Duudhaalee Federaalizimii Sabdaneessaa idileessuun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf murteessaadha!
Itoophiyaan biyya Saboota, Sablammootaafi Ummattoota hedduu Gaanfa Afrikaati. Lammileen Itoophiyaa biyya isaanii wareegamaan tiksanii har’aan ga’an keessatti mirga ofiin of bulchuu gonfatan jalattti afaan, aadaafi seenaan isaanii dhugaan mirkanaa’eefii arguu barbaadu. Kun ammoo sirna federaalizimii sabdaneessaa diimokiraasiin utubame hojii irra oolchuu qofaan mirkanaa'a. Sirni Federaalizimii sab-daneessaa duudhaalee Af-daneessummaa, Aad-daneessummaa, seen-daneessummaa, heddumina amantaa, danummaa ilaalchaafi yaadiddamaafi kanneen kana fakkaatan of keessatti hammata. Ta’us garuu duudhaaleen kunneen sirnaawuu dhabuun biyya keenya jeeqama siyaasaafi gaagama diinagdeef saaxilee ture. Sirni wal qixxummaa sabootaafi sab lammootaa kabaju akka hundaahuuf qabsoo barattoonniifi qonnaan bultoonni taasisaniin sirni mootii kufus, sirni Dargii aangoo jiddu galeessaa qabate gaaffii lafaa deebisuuf yaalus gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaa sabootaa deebisuu hin dandeenye. Kunis qabsoon lammilee Itoophiyaa akka itti fufuuf balbala saaqe. Qabsoo taasifameenis sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun guyyaan Heerri Mootummaa FDRI itti raggaasifame Sadaasni 29/1987 waggaa waggaan kabajamuu eegale.
Qabsoo wal qixxummaafi hiree ofii ofiin murteeffachuuf uummanni biyya keenyaa taasiseen kufaatii mootummaa Dargii booda kan hundaa’e sirna ADWUI jalattis gaaffin dimokiraasii fi Walqixxummaa Sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee dimokiraasii dhugaa irratti waan hin ijaaramneef fincila yeroo adda addaa keessummeessuun burkutaa’ee hoggansi haaromsaa akka dhalatuuf sababa ta’eera. Injifannoo qabsoo ummataan argame dimokiraasii dhugaa dabaaluun biyya jabduu sirna jabaa qabdu ijaaruu galma kan godhate hoggansi jijjiiramaa, gaaffii uummataa kudhaammatee, giddu seentummaa tokko malee naannooleen ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee gaaffii uummanni barootaaf gaafachaa turan, garuummoo deebii dhaban deebisuun naannoleen haaraan bu'uura heera mootummaan akka hundeeffaman ta’ee jira. Kunis federaaliziimii sabdaneessiifi dimokiraasii dhugaan hojii irra oolaa jiraachuu kan mirkaneessedha.
Gaaffii bule hunda deebifnee biyya hunda keenyaaf taatu ijaaraa jirruuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaa ta'uu akeeka. Waan ta'eef Guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga'e kabajna. Lammileen Itoophiyaas dibaabee biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru guyyaa itti calaqqisiisanidha. Mootummaanis mirga heerri mootummaa isaan gonfachiise osoo hin sharafamin Saboonni, Sablammoonnifi Ummattoonni akka itti fayyadamaniif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira. Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 17ffaaf bara kana mata duree "Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf" jedhuun kabajamus imala jijjiiramaa jalqabneef bu’ura cimaa kan kaa’udha.
Guyyaan saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa kabajamuus obbolummaafi tokkummaa jiru daran cimsuu bira darbee ilaalcha biyyaalessummaa ijaaruu keessatti taatee angafummaan gumaacha taasisedha. Kana malees, agarsiifni aadaa, duudhaa fi safuu dirree tokko irratti taasifamu kun wal dinqisiifachuu, jaalala ture daran itichuufi muuxxannoo wal jijjiiruu keessatti walitti hidhaminsi gaariin akka uumamu taasiseera. Kanaanis eenyummaa dhugaan Itoophiyaanotaa kun dirree tokko irratti tokkummaan miidhagee yoo mul’atu Ummata Addunyaa biratti maqaa gaarii biyya keenya ol kaasee kan mul’isuu fi tuuristoota hawwachuun utubaa dinagdees ta’ee jira..Read more
Itoophiyaan biyya Saboota, Sablammootaafi Ummattoota hedduu Gaanfa Afrikaati. Lammileen Itoophiyaa biyya isaanii wareegamaan tiksanii har’aan ga’an keessatti mirga ofiin of bulchuu gonfatan jalattti afaan, aadaafi seenaan isaanii dhugaan mirkanaa’eefii arguu barbaadu. Kun ammoo sirna federaalizimii sabdaneessaa diimokiraasiin utubame hojii irra oolchuu qofaan mirkanaa'a.
Sirni Federaalizimii sab-daneessaa duudhaalee Af-daneessummaa, Aad-daneessummaa, seen-daneessummaa, heddumina amantaa, danummaa ilaalchaafi yaadiddamaafi kanneen kana fakkaatan of keessatti hammata. Ta’us garuu duudhaaleen kunneen sirnaawuu dhabuun biyya keenya jeeqama siyaasaafi gaagama diinagdeef saaxilee ture. Sirni wal qixxummaa sabootaafi sab lammootaa kabaju akka hundaahuuf qabsoo barattoonniifi qonnaan bultoonni taasisaniin sirni mootii kufus, sirni Dargii aangoo jiddu galeessaa qabate gaaffii lafaa deebisuuf yaalus gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaa sabootaa deebisuu hin dandeenye. Kunis qabsoon lammilee Itoophiyaa akka itti fufuuf balbala saaqe. Qabsoo taasifameenis sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun guyyaan Heerri Mootummaa FDRI itti raggaasifame Sadaasni 29/1987 waggaa waggaan kabajamuu eegale.
Qabsoo wal qixxummaafi hiree ofii ofiin murteeffachuuf uummanni biyya keenyaa taasiseen kufaatii mootummaa Dargii booda kan hundaa’e sirna ADWUI jalattis gaaffin dimokiraasii fi Walqixxummaa Sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee dimokiraasii dhugaa irratti waan hin ijaaramneef fincila yeroo adda addaa keessummeessuun burkutaa’ee hoggansi haaromsaa akka dhalatuuf sababa ta’eera.
Injifannoo qabsoo ummataan argame dimokiraasii dhugaa dabaaluun biyya jabduu sirna jabaa qabdu ijaaruu galma kan godhate hoggansi jijjiiramaa, gaaffii uummataa kudhaammatee, giddu seentummaa tokko malee naannooleen ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee gaaffii uummanni barootaaf gaafachaa turan, garuummoo deebii dhaban deebisuun naannoleen haaraan bu'uura heera mootummaan akka hundeeffaman ta’ee jira. Kunis federaaliziimii sabdaneessiifi dimokiraasii dhugaan hojii irra oolaa jiraachuu kan mirkaneessedha. Gaaffii bule hunda deebifnee biyya hunda keenyaaf taatu ijaaraa jirruuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaa ta'uu akeeka. Waan ta'eef Guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga'e kabajna.
Lammileen Itoophiyaas dibaabee biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru guyyaa itti calaqqisiisanidha. Mootummaanis mirga heerri mootummaa isaan gonfachiise osoo hin sharafamin Saboonni, Sablammoonnifi Ummattoonni akka itti fayyadamaniif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira. Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 17ffaaf bara kana mata duree "Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf" jedhuun kabajamus imala jijjiiramaa jalqabneef bu’ura cimaa kan kaa’udha. Guyyaan saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa kabajamuus obbolummaafi tokkummaa jiru daran cimsuu bira darbee ilaalcha biyyaalessummaa ijaaruu keessatti taatee angafummaan gumaacha taasisedha. Kana malees, agarsiifni aadaa, duudhaa fi safuu dirree tokko irratti taasifamu kun wal dinqisiifachuu, jaalala ture daran itichuufi muuxxannoo wal jijjiiruu keessatti walitti hidhaminsi gaariin akka uumamu taasiseera. Kanaanis eenyummaa dhugaan Itoophiyaanotaa kun dirree tokko irratti tokkummaan miidhagee yoo mul’atu Ummata Addunyaa biratti maqaa gaarii biyya keenya ol kaasee kan mul’isuu fi tuuristoota hawwachuun utubaa dinagdees ta’ee jira.Read more
Biyya tokko keessatti Mootummaan eeyyantaa uummataan aangoo qabate guddina siyaas-diinagdeefi badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuufi tajaajila si'ataa, haqa qabeessaafi qulqulluu ta'e kennuun dirqama malee dhimma akka kennaatti ilaalamu miti. Hawaasni ammoo ulaagaa tajaajila argachuuf isa dandeessisu guuttachuun manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran irraa tajaajila barbaadu argachuun mirga isaati. Kanaaf, manneen hojii mootummaa abbaa dhimmaa ulaagaa isarraa barbaachisu guuttatee dhufeef seera, labsiifi qajeelfama manni hojichaa qabu bu'uureffachuun tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama akka qaban beekamaadha. Waggoottan arfan darbaniin asitti jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixa baasuufi Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hojiiwwan babal'aan hojjetamaa jiru. Keessumaa, dirree siyaasaa bal'isuu, carraa gaarii biyyi keenya qabdu adda baasuun dinagdee cimaa ijaaruu, qonna ammayyeessuun oomishaaf oomishtummaa guddisuu, biyya lammii hunda walqixa keessummeessitu uumuu, nageenya waaraa mirkaneessuufi hojiiwwan hariiroo uummattoota biyyattii jabeessan hedduun hojjetamaniiru. Haata'u malee, hojiiwwan gama hundaan hojjetaman kenna tajaajilaa si'ataa, qulqulluu, haqa qabeessaafi hanna irraa bilisa ta'een yoo hin deeggaramiin bu'aa qabeessa ta'uu hin danda'u. Rakkoon kenna tajaajilaa qormaatilee imala jijjiiramaa biyyi keenya eegaltee jirtutti gufuu guddaa ta'aa jiran keessa tokko dha.
Naannoo Oromiyaa keessattis kenni tajaajilaa rakkoo guddaa akka qabu mootummaan qorannoo bal'aa taasisuun adda baasee jira. Akka bu'aan qorannichaa agarsiisutti manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessatti kenni tajaajilaa iftoomina, haqummaafi qulqullummaa kan hin qabne, abbaa dhimmaa kan deddeebisu, tajaajila argachuun mirga abbaa dhimmaa ta'uu kan hin hubanne, hannaan kan guutameefi teknoloojiin kan hin deeggaramne ta'uun isaa adda ba'ee jira. Rakkoon kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa hunda biratti kan mul'atu ta'us manneen hojii kallattiin abbaan dhimmaa itti baay'atu biratti akka hammaatu beekamee jira. Dallaalaan tajaajila manneen hojii mootummaa keessa harka naqachuun ammoo rakkinicha daran hammeessuun hawaasa rakkoo caaluuf saaxileera.Read more
Qisaasama oomishaa hambisuun oomishtummaa keenya haa guddifnu!
Biyyi keenya dachee gabbataafi haala qilleensaa bonaafi ganna oomishuuf mijataa ta’e kan qabdu dachee magariituudha. Haata’u malee qabeenya uumaan biyya keenya badhaase kanatti fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuu hin dandeenye. Kun qaanii guddaa ta’uu kan hubate Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala kana jijjiiruun birmadummaa abbootiin keenya dhiigaan tiksanii nutti dabarsan guutuu taasisuuf miira xiiqiin hojjechuu irratti argama. Waggoottan arfan darbanii asitti dinagdee dam-daneessaafi dandamataa ta’e ijaaruun biyya waan hundaan of dandeesse uumuufis bu’uura cimaa kaa’aa jira. Keessumaa imaammata dinagdee humna oomishaafi pootenshaalota akka biyyaatti jiran adda baasuun hojiirra oolchuu dandeessisu bocuun muuxannoo jiru qindeessuun hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira.Mootummaan Naannoo Oromiyaa carraa gaarii naannicha keessa jiru adda baasuun, inisheetiivota uummata keenya hirmaachisaaniifi fayyadamaa taasisan maddisiisuufi aadaa hojii uummataa jijjiiruun keessumattuu damee qonnaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun uummata Oromoo dinagdeen cimsuuf hojjetaa jira. Inisheetiivonni qonnaa haaraan hojiirra oolaa jiran oomishaafi oomishtummaafi fayyadamummaa qonnaan bulaa naannoo keenyaa kan dhugoomsan, oomisha alaa galu bakka kan bu'an, al-ergii biyya keenyaa kan guddisan akkasumas wabii midhaan nyaataa kan mirkaneessanidha.
Tarkaanfii qonna ammayyeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fudhachaa jiruun qonna rooba Gannaa qofa irratti rarra’ee ture hambisuun waggaatti yeroo lamaaf sadi oomishuun, qonnaan bultootaaf teknoloojiifi galteewwan qonnaa dhiyeessuun akkasumas qonnaan bultoonni lafa ciccitaa irratti oomishuurra qindaa’anii akka qotan taasisuun oomishaaf oomishtummaa akka dabalu taasisee jira. Bara darbe oomisha biyya keessaan fedhii biyya keessaa guutuun kan danda’ame yoo ta’u, qamadii biyya alaa galu guutummaatti hambisuun danda’amee jira. Qonnaan bultoonni keenya tarsiimoo mootummaan diriirsuu fudhachuufi hojiitti hiikuun roobaaf aduu dandamattanii galma keenya fagoo bira ga’uuf jirru milkeessuu keessatti qooda keessan waan baataniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata isinii galchuu barbaada. Bara kana rooba Gannaa qofaan qamadiin lafa heektaara miiliyoona 1.7 irratti kan oomishame yoo ta’u qonna Bonaatiin ammoo lafa heektaara miiliyoona 1 ol qamadiin uwwisuuf hojiin eegaleera. Kanaanis fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee qamadii gabaa addunyaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira. Kanaafuu, oomisha sadarkaa sassaabbii irra gahe yeroo osoo itti hin kenniin daboofi guuzaan akkasumas maloota ammayyaa biroo fayyadamuun qisaasama tokko malee sassaabuun murteessaa waan ta'eef xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qaba.Read more