gamtaan ba’ee dhaabuun dafqa isaatiin Ashaaraa yoomiyyuu hin haqamne dhaloota boruutiif haala ajaa’ibaatiin kaa’ee jira. Biqiltuuwwan har'a dhaabne madaala qilleensaa eeguun gaaddisa ta'ee kan aara itti galfannu, nyaata ta'ee kan soorannu, sabbata dachee ta'ee dhiqama biyyoo to'achuuf kan ooluufi simboo ta'ee dachee keenya kan miidhaksu firiin isaa kan yeroo gabaabaafi dheeraati.
Hojii hanga ammaatti hojjetamaa dhufe kanaanis gaarawwaniifi dachaawwan kaleessa onaa turan har’a lafa bashannanaafi gaaddisa boqonnaa ta’anii yeroo agarru boruu keenya har’a ijaaruu akka dandeenyu nuuf mirkaneesseera. Raajii ajaa’ibsiisaa kana kan hojjeteefi hojjetaas jiru uummanni keenya adda hunda irratti injifannoo guddummaa isaa madaalu galmeessaafi kan argate ammoo kunuunsee eeggachuun barbaachisaadha.
Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa boqonnaa jalqabaatiin biqiltuuwwan gosa garaa garaa Biiliyoona 13.86 dhaabbatee dhibbentaan 84 (%) latuun bakka dadhabnee, dafqinee dhaabnetti har’a boqochaa jirra. Kanaanis, hojiin uummata keenya waliin gurmoofnee hojjenne faajjii injifannoo keenya olkaasee; gochuu danda’uu keenya Addunyaaf raggaasisedha. Sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa 2ffaatiinis naannoon keenya Oromiyaa magariisummaan uwwisuuf Ganna kana biqiltuu Biiliyoona 4.5tu dhaabama. Akkuma har'a hojjennee waan karoorfanne milkeessine, biqiltuuwwan har'a dhaabne kunuunsinee oomisha dachaa akka sassaabbannu shakkii hin qabu. Uummanni keenyas akkuma kanaan dura gochuu akka danda’u mirkaneessetti milkaa’ina argame cimsee hanqinaalee turan waloon sirreessee hojii boruu keenya har’a ijaaruu eegalle milkeessuuf gama hundaan akka tumsu waamichakoo dabarsaa, walii gala qaamoleen milkaa'ina hojichaatiif tumsitan hunduu irra deebi'uun galatoomaa jechuun barbaada.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Adooleessa, 2015
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Badhaasa Pireezidaantawaa 4ffaa kenne.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Badhaasa Pireezidaantawaa 4ffaa kenne. Mootummaan Naannoo Oromiyaa badhaasa Pireezidaantawaa marsaa 4ffaa Seektaraalee, Godinaalee,Bulchiinsa magaalootaafi Aanaalee bara bajataa 2017 raawwii olaanaa galmeessisaniif kenne.
Haaluma kanaan Aanaalee Baadiyyaa 21, aanaalee magaalaa 4,
Gandoota baadiyaa 21fi gandoota Magaalaa 19 raawwii olaanaa galmeessisaniif badhaasni pireezidaantawaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kennameera.
Seektaraalee raawwii olaanaa galmeessisuun badhaafaman
1. Biiroo Galiiwwan Oromiyaa
2. Biiroo Fayyaa Oromiyaa
3. Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Godinaalee raawwii olaanaa galmeessisuun badhaasa Pireezidaantawaa MNO fudhatan
1.Godina Arsii Lixaa
2. GodinanJimmaa
3. Godina Shawaa Bahaa
Magaaloota raawwii olaanaa galmeessisuun badhaasa Pireezidaantawaa MNO fudhatan
1.Magaalaa Adaamaa
2. Magaalaa Bishooftuu
3. Magaalaa Jimmaa
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Araarri Bu’uura Nageenya Waaraati!

Biyya kamuu keessatti, haala kamuu keessatti, bal’ina keessattis ta’ee dhiphina keessatti wal dhibdeen yadaa yeroo kamuu uumamuu danda'a garuu, wal dhibdee uumamu kamuu karaa nagaan ilaafi ilaameen, mariifi marabbaan hiikuun dandeettii ogummaa addaa kan barbaadu ta'us, ulfoo guddaa waaqaafi nama biratti jaalatamudha. Biyya keenyattis ta’ee akka waliigalaatti malaafi falli guddaan wal dhibdee ittiin furamu inni guddaafi hangafaa wal mufannaa jiru karaa nagaa araaraan furuudha.
Nagaafi araara uumaafi uumamatu jaalata. Araarri bu’uun nageenya waaressa, tasgabbii gabbisa, amantummaa jabeessuun hariiroo waloo cimsee irree tokkummaatti humna guddaa kan horuufi misooma biyyaa saffisiisuun guddina diinagdee biyyaa mirkaneessa. Kanaaf ammoo wal hubannaan uumamee ulaa nagaa banaa taasisuun fedhii nageenyaaf qabnu gabbisuun barbaachisaadha.
Biyya keenya keessatti walitti bu’iinsi kallattii garagaraan uumamaa turus, Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo wal dhibdee karaa aadaafi duudhaa oromummaan fala akka argatuuf daandii deemuun barbaachisu hunda deemee rakkoo jiru mariifi marabbaan hiikuuf yeroo yeroon waamicha nagaa taasisaa tureera.
Harki nagaaf diriire yeroo kamuu kan hin dachaaneefi balballi nagaa simachuuf baname kan hin cufamne ta’uu irra deddeebiin ibsaa kan ture yoo ta'u, uummanni keenyas hawwiifi dheebuu nageenyaaf qaburraa ka’uun gamtaan alatti ba'ee, sangaa camadee, Farda lugamee, daa’ima baatee, deessuu qabatee waamicha nagaa qaama hundaaf taasiseera.
Kanumaan wal qabatee waliigalteen araaraa guyyaa kaleessaa mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota WBO gidduutti taasiifame guddummaa uummata Oromoo kan mul’ise, aadaaf dhuudhaa sirna Gadaa kan calaqqisiiseefi uummanni Oromoo rakkoo kamuu mariifi marabbaan hiikkachuu akka danda’u kan mirkaneessedha.
Waliigalteen taasifame Mootummaan garaagarummaa siyaasaa madda rakkoo nageenyaafi gaagga’amaa ture ilaafi ilaameen marii karaa nagaan hiikuuf kutannoofi ejjennoo hin raafmne qabaachuu kan agarsiisuufi ammas balballi nagaaf baname kan hin cufamneefi harki nagaaf diriire waan hin dachaaneef owwaannaan nagaaf tasgabbii buusuuf taasifamaa jiru itti fufuun qe’ee Oromootti nagaaf tasgabbii horee, uummanni keenya kan facaafate nagaan akka haammatu, daldalaan hojjetee bu’aa akka buufatu, barataan karaa tasgabbii qabuun barnootasaa akka hordofuuf tumsi qaamolee hundaa murteessadha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Taphni Goobeefi Shiinoyyee Haala Oromoo Tokkummeessuun Guutuu Oromiyaatti Taphatama

Agarsiifni feestivaala Goobeefi Shiinoyyee bifa idilaa'een waggaa waggaan erga agarsiifamuu eegalee waggaa shan guutee jira. Goobeen tapha dargaggoo yoo ta'u,shiinoyyeen immoo tapha qarreeti. Kunis simannaa booqaa birraa,hawwiifi abdii egeree borii ittiin ibsatu. Bara kanas agarsiifni Goobeefi Shiinoyyee marsaa 6ffaan Qaammee 1 hanga 5 bara 2016tti turu guyyaa borii ni eegala. Kana ilaachisuunis Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa dhaabbata Boraatii Artii piromooshinii waliin ta'uun ibsa miidiyaaleef kennee jira.
Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbirruu ibsa kennaniin Oromoon aadaafi duudhaa gaarii saba biraaf gumaache hedduu qabaachuu himanii, isa kana guddisuufis mootummaan naannoo Oromiyaa hojjechaa jira jedhan. Sirnoota darban keessa amantaafi aadaa irratti dhiibbaa guddaan taasifamaa turuun aadaa hedduun sadarkaa baduu irra ga'anii turuu ibsaniiru. Taphni Goobee Qeerroon taphatamuufi Shiinoyyeen Qarreen taphatamus isaan kana keessaa tokko yoo ta'u, bakkatti deebisuuf akka Oromiyaatti hojjetamaa jira jedhan. Hawaasnis aadaa badaa jiru kana hambisuuf tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
Hoji geggeessaan dhaabbata Boraatii Aartii Piromooshinii kan ta'an Dargaggoo Biruuk Girmaa Taphni Goobeefi Shiinoyee waggoota shaniif taphatamaa akka ture himuun bara kanas Qaammee 1 irraa eegalee hanga Fulbaana 9 bara 2017tti ni taphatama jedhan. Kunis Finfinnee,Shaggariifi kutaalee Oromiyaa hundatti taphatama. Aadaa Oromoos qe'ee isaa Magaalaa Finfinneetti kan deebisuu dha. Kaayyoon agarsiisa kanaas haala dargaggoonni itti wal argan taasisuufi kiliyaa addunyaatti akka galmaa'u beeksisuu ta'uus dubbataniiru.
Fulbaana 13 immoo agarsiifni kaarnivaalaa deemsa daandii irraa namoota hedduu hirmaachisu Adwa 00 irraa hanga Giddu Gala Aadaa Oromootti taasifama.Sirni hulluukkoo keessa ba'uu taasifamee bakka tokkottis namoonni 4500 ol ta'aniin sirni suura ka'uu taasifamuun xumuramas jedhaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Galteewwan Qonnaa Yeroodhaan Qonnaan biltoota qaqqabsiisuun oomishaafi oomishtumma dabala.

Bara kana sadarkaa Naannoo Oromiyaatti callaa guddistuu yeroodhaan qonnaan bultoota qaqqabsiisuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Raabsaa xaa’ootiin wal qabatee rakkoo ture hiikuun karaa iftoomina qabuun qonnaan bulaa harka akka qaqqabu taasifamaa jiraachuu Itti Aanaa Hoogganaan Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Masfin Raggaasaa himaniiru. Keessattuu bara kana maallaqa kaffalamu karaa dijitaalaatiin raawwachuun tuttuqqaa irraa bilisa akka ta’u taasifamuun rakkoo armaan dura ture furaa jiraachuus dubbataniiru.
Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti xaa’oo kuntaala miliyoona 8.8 qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf qaqqabsiisuuf karoorfame keessaa kuntaalli miliyoona 5.8 (66%) galuun gama yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uraatiin qonnaan bulaaf raabsamaa jira jedhan. Kan hafes yeroo gabaabaa keessatti galchuun ariitiidhaan kan raabasamu ta’uu dubbataniiru.
Raabsaa xaa’ootiin walqabatee qajeelfamni haaraan hojiirra oolaa jiraachuu isaafi ciccituu neetwoorkiitiin harkifannaa mul’atu bu’uura godhachuun gama qonnaan bulaatiin komii ka’aa jiru hiikuufis qonnaan bulaan baankiitti kaffaluun nagaheedhaan akka fudhatu taasifamaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Qonnaan bulaan fedhii fayyadama xaa’oofi sanyii filatamaa daran dabalaa kan dhufe ta’uu kan dubbatan Obbo Masfin yuuniyeenonniifi waldaaleen bu’uuraarraa sanyii filatamaa sassaabuun qonnaan bulaaf akka dhiyeessan taasifamaa jira jedhan.
Yeroon kun yeroo murteessaafi iddoowwan hedduutti facaasaan qonna Gannaa yeroo ittii eegalamu waan ta’eef yuuniyeenonniifi waldaaleen bu’uuraa hundi Sanbata dabalatee guyyaa hunda banaa ta’uun qonnaan bulaaf xaa’oofi sanyii filatamaa ariitiidhaan raabsuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Yuunuyeenii Lumee Adaamaa Obbo Kaasaayee Charuu gamasaaniitiin oomishaafi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf sanyii filatamaa dabalatee calla guddistuufi qonna makaanaayizeeshinii dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Armaan dura yuuniyeenichi qonna Gannaa irratti qofa xiyyeeffatee kan hojjechaa tureefi yeroo ammaa garuu Gannaafi Bona misoomsuun galii qonnaan bulaa akka dabalu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Yuuniyeenichi bara kana xaa’oo kuntaala kuma 200 qonnaan bulaaf qaqqabsiisuuf kan karoorfateefi kuntaala kuma 158 ol qaqqabe keessaa kuntaalli kuma 147 ol gara waldaalee bu’uuraatti raabsuun qonnaan bulaaf gurguramaa jiraachuu ibsaniiru. Dabalataanis sanyiin filatamaafi keemikaalonni garaa garaa qonnaan bulaaf dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bultoonni Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatis dubbifnes kaffaltiin xaa’oo siistamaan ta’uu isaatiin qisaasamaafi kiraa sassaabdummaa jiru kan hir’ise ta’uu dubbatu. Ragaa lafa qonnaa qabaniin fudhachaa jiraachuun isaanii rakkoo armaan dura ture kan hir’ise ta’uus himaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiifi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti tibbana jalqabsiifameera. Oduu Ijoo torban kanaa Kallacha Oromiyaa.

Sirna jalqabsiisaa kanarratti Muummichi
Ministeeraa Dr. Abiyyii Ahimad Sagantaa
jalqabsiisa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa irratti
argamuun dubbii taasisaniin injifannoon damee
qonnaan argame gama industuriin dabaalamuu
akka qabu ibsaniiru.
Hojii qonnaan jalqabne ammayaa'ee industiriin
deeggaramuu qaba. Bu'aan gamasanaan argame
gama industiriinis dabalamuu qaba. Oggansi
imaamnata qonnaa milkeesse kan industirii kanas
akka milkeessu abdiin qabas jedhan.
Zooniin bilisaa carraawwan ijaarsa babal'isuu,
misooma industirii babal'isuu, sirna daldalaa
ammayyeessuu, investimentii kan babal'isuufi al
ergii keenya kan guddisu ta’uu eeraniru.
Industiriiwwan keenya carraa
hojii bal'inaan uumuu, dinagdee
biyyaa bu'uura amansiisaarra
dhaabuufi al-ergiin dinagdee keenya
dandamachiisuun badhaadhina
biyyaa kan dhugoomsu ta’uu kan
ibsan Dr. Abiyyi, Yeroo muraasa
booda deebinee dhugoomuusaa
labsuu qabnas jedhan.
Gaggeessitoonni hojiiwwan muraasa
hojjechuun quufuu keessaa bahuun
hojiin olaanaan isaan eeggatu
fuulasaanii dura jiraachuu beektanii
bu'aa caaluuf ofqopheessuu akka
qaban kan dhaaman Ministirri
Muummee FDRI Dr. Abiyyi,
biyya keenya keessatti hojiiwwan
hojjetamuu qaban baay’ee waan
ta'aniif of qopheessuutu isinirra
jiraatas jedhan.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
gamasaaniitiin inisheetiviiwwan
jiruufi jireenya ummata keenya
jijjiiran hedduun hojjetamaa
jiraachuu eeranii, hawaasa
keenya qabatamaan dinagdeesaa
fooyyeessuuf hojiiwwan jalqabaman
cimanii itti fufu jedhan.
Industirii babal'isuudhaan
ogummaan akka babal'atu,
interpiranaroonni akka uumaman
taasisuu, abbootii qabeenyaa
keessaafi alaa jajjabeessuun
dammaqinaan akka hirmaataniif
hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Zooniin Dinagdee Addaa Kunis
iddoo itti cehumsi biyyaa
dhugoomuufi ummanni keenya
dinagdee itti horatu waan ta'eef
carraa mijaawaa uumame kanatti
sirnaan itti fayyadamuu qabnas
jedhan
Daarektarri Olaanaan Zoonii
Dinagdee Addaa Gadaa Obbo
Mootummaa Tamasgeen
rifoormiiwwan dinagdee damdaneessa mootummaan baase bu'aa
buusaa jiraachuu eeruun, Zooniin
Addaa Gadaa kunis bakka itti
dinagdee horannu qofa osoo hintaane,
beekumsaafi muuxannoollee itti
argannudha jedhan.
Hojiin misoomasaatiis
boqonnaawwan adda addaa afur
kan qabu ta’ee lafa heektaara kuma
24 irratti Dhaabbata Mootummaa
Chaayinaa CCECC tiin kan ijaaramu
yommuu ta’u carraa hojii namoota
335,475 oliif kan uumudha.
Kilaastaroota industirii adda
addaafis lafti adda baafamee
abbootiin qabeenyaa 21 kaappitaala
bil. 120 galmeessisan waliin hojiitti
seenamaa jiras jedhan.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Zooniin Dinagdee Addaa Maali? Zoonii Dinagdee_Addaa_Gadaa: Mul'ata Giddugala Dinagdee Afrikaaf Moodela Ta'e Ijaaruu Qabatee kan ka'e.

Dorgommii addunyaa kanarratti taasifamu keessaa tokko dorgommii gama dinagdeetiin taasifamudha. Biyyoonni guddina dinagdee ariifataa, ittifufinsa qabuufi damdamataa (resilient) ta'e galmeessuun fedhii uummata isaanii guutuuf tarsimoo adda addaa baafachuun hojiirra oolchu. Tarsimoo dinagdee biyyoonni tokko tokko hojiirra oolchuun ittii milkaa'an keessaa tokko Zoonii Dinagdee Addaati. Zooniin Dinagdee Addaa daangaa biyya tokkoo keessatti bakka murtaa'aa guddina dinagdee eyyentaa akka maddisiisuuf ijaaramu jechuudha. Zooniin Dinagdee seerotaafi qajeelfamoota dinagdeefi daldalaa biyyicha kutaalee kaan keessatti hojiirra oolan irraa addaafi caalaa mijataa ta'an akka taaksii, si'eessituufi kan biroon kan hoogganamudha. Kaayyoon ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa madaala dinagdee, carraa hojii, investimentii alaa, ce'umsa teknoloojiifi alergii guddisuu akkasumas bulchiinsa dinagdeefi biizinasii bu'aa qabeenya hojiirra oolchuu of keessatti hammata.
Akka waliigalaatti, Zooniin Dinagdee Addaa guddina dinagdee ariifataa galmeessuuf kan gargaaru yoo ta'u akka ragaa Konfiransii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimma Daldalaafi Misoomaa bara 2022 ALAtti taasifame irratti dhiyaate agarsiisutti Zooniilee Dinagdee 7000 olitu kutaalee addunyaa hunda keessatti argama. Biyyoonni guddataa jiraniifi dinagdeen isaanii ce'umsarra jiru Zoonii Dinagdee akka meeshaa Indaastiraalayizeeshiniitti itti fayyadamu.
Zoonin Dinagdee Addaa (Special Economic Zone) akka Addunyaatti kan jalqabe bara 1950 keessa biyya Ayerlaandi(Ireland)tti. Bara 1970 keessa ammoo biyyoota akka Laatin Ameerikaafi Baha Eeshiyaa keessatti ammoo babal'ateera. Biyyi Zoonii Dinagdee Addaa hojiirra oolchuun baay'ee ittiin milkoofte ammoo biyya guddina dinagdee ariifataa galmeessisaa jirtu Chaayinaadha.
Dhimmoonni murteessoon filannoo bakkaa ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa itti gaggeeffamu duuba jiran bu'aa argamsaa, Magaala Guddoo biyyaatti dhiyeenya qabaachuu, daandii saffisaafi daandii baaburaa, buufata fe'isaa lafarraafi buufata xiyyaaraa, lafti ga'aafi bu'uuraaleen misoomaa akka ibsaa,telekoomii, bishaaniifi kan biroon jiraachuu dha.
Haaluma kanaan, yeroo ammaatti zooniin dinagdee addaa biyyoota akka Ameerikaa, Meeksikoofi Kuubaa dabalatee iddoo hedduutti baay’inaafi qulqullinaan itti gargaramaa kan jiran yoo ta’u Eeshiyaa (Asia) keessattis biyyoota akka Baanglaadesh, Chaayinaafi India keessatti guddina dinagdee biyyasaanii olkaasuu bira darbee hariiroo biyyoota ollaa cimsuun investaroota heddumminaan akka horatan taasiseera.
Bu’aa qabeessummaan zoonii dinagdee addaa(Special Economic Zone) dabalaa dhufuun yeroo ammaa Afrikaa keessattis biyyoota Missir, Botswaanaafi Naayijeeriyaafi kan biroo hedduu keessatti hojiirra oolaa jira. Biyyoonni Zoonii Dinagdee Addaa hojiirra oolchaa jiran sirna daldalaa mijataa uumuufi humni faayinaansi waliigalaa isaanii akka dabalu taasisuun guddina dinagdee isaanii ariifachiisaa jira.
Zoonii Dinagdee Addaa daldala gabaa bilisaa babal'isuun hunda kan hirmaachisu, adeemsa oomishaalee dheedhii qulqullinaan gara warshaatti galchuun al-ergiif akka oolan taasisuun galiin biyyaa dabaluu keessattis gumaacha olaanaa qaba. Zooniin Dinagdee tajaajila hunda galeessa bakka tokkotti kennuun Industiriif haala mijataa uumuufi bu'a qabeessa taasisuun guddina dinagee biyyaa ariifachiisa.
Zooniin Dinagdee Addaa tajaajila iddoo tokkoo kennuun haala mijataa waan uumuuf, investaroota biyya keessaafi alaa kallattiin simachuufi biyya keessatti akka oomishaniif carraa guddaa uuma. Kanaanis, oomisha biyya keessaa alatti erguufi sharafa alaa argamsiisuuf daandii saaqa.
Biyyi keenyas riiformii dinagdee Riifoormii Dinagdee Biyyaalessaa, Riiformii Dinagdee Mandhalee, Sochii Hojii Biizinasii Salphisuu, Tarsimoo Dinagdee Damdaneessa ijaaruu, Biyya keenya fakkeenya badhaadhinaa taasisuu fi Ce'umsa Industirii milkeessuuf hojjetamaa jiru bu'uura godhachuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan labsii Zoonii Dinagdee Addaa raggaasisuun hojiirra oolchuun eegalamee jira.
Akka biyyaatti seera akka biyyatti ragga'eefi Mana Maree Naannoo raggaasisuun Naannoon Zoonii Dinagdee Addaa ijaaruu eegale Naannoo Oromiyaa dha. Naannoo Oromiyaatti Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa( Geda Special Economoc Zone) jechuun hundaa'ee ijaarsi isaa eegalamee jira. Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee irraa km 65 irratti Magaalaa Adaamaafi Magaalaa Mojoo gidduutti kan hundaa'e yoo ta'u ijaarsi isaa dhaabbata biyya Chaayinaa CCECC jedhamuun kan raawwatama.
Bakki Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa (Gada Special Economic Zone) itti ijaaramuuf filatame magaalaa Finfinnee, buufata fe'isaa lafarraa Mojoo, Daandii Ariifataa Finfinnee-Adaamaafi Mojoo-Hawaasaa, Buufata Xiyyaaraa, Daandii Baaburaa Jibuutii-Sabbataatti dhiyaatee argamuufi bu'uuraalee misoomaa biroo dhiyeessuuf mijataa ta'uu akkasumas humni namaa hedduun jiraachuufi meeshaaleen ijaarsaafi kan biroon jiraachuun akka filatamu taasiseera.
Pirojektiin kun bal'ina lafaa hektaara kuma 24 irratti kan bu'uuraffame yoo ta'u giddugaleessaan namoota 335,475 oliif carraa hojii kan uumudha. Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa dargaggoota nannichaa kuma hedduu ta'aniif carraa hojii uumuu danda'a.
Sektaroonni Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti akka hammatamaniif xiyyeeffannoon dursaa kennameef zoonii daldala bilisaa, industirii paarkii, buufata fe'isaa, Paarkii Infoormeeshin Kominikeeshinii (ICT Park), paarkii saayinsiifi teknoloojii, Zoonii Agro-Processing and Qonna Magaalaa, Zoonii Turizimiifi Bashannanaa, Paarkii tajaajila daldalaa, zoonii bu'aalee beelladaa, bakka jireenyaa jiraattotaafi kan biroodha.
Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa bara 2062tti giddugala dinagdee sadarkaa Afrikaatti fakkeenya ta'e ijaaruu yoo ta'u investimentii biyya alaafi biyya keessaa hawwachuu oomishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaan bakka buusuufi alergii guddisuun akka naannoofi biyyaatti ce'umsa dinagdee ariifachiisuufi carraa hojii bal'aa uumuu mul'ata taasifatee kan ka'edha.
Kunis, giddugala daldalaa sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta'e ijaaruufi Giddugala Faayinaansii Afrikaa ta'uun mul'ata biyyi keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta'uuf qabatte kan dhugoomsudha.
Riifoormii dinagdee hunda galeessa ta'e diriirsuun guddina dinagdee ammayyaa'aafi sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta'e ijaaruun kaayyoo Zoonii Dinagdee kanaati.
Zooniin Dinagdee kun qaama inisheetiivii biyya Chaayinaa "Road_and_Belt_Initiative" ti.
Kanaafuu, yaadama haaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa ce'umsa riifoormii dinagdee biyyaa hojiirra oolchuun jiruuf jireenya hawaasa baadiyyaafi magaalaa jijjiiruu fi carraa hojii bal'aa uumuun biyya keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa akka taatuuf hunduu qoodasaa bahachuu qaba.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Dinagdee cimaa ijaaruun biyya keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf hojjatamaa jira.

Mootummaan Badhaadhinaa biyya keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf sochii jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa hunda galeessa ta'e milkeessuuf hojjetaa jira. Kana dhugoomsuufis yaadamoota dinagdee haaraa maddisiisuufi hojiirra oolchuun pirojektoota seenaa biyya keenyaa jijjiiruu danda'an hedduun eegalamanii xumuramaa jiru; haaraanis eegalamaa jiru. Kana keessaa tokko Zoonii Dinagdee Addaa (SEZ) yoo ta'u kaayyoon isaas Foreign Direct Investment(FDI) hawwachuu, carraa hojii bal'aa uumuu, hojiirra oolmaa riifoormii dinagdee fi imaammata mirkaneessuun guddina dinagdee rog-daneessa, ariifataafi ittifufinsa qabu mirkaneessuudha.
Zooniin Dinagdee Addaa industirii babal'isuufi si'eessuu akkasumas ce'umsa caasaa dinagdee fiduuf akka meeshaa gaariitti ilaalama. Galma kana milkeessuuf sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha.
Biyya keenyatti dhimmoonni yaadama Zoonii Dinagdee Addaatiif ka'umsa ta'an Riifoormii Dinagdee Biyyaalessaa, Riifoormii Dinagdee Mandhalee, Sochii Hojii Biizinasii Salphii, Tarsimoo Dinagdee Damdaneessa ijaaruu, Biyya keenya fakkeenya badhaadhinaa taasisuu fi Ce'umsa Industirii milkeessuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas tarsimoo jijjiirama dinagdee akka biyyaatti eegalamee jiru bu'uura godhachuun Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa ijaaruuf Caffee Oromiyaan raggaasisee sochii eegalee jira. Kaayyoon ijaarsa Zoonii Dinagdee kanaas dargaggoota kumaatama ta'aniif carraa hojii uumuu, Giddugala daldalalaa sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta'e ijaaruu, Giddugala Faayinaansii Afrikaa ta'uun dinagdee naannichaa ariifataafi cimaa taasisuudha.
Zooniin Dinagdee Gadaa kiroojektii akka Afrikaatti fakkeenyummaa qabuufi bal'ina lafaa hektaara kuma 24 olirratti kan ijaaramudha.
Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa (Gada Special Economic Zone) magaalaa Adaamaa fi Moojoo jidduutti kan ijaaramu kun bakki itti ijaaramus magaalaa Finfinnee, buufata fe'isaa lafarraa Mojoo, Daandii Ariifataa Finfinnee-Adaamaafi Mojoo-Hawaasaa, Buufata Xiyyaaraa, Daandii Baaburaa Jibuutii-Sabbataa dhiyaatee kan argamuu fi bu'uuraalee misoomaa biroo dhiyeessuuf mijataa ta'ujn isaa filatameetudha. Zooniin Dinagdee kun carraa hojii namoota 335,475 oliif kan uumudha.
Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa giddugalli gabaa bilisaa, loojiistiikii, giddugala warshaalee qophii oomisha al- ergii, paarkii industirii naannoo gabaa gara garaafi tajaajiloota adda addaa kan hammatedha.
Zoonii kanatti magaalaa hunda galeessaafi tajaajila hunda hammataa ta'e kan diriirfamu yoo ta'u humna dinagdee biyyaa sadarkaa Addunyaatti olkaasuun akka mul'atu taasisuun fayyadamummaa lammiilee toora hundaan mirkaneessuuf hojjetamaa kan jirudha.
Guyyaa har'aas waliigaltee Abbaa Taayitaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaafi Dhaabbata Mootummaa Chaayinaa CCECC tiin bakka hooggantoonni mootummaa olaanaa naannoofi federaalaa argamanitti ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa sirni ijaarsa jalqabsiisuu ni taasifama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Milkaa’inni gama misooma qonnaan argame gama industiriitiinis dabalamuu qaba" MMI Dr. Abiyyi Ahmad.

Muummichi Ministeeraa Dr. Abiyyii Ahimad Sagantaa Jalqabsiisa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa irratti argamuun dubbii taasisaniin injifannoon damee Qonnaan argame gama Industuriin dabaalamuu akka qabu ibsaniiru. Biyyi keenya waggoottan muraasa darbanitti qonnarratti hojjechaa tureen bu'aa argame amma gara industiriitti ceesisuun dhaabbata carraa hojii namoota kumaatamaan uumuu danda'u ijaruu jalabuun guddina diinagdee biyyaa kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.
Hooggansi jijjiirama waggoottan muraasa seektara qonnaa irratti milka'ina olaanaa galmeesse ammas hojii indastarii irratti ofeeggannoon hojjechuu galmaan gahuu qaba jedhaniiru.
Bu'aan qonnarraa argamu industiriin dhugoomuus qindoominaan hojjechuufi muffiifi harkifannaa malee itti fufsiisuun murteessaa ta'uu eeranii jiru.
Muuxannoowwan hojii qabnutti fayyadamuun caalmatti jijjiirama olaanaaf hojjechuun hojiilee misoomaa gara garaa jalqabne yeroon xumuruun tajaajilaaf oolchuun barbaachisaa ta'u kaasaniiru.
Pirojektiiwwan gurguddoon akka biyyaatti jalqabame sharafa alaa kan argamsiisu, hariiroo biyyootaa kan cimsu oomishaale gara garaa alaa galan biyya keessatti oomishuun baasii kan xiqqeessuufi galii biyyaa kan guddisu ta'uu ibsanii jiru.
Mootummaan seenaa hojmaata diinagdee ariifataa bocuun hojiirra oolchaa jiraachuu kan ibsan Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad damee qonnaa cimsuun bu'aa argamu gara industiriitti ceesisuun qabeenya dilbii gama anniisaatiin biyyattin qabdu duguuganii fayyadamuun misoomaaf oolchuu, humna namaa ogummaafi gahumsa qabu ijaaruufi oomisha Qamadii irratti jijjiirama bu'uuraa dhufe Industiriin dabaaluu irratti ciminaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Dhaabbanni CCECChar'a waliigaltee malleetteesse yeroo jedhame keessatti xumuruun tajaajilaaf oolchuu akka qabus dubbatanii jiru.
Zoonin Dinagdee Addaa Gadaa yaadamaafi falaasama haaraan kan jalqabame ta'uu kan ibsan Pirezidaantii Mootummaa Naannoi Oromiyaa Obbo Shimallus Abdiisaa Zoonii Dinagdee kun bu'uura jijjiirama dinagdee biyyoolessaa ta'ee mul'ata dinagdee biyyaa milkeessuu bira darbee tasgabbii gabaa Gaanfa Afrikaatiif ka'umsa jabaa ta'a jedhaniiru.
Sochiin amma taasifamaa jiru jijjiirama dinagdee qonnaan bulaa kan hammateefi jiruuf jireenya qonnaan bulaafi horsisee bulaa biyya keenyaa kan jijjiiru ta'uu qaba.
Naannicha keessatti investimantii irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjechuun industurii babal'isuu, galiin biyyaa akka dabalu taasisuu, aadaa qusannoo cimsuun dinagdee damdaneessa ijaaruun badhaadhina maatii roga hundaan mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii jiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Uummanni Oromoo qabeenya uumamaafi namtolcheen akkasumas seenaa, duudhaafi aadaa akka galaanaa yaa'ee hin dhumne qaba" Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Af-Yaa'ii Caffee MNO

Milkaa'inoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota darbanii kan agarsiisu qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan kan qophaa'e Magaalaa Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti bakka hooggantoonni olaanaa Naannoofi Federaalaa argamanitti daawwattootaaf banaa taasifame. Baniinsa sagantaa kanaa irratti argamuun haasawaa baninsaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa sirna kominikeeshinii si'ataafi qaqqabamaa hojiirra oolchuun mootummaafi uummata jidduutti wal-hubannaan akka uumamu, ajandaawwan gurguddoo akka biyyaafi naannootti jiran irratti waliigalteen biyyaalessaa akka jiraatu akkasumas maqaan Naannoo keenyaa roga gaariin akka ijaaramuuf hojjechaa kan jiru ta'uu himaniiru.
Kana milkeessuufis tooftaalee kominikeeshinii adda addaa fayyadamuun odeeffannoo waqtaawaa, qulqulluufi dhugaa ta'e uummata bira akka ga'uufi yaadonni uummataas mootummaa bira akka qaqqaban taasisuun mootummaafi uummata jidduutti riqicha ta'ee kan hojjetu ta'uu himuun yeroo ammaa guddinaafi ammayyoomuu teknoloojii odeeffannoon walqabatee meeshaaleefi tooftaaleen kominikeeshinii odeeffannoon ittiin tamsa'u saffisa guddaan babal'achaa dhufuu kaasaniiru.
Guddinni teeknoloojii odeeffannoo kun danqaa bakkaafi yeroo hir'isuun Addunyaa mandara tokko taasisee jiraachuu ibsuun babal'achaa dhufuun teknoloojii odeeffannoo akkuma bu'aa olaanan galmeesse yaaddoo guddaas fidee dhufuu dubbataniiru.
Kanaafuu odeeffannoo sobaa ariitiin facauun xiyyeeffannoon uummataa ajandaa misoomaa irraa akka maqu gechuun burjaajii hamaa uumuu ka'umsa walitti bu'insaafi jeequnsa kaasanii nageenyi akka hin waarofne taasisuuf qaamni hojjetu jiraachuu kaasuun dhugan kana hubachuun qaqqabummaa odeeffannoo mirkaneessuuf caasan kominikeeshiniifi miidiyaalee mootummaa dorgomaa akkasumas dhaabbilee miidiyaa itti gaafatamummaafi naamusa ogummaa bu'uura gonfatanii akka hojjetaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu oobba Hayiluun ibsaniiru.
Keessumattuu imaammatni, tarsiimoo, karoorriifi raawwiin mootummaa ariitiifi qulqullinaan uummata biraan ga'uun uummanni ajandaa misoomaafi nageenyaa irratti akka xiyyeeffatu karaa biraan ammoo odeeffannoowwan sobaa uummata burjaajessan qolachuuf tooftaalee kominikeeshiniifi miidiyaa jiran hunda fayyadamaa jiraachuus kaasaniiru.
Kana malees ergamni keenya ijoon odeeffannoo naannicha waaltessuu, bulchuufi hoogganuu sirnaan hojiirra oolchuuf akkasumas hojiiwwan misoomaa, siyaasaafi nageenyaa mootummaan hojjetu uummanni akka beekuufi hirmaannaa isaa akka cimsu, yaadonniifi gaaffiiwwan misoomaa uummata biraa ka'an mootummaa bira qaqqabuun mootummaaf galtee akka ta'an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuu dubbataniiru.
Kanaafis, miidiyaalee dijitaalaa, elektirooniksiifi maxxansaa fayyadamuun akkasumas miidiyaalee mootummaafi dhuunfaa naannoo keenya keessatti hojjetan waliin fooramii hundeessuun odeeffannoo waqtaawaafi qulqulluu uummata biraan ga'uu, uummanni imaammata, tarsiimoofi karoora mootummaa irraa beekee akka fayyadamu gochuufi injifannoo argame balballoomsuu irratti milkaa'inni gurguddaan argamuu himaniiru.
Dabalataanis tooftaalee kominikeeshinii Biiroon keenya hojiirra oolche keessaa agarsiifni egzibiishinii isa tokko waan ta'eef agarsiisni imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa" qindeessummaa Biiroo keenyaan kominikeeshinii Oromiyaan qophaa'e kun milkaa'inoota gurguddoo hundeeffama Mootummaan Naannoo Oromiyaa hanga bara kanaatti jiru milkaa'ina caalmaaf mootummaafi uummata kan qopheessu ta'uu himuun hojiilee manneen hojii Mootummaatiin hojjetamaa jiru uummata biratti akka beekamuufi sekteraaleen mootummaas muuxannoo walirraa akka qooddataniif kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti keessummaa kabajaa ta'uun kan argaman Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan "Agarsiifni Imala Mootummaa Naannoo Oromiya" milkaa'inoota waggoota darbanii kan agarsiisu kun seena qabeessa ta'uu kaasuun biyyi keenya Itoophiyaan biyya dilbiiwwan qabeenya uumamaafi namtolcheen badhaate waan taateef sadarkaa idil addunyaatti alaabaa isaa kabajaan ol kaaftee sodaatamtee kabajamtee jiraattu ta'uu ibsaniiru.
Ta'us garuu sirnoonni darban sirna wal qixxummaa sabaaf sablammootaa sarbuun seenessa qeenxee eenyummaa saba tokkoo dagaagsuuu biyya sabdaneessummaan keessatti kabaja dhabe taasisuu himuun yeroo ammaa kana qabsoo wal harkaa fuudhinsa dhalootaatiin sirni cunqursaa awwaalameee gaaffileen dimokiraasii, sirna ofiin of bulchuu, obbolummaan sabdaneessaafi sirni federaalizimii dhugaa mirkanaa'aa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaanis sirni federaalizimii sabdaneessa bu'uurri isaa obbolummaa ta'e mirkanaa'uu dubbachuun gama hawaasummaafi dinagadeedhaanis bu'aan gaariin jiraachuu kaasaniiru.
Kana malees uummanni Oromoo qabeenya uumamaafi namtolcheen akkasumas seenaa, duudhaafi aadaa akka galaana yaa'ee hin dhumne qabaachuu himuun qabeenyi nuti qabnus addunyaa har'aaf fakkeenya ta'uu himaniiru.
Milkaa'inoonni gonfanneefi qabeenyawwan qabnu keessa kanneen agariisaaf dhiyaatan kunneen akka nama galaana fal'aanaan waraabuutti kan qabnu kitila keesaa muraasni dhiyaachuu himuun Biirooleefi Dhaabbileen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Milkaa'inootaafi qabeenya gola Oromiyaa har'a qabatanii agarsiisaaf dhiyaatan kun bara dhufutti kana caalaa dachaan qabatanii dhiyaachuu itti gaafatamummaa dachaan qaban gochaan akka agarsiisan dhaamaniiru!
Agarsiifni kunis guyyoottan 3n itti aananiif kan turan ta'uu ibsameera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Injifannoon misooma Qamadii imala keenya dhugoomsaa jira.

Mootummaan jijjiirama akka biyyaafi Naannootti eegalame itti fufsiisuuf dhimmoota ni danda’amu jedhamee hin yaadamne qabatamaan raawwachaa jira.Bu'uurri danda'u kunis yaadama haaraa irraa kan madde yoo ta'u, yaadamni haaraan kunis hojiin dabaalamuudhaan injifannoo gama siyaas - diinagdeetiin argamsiisaa jiraachuu isaarraan kan ka'e uummata biyyattii boquu yoo ol qabachiisuu qaamoota ilaalcha faallaa qaban immoo boquu gad cabsaa jira. Baroota dheeraa darbaniif qonni biyya keenyaa rooba qofa irratti hirkatee kan ture yoo ta'u, kunis midhaan nyaataan akka of hin dandeenye gochuudhaan deggarsa barbaaduuf harka ishee akka gara biyya alaatti hiixattu gochuu irraan kan ka'e birmadummaa biyya keenyarrattillee dhiibbaa uumaa ture.
Biyya keenya Itoophiyaatti jijjiirama siyaas- diinagdee waggoota muraasa dura eegalaman hordofuudhaan dameen jijjiirama guddaan irratti argame keessaa misoomni qamadii isa tokko. Itoophiyaan yaadama haaraa ilmaan isheetiin maddeen bonaa gannaa oomishuun akka danda'amu tarkaanfii haaraa misooma qamadiitiin eegalameen ganna roobaan, bona immoo jallisiin qamadii misoomsuudhaan fedhii biiya keessaa guutuudhan gabaa alaatiif dhiheessuun diinagdee biyyaa utubuun danada’ameera.
Kunis misooma Qamadii irratti xiyyeeffannoofi ciminaan hojjechuun Itoophiyaa deggarsaan qamadii barbaadduurraa gara oomisha qamadii gabaa alaaf dhiheessuutti ceesisuun danda'amuu argisiisa.Injifannoo gama misooma qamadiitiin argame kunis karoora imala badhaadhinaa biyyi keenya qabattee jirtu qabatamaan dhugoomsaa kan jiruufi danda'uu Itoophiyaa Addunyaatti kan agarsiisu injifannoo Adwaa 2ffaadha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Sirni Gadaa sirnaan beekamee akka cimuuf Mootummaan xiyyeeffannaan hojjetaa jira', Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO

Sirni Gadaa Oromoo sirnaan beekamee akka cimuuf barnootaa sirna barnootaa keessa galchuufi Ardaalee jilaa misoomsuun akka dagaaguuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa. Sirni wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Gujii 75ffaan Ardaa Jilaa Me'ee Bokkootti raawwaatameera.
Sirna kana irraatti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Itti gaafatmaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, hooggantoonni olaanoo mootummaa biroofi Keessummoonni gara garaa argamaniiiru.
Gadaan Harmuufaa Gadaa Roobaleef Aangoo Gadaa karaa jaalalaaf Gammachuun waliif dabarsaniiru.
Sirnicharratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Abbootiin Gadaa Baallii keessan dabarsitanii kennitan baga gammaddan jechuun warri Gadaa Roobalee aangoo fudhattaniis baga gammaddanii jedhaniin.
Gadaan Oromoo sirna barnootaa keessa galee rakkoo hawaas diinagdee akka hiikuuf mootummaan naannoo Oromiyaa hojjachaa jira jedhan.
Ardaan Jilaas bakka turistoonni daawwataniifi bakka qorannoofi qo'annoo akka ta’uuf giddu galli aadaa akka irratti ijaaramu ni taasifama jedhan, pirezidaanti shimallis.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Godambaan yaadannoo injifannoo Adwaa Eebbiffame.

Godambaan yaadannoo injifannoo Adwaa bakka Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee, Ministira Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad, Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo, Ministira Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunee, Pirezedaantotni Naannoleefi hooggantoonni olaanoo mootummaa biroon argamanitti eebbifameera. Godambaan Yaadannoo Injifannoo Lola Adwaa mallattoo birmadummaafi bilisummaa uummata Gurraacha hundaa ta'e ijaarsi isaa xumuramee har'a eebbifama.
Injifannoon lola Adwaa dirree tokkummaa fi gamtoonni saboota, sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaa birmadummaa biyya isaaniitiif taasisan irratti mul'ate ta'uu bira darbee injifannoo mataa uummata Gurraachaa olqabedha. Injifannoo Gurraachi adii injifachii akka danda'u mul'isee fi oftuulummaa warra koloneeffattootaa kan qaanessedha.
Godambaan kun karaa injifannoo kana madaaluu danda'uun ijaaramee xumurame. Godambaan Yaadannoo Injifannoo Lola Adwaa mallattoo birmadummaafi bilisummaa uummata Gurraacha hundaa ta'e ijaarsi isaa xumuramee har'a eebbifama.
Injifannoon lola Adwaa dirree tokkummaa fi gamtoonni saboota, sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaa birmadummaa biyya isaaniitiif taasisan irratti mul'ate ta'uu bira darbee injifannoo mataa uummata Gurraachaa olqabedha. Injifannoo Gurraachi adii injifachii akka danda'u mul'isee fi oftuulummaa warra koloneeffattootaa kan qaanessedha.
Godambaan kun karaa injifannoo kana madaaluu danda'uun ijaaramee xumurame.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Sabdaneessummaan Obbolummaa Irratti Ijaarame Waliin Jireenya Uummattootaaf Wabiidha:Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Itoophiyaan biyya Sabdaneettii, Af-daneettiifi Amantii hedduu qabdu; biyya duudhaa wal danda'uu gabbifachuun qormaatawwan ishee mudatan hunda qolachuun ijaaramaa as geessedha. Kanaanis Saboonni, Sablammoonniifi uummattoonni biyya birmadummaan ishee kabajameefi mallattoo gootummaa taate ijaaraaniiru. Qormaata hedduus waliin ce'uun biyya wareegamaan tiksan dhaloota har'aaf dabarsaniiru.
Biyya guddoo sabdaneessummaan mallattoo ishee ta'e keessatti waggoota dheeraaf sirni heddummina keessummeessu ijaaramuu dhabuu isaatiin Itoophiyaan waanjoo ulfaataa sirna qeenxeen itti fe'ameen wal'aansoo qabaa turte. Daneessummaan kabaja dhabee akka abaarsaatti ilaalamaafi saboonnis eenyummaa isaanii akka balfaniif irratti hojjetamaa ture. Hacuuccaan rog-daneessi daangaa darbe qabsaa'ota ijoollee uummataa daangaa hanga daangaatti dammaksee injifannoo galmeessaa dhufuun Heerri walqixxummaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa mirkaneesse bara 1987 akka ragga'u taasise.
Kabajamuun eenyummaafi mirgi ofiin of bulchuu Heera FDRI mirkanaa'uun sirna qeenxummaa diigee waloomatti kabaja hore. Erga Heerri keenya sabdaneessummaa olkaasee gaaffii mirga ofiin of bulchuu uummattootaa raggaasisee as guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa marsaa 18ffaaf waloon kabajanneerra; kabajachaas jirra. Kanaanis, garaa garummaan keenya madda rakkoo osoo hin taanee qabeenya waloofi miidhaginaa ta'uu hubannee maalummaa waldanda'uufi waliin jiraachuu qabatamaan Addunyaatti agarsiifnee jirra.
Haata'u malee, kuufamoonni gaaffilee gurguddoo uummattoota biyya keenyaa sirnoonni jijjiiramanis deebii quubsaa argachuu waan hin dandeenyeef qabsoon uummataa itti fufuun waggaa Shan dura mootummaan jijjiiramaa akka dhalatu taasise. Mootummaan uummataan uummataaf ijaarame rakkoolee kuufamanii har'a ga'an hundeerraa akka furaman taasisuun Itoophiyaa nagaa ishee waaressite, tokkummaan ishee cimeefi badhaadhina lammiilee dhugoomsite ijaaruuf kutannoon hojjechaa jira. Kana galmaan ga'uufis, dallaa jibbinsaa dhiifamaan diignee riqicha jaalalaa ijaaruun rakkoolee keessoo keenyaa mareefi marabbaan furuu irratti fuulleeffanne; kanas gochaan agarsiisaa jirra. Mareen araara biyyaalessaa seena qabeessa ta'es kuufama rakkinoota gamaa gamanaa furuun ilaalcha biyyaalessaa cimsuuf xiyyeeffannoon itti deemama jira.
Gaaffiiwwan ijoo barootaaf turan keessaa tokko mirga ofiin of bulchuufi dimokiraasii dhugaa ijaaruu yoo ta'u kanaafis sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti ijaarame akka diriiru taasifamaa jira. Waggoottan jijjiiramaa shanan darban keessatti naannolee haaraan afur sagalee uummataan hundaa'an kanaaf agarsiiftuu guddaadha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama guddicha kana lafa qabsiisuufi sabdaneessummaan kabajamee mirgi walqixxummaa heera biyya keenyaatiin ragga'e cimee obbolummaanis mirkanaa'ee ijaarsa biyyaalessaa fiixaan baasuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Kanajamtoonni Uummata Oromoo akkasumas Saboonni, Sab-lammoonniifi Uummattoonni biyya keenyaa hundi baga guyyaa dinqisiisaa obbolummaan keenya ifee sabdaneessummaan keenyas cimee itti mul'ate kana nagaan geessan jechuun barbaada. Guyyaan kun guyyaa garaa garummaa keenya jidduutti tokkummaa cimaafi miidhaginni hawwataan daawwatamee hin quufamne akka jiru itti agarsiifnu guyyaa gammachuu addaati. Kana malees, guyyaa Sabdaneessummaan keenya madda miidhaginaafi obbolummaan keenyas salphaatti kan hin diigamne ta'uu firaafis diinaafis itti mirkaneessinudha. Duudhaafi safuun uummanni keenya nu dhaalchise saboota biroo waliin akka itti jiraannu nu barsiiseera. Har'as ta'u boru kanuma cimsinee itti fufsiifna.
Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa bara kanaa wayiita kabajnus ilaalchota finxaalessummaa seenessa qeenxee leellisuun walooma keenyaa diiguu barbaadan waliin yeroo walaansoo wal qabaa jirruttidha. Galmi finxaalessitootaa Itoophiyaa cimtuu hunda fakkaattuufi hundaaf taatu akka hin ijaaramne gochuudha. Inumaayyuu afaan garaa garaa dubbatanis ergamniifi galmi isaanii kun tokkuma; yoo danda'an sabdaneessummaa diiganii sirna qeenxee ijaaruu yoo dadhaban Itoophiyaa laaftuufi tasgabbiin irraa fagaate uumuudha. Uummanni Naannoo keenyaa aggaammii finxaalessitootaa gamaaf gamanaa kanneen dura dhaabbachuun caasaalee nageenyaa waliinis ta'ee fashaaleessaa jira. Kun ammoo finxaalessitootaaf gufuu biyya jabduu ijaarruuf utubaa guddaadha.
Sabdaneessummaan eenyummaa keenya isa dhugaa heddumminniifi walqixxummaan keessatti mirkanaa'u waan ta'eef akka agartuu ija keenyaatti tikfanna. Dallaan jibbinsaa diignee riqichi jaalalaa ijaarrus gaaddisa sabdaneessummaafi walqixxummaa jalatti ta'uu hunduu hubachuu qaba. Kun ammoo harka tokkoon abidda qabatanii harka biraatiin araaraaf qophaa'uun osoo hin taane shira lagatanii qajeelummaan nagaaf of qopheessuun milkaa'a. Kanaaf ammoo mootummaan harka araaraaf diriirse yoomiyyuu kan dachaasu akka hin taane irraa deebiin waamicha dhiyeessina. Qaama Heera sagalee uummataan ragga'e irratti aggaammii taasisuufi nageenya uummataa booressu irratti mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta'uu hubachiifna.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa irra deebi'uun baga guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa geessan jechaa harka tokkoon hojiilee misoomaa cimsuun karoora xiiqii qabanne milkeessuuf hojjechuun barbaachisaadha. Harka biraatiin ammoo caasaalee nageenyaa waliin ta'uun nageenya keenya tikfachaa daandii badhaadhinaa eegalle irraa osoo boodatti hin deebi'iin milkaa'inaaf akka imallu waamichan dhiyeessa. Egereen keenya aarsaa har'a kaffalluun milkaa'a. "Heddumminniifi walqixxummaan keenyas haala kanaan galma ga'ee tokkummaa biyyaalessaa waan cimsuuf hunduu gumaacha isarraa eegamu taasisuu qaba.
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa bara kanaa kun kan gammachuu, badhaadhinaafi waadaa keenya haaromsuun imala ijaarsa biyyaa itti fufsiifnu nuuf haa ta'u.
Ayyaana gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Sadaasa, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Olka’insi Alaabaa Keenyaa, Wabii Tokkummaa Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati!

Biyyi birmadummaa ofii kabachiifattee uummata, mootummaafi lafa bulchiinsa daangaa ofii ishee qabdu Alaabaa eenyummaa ishee bakka bu’us ni qabdi. Alaabaan ammoo mallattoo biyyi tokko biyyoota biraa irraa adda baatee ittiin beekamtu ibsituu eenyummaati. Alaabaan huccuu halluu adda addaa irraa mallattoofi boca of danda’e qabaatee kan hojjatamu ta’ee bocni, halluufi mallattoon addaa Alaabaa irratti argamus aadaa, duudhaa, seenaa jireenya uummataafi wareegama kaffalan kan ibsudha. Kana malees, yaadaafi yaadama hawaasaa kan bakka bu'u; kabajaafi birmadummaa biyya tokko kan ibsu mallattoo Abbaa biyyummaa ta’uunis beekama. Biyyi keenya Itoophiyaanis biyya Alaabaa mataashee qabduufi birmadummaa ofii kabachiisuun jiraachaa turteef jirtudha. Kanaanis Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya weerara warra lixaa ofirraa qolattee birmadummaa ishee mirkaneessuun Alaabaa ishee olqabde biyya goota fakkeenya bilisummaa Gurraachota Afriikaati. Kanaanis Alaabaan biyyi keenyaa itti fayyadamaa jirtu biyyoota Afriikaafi sadarkaa Idil-Addunyaattis kabajaaf ulfina olaanaa qabaachuun beekama. Kabajaafi ulfinni Alaabaa dhaloota biratti beekamee akka itti fufuuf guyyaan Ayyaana Alaabaa Akka biyyaatti marsaa 16ffaa dhaadannoo “Olka’iinsi Alaabaa Keenyaa, Wabii Tokkummaa Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati!” jedhuun kabajama.
Naannoo keenyatti guyyaa Alaabaa Marsaa 16ffaa wayiita kabajnu Mallattoo Waloomaafi Birmadummaa biyya keenyaa kan ta’e alaabaa keenya karaa olqabuu dandeenyuun waloon kabajuun barbaachisaadha.
Qormaatileen namtolcheefi uumamaa yeroof nu muudatanis obbolummaa sabdaneessummaa keenya cimsachuun irra aannee injifannoo boonsaa galmeessaa dhufuu keenya wal yaadachiisaafi yoo tokkoomne wanti duubatti nu deebisu akka hin jiraanne hubannee injifannoo arganne kunuunsuun injifannoo biraaf of qopheessuu qabna.
Guyyaa kana yeroo kabajnu Ol ka’iinsi alaabaa keenyaa, wabii tokkummaa sabdaneessummaafi birmadummaa biyya keenyaa ta’uu hubachuun kabajaafi jaalala alaabaa keenyaaf qabnu cimsuun akkuma abboota keenyaa birmadummaa biyyaa tiksuufi gama hundaan gooticha raayyaa ittisa biyyaa bira dhaabbachuutu hunda keenya irraa eegama. Garaa garummaa jirus wal dhageeffachuufi mareen furuun dhimmoota waloo irratti waliigallee biyya jabduu ijaaruuf hojjechuu qabna.
Akkuma Abbootiin keenya biyya birmadummaan ishee eegame kabajaan nuuf dabarsan dhaloonni ammaammoo misoomaan dabaaluun maraammartoo hiyyummaa injifatee Alaabaa biyyaas olkaasuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf waloon hojjechuu qaba. WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Onkololeessa 2016
Finfinnee
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
"BRICS” Gaaffii Miseensummaa Itoophiyaa Fudhachuun Dhaga’amummaa Biyya Keenyaa Kan Mirkaneessedha.

"BRICS” biyyoota baay’ina uummata Addunyaa keessaa %40 qooddatan biyyoota gama dinagdee, teknoloojiifi humna waraaanaatiin guddina ariifataa galmeessisaa jiraniin qajeeltoo 'Tumsa Kibbaa-gara-Kibbaa' jedhamu bu'uureffachuun kan hundaa'edha. Hunndeeffama tumsa kanaa irraa eegalee biyyoota miseensota garichaa jidduutti hariiroon dinagdee, siyaasaafi teknoloojii guddachaa dhufuun waltajjiiwwan Idil Addunyaa irratti dhaga’amummaan isaanii dabalaa akka dhufu taasiseera. Kunis, Garichi xiyyeeffannoo biyyoota hedduu akka argatu taasiseera. Biyyoota gaaffii miseensummaa “BRICS” dhiyeeffatan 40 keessaa tokko kan taate Itoophiyaan ulaagaawwan barbaachisu guuttee dhiyaachuu isheetiin gaaffiin miseensummaa ishe fudhatama argateera. Kunis injifannoo dippilomaasii guddaa biyyi keenya gonfattedha.
Imaammanni Haajaa Alaa Agarsiiftuu milkaa'ina Imaammata biyya keessaa akkuma ta’e jijjiiramni waggoota shanan darban keessatti gama siyaasaa, diingdeefi hawaasummaan galmaa’e injifannoo gama dippilomaasiin argame kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera. Waggoota shanan darban keessatti biyyi keenya ulaa galaanaafi boba’aa osoo hin qabaatiin akka Afrikaatti dinagdee guddaa 5ffaa, akka Baha Afrikaatti dinagdee guddaa 1ffaa ta’uu dandeessee jirti.
Itoophiyaan baay’ina uummataatiin Afrikaa irraa sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu; biyyoota ollaas ta'ee fagoo waliin hariiroo dippilomaasii gaariifi tumsa irratti hundaa'e kan qabdu; Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbilee Idil-Addunyaa gurguddoof hundeessituufi miseensa kan taate sadarkaa Idil-Addunyaatti haqniifi nageenyi akka mirkanaa'uuf ergama nageenya kabachiisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin itti kennamu ga'umsa olaanaan ba'achuun seenaa boonsaa kan qabdudha. Dinagdee ariifataafi ittifufinsa qabu biyyi keenya Itoophiyaan galmeessisaa jiraachuufi hariiroo dippiloomaasii tumsaafi obbolummaa irratti isheen hordoftu ulaagaa BRICS guutuun gaaffiin miseensummaa dhiyeessite fudhatama akka argatu dandeessiseera.
Injifannoon argame kun hojii guddaa gama dippilomaasiitiin taasifameen kan milkaa'e; sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaga’amummaa biyya keenyaa kan dabalu akkasumas gumaacha haqaafi haqummaan akka mirkanaa’uuf taasisaa turte cimsitee akka itti fuftu; gama Investimentii Kallattiin filannoo dursaa biyyoota miseensa Garichaa akka taatu, oomishaalee isheetiif arraa gabaa biyyoota kaneenii akka argattu kan dandeessisu akkasumas ce’umsa tekinoloojiifi beekumsaa argachuun imala badhaadhinaa eegalame jiru ariifachiisuu keessatti qooda olaanaa waan qabuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa gammachuun itti dhaga’ame olaanaa ta’uu ibsaa uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga gammaddan baga gammanne jechuu barbaada.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa biyya keessatti jijjiiramniifi milkaa'inoonni gurguddoo galmaa'aniif akkasumas gama hariiroo alaatiin injifannoon dippilomaasii akka argamuuf hooggansa bilchaataa MM keenya Dr Abiyyi Ahimad kennaniin ta'uu isaatiin galata guddaa kan dhiyeessuuf yoo ta'u biyyoota akka Biraazil, Hindi, Chaayinaa, Raashiyaafi Afrikaa Kibbaa gaaffiin biyyi keenya miseensummaa “BRICS”f dhiyeessite fudhatama akka argatu tumsa olaanaa taasisaniif galanni keenya guddaa ta’uu ibsa.
Walumaagalatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo boonsaa gama dippilomaasiin argame galaa godhachuun biyya keenyatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’u, ijaarsi sirna dimokiraasii jalqabame galma akka ga’uufi imalli badhaadhina hunda galeessaa eegalame akka mirkanaa’uuf hojiiwwan gama hundaan jalqabaman cimsee kan itti fufu ta’uu ibsa.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
"Raawwii hojii piroojektoota bara kanaafi dhimmoota bajata Naannoo Oromiyaa.

Biiroo Komnikeeshiinii Oromiyaatti garee maxxansaa Barruu Kallachaatiin dhimmoota Pirojektotaafi baajata naannichaa irratti Hogganaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa waliin dhimmoota iftoomina barbaadan irratti turtii taasiseera. #Kutaa 1ffaa :- Haala Pirojektii Naannoo Oromiyaa Waliigalaa Ibsu
Barruulee Kallachaa: Piroojektoonni gurguddoon buleeyyiifi haaraan akka Naannoo Oromiyaatti karoorfamanii raawwatamaa jiran meeqa? Bajanni ittiin raawwiisaaniif qabameefi maddisaa hoo? Hirmaannaan ummanni qarshiifi akaakuun taasise hoo hangam ta’a?
Obbo Tolasaa: Mootummaan Naannoo Oromiyaa erga hundaa’ee kaasee qaawwa misooma dinagdeefi hawaasummaa jiru cufuuf karoora yeroo dheeraafi gabaabaa qabamu keessatti (karoora waggaa waggaan baafatu keessatti) piroojektoonni iddoo olaanaa qabu. Fedhii misoomaa ummanni naannichaa waggaadhaa gara waggaatti agarsiisaa jiru waliin tarkaanfachuufi sochii mootummaan dinagdee naannoo keenyaa guddisuuf taasisaa jiru waliin walqabatee ijaarsi, facaatiifi baay’inni piroojektootaa akkasumas bajanni ramadamuuf dabalaa deemaa jira.
Raawwiin piroojektoota kanneeniis hudhaafi harcaatiin tokko tokko darbee darbee haa quunnamu malee, kanneen baroota darbee waliin yoo ilaalamu dabalaa jira. Keessattuu bara 2012 asitti raawwii piroojektiif xiyyeeffannoon kennamee hojiin bara bajataa tokko keessatti mootummaa sadarkaa naannoo, kan aanaatiinis ta’e sadarkaa federaalaatiin, dhaabbilee miti mootummaa, hirmaannaa ummataanis ta’e tajaajila lammummaan raawwatamu dabalatee karoorfaman yeroo kaa’ameef keessatti xumuramanii tajaajilaaf akka oolaniif eessaa kaanee eessatti deemaa jirra harcaatiin eessa jira jedhamee yeroo yeroon ilaalamaa, xiinxalamaafi kallattiin fuulduraas kennamaa jira.
Duraan adeemsi akkasii hin turre. Yeroo dhiyoo asitti hojiin piroojektootaa iddoo tokkotti mootummaa naannootiin hogganamaa jira. Kanaanis jijjiirmni guddaan dhufeera.
Bara kanas piroojektoota gurguddoo sadarkaa naannoof qofa bajata qarshii Biliyoona 38.14 oltuu qabamee ittiin hojjetamaa jira. Saganata Misooma Itti Fufinsaa (Sustainable Development Goal) jedhamuuf bajanni qarshiin Biliyoonni 4 kan ramadame yommuu ta’u, kunis Paarkii Misooma Industirii Qindaa’aa Qonnaa, Agiroo Piroosesiingii industiyaal paarkii jedhamuufi kan jallisiif qabame of keessaa qaba. Garri qarshii Biliyoona 22.88 immoo saanduqa mootummaa ala (Sagantaa gargaarsaa) qabamanii jiru.
Sadarkaa aanaattis dur piroojektiif qar. Biliyoona 3 hanga 4 ol kan hin qabanne bara kana karaa adda ta’een qarshii Biliyoona 14.5 ol ta’u bajata kaappitaalaaf qabamee piroojektoonni adda addaa baay’een ittiin geggeeffamaa jiru.
Egaa bara kana sadarkaa Mootummaa Naannootti Piroojektoonni buleeyyii gurguddoon 1947fi haaraan 165 waliigala 2112 ol qarshii Biliyoona 38fi Miliyoona 14 oliin hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, sadarkaa aanaa/bulchiinsa magaalaatti piroojektoonni xixiqqaa haa ta’an malee buleeyyiin 1,846fi haaraan 11,087 waliigalatti 12,933 bajata qarshii Biliyoona 14fi miliyoona 5 oliin hojjetamaa jiru.
Sagantaa gargaarsaanis piroojektoonni buleeyyiin 350 haaraan 2003 waliigala 2,353 qarshii Biliyoona 22.88n hojjetamaa jiru. Haaluma walfakkaatuun Dhaabilee Miti Mootummaa (NGO)n piroojektoonni buleeyyiin 198, haaraan 596 waliigala 794 qarshii Biliyoona 28.57n hojjetamaa jiru.
Hirmaannaa ummataan piroojektoota haaraa 11,570tu qarshii Biliyoona 4.58n hojjetamaa jiru. Walumaagalatti akka Naannoo Oromiyaatti piroojektoonni buleeyyiin 4,341fi haaraan 25,421 waliigala 29,762 bajata qarshii Biliyoona 108.47n hojjetamaa jiru.
Kanaaf piroojektoonni gurguddoo jedhaman jechuun hanga bajata ramadamee (fakkeenyaaf piroojektiin tokkichi gara qar. Biliyoona 4 hanga 6 fixan), kontiraaktaroota gurguddaan hojjetamaniifi ulaagaa ijaarsaa biroon gurguddaa jedhamuu danda’an manneen hojii naannoo keessatti kan qabaman piroojektoota 2000 olidha. Piroojektoonni bajannisaanii Bilyoonaa gadi ta’anii garuummoo Miliyoonota dhibbaan lakkaa’amaniin hojjetaman piroojektoota giddugaleessaa jennee fudhachuu ni dandeenya.
Proojektoota Miliyoonota muraasa fakkeenyaaf Miliyoonota 100 gadiin hojjetaman akka piroojektii xixiqqaatti fudhachuun ni danda’ama. Sadarkaa guddina giddugalummaafi xixiqqaan piroojektoonni kun seeraan tumamee taa’uu baatus bajatasaaniirratti hundaa’uun yeroo inni fudhatuufi lakkoofsa ummata tajaajiluu danda’uun sadarkeessuun ni danda’ama. Kutaa 2ffaan itti fufa.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
"Tajaajila Dhibee Vaayirasii Tiruu qaqqabamaa taasisuuf gaheen Hooggantootaafi Ogeessota Dhaabbilee Fayyaa tajaajilichi keessatti eegalamuuf jiruu murteessaadha.

Dhibeen Vaayirasii Tiruu (Hepatitis) jedhamu dhukkuba Vaayirasiin dhufu ta'ee dhibee Tiruu namaa hubuun miidhaa qaqqabasiisudha. Dhibeen Vaayirasii Tiruu kun vaayirasii gosa Shaniin (A,B,C,D fi E) kan dhufu yoo ta'u bal'inaan kan beekamaniifi miidhaa geessisaa kan jiran vaayirasii gosoota B fi C akka ta'e qorannooleen garaagaraa ni mul'isu. Dhibeen kanaan addunyaa irratti waggaatti namoonni biiliyoona 2-3 ta'an kan qabaman yoo ta'u namoonni miiliyoonni 2.4 caalan ammoo du'aaf ni saaxilamu.
Biyya keenyattis namoonni hedduun dhibee Vaayirasii Tiruu kanaan kan qabamaniifi du'aaf saaxilamaa kan jiran yoo ta'u hanga har'aatti xiyyeeffannoo barbaachisuu argatee akka hin jirre Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Gushaa Balakkoo himaniiru. Itoophiyaa keessatti namoonni kuma dhibba 862 ol dhibee kana waliin kan jiraatan ta'uu kan dubbatan Dr Gushaan namoonni umurii 30-45 jidduutti argaman baay'inaan kan qabaman ta'uu himaniiru.
Dhibeen Vaayirasii Tiruu namoota hedduu du'aatiif saaxilaa kan jiru ta'us sababa hubannoon hawaasaas ta'ee ogeessa fayyaa laafaa ta'uu, qoollifannaa namoota dhibee kana waliin jiraatan irra ga'u, hanqina leecalloo, imaammataafi xiyyeeffannoo gahaa argachuu dhabuu, baasiin yaalaa dhibichaafi qorichaa qaalii ta'uu fi qorannoon dhibee kana irratti jiru baay'ee xiqqaa ta'uun dhibichi akka babal'atu taasiseera jedhan.
Dhibichi biyya keenya keessatti dhibbeentaa 10(%) babal'ataa kan jiru yoo ta'u namoota vaayirasiin HIV/AIDS'n dhiiga isaanii keessatti argamu irratti miidhaan isaa akka hammaatu ibsameera.
Yeroo ammaa jedhan Dr Gushaan mootummaan ittisaafi to'annoo dhibee kanaaf irratti xiyyeeffachuun hooggantootaafi ogeessotaaf leenjiifi hubannoo kennuun Hospitaalota Naannicha keessa jiran 16 keessatti eegaluuf qophii barbaachisu kan xumure yoo ta'u yeroo gabaabaa keessatti hospitaalota hunda keessatti babal'isuuf hojjetamaa jira jedhan.
Guyyaa har'aas hooggantootaafi ogeessota hospitaalota tajaajilli dhibee Vaayirasii Tiruu keessatti eegalamuuf waltajjiin hubannoo uumuu magaalaa Adaamaatti kennamee jira. Hanga yoonaa sababa qorichi dhibee kana yaaluuf oolu hin argamiiniif tajaajilli yaala isaa kan ture ta'us yeroo ammaa Ministeera Fayyaa Federaalaa waliin ta'uun hojii hojjetameen qorichi waan argameef yaaliin isaa jalqabuuf akka ta'e Dr Gushaan eeraniiru.
Hojiin xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qabu hojii hubannoo uumuu, kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta'aniif talaalli akka kennamu taasisuu, namoonni gara mana yaalaa deemuun qorannoo akka taasisaniifi yaala akka argatan taasisuu akka ta'e Dr Gushaan kaasaniiru.
Tajaajilli dhibee Vaayirasii Tiruu eegalamu kun akka milkaa'uuf gaheen Hooggantootaafi Ogeessota Hospitaalota tajaajilli kun keessatti eegalamuu baay'ee murteessaa ta'uu himuun Biiroon Fayyaa deeggarsaafi hordoffii barbaachisu akka taasisu ibsaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
"Milkaa'ina karoora bara 2016tiif xiiqiidhaan hojjechuun murteessaadha" Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO

Gamaaggamni raawwii hojii bara 2015 fi boqonnaan qophii karoora bara 2016 hojiiwwan Mootummaa fi Paartii magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjii kana irratti argamuun akka dubbatanitti bara 2015 keessatti humnoota waloo qindeessuudhaan hojii hojjetamaa tureen milkaahinoonni hedduun akka argame himuun milkaahinoota argaman kanneen caalmaatti itti fufsiisuudhaan bara itti aanu injifannoo dachaa galmeessuudhaaf xiiqiidhaan hojjechuu qabna jedhaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa hooggansi sadarkaan jiru fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojii isaa ariitii fi kalaqaan dabaalee hojjechuu akka qabu ibsuudhaan galma gahiinsa karoora qabameetiif qaamni hunduu xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuu akka qabu ibsaniiru.
Waltajjiin gamaagga raawwii hojii bara 2015 fi boqonnaa qophii karoora bara 2016 hojiilee Paartii fi Mootummaa kun guyyoota sadihiif kan gaggeeffamu akka ta'es ibsameera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Waggoottan arfan darbanitti hojii tajaajila lammuummaatiin hojiin Qar Biiliyoona 163.4tti tilmaamamu hojjetameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina biyyaa ariifachiisuun biyya cimtuu ijaaruun dhaloota dhaalchisuuf duudhaa ganamaa Oromoon qabutti deebi’uun murteessaa ta’uu hubachuun hojii tajaajila lammummaa labsuun hojii qabatamaatti galuun bu’aawwan hedduun galmaa'eera. Hojiin tajaajila lammummaa labsiidhaan deeggarame hojiirra akka oolu taasifamuu isaatiin hawaasni hojii misoomaa waloodhaan akka raawwatufi irraa fayyadamaa ta’u kan taasise ta’uu Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Maallaqa Oromiyaafi Itti Gaafatamaan Damee Tajaajila Lammummaa Dr Mohaammadnaasir Abbaajamaal ibsa addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiif kennaniin himaniiru. Uummanni misooma waloof qabu tajaajila lammuummaadhaan eeggattummaa malee misooma adda addaa keessatti hirmaachuu isaatiin misoomni baajata guddaa gaafatu hirmaannaa ummataatin hojjetamaa jira. Hojiin tajaajila lammummaa akka Naannoo Oromiyaatti waggaa arfan keessatti hojjetameenis qaawwa Mootummaan qabu duuchuun imala badhaadhinaa qabame itti fufsiisuu keessatti shoora olaanaa taphachaa kan jiru ta’uus eeraniiru.
Hojiin tajaajila lammummaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan dhufe yoo ta’u, Bar 2012 qarshii miliyoona 13.6, Bara 2013 qarshii biliyoona 26.4, bara 2014 qarshii biliyoona 49.22fi bara 2015 qarshii biliyoona 72.2 tilmaamamu hojiin tajaajila lammummaa kan hojjetame yoo ta’u waliigala waggaa arfan darbanitti hojii tajaajila lammummaa qarshii biliyoona 163.4 tilmaamu hojjetameera. Kun ammoo qaawwa mootummaa duuchuun misooma waloo ummanni qabuu akka raawwatamu kan taasiseedha. Uummannis misooma waloof tumsi gochaa jiru akka dabaluufi aadeeffatu taasisee jira.
Bara kana qofa hojii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu’ura boruu 6,000 ijaaruuf karoorfamee manneen barnootaa 6,081 ijaaramuun dhaloonni keessatti qaramaa jira.Akka waliigalaatti labsiin tajaajila lammummaa erga labsame as dareen dabalataa kuma 50 ol kan ijaaraman yoo ta’u qulqullinni barnootaa dabaluuf hojii hojjetamaa jiru keessatti nyaata barataaf dhiyeessuu,kitaaba wabii deeggarsaan kennuu,mana kitaabaa ijaaruu,mana barsiisaa ijaaruufi kkf hojii tajaajila lammummaatiin hojjetame heddu iirraa bu’aa olaanaan kan argame ta’uu ibsameera.
Gama seektara fayyaatiin hojiileen hojjetaman heddu akka ta’anis ibsameera. Aadaa wal gargaarsa jiru cimsuun manneen jireenyaa harka qalleeyyii heddu kan ijaarame yoo ta’u lammiileen daandirra jiran mana jireenyaa akka argataniifi jireenya fooyya’aa akka itti fufan taasifameera. Sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa tokkoffaatiin biqiloota biliyoona 13.6 ol dhaabuun seenaan kan hojjetamee ta’uu eeruun bara kanas biqiltuu biliyoona 4.5 tajaajila lammummaatiin dhaabuuf qophiin xumuramaa kan jiru ta’uu Dr Mahaammadnaasir ibsaniiru. Uummanni duudhaa ganamaa Oromoon qabu cimsachaa misooma waloo isaatiif tumsa taasisaa jiru itti fufsiisuu akka qabus dhaamaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Hojiin Ashaaraa Magariisaa hojii yeroo tokkoo osoo hin taane hojii biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuti!

Addunyaan keenya sababa jijjiirama qilleensaatiin rakkoowwan garaa garaatiif saaxilamaa jirti. Sababa mancaatii bosonaatiin haalli qilleensaa jijjiiramee gammoojjummaan babal'achuun, dhiqamni biyyee hammaatee oomishaaf oomistummaan xiqqaachuufi rakkoowwan walxaxaan dhala namaa dabalatee jireenya lubbu qabeeyyii hunda irratti dhiibbaa fidaa jira. Dhimmi kun, qormaata Addunyaa guutuu waan ta'eef furmaanni isaas hirmaannaa uummata addunyaa hundaa kan gaafatu ta’uun hubatamee jira. Keessumaa kaayyoo adda addaaf ciramuun bosonaa, dhiqamuun biyyee hammaachuufi aarri warshaalee Induustiriiwwan gurguddaa biyyoota guddataniin gadi lakkifamu qilleensa faaluun jijjiirama qilleensaa hammeessee gaaga'ama hamaaf ardii keenya saaxilaa jira. Jijjiiramni qilleensaa addunyaa keenya muudachaa jiru kun biyyoota guddachaa jiran irratti ammoo miidhaan isaa daran hammaataadha.
Faalama qilleensaa yaaddoo addunyaa ta’e kana furuuf falli biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu hojiiwwan hojjetaman bu'aa teknoloojiitiin bakka buusuu akka ta’e rogeeyyiin eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa, hayyoonniifi hooggantoonni biyyootaafi dhaabbilee Idil-Addunyaa irratti walii galuun tarkaanfileen garaa garaa fudhatamaa jiru. Dhimmi jijjiirama qilleensaa dhimma madaala uumamaa dabsuun ittifufiinsa dachee irra jiraannu yaaddoo keessa galchuun furmaata hatattamaa barbaadu waan ta'eef galmoota gurguddoo guddina itti fufiinsaa mirkaneessuu keessatti haammatamee hojjatamaa jira.
Biyyi keenyas jijjiirama qilleensaa yaaddoo Addunyaa ta’e kana xiqqeessuuf Inisheetiiviin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummee Ministeeraa FDRI Dr Abiyyi Ahimadiin labsamuun waggoottan arfan darban uummata keenya waliin hojjetaa turre milkaa'inoota ajaa'ibsiisaa ta'an galmeessisuu dandeenyee jirra. Hojiin waggoottan arfan darbaniif akka naannoofi biyyaatti hojjetaa turres biyya keenya sadarkaa Idil-Addunyaatti injifannoo gaarii gonfachiiseera. Uummata naannoo keenyaa hunda Ashaaraa keessan yeroo hunda yaadatamaa jiraatu kaa'uun maqaan biyya keenyaa sadarkaa idil-addunyaatti olka'ee akka waamamu taasisuu keessaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galataafi kabaja guddaa isiniif qaba.
Haata'u malee, hojiin biyya keenya magariisummaa uwwisuu hojii waggoota muraasa qofa hojjetamee dhiifamu osoo hin taane biyya magariituufi mijattuu dhaloota dhaalchisuu waan ta'eef hojii itti fufiinsaan qindoominaafi hirmaannaa keenya hundaa barbaadudha.
Kanaafuu, Oromiyaa magariisa uwwisuun ergama guddaa dhaloota egeree biyya badhaate dhaalchisuu ta’uun hubatamee biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun karaa fakkeenyummaa qabuun aadaa ta'ee itti fufuu qaba. Dhaabbii biqiltuu biiliyoona 1.91 dhaabuun eegalame, waggoota muraasa keessatti biqiltuuwwan gosa garaa garaa biiliyoona 14 dhaabuun seenaa haaraa kan galmeessine yoo ta'u biqiloota dhaabaman keessaas 84.95% latuu danda'aniiru.
Muuxannoowwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baroottan darban irraa arganne galtee godhannee Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiifis akka biyyaatti biqiltuuwwan gosa garaa garaa biliyoona 6.5 dhaabuuf karoorfame keessaa naannoo keenyaatti biqiltuu biliyoona 4.5-tu dhaabama. Kanaafis, akka naannoo keenyaatti qophii ga'aa kan taasfneefi biqiltuun dhaabamus kanneen eegumsa biyyoofi bishaanii akkasumas nyaataaf ooluun bu'aa dabalataa qaban qopheessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa tureera.
Biyyaafi naannoo keenya magariisummaa uwwisuun jijjiiramaafi faalama qilleensaa ittisuun cinatti dinagdee magariisaafi damdamataa ijaaruuf gahee bakka hin bu'amne waan qabuuf uummanni keenya injifannoo irratti injifannoo galmeessuun aadaa isaa ta'e kaka'umsa olaanaadhaan tumsa ajaa'ibsiisaa agarsiisaa turtan cimsitanii itti fufuun karoora dhaabbii biqiltuu bara kana qabanne akka milkeessinu waamicha koon dhiyeessa.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii, 2015
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Pirojektoota misoomaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuruun fayyadamummaa uummata mirkaneessuuf murteessaadha.

Wantoota guddina biyya tokkoo saffisiisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan keessaa tokko bu'uuraalee misoomaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuruun tajaajilaaf akka oolan taasisuudha. Badhaadhina hunga galeessa mirkaneessuunis pirojektoota misoomaa jireenya hawaasaa salphisaniin alatti hin yaadamu. Hawaasni waan oomishe gara gabaatti geeffachuuf, mana yaalaa deemuuf, hojiin isaa saffisaafi qulqullina akka qabatuuf, bishaan qulqulluu argachuuf, barachuun addunyaa waliin dirgomuuf bu'uuraaleen misoomaa haalaan murteessoodha. Gama biraan pirojektoonni qulqulinaafi baay'inaan yeroo qabameef keessatti xumuramuun ijaarsa biyyaa milkeessuu keessattis gumaacha bakka bu'insa hin qabne qabu. Biyyaafi naannoo keenyatti kanaan dura pirojektoonni harkifachuun biyya baasii hin malleef saaxilaa turaniiru; madda rakkoo bulchiinsa gaarii hammaataas ta'uun uummataafi mootummaa walitti buusaa turaniiiru.
Waggoota shanan darbaniin asitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee gama kanaan turan bu'uura irraa furuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira. Pirojektoota gurguddoofi misooma hawaasaa keessatti hiikkaa guddaa qaban yeroo gabaabaa keessatti qulqullina olaanaan xumuruun danda'ameera. Kanaanis rakkooleen bulchiinsa gaarii hedduun furamanii jiru; muuxannoo guddaanis argameera. Muuxannoo waggoota Shanan darban argaman kanneen caalaatti cimsuun pirojektoota madda komii hawaasaa ta'an furuun barbaachisaadha.
Bara kanas pirojektoonni gosa garaa garaa baajeta mootummaa, mit-mootummaafi hirmaannaa uummataatiin ijaaramaa kan jiran yoo ta'u kanneen xumuraman marsaa lamaan xumura ji'a kana irraa eegalee eebbisiisuuf hojjetamaa jira. Pirojektoonni hojjetaman qulqullinni isaanii eegamee fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf akkuma mootummaan xiyyeeffannoo kennee jiru uummannis deeggarsa barbaachisaa taasisuu qaba.
Odeeffannoo Dabalataa argachuuf; WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Obbolummaa Sabdaneessa bu'uura cimaa irratti ijaaruun Finxaalessummaa dhabamsiisaa ijaarsa biyyaa itti fufsiifna.

Itoophiyaan qormaatilee keessaafi alaa hedduu injifachaa birmadummaafi tokkummaa ishee eeggachuun har’a gahuu kan dandeesse tokkummaa sabootaafi sablammootaa bu’uura cimaa irratti ijaarameen akkasumas hariiroo jabaa jidduu isaanii jiruufi wareegama biyya isaaniif jecha gamtaan kaffalaa turaniinidha. Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa afaan, aadaa, duudhaa, amantaafi eenyummaa garaagaraa qabaatanis hariiroon obbolummaafi waliin jireenyaa, jaalalli biyya isaaniif qabaniifi wareegamni biyya isaaniif jecha kaffalaa turan garaagarummaa kanaan kan daanga’e miti. Inumaayyuu, garaagarummaa kana madda miidhaginaafi ciminaa taasifachuun weerartoota birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf aggaamaa turan hunda irree tokkummaan ofirraa qolachuun ashaaraa gootummaa yeroon hin jijjiirre dhaloota dhaalchisaniiru. Ashaaraan gootummaa abbootii keenyaan bu’uurame kunis dhaloota har’aaf madda sabboonummaa ta’uun tajaajilaa kan jiru, tokkummaan bu’uura injifannoo ta’uus kan mirkaneessedha.
Tokkummaafi obbolummaan sabootaafi sablammootaa kun sirnoota kaleessaa, hariiroofi obbolummaa sabootaaf osoo hin taane dantaa murnaafi fedhii aangoo isaaniif dhiphataniin qoramaa kan ture yoo ta’u, har’a ammoo finxaleyyii fedhii walitti bu’insaa, jeequmsaa, nagaafi tasgabbii dhabuu biyyaa irraa bu’aa argachuuf hojjetaniin qormaata keessummeessaa jira. Ta’us, bu’uurri obbolummaan sabdaneessaa Itoophiyaan irratti ijaaramte rakkoowwan garaagaraan kan qoramu ta’us, qormaatilee kana injifachuun biyya badhaateefi kabajamte akka ijaaru shakkiin hin jiru.
Biyyi keenya Itoophiyaan biyya rakkoowwaniifi qormaatilee hedduu keessa dabartee as geesse ta’uun ishee akka biyyaatti dhimmoota tokko tokko irratti waliigalteen osoo hin uumamiin akka turu taasiseera. Finxaaleyyiin dhimmoota akka biyyaatti waliigalteen irratti hin uumamne kanatti fayyadamuun sabaafi saba, amantaafi amantaa, naannolee ollaa walii ta'an gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf dhagaan isaan hin galagalchine hin jiru.
Yeroo ammaa mootummaan bu’ura Ida’amuutiin waldhabdeewwan seenaafi siyaasaa turan hunda dhiifama, mariifi araaraan furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Komishinii Araara Biyyoolessaa hundeessuun hojii guddaa hojjechaa jira. Gama biraan biyya keenyatti obbolummaa sabdaneessa federaalizimii sabdaneessaan utubame cimsuu, sirna dimokiraasii ijaaruu, mirga ofiin of bulchuu sabootaafi sablammootaa bu’uura seeraan dhugoomsuu, madaala eenyummaa sabummaafi biyyoolessaa eeguun tokkummaa biyyaa cimsuu, badhaadhina dinagdee mirkaneessuun fayyadamummaa dinagdee lammiilee haqa qabeessa dhugoomsuufi dhaabbilee ciccimoo ijaaruun biyya hundaaf mijatte uumuuf hojjetamaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas naannoon keenya naannoo nagaafi tasgabbiin keessatti mirkanaa’e, obbolummaafi waliin jireenyi sabootaa keessatti dagaage, naannolee ollaa waliin hariiroo gaariin uumame, olaantummaan seeraa keessatti kabajame, ilaalchiifi gochi finxaaleyyii bakka dhabe taasisuuf xiyyeeffaannoo olaanaan hojjechaa jira.
Haata’u malee, Finxaaleyyiin sabaafi amantaa jala dhokachuun bu’aa sabaafi amantaa kamiyyuu akkasumas dantaa biyya giddugaleessa hin godhanne argachuuf keessaafi alaan qindaa’anii hojjetan kunneen kaayyoo isaanii isa dhumaa sirnaafi biyya diiguu galmaan ga’achuuf sabaafi saba, amantaafi amantaa walitti buusuuf, hooggansa jidduutti walshakkii uumuufi addaan qoqqooduun mootummaa dadhabsiisuuf olola sobaa, duula jibbinsaafi maqa balleessii facaasuu hojii isaanii guyyaa guyyaa taasifatanii hojjetu.
Uummanni Oromoos akkuma kaleessa saboota, sablammootaafi uummattoota obbolaa waliin ta’uun birmadummaafi tokkummaa Itoophiyaa irree gamtoomeen tiksaa Itoophiyaan injifannoo gonfachaa akka itti fuftu taasisaa ture, har’as sabaaf sablammoota waliin obbolummaa isaa caalmaatti cimsachuufi federaalizimii sabdaneessa jabeessuun injifannoo qabsoofi wareegamaan gonfate tikfataa ilaalchaafi gocha finxaalessummaa dhabamsiisuun biyya badhaadhina hundagaleessa milkeessite uumuuf gumaacha taasisaa tureefi jiru cimsee itti fufuu qaba.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Caamsaa, 2015 Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootaa olaanaadha Aadde Saamiyaa Abdallaa.

Jijjiirama akka biyyatti dhufe keessatti dargaggoonni biyya keenyaa gahee adda durummaa bahatanii jiru. Dargaggoonni keenya jijjiiramni siyaasaa biyya keenyatti akka dhufu taasisuu qofa osoo hin taanee jijjiiramichi qormaatawwan hedduu keessa darbee milkaa'inoota hedduu akka galmeessuuf gahee isaan irraa eegamu bahachaa jiru. Mootummaanis hirmaannaa dargaggootaa gama hundaan mirkaneessuun fayyadamummaa dargaggootaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jira. Milkaa'inaafi fayyadamummaa dargaggootaa gama siyaasaan argame gama dinagdeetiinis dabaluuf mootummaan dinagdee keessatti tarsimoo hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa dhugoomsu bocuun hojjetaa jira.
Bu'uuruma kanaan dargaggoon gahee ijaarsa biyyaa keessatti qabu hubatee kallattii hojii itti aanuuf akka of qopheessuuf yaadamee konfiransiin dargaggootaa geggeeffamaa jira. Godina Buunnoo Beddelleettis konfiraansiin dargaggootaa marsaa 13ffaan dargaggoota aanaalee godinichaa hirmaachisuun geggeeffameera. Dargaggoonni kunneenis hojiiwwan misoomaaf fayyadamummaa dargaggootaa irratti hojii hojjetamaa jiruuf galateeffataniiru. Mootummaan dhaabbileef warshaalee carraa hojii bal'inaan uuman gara godinichaa akka dhufan taasisuuf bakkeewwan oolmaa dargaggootaa akka ijaaramaniif gaafataniiru.
Dargaggoonni qabsoo cimaa taasisuun jijjirama fidan kana utubuufi badhaadhinni hundagaleessi akka mirkanaa'u akkasumas ijaarsa biyyaa keessatti ciminaan gahee isaanii bahuu akka qaban himameera.
Hojiiwwan misoomaaf guddina dinagdee mara keessatti dargaggoonni ijaaramaaf dhuunfaan akka hirmaataniif hojjetamaa kan jiru yoo ta'u dargaggoota hojii mataa isaanii uummachuun hojjetaniif dhiyeessiin maashinaafi faayinaansii taasifamaa jira.
Hoggantuun Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa Itoophiyaan lafeef dhiiga ilmaan Oromoon ijaaramtee osoo jirtuu seenessa sobaan Oromoon biyyasaarraa fageeffamaa turee jedhan. Itoophiyaa ofii ijaare kana keessattis walqixxummaaf sabdaneessummaa dagaagsuuf qabsoo cimaa taasisee jijjiirama biyya diigumsarraa baraaru argamsiisee jedhan.
Dargaggoonni qabsoo kana keessatti aarsaa guddaa kanfalanis seenessa sobaa ture dhugaan bakka buusaa, seenaa guddinaa, tokkummaaf badhaadhinaa galmeessuufis dandeettif beekumsa qabuun hojjechuu qabaa dhaaman. Sochii hawaas-diinagdee dargaggoitaa guddisuuf hojjetamuufis mootummaan ciminaan hojjeta kan jedhan aadde Saamiyaan, bakkeewwan oolmaa dargaggootaaf dirree ispoortii babal'isuufis kan hojjetamu tahuu eeraniiru. WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
Barsiisummaan ogummaa kabajamaa dhaloota beekumsaafi dandeettii gonfachiisudha." Shimallis Abdiisaa, PMNO

Icciitiin qaroomina addunyaafi milkaa'ina biyyoota dureeyyii xiyyeeffannoo barnootaaf kennan ta'uu wal nama hin gaafachiisu. Barnoota babal'isuu, qulqullina isaa mirkaneessuu dandeettii barsiisotaa cimsuufi kabaja ogummaa barsiisummaa guddisuun badhaadhina biyya keenyaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaata.
Babal'inaafi qulqullinni barnootaa Naannoo keenyaa sadarkaa har'a irra jiru gahuuf daandii dheeraa kan deemame yoo ta'u qaamonniifi qooda fudhattoonni hedduun aarsaa kaffalaniiru. Qaamota kanneen keessaa abbaa bu'uura ogummaa hundaa kan ta'an barsiisonni keenya ammoo gumaacha adda durummaafi seenaan hin daganne bahaniiru.
Barsiisonni Naannoo keenyaa aarsaa qaalii kaffaluun dheebuu barnootaa uummanni Naannoo keenyaa yeroo dheeraaf qabaachaa ture deebisuuf dirqama dachaa bahachaa akka turaniifi jiran eenyu jalaa kan dhokatu miti. Kunis, gama tokkoon sirnoonni duraan turan uummata keenya barnoota irraa dhiibuun dukkana wallaalummaa keessatti akka hafuuf hojjetaa turan injifachuun uummata keenya beekumsa gonfachiisuu danda'aniiru. Gama biraan ammoo bakka haalli mijataa hin jirre hunda keessatti haalli naaf mijachuu qaba osoo hin jedhiin lammii isaanii qaruuf aarsaa kaffaluun dirqamni barsiisonni keenya bahachaa turaniifi jiran daran guddaadha.
Aarsaan barsiisonni keenya kaffalaa turaniifi dirqamni lammummaa isaan bahachaa jiran dhaloota baratee har'a Oromiyaa fi biyya ijaaraa jiru kana uumuu danda'ee waan jiruuf hunda keenya kan boonsu yoo ta'u Mootummaan Naannoo Oromiyaas barsiisota keenyaaf kabaja guddaa qaba.
Barsiisummaan ogummaa kabajamaa akka biyya keenyaatti qofa osoo hin taanee akkuma addunyaattuu ogummaa doofummaa balleessuun dhaloota beekumsa gonfachiisudha. Barsiisaafi ogummaa barsiisummaaf kabaja barbaachisu kennuun doofummaa dhabamsiisuun dhaloota beekumsa gonfatee rakkoo uummata isaa furuu danda'u uumuuf murteessaadha. Kanaaf akka Naannoo keenyaatti mata duree “Barsiisummaan Haadhoo Ogummaa Hundaati” jedhuun Torban kabaja Barsiisaa kabajamaa kan jiruuf.
Naannoo keenya keessatti waggoottan darban keessatti hojii waliin gahinsa barnootaa mirkaneessuuf hojjetame keessatti qoodni barsiisonni keenya bahachaa turan salphaa miti. Har'as dhaloota ga'umsa, ofitti amanamummaa qabuufi abdi egeree biyyaa ta'e uumuuf hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Ormiyaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiru keessatti barsiisonni gahee adda durummaa isaanii cimsanii akka itti fufan dhaamuun barbaada.
Barsiisonni jijjiirama biyya keenyatti dhufe keessatti karaa tokkoon dhaloota dammaqaa jijjiirama fedhu barsiisuun karaa biraan sirni walqixxummaafi obbolummaa sabootaa dhiibu diigamuun sirni dimokiraasii akka ijaaramuuf ofii keessatti hirmaachuun qooda dachaa kan qaban yoo ta'u ammas jijjiiramichi qormaatilee keessa darbuun badhaadhina biyya keenyaa akka mirkaneessuuf gahee adda durummaa isaanii bahachuu qabu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haalli baruufi barsiisuu bu'aa qabeessaafi lammii dorgomaa ta'e oomishuuf akka dandeessisuuf qooda fudhattoota barnootaa hunda waliin qindoomina olaanaan kan hojjetu yoo ta'u dandeettiifi gahumsa barsiisotaa guddisuuf rakkoo isaanii hiikuuf akkasumas barsiisotaaf haala mijataa uumuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetu ta'uu ibsaa baga guyyaa barsiisotaa geessan jechuun barbaada. WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Oromiyaa ni ijaarra
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina
Waaqnis nu gargaara
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bitootessa 23, 2015
Finfinnee
------>facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>Twitter: https://www.twitter.com/OromiaBureau
------>YouTube: https://www.youtube.com/@BKONews
------>TikTok: https://www.tiktok.com/@orocyber
------>Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>kallachaOromia: https://web.facebook.com/KallachaGaazexaa
