Irreechi Ibsituu Aadaafi Hawwii Gaariiti!
Uummanni Oromoo saba guddaa Gaanfa Afrikaa seenaa boonsaa qabu, uummata safuufi duudhaa mataa isaa kan Addunyaa hawwatuufi simboo miidhaginaa ta'een bulaa turedha. Oromoon saba falaasama gabbataa qabuufi qaroomina gurguddoo heddu Addunyaaf gumaachaa har'a ga'eefi har'aas itti jirudha. Uummatichi hacuuccaafi dhiibbaa sirnoota dhufaa darbaan hundaa danda'ee jiruufi jireenya isaa gaggeessuuf, hariiroo uumaafi uumamaa murteessuuf, madaallii uumamaa eeguuf, hariiroo ilmaan namaa gidduu jiru qajeelchuufi madaallii uumamaa eeguuf sirnootaafi jaarmayoota garagaraa tolchee ittiin wal qajeelchuun safuu, aadaafi duudhaa isaa gabbisuun Addunyaaf fakkeenya guddaa ta'eera.
Sirnoota Oromoon kalaqee ittiin jiraachuufi wal gaggeessaa ture keessaa inni tokkoofi beekamaan Sirna Gadaa Oromoo yoo ta'u, Sirni Gadaa Oromoo sirna guddaa dhimmoonni bulchiinsaa, siyaasaa, hawaasummaa, diinagdeefi hariiroon Waaqaafi namaa ittiin qajeelfaman sirna baay'ee ulfoofi kabajamaadha.
Oromoon sirna ajaa’ibsiisaa kana kalaqee ittiin wal bulchuu kan eegale waggoota kumaatamaan dura yoo ta’u, yeroo Oromoon sirna kana kalaqee ittiin wal bulchaa turetti Addunyaan dukkana waraanaafi wal balleessuu kan jibbaan guute keessa turte. Oromoon garuu hariiroo bulchiinsa sirna Gadaa tolchuun nageenya, obbolummaa, birmadummaa, walqixxummaafi kabaja ilma namaa mirkaneessee wal jiraachisaa, waliinis jiraachaa tureera.
Uummatichi sirna miidhagaa kana bocee dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa, diinagdeefi uumaafi uumamaa qajeelchuuf aadaaf wal jaalachuu, wal kabajuu, waliin jiraachuu, walooma jabeessuu, ofirra darbee saboota biraa haammachuu dagaagsuun dimokiraasii har'a Addanyaan ittiin wal bulchu kanaaf bu'uura jabaa ta'eera.
Safuufi duudhaaleen Oromoon ittiin jiraataafi wal jiraachisaa ture, akkasumas hariiroo namaafi uumaa gidduu ittiin hubachaa ture Sirna Gadaa keessaa kan madde yoo ta'u, Jaarmayaaleen Oromoon hariiroo ollaa isaa, namaafi uumamaa, dacheefi samii, ittiin qajeelchaa ture heddu keessaa tokko Irreecha.
Irreechi jaarmayaalee Sirna Gadaa keessaa tokkoofi isa guddaa ta’ee Ayyaana Oromoon waggoota dheeraadhaaf kabajaa tureedha. Irreechi Oromoo sirna Oromoon Waaqa itti galateeffatu, ayyaana araaraafi obbolummaa akkasumas falaasama galateeffannaa Oromoon addunyaa kana keessatti ittiin humna Waaqaa ibsu, jireenya lafa kanaa raajuufi dhoksa jiruufi jireenyaa dhaloota itti aanuuf ittiin ibsudha.
Kanaafuu, Irreecha ibsituu aadaafi hawwii gaarii keenya ta'e kana guyyaa yaaddoo nageenyaa osoo hin taane guyyaa araaraa, nagaa, tokkummaan Oromoofi sabaafi sablammootaa itti calaqqisu, akkasumas malkaan Irreechaa iddoo wal dorgommiifi ajandaan siyaasaa itti gaggeeffamu osoo hin taane dachee safuufi nagayaafi guyyaa guddinniifi miidhaginni Oromoo addunyaatti ittiin mul’atu waan ta’eef qaamni kamuu kabaja guyyaa ayyaanaa kana ofiifis miidhagee ayyaanicha miidhaksuun barbaachisaadha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------>
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------>
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------>
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>
kallachaOromia:https://www.facebook.com/KallachaGaazexaa
Baga Waggaa Haaraa Bara 2017 Nagaan Geessan" Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
eroon kennaa uumaa marfata taateewwan uumamaafi namtolcheen taliigamee qormaataafi carraan guutamee ilma namaaf kenname kennaa gati jabeessadha. Marfatni yeroo uumaan qajeelchee kenne taateewwan jajjaboo jireenya dhala namaatiif hiikoo garagaraa qaban duraa duubaan keessummeessuun qormaatilee keessatti milkaa’inootaafi muuxxannoo jireenyaa gonfachiisa. Ilmi namaas qormaatilee mo’achuun eebbaafi carraa yeroo waliin maree dhufu hunda gonfachuuf gareefi dhuunfaan ifaaja. Kanaafis Oromoon falaasama guddicha ilaalama Addunyaalessaa qabuun yeroo maree dhufu yayyabee injifannoofi milkii bulfatee qormaata namtolcheef uumamaa hooddachuun faloo keewwachaa waloomaan akka sabaatti of ijaaraa as ga’e.
Oromoon hayyuudha; hayyuu dhuka yeroo beekumsaan lakkaa’ee dhaha isaa xiinxalee waaqa yeroo maree fidee dabarsu eebba waakkii malee nama badhaasu kan darbeef galateeffachaa; kan dhufuuf ammoo itti kadhatudha.
Kabajamtoota Uummattoota Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii Gannaa hulluuqxanii jalbultii Booqaa Birraa bara 2017 nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.
Barri 2016 bara qormaatilee keesstti milkaa’inoota hedduu itti galmeessineefi pootenshaalaa qabnu sirriitti yoo fayyadamne raajii dalaguu danda’uu keenya kan itti adda baafannedha. Fayyadamummaa uummata Keenyaa gama hundaan mirkaneessuuf karoora xiiqii qopheessinee hojii hojjenneen kallattii laannee gaafa hordofnuufi karoorsinee gaafa qixaan hooggannu milkaa’uu akka dandeenyu qabatamaan kan itti agarredha.
Haala biyya keenya keessatti hin baratamneen Gannaa Bona, Birraa Arfaasaa qotuun callaa gaarii argamsiisuu akka danda’uufi laftiifi cittuun lafaa kamuu agabuu akka hin bulle golee misoomaa ta'uu akka danda'u kan itti mirkaneeffanneefi dacheen Oromiyaa hundi callaa kuntaala miliyoonotaan laatee abdii egeree biyya kanaa ta’uu keenya bara itti sirriitti ibsine, qote bulaan keenya karooraan qotee galii argaturraa karooraan yoo qusate Inveestimentiitti ce’ee ofiifi lammii isaaf carraa hojii uumee jijjiirama waaraa keessa galuu akka danda’u qabatamaan bara itti agarre bara milkii ture.
Gaaffii ummata keenyaa deebisaa fedhii misoomuu inni qabu guutuuf hojii hojjetameen haala kanaan dura hin baratamneen Pirojektoota fayyaa, barnootaa, bishaaniifi daandii kumaatamaan yeroo gabaabaa keessatti xumuruun fayyadamummaa uummataaf oolchuun akka dandaa’amu irra deebii bara itti agarsiifneefi bara itti galaa dhalootaa keenye ture.
Sirna jabaa qabnu giddu galeeffannee duudhaa keenya ganamaatti yoodeebine haqa waloo mirkaneessuun haqni kan abbaa haqaa ta'uu akka danda'u, tokkummaa keenya cimsaa Buusaa Gonofaa yoo jabeeffanne rakkoo numudatuu kamiifuu eeggattuummaa alagaa irraa walaba baanee wal utubuu akka dandeenyu bara itti adda baafanne, qormaatilee keessatti injifannoo galmeessuun akka dandaa’amuufi humnaafi beekumsa akkasumas qabeenya qabnu tajaajila lammummaaf yoo oolchine raajii dalaguu akka dandeenyu bara itti agarreefi hanga danda’uu Keenyaa daguugnee yoo fayyadamne uummata raajii dalaguu danda’u ta’uu keenya ormaafi firatti bara itti mul'ifnee imala keenya boriif daandii haaraa kan saaqee milkaaína egereef xiiqii addaa kan nutti hore bara raajii ture.
Bara 2016 keessa milkaa'inoota gama siyaas dinagdeefi hawaasummaan ummata keenya boquu olqabachiisan kan itti galmeessine ta'us, milkaa’inotni argaman kanneen garuu dirree walqixxaataafi mijataa keessatti osoo hin taane gootota sirnaafi uummata isaaniif amanamoo ta’an hedduun aarsaa lubbuufi qaamaa kaffalaniiti. Ummanni sirna isaaf ta'u ijaarrate; sirna isaa tursiifatee injifannoo isaa bulfachuuf hojjeta, kanumaaf aarsaa qaqqaalii kaffalameen ummanni keenya boquu ol qabate. Akeekni diinni Oromoo bara baraan Oromoo qilee rakkinaa, boo'ichaafi gadadoo keessatti ilaaluuf karoorses fashalaa'eera.
Diinota injifachuun Oromoo isaan hubu finxaaleyyiin bitaafi mirgaa kanneen ummata dararuufi bu'uuraalee misoomaa barbadeessuu injifannootti lakkaawwatan harka tokkoon qolachaa, gara nagaatti akka dhufaniif waamicha nagaafi araaraa taasifneenis bara kana dargaggoonni gowwomsaa sobaan diina uummata isaaniitti makaman hedduun nagaan galuun mootummaafi ummata isaanii dhiifama gaafachuun injifannoo waaraa bara kanaa ture.
Mootummaan naannoo Oromiyaa Mootummaa qormaata kamiifuu hin jilbeenfanne, qormaata riqicha ce’umsaa taasifachuun fayyadamummaa uummata isaa mootummaa si’oomsu ta’uu firris ta’e hormi argeera.
Kabajamtoota ummattoota naannoo keenyaa;
Akkuma waktiin Gannaa lufee waktiin Birraa dhufe akka sabaattis ta’e akka biyyaatti barri 2017 bara itti dhuka imala keenyaa qorree injifannoo bulfannee nagaa keenya itti waaressinu akka ta’u abdii guutuun qaba. Akka mootummaatti karoora gochaan masakameen tokkummaa saba keenyaa bu’uura jabaa irratti ijaaruuf tarkaanfii fudhatamuu qabu hunda fudhachaa, duudhaa keenya ganamaa jabeessuun imaanaa gootota keenyaa kudhaammannee daandii gara galma guddichaatti nu geessu beekumsaan hoogganaa injifannoo dachaa galmeessuuf kutannoon hojjenna.
Karoora xiiqii marsaa 2ffaa qopheessine qixaan hoogganaa hojii qabatamaatti seenuun fayyadamummaa uummata keenyaaf hojjechuun hojii dursaa bara kanaati. Boqonnaan qabsoo keessa jirru haaraadha. Kanaafis sirna siyaasaa keenya ammayyeessuun dorgommii Addunyaan keessa jirtu keessa seennee imaanaa gootota darbaniirraa dhaalle osoo hin sharafin ergama dachaa fudhannee biyya badhaateefi kabajamte ijaaruuf kutannoon hojjenna. Imalicha yaadama haaraan utubuuf akka sabaatti sabboonummaa Oromoo dinagdee, barnoota, saayinsiif teeknoloojiin ijaarree fagoo yaadnee fagoo ga’uuf imala keenya milkiin itti fufuun dhimma filannoof dhihaatu miti.
Seenessi qeenxee saba tokkoofi sirna tokko leellisu, kan aarsaa saboonniifi sablammoonni ijaarsa biyya isaaniif kaffalan balfee moggaatti dhiibu sirni cuqursaa aduu qabsoo uummataan erga dhabamsiifamee as biyya hundaaf taatu hundaan hundarraa seenessa waloon ijaaruu eegalle cimsinee itti fufna.
Kabajamtoota Uummattoota naannoofi biyya keenyaa
Mootummaan jijjiiramaa hiyyummaan qaanii badhaadhinni qananii ta’uu gochaan dhugoomsuuf imala dinagdee damdaneessaa tarsimoon masakee eegaluun uummata isaa qindeessee injifannoo galmeessuu itti fufa.
Gannaafi Bona Arfaasaafi Birraa hojjennee idaa kaleessarraa dhaalle haqnee biyya badhaateefi idaarra walboomte dhaloota dhaalchisuuf kutannoon keenya har’aa murteessaadha. Imalli gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceúufi eegalles qaama karoora imala badhaadhinaati. Biyyi biyyoo gabbataa oomishaaf mijaa’aa ta’e qabdu gargaaramtummaaf harka bal’isuun daba seenaa waan ta’uuf Ganna roobaan bona jallisiin hojjennee oomishtummaa keenya jabeessuun seenaa hojjechuuf kutannoon hunda keenyaa murteessaadha.
Cabiinsi barnootaa har’a keessa jirrus kuufama idaa kaleessaati. Kuufamni idaa ammoo godaannisa hin fayyamnme osoo hin taane xiyyeeffannoon hojjetanii kan itti ofirraa haqan hojii xiyyeeffannoo addaa barbaadudha. Kaanaaf uummanni naannoo keenyaafi caasaan barnootaa hundi dhimmi kun dhimma dhaloota gahoome biyyaaf oomishuu waan ta’eef cabiinsa barnootaa keessaa baanee hayyoota miliyoonataan lakkawaman akka qabaannuuf tumsi keessan cimuu qaba.
Barii jijjiiramaa irraa eegallee imalli keenya kan nutti agarsiisu hanga dubbanne kan hojjennu hanga hojjennes kan milkoofnu ta’uu isaati. Ce'umsi boqonnaa haaraa keessa jirru bu’uura amansiisaa irratti akka ijaaramuuf sirna cimaafi mootummaa jabaa ijaaraa jirra. Kanaafis sadarkaa Gandaatti gurmaa'insa haaraa hojiirra oolchuun tajaajila mootummaa uummatatti siksuuf hojiin eegalle injifannoo guddaadha. Gurmaa'insa kanaan hojii keenya hunda uumataati siksinee uummata waliin yoo hojjenne milkaa'inni dachaan waan galmaa'uuf ummanni keenyas deeggrsa eegale akka cimsu waamichakoon dabarsa.
Jalqabni keenya xiqqaa yoo fakkaateyyuu galmi keenya guddaadha. Gaara rakkinaarra qaarinee yeroon injifannoo guca badhaadhinaa qabsiifnee guddummaa keenya Addunyaaf labsinus dhiyoodha. Qoramnee ni injifanna, hojjennees ni milkoofna. Gama hundaan caallee duudhaa hammannaa keenyas gabbifnee ulee diinni Oromoon Oromoo cabsuuf qopheesse waliin cabsinee bara haaraatti nagaa keenya waaressuuf hojjechuu qabna.
Xumura irratti waggaa haaraan bara kanaa uummata Oromoo, saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa maraaf kan gammachuu, milkii gaariifi imala badhaadhinaa itti milkeesinu akka nuuf ta’un hawwa.
Ayyaana gaarii!
Oromiyaa ni ijaara,
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara !
Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii MNO
Qaammee, 5/2016
Finfinnee.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------>
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------>
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------>
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>
kallachaOromia:https://www.facebook.com/KallachaGaazexaa
Bacaqii Gannaa Oofkaltanii Booqaa Birraatti Baga Nagaan Ceetan!" Af-Yaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan
Uummanni Oromoo, akkasumas, Ummattoonni Itoophiyaa hundi bacaqii gannaa ofkaltanii booqaa birraa arguuf Jala Bultii Bara Haaraa 2017 Baga Nagaan Geessan; Waliin Nu Gahe! Uumamni dabareen waljijjiiraa birraa waggaan maree dhufu arguuf hawwiin eeggata. Qaammeen waktii jijjiirraa gannaas, dabaree ishee eeggattee birraa goobanee as adeemu simachuuf dirqamti. Keelloon daraartee dacheetti miidhagina addaa uwwistus waggaatti yeroo tokko mul’achuun barii birraa weeddisti.
Roobni gannaa qooree, malkaanis taliila. Uumamni magariisaan badhaate, abaaboon dabaaltee miidhagina addaa dacheetti horti. Barataan wallalummaa dhabamsiisuuf birraa barii obsaafi abdiin eegaa ture argata. Barsiisaan yaadaafi qorqalbii haaraan beekumsaan dhaloota jijjiiruuf qophaa’ee eeggata. Qonnaan bulaanis, bu’aa dadhabbiifi dafqa isaa ganna gurraacha dabarse yaadachaa, daraaraa miidhaniifi oyiruu barakaa baattee as adeemtu ijaan ilaalaa quufa leellisa. Daldalaanis, abdii milkaa’ina egeree isaaf qabu of fuulduratti ilaalaa bara haaraa simata. Mootummaan, yaadaafi karoora haaraan ummata isa ceessisuuf bara haaraatti waan haaraa qabatee as baha. Wayita kana, abdiin keenyas lalisee akka ililii birraa daraaree firii isaa hawwiin eeggata.
Ummata keenyaaf, guyyoonni waggaa haaraa kana keessatti argaman hundinuu qabeenya guddaa jijjiirama barbaannu gama hundaan ittiin galmeessinudha. Guddina hawwinu bira gahuuf, dadhabuun, carraaqqachuun, qormaatilee adeemsa raawwii hojii keessatti nu mudatan injifachuun mul’ata qabanne biraan nu gaha. Barri haaraan kun, bara itti ofiifi maatii keenya jijjiirru, darbees, naannoofi biyya keenya ceessisuuf akka lammii tokkootti kutannoofi xiiqiin hojjennudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, jiruufi jireenya ummata naannichaa bu’uura irraa jijjiiruuf halkaniif guyyaa xiiqeffatee hojjechuu irratti argama. Nagaafi tasgabbii naannoo keenyaa mirkaneessuun misooma keenya waaressuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Guddinaafi galmoota misoomaa walgitiinsa qaban diriirsuun diinagdee naannoo keenyaa utubuuf xiyyeeffannoo addaan hijjechaa jira. Kanaaf, lammiin hundinuu bakka jirutti jijjiirama bu’uuraa fiduuf miira jijjiiramaan hojjechuun dirqama isaa bahachuu qaba.
Mootummaan, fedhii misoomaa ummataa hubatee, bulchiinsa gaariifi nagaa hawaasaa waaressuuf, tajaajila si’ataafi haqa qabeessa ta’e hawaasatti gadi buusuun gurmaa’iinsaafi hojimaata haaraa diriirsee jira. Hanqina kenna tajaajilaan ummanni keenya mootummaa ofiin hundeeffateen furmaata akka argatuuf deddeebisee gaaffii gaafachaa ture, hundeerraa furuun jijjiirama qabatamaa fiduuf hojii seena qabeessa ta’e hojjechuu irratti argama.
Kanaaf, bara dabarsine keessatti hojiiwwan gurguddoo dameewwan hunda irratti itti milkoofne qabannee, muuxannoowwan milkaa'ina keenyarraa argaman qindeessuun badhaadhina ummata keenyaa roga maraan mirkaneessuuf carraawwan misoomaa jiran hundatti fayyadamuun kan hojjetamu ta’a. Galma gahiinsa karoora bara 2017f ammoo, hirmaannaafi qooda fudhannaan ummata keenyaa iddoo olaanaa qaba.
Caffeen Oromiyaas, waggoottan sadeen dabarse keessatti aantummaa ummata isaaf qabu gochaan mirkaneessuuf waadaa gale kabajee raawwachaa tureera. Waggoottan lamaan Bara Hojii Caffichaa hafan keessattis, milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee isaa kan bahatu, murtiiwwan fayyadamummaa ummata naannoo keenyaa mirkaneessan raawwachuun fedhiifi faayidaa ummata keenyaa dhugoomsuuf kan hojjetu ta’a.
Milkaa’ina hojii kanaafis, riifoormiiwwan adda addaa taasisuun hojiirra oolchaa kan dhufe yommuu ta’u, qajeeltoo Heera Fooyya’aa Naannichaa hordofee mootummaa cimaa sadarkaa Gandaatti ijaaramaa jiru karaa utubuun gurmaa’insi Mana Maree Gandaa taasifamus, humna jijjiiramaa qaamolee mootummaa utubuu danda’u akka ta’uuf kan hojjetu ta’a.
Badhaadhina hunda galeessa gama hawaasummaan, diinagdeefi siyaasaan qabanne dhugoomsuuf, gamtaan hojjennee EGEREE biyya keenyaa dhaloota milkeessuu danda’u rabbiin nu haa taasisu jechaa, irra deebi’uun ummata naannoo keenya hundaan BAGA JALA BULTII BARA HAARAA 2017n ISIN GAHE jechaa barri haaraan dhufu kan nagaa, gammachuu, milkaa'inaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.
Sa’aadaa Abdurrahmaan
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Qaammee 05 Bara 2016
Finfinnee See less
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------>
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------>
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------>
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>
kallachaOromia:https://www.facebook.com/KallachaGaazexaa
Goobeen Hooda! Shinooyyeen milkii!
Achii dhuftee hidda ummata tokkoo keessa eenyummaatu jira. Eenyummaan kuusaa calaqqee aadaa — seenaa, duudhaafi safeeffannaa walxaxaa, moggaasa birqaba sabaa maqaa dhahatanii himatani. Eenyummaan, onneefi sammuu ummataa keessatti gadi fageenyaan hapheeffamee, afaan dubbatan, duudhaa kabajaniifi mallattoolee mararfataniin kan ibsamuudha. Sirnoota walirraa lufaa darbaniif, mallattoo tokkummaa keenyaa kan ta’e eenyummaa keenya qabannee mirga abbaa biyyummaa goonfachuu mitii, gola keenyatti akka ofiitti jiraachuuf carroomoo osoo hinta’in turreera. Baroota kanneenitti mirga abbaa biyyummaa Itiyoophiyummaan ibsamuuf, gahaa taane argamuuf, eenyummaa keenya dhoksuu ykn guutumatti ofirraa mulquun dirqama ture. Badii kana caalaatti kan hammeessu ammoo, Itiyoophiyummaatti fudhatamuuf calaqqee eenyummaa keenyaa dhoksuu ykn guutumatti ofirraa haquu qofa osoo hintaane, isaan sirnoota barichaatiin kabajamaniin oftolchuun dirqama ture. Warri dhiibbaa kanaan eenyummaa ofii ofirraa mulqanii calaqqee “Itiyoophiyummaa” barichaa fudhatan, adeemsa ofganuu kana keessa darbaniillee, warra “Itiyoophiyummaa” dhalootan dhaalle jedhaniin walqixumma hinqaban ture.
Eenyummaan keenya sirnoonni waggoota hedduuf itti wal jijjiiranii yuyyessuuf dhiitaa turan, qabsoo sabaa, baadiyyaa hanga magaalaatti, ilmaan kumaa kitila itti gabbarameen, qabeenya gartee badu osoo hintaane, falaasama eenyummaa jabaa, Oromummaan keenya qofa osoo hintaane, Itiyoophiyummaan keenya ittiin ibsamu ta’uu muldhiseera. Itiyoophiyummaan kennaa ykn waan nuuf hinmalle osoo hintaane, mirga lammummaa eenyummaa keenyan ibsamu ta'uu goonfanneera. Har'a Itiyoophiyummaa goonfachuuf Oromoon wanti shaakalu hin jiru; eenyummaa isaa Oromummaa qabachuun qofti gahaadha. Kanaaf akka dhala hortee saba kanaatti itti fufnee Goobeefi Shinooyyee bilisummaan yoo kabajnu gammachuu addaa waliini.
Caacculee eenyummaa dhufaatii ayyaana Irreechaa akeekaniifi barii birraa dura kabajaman keessaa Goobeefi Shinooyyeen Oromoo biratti jaalatamoodha. Goobeefi Shinooyyeen taatee osoo raareen hinqoorin, fixeensi hinharca'in, duumessiifi hurriin samii irraa hinduguugamin, caffeen hinjabaatin, booruun lageewwanii hincalalin, dalaliin qarqara haroowwaniii hintuulamiin, qeerroofi qarreen abdii booqaa birraa misiraachoon Uumaa irraa fuudhanii umamatti riqicha ta'uun labsaniidha.
Ijoollen dhiiraa goobee yoo dhiichisan, akkas jechaa waljalaa qabu:
"Goobilee- goobileyoo..... goobee goobaa
Gooben geesse jedhani .... goobee goobaa!
Yoo dandessee jedhanii..... goobee goobaa!
Goobee maaloo goobsan malee kormi hin aaduu
Goobee hoo!
Goobee maaloo simalee kan biraa hin yaadu
Goobee hoo!
Goobee maaloo gooba tuula yaa faaxulaa
Goobee hoo!
Goobee maaloo dhiirti birraa kana duula
Goobee hoo!
Goobee maaloo goobee itti dheeressi.
Goobee hoo!" Jedhu.
Sirni Goobee abdii, booruu Gannaa irraa gara booqaa Birraatti tarkaanfachuuti. Kanaan hofkaltii cehumsa Gannarraa gara Birratti tarkaanfachuu keenya Uumaa ittiin galateeffanna. Birraan abdiidha, araara, badhaadhinafi gammachuudha; Oromoon falaasama isaa keessatti birraadhaan Booqaa jedhee faarsuun kanaafi. Dargaggeessi Goobeedhaan goota faarsa; ittiin misoomaafi nageenya faarsa; ittiin dhaadatas.
Ji'uma kana ijoolleen durbas sirna qabu — Shinooyyee/Aseesaa. Shinooyyeen ijoollee dubraaf miirafi yaadannoo addaati. Weedduuwwan jaalalaa qalbii namaa harkisan, faaruu suga birraa akeekan, urgaa foolii abaaboo leellisan, sagalee simbirrootaa, huursa laggeeniifi qulqullummaa Uumaafi birmadummaa umamaa leellisantu qarreewwan shinooyyee sirbaniin lallabama.
Qaarreewwan Shinooyyee/Aseesaa yoo taphatan, akkas jechuun foolii birraa biifu:
"Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee
Dhallaadduu buqqiffannaa
Dhallaadduu buqqiffannaa
Gurguddoo heerumsiisnee
Xixiqqoo guddifannaa
Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee
Bishaan booruu yaa booruu(x2)
Daddarbaaf karra yaanaa
Yaa Abbaa nooruu nooruu
Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee"
Sirbaafi faaruu kunneeniin, lafa ho'isuu qofa osoo hintaane, ittiin hawwii qaban ibsatu; ittiin abdii labsu. Sagaleen hiddamaan qarreewwanii, qillisni yeedaloo sagalee durbaa umama hundaaf gammachuufi naatoo milkii dorrobsuudha. Ililleen sagalee isaanii cirracha lageewwanii dhaaba; biqiloonni daraaraa hudhan akka futtafatan yaadachiisa, Birraa waqtii gurracha gaggeessee bari’uuf nagaa, araara, badhaadhinafi milkii hoodata.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata qabsoo sabaa eenyummaan keenya osoo hinmulqamin Itiyoophiyummaa keenya nugoonfachiiseef qabu duudhaa Oromummaa ganamaa dagaagsuufi dhaabbilee itti ijaaruun mirkaneessuu galma taasisee baldhinaan socho'aa jira. Sirna Gadaafi Irreechaa dabalatee Goobeefi Shinooyyee, akkasumas faaruu, afoolaafi ayyaanota falaasama ummata keenyaa mandheeffatan dadammaqsuu, eeguufi tiksuu irratti hojii baldhaa raawwataa kan jiru yoota’u, sochiin ilaalchafi falaasama ummaticha gama hundaan babaldhisuufi itichuu dirqama Oromoo hundaa ta'uu asumaan yaadachiisuun barbaada.
Goobeefi Shinooyyee/Aseesaan dhaloota haaraa gara duudhaa ganamaatti deebisuu keessatti shoorri isaan taphatan kan laayyoo miti. Ummata keenya hundaan baga geessan; baga geenye jechaa, addatti Dargaggootaafi Shamarran keenyaa aadaa bareedaafi boonsaa kana agarsiisuu, beeksisuu, akkasumas kan dagate yaadachiisuufi kan hinbeekne barsiisuuf magaalaa guddoo keenya Finfinnee dabalatee iddoo garagaraatti sirnicha miidhagsaa jirtan hundi galatoomaa, ulfaadhaa isiniin jechuun barbaada!
Birraan milkiif ofkaltiidha!
Gadaan quufaaf gabbina!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------>
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------>
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------>
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>
kallachaOromia:https://www.facebook.com/KallachaGaazexaa
Hudhaalee harma hoosisuuf danqaa ta'an hir'isuun haadholiin hundi harma akka hoosisan haa deeggarru.
Biyyi dhaloota egereerratti hin hojjenne boruuf abdii hin qabdu. Torbeen Harma Hoosisuu Addunyaa/ World Breast Feading Week/ Akka Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti, “hudhaalee harma hoosisuuf danqaa ta'an hir'isuun haadholiin hundi harma akka hoosisan haa deeggarru" jedhuun kabajameera. Kabaja torbee harma hoosisuu Addunyaa kanarratti kan argaman Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaafi Bakka Bu'aa Hoogganaa Obbo Darajjee Abdannaa saganticharratti haasaa taasisaniin Biyyi dhaloota egereerratti hin hojjenne boruuf abdii hin qabdu, kanaaf kaayyoon sagantaa har'aa danqaa haati tokko akka mucaashee hin kunuunsine ykn akka hin hoosifne taasisan maqsuun haadholiin akka daa'ima harma hoosisan haa deeggarru haala haamijeessinu kan jedhu qabatee ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa fayyummaan isaa eegamee hojiilee misoomaarratti dammaqinaan hirmaatu horachuuf qaqqabamummaa fayyaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Harma hoosisuun daa'imman sababaawoo guddina biyyaaf shoora isaanii taphatan argachuun akka danda'amus ibsameera.
Harmi haadhaa qabiyyee daa'ima irraa dhibeewwan kanneen akka dhiibbaa dhiigaa , sukkaaraafi, carraawwan dhibeewwan daddarboon qabamuu ittisuu qabaachuus obbo darajjeen ibsaniiru.
Daa'imni tokko dhalatee hanga ji'a jahaatti harma haadhaa qofa hodhuu akka qabu, hanga ji'aa jahaatti nyaata dabalataa daa'imaaf kennuun guddina daa'immaniif osoo hin taane miidhaa garaagaraaf saaxiluu akka danda'us dubbatameera.
Daa'imman harma haadhaa hodhanii guddatan jaalala haadhaa bira darbee hawaasa ofii biyya ofii jaalachuullee achirraa kaasanii dhaalaa kan dhufan waan ta'eef haadholiin harma akka hoosisan hawaasti hunduu tumsa barbaachisaa taasisuufii qabaas dhaamameera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------>
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------>
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------>
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------>
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------>
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------>
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------>
kallachaOromia:https://www.facebook.com/KallachaGaazexaa
Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaa bara kanaan lafa hektaara mil 10.8 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Raawwii Qonna Arfaasaafi qophii Qonna Gannaa bara 2016/17 ilaalchisuun Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisoo addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromioyaatiif ibsa kennaniiru. Obbo Bariisoon ibsa kennaniin potenshaala Naannoo Oromiyaan qabdu fayyadamuun misoomsuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira jedhan. Bara 2015 Qonni Arfaasaa haala gaariidhaan kan raawwatame ta’uu ibsanii, muuxannoo argame babal’isuun bara kanas Godinaalee 10 keessatti lafa heektaara miliyoona 1.2 misoomsuuf karoorfamee lafa heektaara miliyoona 1.5 facaasuun kunuunfamaa jira jedhsn. Kanarraas midhaan kuntaala miliyoona 28.2 argachuuf kan karoorfame yoo ta’u haalli qilleensaa hanga ammaa jirus karoora qabame milkeessuuf haala mijataa uumeera.
Naannichatti Qonna Gannaa bara 2016/17tiin lafa heektaara miliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfamee qophiin gahaa taasifamaa jiraachuus dubbataniiru. Bara darbe Qonna Gannaatiin lafa heektaara miliyoona 9.6 kan misoome ta’uu yaadachiisanii bara kana lafa heektaara miliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfamee qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Karoorichi qooda fudhattoota sadarkaan jiran hunda waliin mari’achuun poteenshaala misoomuu dandeessisu adda baasuun kan qophaa’e ta’uus eeraniiru. Hanga ammaattis lafti heektaara miliyoona 1.3 faca’eera.
Bara kana callaa guddistuu kuntaala miliyoona 8.2 qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u hanga ammaattis xaa’oon kuntaala miliyoona 5.8 dhiyaate keessaa kuntaalli miliyoona 3.6 raabsameera. Kan hafes yeroodhaan karaa yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uuraatiin kan raabsamu ta’uu kaasaniiru. Dabalataanis kompostii miliyoona 100m3 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Sanyii filatamaa midhaan gosa adda addaa kuntaala miliyoona 1.2 dhiyeessuuf karoorfamee qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf raabsamaa kan jiru ta’uu Obbo Bariisoon kaasaniiru.
Qonni makaanaayizdii wayita ta’u yeroofi humna namaa qusachuun oomishaafi oomishtummaa daran dabala kan jedhan Obbo Bariisoon qonna naannichaa makaanaayizeeshiniidhaan deeggaramuun raawwachuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Tiraaktaraafi kompaayinara dabalatee maashinaroonni qonnaa ala galan taaksiirraa bilisa akka seenan taasifameera.
Dabalataanis qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni dhuunfaanis ta’ee gurmaa’uun 30% qusachuun tiraaktaraafi kompaayinara akka argatan taasifamaa jira. Kanaanis armaan dura Godinaalee muraasa keessatti qofa tiraaktaraan kan qotamaa ture yeroo ammaa Naannichatti tiraaktaroonni kuma 7tti siqan godinaalee hunda keessatti kan argamu ta’uu dubbataniiru.
Qonna gannaa bara kana misoomsuuf karoorfame keessaas lafti heektaara miliyoona 4 ol ta’us tiraaktaraan qotuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kana milkeessuufis sosochii taasisuun qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni muuxannoo akka qooddatan taasifameera.
Karoora misooma Qonna Arfaasaas ta’ee Qonna Gannaa milkeessuuf qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf leenjii hubannoo uumuu bal’aan kan kennameefi qabatamaanis jijjiirama guddaan argamaa jiraachuus ibsameera. Hojiin qonnaa sektara qonnaatiin qofa milkaa’uu hin danda’u kan jedhan Obbo Bariisoon karoora qonna arfaasaafi qonna gannaa bara kanaa milkeessuuf sektaroota qooda fudhattoota ta'an hunda waliin qindoomina olaanaadhaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Naannoo Oromiyaatti bara kana ji'oota kurnan darban keessatti Pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiif Bittaa Boondiifi Arjoomaan qarshiin Bil. 1.3 ol sassaabameera.
Waajirri Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaatti bara kana deeggarsa ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiif sochii sassaabbii galii taasifamaa tureen ji'oota kurnan darban keessatti bittaa Boondiifi Arjoomaan qarshiin Bil.1,305,737,302 sassaabamuu ibseera. Guyyaaa dhagaan bu’uuraa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa kaa’amee irraa eegalee uummanni naannoo keenyaa humna, qabeenyaafi beekumsa isaa osoo hin qusatiin gahee irraa eegamu bahachaa tureera.
Bu’uuruma kanaan dhaloonni haaraan maannen barnootaa keessa jiranis ilaalcha ‘ni danda’ama’ jedhu qabatee qarshii 100’n boondii dhuunfaatti bitachuun ashaaraa mataa isaa akka kaa’uuf barattoonni 3,840,328 manneen barnootaa naannoo keenya keessatti argaman waliigala qarshii 384,032,800 akka bitaniif karoorfamee hojiin eegalamuu Waajirichi beeksiseera. Kana keessaas sochii hanga ammaatiin ji’a Eblaa keessa qarshii mil. 18,133,950 bitatani jiraachuun himameera.
Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ashaaraa lammiilee Itoophiyaafi injifannoo gurraachota Afriikaa ta’e kana milkeessuuffis uummanni Oromoo gama hundaan adda durummaan gahee isaa bahaa kan jiru yoo ta’u, deeggarsa ijaarsa pirojektichaatiif sochii hanga ammaatti sadarkaa hundatti geggeeffameen gumaachi Naannoo Oromiyaarraa taasifame karooraa ol %108 gahuun eerameera.
Walumaagalatti waggoota 13 darban keessatti bittaa boondii, Arjoomaafi ergaa gabaabaa 8100A’n karoora qabameen ol qarshii biliyoona 7.1 ol sassaabamuudhaan Oromiyaan naannolee jiran keessaa sadarkaa 1ffaa qabatee jiraachuu ragaan Waajira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Misooma Dinagdee Magariisaa Milkeessuuf Tumsi Qaama Hundaa Murteessaadha.
Hojiin misooma dinagdee magariisaa addunyaarratti hayyootaafi Ogeessota Dinagdeen fudhatama argachuun erga tarsiimaa’e waggoota kurnan lama ol lakkoofsisaa jira. Dinagdeen magariisaa, guddina walitti fufaa fiduufi kaarboonii xiqqeessuun addunyaa faalama qilleensaarraa walaba ta’ee lubbuu qabeeyyiif mijate uumuudhaaf kan barbaachise yoo ta'u, barbaachisummaa isaa kanattis amanuudhaan biyyootiin baay'een ofitti fudhachuun hojiirra oolchaa jiru.
Akka ragaleen gara garaa mul'isutti Warraaqsi dinagdee magariisaa biyya Hindiitti kan jalqabe yoo ta'u, kunis oomisha qonnaa baay’ee gadi aanaa ta’e fooyyessuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamuu jalqabeen ta'uutu himama.
Warraaqsa dinagdee magariisaa kana hordofuunis biyyattii keessatti bara 1960 kaasee sanyii midhaan nyaataa dabaluuf hojii guddaatu hojjetame. Isaan kana keessaas oomishni gosa qamadii garagaraa Waagii dandamachuu danda'an oomishuun akka fakkeenyaatti ka'u. Biyyattii keessatti jalqabbiin gosa sanyii oomisha gaarii kennutti xiyyeeffachuun ammoo bara 1965 asitti yoo ta’u, “Warraaqsa Dinagdee Magariisaan” Hindiin biyya midhaan nyaataan of dandeesse taatee jirti.
Biyyi keenya Itoophiyaanis biyyoota tarsimoo misooma dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne qopheeffatanii hojjechaa jiran keessaa ishee tokkodha. Misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis hojii misooma sululaafi sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojiilee abdachiisoon hojjetamaa jiru.
Akka biyyaatti sagantaan Ashaaraa magariisaa hojiirra oolaa jiru sirna dinagdee magariisaa ijaaruuf gumaacha olaanaa kan qabudha. Sagantaan Ashaaraa magariisaa yaada Muummicha Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmadiin Adoolessa bara 2011 kan eegalamedha.
Akka ragaan mul'isutti Sagantaa kanaan marsaa jalqabaatiin, waggaa afur keessatti biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf karoorfamee karoora ol biqiltuun biliyoona 25 dhaabamee jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaan ammoo biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, kana keessaas bara kana qofatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin sadarkaa biyyatti biqiltuu biliyoona 6.5 dhaabuuf hojjetamaa jira. Biqiloota hanga yoonaatti dhaabbatanii jiran kunneenis jijjiiramni dinagdee hawaasummaafi naannawaa argamuu qorannoon gaggeeffame kan mul'isu ta'uu ragaaleen adda addaa dhugaa bahu.
Gama biroon misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf hojiileen eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa(misooma sululaa) irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, gama kanaanis bu'aalee abdachiisoon mul'achaa jiru.
Walumaa galatti misoomni dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa mudatu furuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu hubachuun barbaachisaadha. Biyyi keenyas tarsimoo kanatti xiyyeeffannoo kennuudhaan hordofaa waan jirtuuf, tarsimoo misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis Ashaaraa Magariisaafi kunuunsa qabeenyaa uumamaa irratti hojiilee hojjetamaa jiran gama keenyaan tumsa barbaachisu gochuun nurraa eegama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa Kenname.
Ajjeechaan miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaarratti raawwates ta’e, ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama hin qabu. Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaa qaama hin beekamneen miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate mootummaan ni balaaleffata; kun kanaan osoo jiruu miseensi ABO kun mootummaa waliin garaagarummaa ejjennoo siyaasaa waan qabuuf duwwaa akka gochaan kun qaama mootummaatiin raawwateetti ololli deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu mootummaan cimsee beeksisa.
Miseensi ABO Obbo Battee Urgeessaa qaama hanga ammaatti adda hin baaneen magaalaa Maqiitti lubbuun isaanii darbee argamuun ni beekama. Gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabnedha.
Kun Kanaan osoo jiruu, Obbo Battee Urgeessaa garaagarummaa ejjennoofi kaayyoo siyaasaa mootummaa waliin waan qabuuf qofa, ajjeechaan kun akka waan qaama mootummaatiin raawwatee ololli bitaa mirgaa faca’aa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne akka ta’e mootummaan cimsee beeksisa.
Aadaa siyaasaa biyya kanaa jijjiiruuf qabsoo obsa fixachiisaa taasifameen bu’aan adeemsa jijjiiramaa waggoottan jahan darban keessatti argame keessaa tokko dirree siyaasaa bal’isuu akka ta’e ni beekama. Obbo Battee ta’ees jaarmiyaaleen siyaasaa qabsoo karaa nagaa filatan hundi carraa kanatti fayyadamuun ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan tarkaanfachiisaa jiru. Mootummaan bal’ina dirree demokiraasiif aarsaa kaffalaa as gahe sababa garaagarummaa siyaasaatiin qaama qabsoo karaa nagaa gaggeessu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhata jedhanii yaaduunis ta’ee, carraa kanaan qaawa siyaasaa guuttachuuf yaaluun gonkuma fudhatama hin qabu. Qaamoleen siyaasaa kasaaraan siyaasaa isaan qaqqabe carraa kanatti fayyadamuuf tattaaffi humnaa olii taasisaa akka jiran mootummaan taajjabbii qaba.
Dhumarrattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa yakka ajjechaa Obbo Battee Urgeessaarratti raawwate adeemsa qorannoo seeraa hordofee uummataaf kan ifoomsu ta’uu beeksisaa, hanga qaamni nageenyaa qorannoodhaan adda baasee uummataaf ifoomsutti itti gaafatamummaa gochaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee, qaamni kamiyyuu olola qabatamaa hin taane tamsaasuurraa akka of qusatu cimsee beeksisa.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Eebla 2016
Finfinnee
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Misooma Dinagdee Magariisaa Milkeessuuf Tumsi Qaama Hundaa Murteessaadha.
Hojiin misooma dinagdee magariisaa addunyaarratti hayyootaafi Ogeessota Dinagdeen fudhatama argachuun erga tarsiimaa’e waggoota kurnan lama ol lakkoofsisaa jira. Dinagdeen magariisaa, guddina walitti fufaa fiduufi kaarboonii xiqqeessuun addunyaa faalama qilleensaarraa walaba ta’ee lubbuu qabeeyyiif mijate uumuudhaaf kan barbaachise yoo ta'u, barbaachisummaa isaa kanattis amanuudhaan biyyootiin baay'een ofitti fudhachuun hojiirra oolchaa jiru.
Akka ragaleen gara garaa mul'isutti Warraaqsi dinagdee magariisaa biyya Hindiitti kan jalqabe yoo ta'u, kunis oomisha qonnaa baay’ee gadi aanaa ta’e fooyyessuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamuu jalqabeen ta'uutu himama.
Warraaqsa dinagdee magariisaa kana hordofuunis biyyattii keessatti bara 1960 kaasee sanyii midhaan nyaataa dabaluuf hojii guddaatu hojjetame. Isaan kana keessaas oomishni gosa qamadii garagaraa Waagii dandamachuu danda'an oomishuun akka fakkeenyaatti ka'u. Biyyattii keessatti jalqabbiin gosa sanyii oomisha gaarii kennutti xiyyeeffachuun ammoo bara 1965 asitti yoo ta’u, “Warraaqsa Dinagdee Magariisaan” Hindiin biyya midhaan nyaataan of dandeesse taatee jirti.
Biyyi keenya Itoophiyaanis biyyoota tarsimoo misooma dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne qopheeffatanii hojjechaa jiran keessaa ishee tokkodha. Misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis hojii misooma sululaafi sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojiilee abdachiisoon hojjetamaa jiru.
Akka biyyaatti sagantaan Ashaaraa magariisaa hojiirra oolaa jiru sirna dinagdee magariisaa ijaaruuf gumaacha olaanaa kan qabudha. Sagantaan Ashaaraa magariisaa yaada Muummicha Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmadiin Adoolessa bara 2011 kan eegalamedha.
Akka ragaan mul'isutti Sagantaa kanaan marsaa jalqabaatiin, waggaa afur keessatti biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf karoorfamee karoora ol biqiltuun biliyoona 25 dhaabamee jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaan ammoo biqiltuu biliyoona 25 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, kana keessaas bara kana qofatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin sadarkaa biyyatti biqiltuu biliyoona 6.5 dhaabuuf hojjetamaa jira. Biqiloota hanga yoonaatti dhaabbatanii jiran kunneenis jijjiiramni dinagdee hawaasummaafi naannawaa argamuu qorannoon gaggeeffame kan mul'isu ta'uu ragaaleen adda addaa dhugaa bahu.
Gama biroon misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf hojiileen eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa(misooma sululaa) irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, gama kanaanis bu'aalee abdachiisoon mul'achaa jiru.
Walumaa galatti misoomni dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa mudatu furuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu hubachuun barbaachisaadha. Biyyi keenyas tarsimoo kanatti xiyyeeffannoo kennuudhaan hordofaa waan jirtuuf, tarsimoo misooma dinagdee magariisaa kana milkeessuufis Ashaaraa Magariisaafi kunuunsa qabeenyaa uumamaa irratti hojiilee hojjetamaa jiran gama keenyaan tumsa barbaachisu gochuun nurraa eegama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Uummanni keenya gaaffii hedduu ilmaan isaa itti gabbaruun mirga abbaa biyummaasaa mirkaneeffatee jira" Dr Abiyyi Ahmad.
Ergaa MM Dr Abiyyi Wallaggatti dabarsan keessaa
MM FDRI Dr. Abiyyi Ahimad hiriira deeggarsaa dhaadannoo "Nageenya Keenya tikfachaa Injifannoo keenya Waaressina!" jedhuun Magaalaa Naqamteetti gaggeeffame irratti argamuun uummata Godinoota Wallagga arfan irraa walitti dhufeef ergaa dabarsaniiru. Haasaa taasisaniinis dhufaatiin keenya jaalala keessan arguun humna nutti hora. Kabajaafi jaallalli isin nutti agarsiiftan kabaja guddaadha jedhan. Dhimma nageenya uummata Wallaggaatti akkamitti himu? kan jedhan Dr Abiyyi biyyi kun biyya luboota hedduu nagaa lallabaniin kan beekkamtu, kan jaalala labsuun nageenya waaressuun beekamu ta'uu dubbataniiru.
Uummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif mirgisaa sarbamee, afaaniifi aadaa ofii dhabee, seenaan isaa irraa mulqamee jiraachaa ture. Uummanni Wallaggaa beekuu kan qabu Orommoon bilisoomeera. Har'a gaaffiin jiru gaaffii Afaanii osoo hin taane Afaan ofii afaan saayinsiifi teknoloojii taasisuudha.
MM Dr Abiyyi "Uummanni keenya gaaffii hedduu ilmaan isaa itti gabbaruun mirga abbaa biyyummaasaa mirkaneessee jira. Biyya bulchuun qofti garuu gahaa miti; har’a gaaffiin laftikoo gurguramuu hin qabu, tajaajilli gurguramuu hin qabu kan jedhu ta'uu qaba" jechuuni kan dhaaman.
Uummanni keenya injifannoo aarsaa dhiigaafi lafee itti cabee argate tikfachuu qaba. Yeroo ammaa kanatti "gaaffiin afaaniifi ofiin of bulchuu gaafachuun duubatti hafummaadha. Labsiin har’a dabarsus, "dachee Oromoo irratti wal ajjeessuun, wal buqqisuun dhaabbachuu qaba. Ajandaa diinatiin rakkachuun nurraa dhaabbachuu qaba. Diina Oromoo wajjiin Oromoo cabsuuf hojjechuun dhaabbachuu qaba; aadaan Oromoo kana hin qabu. Diina Oromoo wajjiin mari’achuu irra walii keenyan mari’achuu jabeessuu qabna".
Nagaan bu’uura waan hundaa ta'uu kan ibsan Dr Abiyyi namni keessoon isaa, ollaan isaa, biyyi isaa nagaa ta’e wal argee waliin gammaduu danda’a. Nageenyi abbootii keenya kaleessaa har’as jiraachuu qaba jechuun dhaamaniiru.
Ergaan kiyya lammaffaan tokkummaa dha kan jedhan MM Dr Abiyyi Ahmad Oromoon guddina sadarkaa olaanaa qaba. Haata’uu malee, jaarraa hedduuf diinni gara garummaa keenyatti fayyadamuun nu bituu danda’eera jedhan. Bara ijoolleen Oromoo qabsoo eegalte osoo tokkummaan jiraatee Hayilee Fidaafaa diinaan hin nyaataman ture.
Oromoon humna guddaa waan ta’eef tokkoomee jennaan jijjiirama fiduu danda’a. Tokkummaa jechuun waan hundaan tokkoo ta’uu jechuu miti. Garummaan yaadaa yoomiyyuu ni jiraata. Amma tokkummaan keenya barbaachisaadha. Kun ta’uu baannaan cabinsa keessa galla. Diinni keenya yoo kaane maal fiduu akka dandeenyu bareera. Oromoon gandatti galee, lagaafi gandaan wal diigaa, angoorrattis wal qoodaa Oromoo salphisuurra yoo tokkummaan qabsaa’uu hin dandeenye galanii lafa Oromoo qotachuutu fala ta’a.
Tokkumman Oromoo hin eeggamu taanan Itoophiyaan tokko ta’uu hin dandeessu, Oromoon hin jijjiiramu taanan Itoophiyaan hin jijjiiramtu; Oromoon hin misoomu taanaan Itoophiyaan hin misoomtu; nageenyi Oromiyaa nageenya hin eeggamu taanaan Itoophiyaan nagaa argachuu hin dandeessu.
Biyyi kun gaafa jijjiiramni dhufu mindaa kaffaluu hin dandeessu turte. Jijjiiramaa asitti bu’aa mul’achaa jiruun biyyi keenya yeroo ammaa sadarkaan ishee ol guddachuun dinagdee dhaloota jijjiiruu danda’utu hojjetamaa jira. Humni dinagdee biyya keenyaa ijaaruu irraa nu dhaabuu hin jiru. Sababni isaa nuti harka qulqulluun hannarraa bilisa taanee laphee guutuun hojjechaa waan jirruufidha. Itoophiyaan biyya badhaate ta’uun waan hafuu miti.
Mootummaan Wallaggaan misoomsuuf, jijjiiruuf yaada guddaa qaba. Kanaaf mul’ata guddaa qabna. Mul’anni kun akka dhugoomuf uummanni ijoollee keenya karaa nageenyaatti akka deebi’an taasisuu, Waaqa keenya sodaachuu, tokkummaan dhaabbachuu, misoomaafi tasgabbii iddoo birootti dubbatan Naqamtee dhufanii akka daawwataniif uummanni Mootummaa waliin dhaabbachuu qaba. Miirri nageenyaa, misoomaafi tokkummaa kaleessaa deebi’uu qaba. Kanaaf, hunduu hojjechuun ammoo murteessadha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Du’aa ka’uun Yesuus, guca injifannoo imala jireenya haaraa araaraan guutamedha” Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Waaqayyo jalqabatti Waaqaafi lafa; itti aansuunis uumama hunda uume. Namas akka bifaafi fakkeenya isaatti uumee ofitti aansee Addunyaa kanas akka bulchuuf Angoo gonfachiise. Itti gaafatamummaas hidhachiise, seeraafi sirna qabsiisee Jennata Eden eebbaan guute keessatti jireenya akka isaaf mijeesse macaafni qulqulluun dhugaa ba’eera. Ilmi namaa garuu jireenya dhugaafi eebbaan guute kana dagachuun goyyomsaafi shira daabiloos kiyyeesseen xaxamee jireenya qormaataan guutame keessummeesse. Akkasiin ilmi namaa jireenyarra du’a, ifarra dukkana, gammachuurra gadda, eebbarra abaarsa, ce’umsarra kufaatii, dhugaarra soba, jaalalarra jibba, wal utubuurra wal diiguu gochoota walii faallaa jireenyaaf hin mijoofne keessummeessee jooraafi jaawwaraa du’a bara baraaf kaadhimame ta’e.
Waaqayyo garuu ilma namaa fuula isaatii bade barbaachaaf nama ta’ee mul’achuun karaa jireenyaafi dhugaa gara mootummaa Waaqayyootti deebisu barsiisee; araarri, jaalalliifi tokkummaan mo’aa akka ta’e hubachiise. Abboommiiwwan mootummaa waaqaa hubachiisaa, dogoggora kaleessaa barsiisa qajeelaan sirreessaafi shira daabiloos kiyyeesse hunda ciruun imala ilma namaa gara jaannamaatti ture gara jireenya bara baraatti deebisuu cimsee itti fufe. Hanga du’a Fannoottis rakkinaafi dhiphina ilmaan namootaa hunda baatee du’ee du’aa ka’uu isaatiinis shira daabiloos bakkaa balleesse. Akkasiin ilma namaa ofitti araarsuun abdii deebi'ee baduu hin dandeenye kakuu haaraas namootaaf dhaabe.
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hunda biratti du'aa ka'uun mallattoo jireenya haaraa eebbaan guuteefi kennaa gati jabeessa Yesuus Kiristoosiin argame akka ta’etu amanama. Daandiin Yesuus irra deeme, jaalalaafi nagaan inni agarsiises, gadi ofdeebisanii tajaajiluun, jaalalaafi obsaan wal danda’uufi namoota hunda kabajuu inni raawwate fakkeenya godhachuun hunda keenyarraa eegama. Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa baga guyyaa ayyaana Du’aa ka’uu Yesuus kiristoos bara 2016 nagaan geessan, baga waliin geenye.
Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaafi uummata naannoo keenyaa; biyyi keenya qormaatileen kan guutamteefi sirna uummatummaa ijaarame dhabuu isheetiin ilaachi finxaalesummaa kan keessatti dagaage turte. Sanaanis wal takaaluu malee riqicha ce’umsaa waliif ijaaruun kan hin turre, rakkinoonnis akka gocha gaariitti seeneffamuu isaanii irraa kan ka’e dogoggoroonni akka gocha sirriitti fudhatamaa dhufaniiru. Kaan isaanii hojmaata keessa galuun alseerummaan akka seeraatti, dirqama ba’uu dhabuun akka mirgaatti fudhatamuun yeroo dheeraaf waan tureef jireenya hawaas diinagdeefi siyaasa biyya keenya miidhaniiru.
Mootummaan keenya rakkinoota kuufama waggoota dheeraa cabiinsi hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa dhale bu’uura irraa furuuf “dhiifamaan ida’amnee jaalalaan haa ceenu” ejjennoo jedhu qabachuun hojjechaa jira. Biyyi keenyas kan tokko ofitti qabdee kaan moggaatti dhiibdu akka hin taaneef biyya sirni sabdaneesummaan hojiirra itti oolu, hundarraa, hundaafi hundaan ijaaruu jalqabnee jirra. Kuufamni qormaatilee biyya keenya keessa turan caaseffama gadi fagoo kan qabaniifi walxaxoo ta’uu isaanii irraa kan ka’e qorachuun sirreessuu, diiguun ijaaruu kan gaafatanidha. Sanaanis dogoggoroota akka sirnaatti ijaaramaa turan hundeen diigaa tokkummaa sabdaneessummaa ijaaraa jirruun injifannoon kan waloo ta’aa jira. Imala badhaadhinaa eegalleenis qormaattota injifachaa milkaa’inoota ajaa’ibsiisaa galmeessuu eegalleerra; uummata keenya qindeessuun hojiiwwan hojjetaman hundi daandii milkaa’inaa biyyaafi naannoo keenya cimsaniiru.
Injifannoon siyaasaa dhiigaan argame dafqaanis dabalamuu qaba. Uummanni dinagdeen hin ijaaramne injifannoo guutuu waan hin qabaanneef ummanni keenya dinagdeen of ijaaruufi hooggansi keenyas dinagdee hoogganuun dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaadudha.
Itoophiyaan biyya Amantaa hedduu waan taateefis duudhaan wal danda’uufi waliin jiraachuu cimee itti fufuu qaba. Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuufis hojii hojjetameen qaamoleen dhugaa itti fakkaatee qe’ee isaaniirra bosona filachuun uummata dararaa turan hedduun balbala nageenyaaf saaqame simatanii nagaan galaa jiru. Kanaanis imalli jalqabne amansiisaa milkaa’inni argamaa jirus dachaadha. Uummata keenya waliin qindoofnee qormaata hunda ni injifanna; badhaadhina eegalles ni milkeessina. Ammas qaamoleen jiruufi jireenya hawaasaa jeeqaa, nageenya uummataas booressaa jiran gara nagaatti akka deebi’aniif harki nagaaf diriire hin dachaane, balballi araaraaf banames hin cufamne. Kanaafuu humnoonni kun nagaafi araaraan akka galan irra deddeebinee waamicha dabarsina.
Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaa naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa seena qabeessa guyyaa yaadannoo du’aa ka’uu Yesuus kan bara 2016 nagaan geessan; baga waliin nu ga’e jechaa, wayiita ayyaanicha kabajnu kan daare uffifnee, kan beela’e nyaachifnee, kan dhukkubsate gaafannee jaalala, tokkummaa, nagaafi araara lallabuun ta’uu akka qabu hawwii gaarii qabun isiniif dhaama.
Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Ebla 26/2016
Finfinnee
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa sirna kominikeeshinii si’aawaafi qaqqabamaa hojiirra oolchuun mootummaafi uummata jidduutti wal-hubannaan akka uumamuuf hojjeta", Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO
Haasaa baga nagaan dhuftanii Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa sirna baninsa "Agarsiisa Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa" guyyaa har'aa eegalame irratti taasisan Duraan dursee milkaa’inoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota darbanii kan agarsiisu “Agarsiisa Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa” qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa’e daawwachuuf baga nagaan dhuftan Anaa dhufu jechuun barbaada.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa sirna kominikeeshinii si’aawaafi qaqqabamaa hojiirra oolchuun mootummaafi uummata jidduutti wal-hubannaan akka uumamu, ajandaawwan gurguddoo akka biyyaafi naannootti jiran irratti waliigalteen biyyaalessaa akka jiraatu akkasumas maqaan Naannoo keenyaa roga gaariin akka ijaaramuuf hojjechaa jira. Kana milkeessuufis tooftaalee kominikeeshinii adda addaa fayyadamuudhaan odeeffannoo waqtaawaa, qulqulluufi dhugaa ta’e uummata bira akka ga’uufi yaadonni uummataas mootummaa bira akka qaqqaban taasisuun riqicha mootummaafi uummataa jidduutti ta’ee hojjeta.
Yeroo ammaa guddinaafi ammayyoomuu teknoloojii odeeffannoon walqabatee meeshaaleefi tooftaaleen kominikeeshinii odeeffannoon ittiin tamsa’u saffisa guddaan babal’achaa dhufee jira. Kanaanis odeeffannoon taatee golee addunyaa tokko keessatti raawwatu ariitii libsuu ijaatiin golee addunyaa biraa akka qaqqabu dandeessiseera. Guddinni teeknoloojii odeeffannoo kun danqaa bakkaafi yeroo hir’isuun Addunyaa mandara tokko taasiseera.
Babal’achaa dhufuun teknoloojii odeeffannoo akkuma bu’aa olaanaa galmeesse yaaddoo guddaas fidee dhufeera. Odeeffannoon sobaa ariitiin faca’uun xiyyeeffannoon uummataa ajandaa misoomaa irraa akka maqu gochuun burjaajii hamaa uumaa jira. Gama biraan odeeffannoon qulqulluufi dhugaa hin taane guyyaa guyyaan oomishamaa oolan ka’umsa walitti bu’iinsaafi jeequmsaa ta’uun nageenyi akka hin waarofne taasisuu keessatti gumaacha mataa isaa qaba.
Biyya akka keenyaa caasaan kominikeeshinii hubannoofi hidhannoon sadarkaa barbaadamuun hin ga’oomne, sababaan hoogganamuun hin dagaagneefi dhaabbileen miidiyaa ittigaafatamummaan hojjetan hin babal’anne keessatti dhiibbaan kun ni cima.
Haalli kun dhugaa addunyaa keenya har’aati. Dhugaa kana hubachuun qaqqabummaa odeeffannoo mirkaneessuuf caasaa kominikeeshiniifi miidiyaalee mootummaa dorgomaa ta’an akkasumas dhaabbilee miidiyaa itti gaafatamummaafi naamusa ogummaa bu’uura gonfatanii akka hojjetaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Keessumattuu imaammatni, tarsimoo, karoorriifi raawwiin mootummaa ariitiifi qulqullinaan uummata biraan ga’uun uummanni ajandaa misoomaafi nageenyaa irratti akka xiyyeeffatu karaa biraan ammoo odeeffannoowwan sobaa uummata burjaajessan qolachuuf tooftaalee kominikeeshiniifi miidiyaa jiran hunda fayyadamaa jirra.
Kanaafis akka Biiroo keenyaatti ergamaafi gahee hojii odeeffannoo naannichaa waaltessuu, bulchuufi hoogganuu sirnaan hojiirra oolchuuf akkasumas hojiiwwan misoomaa, siyaasaafi nageenyaa mootummaan hojjetu uummanni akka beekuufi hirmaannaa isaa akka cimsu, yaadonniifi gaaffiiwwan misoomaa uummata biraa ka’an mootummaa bira qaqqabuum mootummaaf galtee akka ta’an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirra. Dhaabbilee Miidiyaa Mootummaafi dhuunfaa naannoo keenya keessatti hojjetan waliin fooramii hundeessuunis odeeffannoo waqtaawaafi qulqulluu uummata biraan ga’uu, uummanni imaammata, tarsiimoofi karoora mootummaa irraa beekee akka fayyadamu gochuufi injifannoo argame balballoomsuu irratti milkaa’inni guddaan argameera.
Tooftaalee kominikeeshinii Biiroon keenya hojiirra oolchu keessaa agarsiifni egzibiishinii isa tokkodha. “Agarsiisni Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa” qindeessummaa Biiroo keenyaatiin yeroo jalqabaaf qophaa’e kun milkaa’inoota gurguddoo hundeeffama Mootummaan Naannoo Oromiyaa hanga bara kanaatti jiru milkaa’ina caalaaf mootummaafi uummata kan qopheessudha. Kana malees, hojillee manneen hojii mootummaa hojjechaa jiran uummata biratti akka beekamuufi sekteraaleen mootummaas muuxannoo walirraa akka qooddataniif kan gargaarudha.
Kanaafuu, agarsiifni akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti yeroo jalqabaatiif qophaa’e kun guyyoota sadiif kan turuufi Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa naannootti jiraniifi Bulchiinsi magaalaa Shaggar kan hirmaatanidha."
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Magaalaa Finfinnee Keessatti Aadaafi Duudhaa Oromoo Dagaagsuuf Hojjetamaa Jira
Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo dhiibbaafi hacuuccaa sirnoota darbaanii damdamatee har'a ga'e gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan utubee deebiisee haala uummaticha ibsuun ijaaruuf hojiilee gurguddoo hojjechaa jira. Kana galmaan ga'uufis dhaabbilee hojiin aadaafi duudhaan Oromoo keessatti dagaagu, agarsiifamuu, gurguramuu fi bakki leenjiin itti kennamu Kutaa Magaalaa adda addaa keesstti gamoowwan ijaaramaa jiru.
Kanneen keessaa guyyaa har'aa pirojektii giddugala agarsiisa gurgurtaa meeshaalee aadaa Oromoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataatti ijaaramee sadarkaa xumuraa irra ga'aa jiru Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Kabajamoo Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniin daawwatamee jira.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Sirni Gadaa Sadarkaa Guddina Qaroomina Uummata Oromoo kan Agarsiisudha!
Uummattoonni addunyaa kanarra jiraatan sirna ittiin jiruuf jireenya isaanii gaggeeffatan, falaasamaa fi dhugeeffannoo hariiroo Uumaa fi uumama akkasumas isaaniifi uumama jidduu jiru ittiin ilaalan adda addaa qabu. Uummanni Oromoos uummata dhugeeffannoo, falaasama gabbataa fi sirna bulchiinsaa ittiin jiruufi jireenya isaa gaggeeffatu qabudha. Oromoon saba qaroominaa fi falaasama gurguddaa akka Sirna Gadaa addunyaa kanaaf gumaachedha. Qaroomina addunyaa kanaaf gumaachuu qofa osoo hin taanee saba guddaa jaarmiyaalee aadaa, duudhaa fi seenaa isaa ittiin tikfatu qabudha. Kana keessaa Sirni Gadaa adda durummaan ka’uu danda’a.
Sirni Gadaa sirna Oromoon ittiin haala waliigala siyaasa, dinagdee fi hawaasummmaa isaa akkasumas hariiroo Uumaa fi uumama waliin qabu ittiin qajeelfatudha. Yeroo addunyaan waa’ee mirga dhala namaa hin beeknetti Oromoon mirgaafi dirqama akkasumas ittigaafatmummaa dhalli namaa qabu sirneessuu bira darbee hariiroo uumama waliin jiru sirnoomsedha. Gadaan sirna bulchiinsaa yeroo ammaa ammayyaa jedhamu waan hedduun caala. Kun Sirna Gadaa Oromoo adda taasisa.
Sirni gabbataa fi utubaa uummatichaa ta’e kunis jaarmiyaalee adda addaa kan of keessatti haammatudha. Sirna kana keessatti aangoo paartilee Gadaa shanan jidduutti qoqqoodamuu qofa osoo hin taanee aangoon waggaa saddet saddeetiin dabarfama. Kun osoo addunyaan dimokiraasii har’aa hin beekiin waggaa kuma hedduun dura. Aangoon kan dabarfamu bakka ulfoo mataa isaa danda’ettidha. Bakki kunis Ardaa Jilaa jedhama.
Sirna Gadaa keessatti Ardaan Jilaa bakka walharkaa fuudhinsi aangoo itti raawwatu qofa osoo hin taanee bakka dhimmi uummataa itti mari’atamuufi murtaa’udha. Uummata Oromoo biratti falaasamni walqixxummaa bal’aafi jabaataa waan ta’eef namni kamiyyuu umurii, koorniyaa, bifa, beekumsaan osoo hin daangeffamiin dhorkaa tokko malee dhimma dhuunfaa isaaniis ta’ee, rakkoo hawaasa keessa jiru iftoominaan iddoo itti dhiyeessaniifi irratti mari’atanidha.
Ardaan Jilaa ammoo waltajjii dimokiraatawaa Paartiin Gadaa baallii kennu turtii waggoottan saddeetii biyya bulche keessatti hojii raawwataa turee fi Paartiin Gadaa aangoo fudhatu karoora isaa irratti ibsa bal’aa hawaasaaf iddoo itti dhiyaatudha. Harcaatiin hojii Gadaa baallii ofirraa kennuuf deemuu, Gadaa baallii fudhachuuf qophaa’e dhimmoota nama dhuunfaas ta’ee hawaasa bal’aa bara Gadaa isaanii furmaata akka argatan hubannoo bakka walii itti kennanidha.
Ardaalee Jilaa hedduu Oromiyaa keessa jiran keessaa iddoo wal harkaa fuudhinsa Baalli Gadaa tokko Ardaa Jilaa Me’ee Bokkooti. Ardaan Jilaa Me’ee Bokkoo iddoowwan seena qabeessa Oromoon qabu keessaa tokko yoo ta’u Godina Gujii Aanaa Soraatti argama. Bakki kun bakka burqaa seerri jiruuf jireenya hawaasichaa itti tumamee labsamu waan ta’eef bakka ulfinaa fi kabaja guddaa qabudha.
Bara kana Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti wal harkaa fuudhinsi Baalli Gadaa Oromoo Gujii marsaa 75 Harmuufaa irraa gara Roobaleetti kan taasifama. Sirni kun Sirna Gadaa Oromoo keessatti aangoo karaa jaalalaa fi nagaan waliif dabarsuu kan agarsiisuu sirna boonsaadha.
Kanaafuu, milkaa'ina wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Oromoo Gujii 75ffaa kana tumsuufi sirna guddaa fi boonsaa abbootiin keenya tiksanii asiin gahan kana beeksisuu, kunuunsuu fi tiksuudhaan dhaloota itti aanutti dabarsuun nurraa eegama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Guyyaan Ayyaana Horsiisee Bultoota Oromiyaa 19ffaan Kabajamaa Jira.
Guyyaan ayyaana horsiisee bultootaa naannoo Oromiyaa marsaa 19ffaan sirnoota adda addaan magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti mata duree "Misoomni horsiisee bulaa badhaadhina waloof" jedhuun kabajamaa jira. Saganticharratti Hogganaan Biiroo Misooma jallisiifi horsiisee bulaa Oromiyaa Injiiner Girmaa Raggaasaa haasaa taasisaniin mootummaan naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bultootaa jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibsanii karoora dandamannaa hongeen pirojeektiwwan finnaa 35 naannoo horsiisee bulaatti hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Hawaasni horsiisee bulaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee waggaa 600 oliif kan Gadaan bulaa ture hawaasa kabajamaa ta'uus ibsanii jiru.
Sadarkaa itti aanaa piresidaantiitti qindeessaan kilaastera baadiyaa naannoo Oromiyaa Obbo Abdurhamaan Abdallaa hawaasni horsiisee bulaa dhiibbaa hedduu dandamachuun nageenyaafi birmadummaa biyyaa eeguuf daangaa irratti kan har'a ga'e ta'uu ibsanii, mootummaanis yeroo ammaa pirojeektiwwan finnaa,jallisii ammayyaafi bu'uraalee misooma adda addaa akka hojjechaa jiru ibsaniiru. Bifa addaanis dhiibbaa qilleensaa dandamachuuf hojiin misooma sululaafi ashaaraa magariisaa heddumminaan hojjetamaa akka jirus himaniiru.
Guyyaa kanas baazaariin faayaalee adda addaa, uffata aadaafi nyaatni aadaa naannoo horsiisee bultootaatti beekaman dhiyaachuun daawwatamaa jiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Malaammaltummaan Diina Waloo Keenyaa Waan Ta’eef Gamtaadhaan Irratti Qabsaa’uu Qabna!
Malaammaltummaan danqaa guddina dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa ta’uun dhiibbaa gurguddaa geessisaa jira. Yakkii malaammaltummaa daangaa biyyootaa kan qaxxaamuruufi dhiibbaan geessisus hamaa ta’uu isaatiin Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Addunyaa 190 waliigaltee waloo mallatteessuun tarsiimoo yakkoonni malaammaltummaa ittiin qolatamu hojii irra oolchaniiru. Kanaanis biyyoonni tokko tokko qabsoo farra malaammaltummaa gaggeessaniin milkaa’aa kan jiran yoo ta’u biyyoonni hedduun garuu ammayyuu qormaata malaammaltummaatiin muddamaa jiru.
Biyyi keenya Itoophiyaan waggoota kurnan lamaan darbe waliigalticha mallatteessuun hojiirra kan oolchite yoo ta’u malaammaltummaa ittisuufi too’achuun waliigaltee sadarkaa Idil-Addunyaatti taasifame mirkaneessuu, qabeenya malaammaltummaan saamame deebisiisuufi qabsoo farra malaammaltummaa cimsuuf hojiiwwan garaa garaa hojjetamaa jiraatus yakkoonni malaammaltummaa yaaddoo biyyaa ta’uun itti fufeera.
Malaammaltoonni tasgabbii dhabuu biyyi keenya yeroo dheeraaf keessa turte, cabiinsa naamusaa dhaloonni keessa seeneefi xiyyeeffannoon hojichaaf kenname laafaa ta’uu hordofee hanni bu’uura hawaasummaa akka qabatu taasiseera. Kanaaf ilaalchi hamaan kan gaafa muudame hin nyaanne gaafa bu’u gaabba jedhu barmaatilee badaa yakkoonni malaammaltummaa hawaasa keessatti akka babal’ataniif bu’uura kan buusedha. Mootummaan Naannoo keenyaas ta’e akka biyyaatti waggaa darbe irraa eegalee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun hattootatti luugamni akka kaa’amuuf murteessee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Tarkaanfilee naannoo keenyaatti barii jijjiiramaatii eegaluun hanga bara 2015-tti fudhatameen galmeewwan 2,663 ta’an irratti murtiin kan kenname yoo ta’u kanaanis qabeenyi qisaasame qarshiin biliyoona tokkoofi miliyoona 355 ol akkasumas lafti kaare meetira 1,887,159.71 akka akka deebi’u taasifameera. Kana malees, qarshii 3,380,440,389fi lafti kaare meetira 2,735,578.50 akka dhorkamu ta’ee qoratamaa jira. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuufi hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu irratti tarkaanfiin eegalame cimee itti fufa. Mootummaan hojmaata badaafi hanna duudhaa uummataa cabsee hanga birmadummaa biyyaa miidhuutti aggaammii taasisaa jiru akkuma diina waraanutti waraanaa jira.
Kana malees, qorattoonni hojii qorannoo isaaniitiin saaxiluu, dhaabbileen barnootaa dhaloota malaammaltoota baachuu hin dandeenye ijaaruun, hojjettoonni mootummaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuufi kenna tajaajilaa amanamummaan fooyyeessuu, dhaabbileen Haqaa Haqa uummataatiif hojjechuufi muudamtoonni siyaasaa imaanaa uummanni itti kennateef amanamuun qabsoo farra malaammaltummaa saffisiisee biyya jaalannu akka ijaarru taasisa.
Qabsoon kunis cancala guduunfaa hattoonni harka dhoksaa lafa jalaatiin fo’an salphaatti cicciree olaantummaan seeraa akka kabajamuuf haala mijeessa. Kun ammoo qabsoo obsa fixachiisaa daangaa hanga daangaatti uummata hirmaachise taasisuun malaammaltoonni akka tufamaniifi qabeenyi biyyaas akka baraaramu taasisa.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa; hanni hidda gad fageeffachuun duudhaafi safuu uummataa diigee diinagdee biyyaa kan miidhu qofa osoo hin taane tajaajila mootummaan tolaan uummataaf diriirse gatiin akka bitatu taasisa, rakkoo nageenyaafi okkora garaa garaa uumee biyya tasgabbii dhorkuun waraana keessa tursa, wal amantaa hir’isee garaa garummaa bal’isuun hawaasummaa jidduutti sanyii diinummaa kan facaasuufi sirna diimokiraasii quucarsuun birmadummaa biyyaa gaaffii keessa galcha.
Gocha badaa akkasiif uummanni keenya araarama tokko malee itti fufiinsaan qabsaa’uu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas yakkoota malaammaltummaa hundeerraa maksuuf dhaabbilee ciccimoo ijaaruun hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu, qabsoo uummataa jabeessuufi dhaloonni duudhaa ganamaa akka baratuuf barnoota safuu hojii irra oolcheera. Dhaloonni safuu beeku hanna ciiga’a. Ofii isaaf osoo hin taane biyyaaf dursa kennee birmadummaa biyyaa cimsuun sirna dimokiraasii jabeessee imala badhaadhinaa milkeessa.
Ergama guddicha kana milkeessuufis halkaniifi guyyaa harka wal qabannee hojjechuu qabna.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa guyyaa farra malaammaltummaa bara kanaa wayiita kabajnu malaammaltummaan diina waloo keenyaa ta’uu hubannee gamtaadhaan irratti qabsaa’uu akka eegalluufi egeree biyyaatiif ammoo dhaloota barnoota safuutiin ijaarame akka itti guddifnu waamicha keenya dhiyeessa.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Muddee, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Hojiilee Misoomaa Eegalaman Ittifufsiisuun Imala Badhaadhinaa Eegalle Milkeessina.
Itoophiyaan biyya gamtaa uummata isheetiin ijaaramteefi birmadummaan ishee tikfamee har'a geessedha. Uummattoonni Itoophiyaa uummata birmadummaa biyya isaanii irratti aggaammii kamiifuu hin jilbeeffanne wareegama kaffaluun birmadummaafi bilisummaa biyyaa kabachiisanidha. Kunis, Itoophiyaa fakkeenya bilisummaa Afrikaa kan taasise yoo ta'u uummanni ishees uummata ilaalcha olaantummaa warra Adii fudhachuu diduun gootummaa isaanii addunyaaf mirkaneessanidha.
Haatau malee, gootummaan birmadummaa biyyaa tikse maraammartoo hiyyummaa cabsuu dadhabuu isaatiin Itoophiyaan biyyoota dinagdeen boodatti hafan keessaa tokko ta'uun maqaa hiyyummaan beekamaa turte. Jijjiiramaan asitti seenaa kana jijjiiruufi uummata Itoophiyaatti kabaja horuuf mootummaan karoora Imala Badhaadhinaa qopheessuun birmadummaa dhiigaan gonfanne guutuu taasisuuf tarsimoo sirrii bocee hojiirra oolchuun Itoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf hojjechaa jira. Imalli kunis badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuun birmadummaa keenya gama hundaan guutuu kan taasisudha.
Hojii Motummaan Naannoo Oromiyaa uummata hirmaachisee inisheetiiviiwwan garaa garaa bocuun hojii irra oolchaa jirus kanaaf fakkeenya guddaadha. Qormaata uumamaafi namtolchee nu mudachaa turan humna waloo keenyaan qolannee gara carraatti jijjiiruun hojiin hojjetamaa jiruufi milkaa'inni mul'ataa jiru abdii kan namatti horudha.
Rooba Gannaafi Jallisii Bonaa fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessaa, oomishaalee biyya alaa irraa galaa turan biyya keessatti oomishuun uummata keenya waliin qindoofnee seenaa jijjiiruu akka dandeenyu arginee jirra. Kanaafis, hojiin inisheetiivii misooma qamadii jallisii Bonaa fakkeenya guddaadha. Muuxannoo misooma qamadiin argannes misooma Ruuziin dabaluuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira.
Bara 2016 kanatti dinagdee damdaneessa cimsuu, bu'uuraalee misoomaa babal'isuu, misooma magaalaa jireenya lammiileetiif mijataa ta'e uumui, oomishtummaa humna namaafi faayinaansii guddisuu akkasumas nageenya, bulchiinsa gaariifi haqa mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.
Kanaafis milkaa'ina hunda galeessa fiduuf baay'ina, qulqullina, ariitiifi carraa hojii uumuuf kallattiin kaa'amee xiyyeeffannoon hojjetamaa waan jiruuf qormaata keessatti milkaa'inni galmaa'aa jira.
Hojiileen misomaa garaagaraa Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiranis daandii milkaa'inaa irra jiraachuu keenua kan agarsiisanidha. Uummanni naannoo keenyaa carraa misoomaa jiru hundatti fayyadamuun Bonaafi Ganna osoo hin jedhiin badhaadhina maatii mirkaneessuu, aadaa qusannaa gabbifachuufi gabaa hunda keessatti dorgomaa ta'ee argamuuf hojjechuu qaba. Hojiileen misoomaa garaagaraafi bu'aan tarkaanfilee haaraa naannoo keenyatti hojiirra oolaa jiraniin mul'ataa jiruu hirmaannaafi dhamaatii uummata keenyaan kan dhufe waan ta'eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummata Naannoo keenyaaf galata guddaa dhiyeessa.
Uummanni keenya hiyyummaan qaanii ta'uu hubachuun qormaatilee uumamaafi namtolchee isa muudatan qolachaa hojiilee misoomaa har'a guutuu Oromiyaatti guyyaa har'aa daawwatamaa oolan caalaatti itti fufsiisuuf hojjechuutu nurraa eegama.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Onkololeessa 14/2016
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Irreechi kaleessa dhoksaadhaan kabajamaa ture har'a ayyaana miiliyoononni irratti argamuun kabajamuufi miidiyaalee addunyaan gabaafamu ta'ee jira jedhan obbo Shimallis Abdiisaa.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee karaa nagaafi milkiin xumuramuu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ayyaanni Irreechaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee karaa nagaa ta'een kabajamuun isaa uummanni keenya hangamam nagaa akka barbaadu, duudhaa isaaf kabaja akka qabu akkasumas qindoominni qaamota nageenyaa biyya keenyaa sadarkaa akkamii irra akka ga'e agarsiisa jedhan obbo Shimallis Abdiisaa.
Obbo Shimallis "Irreechi kaleessa dhokannaafi sodaadhaan kabajamaa ture har'a ayyaana uummanni miiliyoononni irratti argaman ta'ee kan kabajamuufi miidiyaalee gurguddaa addunyaan kan tamsaafamu ta'ee jira" jedhan.
Yeroo har'aa Irreechi ayyaana sabaaf sablammoonniifi uummattoonni biyya keenyaa jaalalaan kabajan, lammiileen biyya alaa irratti hirmaatan, ayyaana hawwataafi madda Turizimii ta'aa akka jiru kan ibsan Obbo Shimallis MNO duudhaafi aadaa uummata Oromoo bakkatti deebisuuf, guddisuufi dagaagsuuf labsiiwwan garaa garaan deeggaruun hojiiwwan hedduu hojjetaa jira jedhan. Waggoottan arfan darbanii asittis Irreechi haalaan guddachaa dhufuu himaniiru.
"Ayyaana Irreechaa dirree jeequmsaafi boo'ichaa taasisuuf diinonni keenya namaaf maallaqa ramaduun yaalii taasisanis qindoomina uummata keenyaafi qaamolee nageenyaa keenyaan fashalaa'uun karaa nagaafi duudhaa isaa eeggateen kabajamuu danda'ee jira" kan jedhan Obbo Shimallis Abdiisaa kanaaf ammoo qaamoleen nageenyaa Naannoo Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Federaalaa boqonnaa malee hojjechuu isaaniin waan ta'eef maqaa isaaniifi maqaa uummata Naannoo Oromiyaan galateeffatanii jiru.
Keessumaa jiraattonniifi hooggansi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Magaalaa Bishooftuu sadarkaan jiran jala bultii irraa eegalee keessummoota ayyaana Irreechaa irratti hirmaachuuf dhufan bifa ho'aa ta'eefi karaa obbolummaa keenya agarsiisuu danda'uun nyaataaf dhugaatii, bakka aara galfii qopheessuufi bakka Irreeffannaa qulqulleessuufi simachuun ayyaanicha kabajatanii gara mana isaaniitti nagaan akka galan waan gootaniif galata guddaa qabdu jedhaniiru obbo Shimallis.
Torbeewwan fuuldura keenyaa kanas Irreechi Oromiyaa guutuutti kabajamuuf, bakka hundatti karaa nagaan akka kabajamuuf gaheen uummataa olaanaa ta'uu ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa miidhagee ijaafi gurra uummata addunyaa bira akka ga'uuf halkaniif guyyaa, qorra osoo hin jedhiin hojii ajaa'ibsiisaa kan hojjetan miidiyaalee biyya keenyaa hundaaf galanni isaanii guddaa ta'uus ibsanii jiru.
Itoophiyaa cimtuufi guutuu taate ijaaruuf tokkummaan saboota, sablammootaafi uummattootaa murteessaa ta'uu kan himan obbo Shimallis kun ammoo aadaa, duudhaafi seenaa uummataa guddisuufi misoomsuun mirkanaa'a jedhaniiru.
Dhumarrattis Milkaa'ina kabaja Ayyaana Irreechaa irratti mul'ate hojiiwwan keenya kan biiroo irratti itti fufsiisuuf Qindoominaafi tokkummaan kabaja Ayyaanichaa irratti mul'ate jabeessinee irra itti fufsiisuun akka barbaachisus obbo Shimallis dhaamaniiru.
Ayyaana Gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"“Baga Bacaqii Gannaa Hoofkaltanii Booqaa Birraa Nagaan Geessan Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ”
Ayyaanonni waggaan maranii dhufan miira ittiin yaadatamaniiifi kabajaman qabu. Waktiilee itti kabajamanittis hawaasa keenyaaf hiikaafi ergaa dhama qabu dabarsuun achii-dhuftee ganamaa lallaba buleeyyiin galaa hawaasaaf gumaachu. Waqitiin Ayyaana Masqalaa Dachee rooba gannaan dhoqqoofte qoorsee, biiftuu hurriidhaan haguugamtes saaqee riqicha taee Ganna irraa Birraatti kan ceesisu ayyaana kabajamaadha. Ayyaanni Masqalaa uummata Oromoo biratti jaalalaafi tokkummaan kan kabajamu, kan arjoomuu malee waakkiin keessa hin jirre ayyaana quufaafi sugaati. Kanaaf Masqalli Mootii Ayyaanaa jedhamee uummata Oromoo biratti miira addaan kabajama.
Kabajamtoota uummata Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii Gannaa hoofkaltanii Booqaa Biirraa Ayyaana Masqalaa tibba horii fi namni, waatiifi daaimni akkasumas kan fagoofi dhiyoo gammachuun guutamee, hawaasummaan haaromee walooma isaa itti leellisuufi gammachuu isaa ittiin ibsatu nagaan geessan.
Uummata Oromoo biratti booqaan Birraa taatee wal jijjiirraa yeroon dhufu qofaa osoo hin taane, sochiin hawaasummaafi diinagdee sababa rooba cimaan gargar fagaatee fagaatee ture deebiee jabaachuun ilma namaa imala haaraawaaf qopheessa. Hawaasummaa ganni gargar fageesse deebiee haaroma, Qeerroofi Qarreenis Goobeefi Shinooyee taphachuun qeee tokkoo gara birootti imalanii misiraachoo simannaa Ayyaana Masqalaatti labsu. Kana malees, Masqalli ayyaana tibba sanyiin Ganna facaafame Asheetee ollaafi firri walitti dhufanii waliin sooratan, loon kaloorraa dheedanii wayita quufan kabajamu waan taeef simboo addaa kenna. Kanaaf Oromoon Masqalli quufa jedha.
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa birattis Masqalli ayyaana yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoos taee kabajama. Hordoftoonni amantichaa jaalala dhugaa Waaqayyo dhala namaatiif qabu guyyaa itti dinqisiifataniifi galateeffataniidha. Yesuus kiristoos jaalala ilmaan namaatiif jecha sababa dhiifamuu cubbuutiif tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti erguun wareeguu isaa yaadachuun araaraafi dhiifama guyyaa itti lallabaniidha. Kanaafis, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Ayyaanni Masqalaa guyyaa yaadannoofi mallattoo jaalalaa, araaraafi dhiifamaa tauutu barsiifama.
Uummata biyya keenyaa hunda biratti Masqalli akka mallattoo ceuumsaatti ilaalama. Sababni isaa Masqalli wayita Gannarraa gara Birraatti darbamu waan taeef rakkoofi gadadoo irraa gara quufaatti waan ceaniif, Oromoon kan darbeef Waaqa galateeffachuun kan dhufuuf immoo kadhachuun kabajata. Kabajaafi ulfina Ayyaana Masqalaatiif qabus yeroo ibsu Galgalliifi Masqalli waakkii hin qabu jechuun duudhaa arjummaa sirna uummata Oromoo keessa jiruun maaddii waliin qooddachuufi ayyaanicha gamtaan waliin kabajata.
Kabajamtoota uummata Oromoo, saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa duudhaa waloomaa waggootaaf kuufanneen tokkummaa keenya jabeessinee humna nu diiguu barbaadu gamtaan dura dhaabannee bara 2015 keessa qormaataawwan hedduu turan carraatti jijjiirree milkoofnee jirra. Uummanni keenya gamtaa isaa cimsatee qormaatilee waan injifataman hin fakkaanne hunda injifatee, hanqina jiru sirreesseefi cimina qabnus itichuun hojiin hojjechaa dhufne humna guddaa imala keenya milkeessee badhaadhinaan nu gau tauu gocha qabatamaa keessatti agarree jirra. Keessumaa wayita hongeen cimee rakkoo hamaaf uummata keenya saaxile uummanni Kaabaa Kibbatti, Bahaa Lixatti harka arjummaa isaa waliif diriirsee Buusaa Gonofaan wal hirphee qormaaticha karaa ajaaibaan akka damdamannu nu taasiseera. Kana malees, hongee jijjiirama qilleensaan dhufu hundeen qolachuu kan nu dandeessisan Pirojektoota Finnaa baajata mootummaa xiqqaa qabnuufi humna waloo keenya fayyadamnee fala waaraa rakkoolee akkasii ittiin furrus nu gonfachiiseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaafi safuu Oromoo ulfoofi ulfina isaa ganamaatti deebisuun Oromiyaa ijaaree Itoophiyaas utubuuf imala waloomaa jabeessuu, misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuufi nagenya waaressuuf eegale daandii ummatichaa qajeelchee injifannoo ummatichaas akka itti fufu taasiseera.
Aadaafi duudhaan keenya akkasumas seenaan gootummaa keenyaa misoomaafi guddina dinagdeenis akka dabalamuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa harqota hiyyummaa caccabsuun diinagdee damdaneessaa mirkaneessuuf bara 2016tti karoora xiiqii qopheessee hojiitti hiikuu eegaleera.
Karoorri xiiqii bara kanaa aadaa hojii keenya buuraan jijjiirruun ariitiifi baayinaan oomishnee kalaqaan dabaaluun akka galma guddaatti kan qophaae karoora uummataati. Kana malees humni waloo keenya tajaajila lammummaa, Buusaa Gonofaa, Gaachanni Sirnaafi Manni Murtii Aadaa karoora keenya cimsee riqicha amasiisaa boruu keenya ittiin ijaarru taee kan nu gargaaru tauun xiyyeeffannoon kennameefii jira. Galma qabame milkeessuufis Oromoon wal hubatee gurmaaee waliin dhaabbatee qormaata isa mudatu hunda waloon qolachuufi nageenya isaa tikfachaa injifannoo isaas bulfachuun egeree isaa buuura jabaa irratti cimsee akka ijaarratu waamichan dhiyeessa.
Uummanni ayyaana kana wayita kabaju gootota ilmaan sabaafi sablammootaa kaayyoo finxaaleyyii dura dhabbachuun kabaajaafi ulfina naannoofi biyyaa tiksan yaadachuufi kabaja kennuu, maatii isaanii deeggaruun haalaan barbaachisaadha. Kan rakkate gargaaruu, kan dheebote dheebuu baasuufi kan daares uffisuun wal bira dhaabbachuu qabna.
Waktichi waktii Manneen Barnootaa saaqamaniifi barattoonnis manneen barnootaatti deebian waan taeef tajaajila lammummaa keenya cimsinee misooma waloo keenya akka milkeessinu waamicha dhiyeessuun barbaada. Ayyaanichi kan gammachuu, jaalalaafi tokkummaan keenya daran cimee sabdaneessummaan itti dagaaguun biyya cimtuu hundaaf mijattuu taate itti ijaarru nuuf haa tau jechaa, ayyaanni kan nagaa, jaalalaafi milkaainaa, akka nuuf taun hawwa.
Ayyaana Gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Torbeen Turizimii Oromiyaa 3ffaa guyyoota 3f turu Finfinnee Hoteela Iskaaylaayititti eegale.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa diinadgeefi hawaasummaa uummataa cimsuuf turizimiirratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa kan jiru ta'uu Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluu himuun mootummaan dinadgee damdaneessaa uumuudhaaf qabeenyaafi humna namaa qindeessuun hojiilee jajjabeessaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Waggoota sadan darbanitti hojii sektarichaan hojjetamaniin bu’aaleen gaggaariin hedduun argamuus obbo Abdulhakiim himaniiru.
Komiishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa gama isaaniin Torbee Turizimii 3ffaa Oromiyaa adda kan taasisu yeroo Paarkiin Biyyaalessaa Gaarrewwan Baalee hambaa addunyaa ta'uun 'UNESCO'tti galmaa'eefi jala bultii Ayyaanota Masqalaafi Irreechaatti ta'uu isaa himuun komiishinichi hojii qabeenyawwan hawwata turizimii Oromiyaa beeksisuu Daandii Qilleensa Itoophiyaa dabalatee qaamolee biyya keessaafi alaa gara garaa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru. Torbee Turizimii Oromiyaa 3ffaa kana irratti biyyoonni kanneen akka Yugaandaa, Keeniyaafi Chaayinaa argamaniiru
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Raajii hojjechuu kan aadeffate uummanni Oromoo egeree biyyaaf abdii ta’uu irra deebiin mirkaneessee jira!
Aadaa qabeenya uumamaa kunuunsuu abboota irraa dhaalameefi duudhaa uumama tiksuu sirna Gadaan utubame bu'uureffachuun waamichi Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaraafi dachaa mancaatii bosonaatiin hubame misoomsuuf taasise gochatti jijjiirtanii ergama Oromiyaa magariisa uwwisuu eegalame waan dhugoomsitaniif galata guddaan isiniif galchuu barbaada. Uummanni keenya waamicha mootummaa isaa fudhachuun biqiltuu Ashaaraa Magariisaa akkuma waggoota Arfan darbe injifannoo irratti injifannoo guddaa galmeesse bara kanas guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 481 dhaabuuf karoorfannee biqiltuu miiliyoona 520,535,401 dhaabuun seenaa biraa dalaguun Itoophiyaafis abdii ta’uu irra deebiin mirkaneesseera.
"Boruu keenya har’a haa dhaabnu! Dachee Oromiyaa magariisa haa uwwifnu!" jennee gaafa murteessinu; karoora hiixataa egeree dhalootaa itti fufsiisu gaafa qopheessinu; akkasumaan osoo hin taane uummata raajii dalaguun har’a irra taa’ee dhalootaaf ashaaraa isaa kaa’u, uummata hamma jedhe ga’u isin qabaachuu keenya waan beeknuufi.
Kabajamtoota uummattoota Naannoo keenyaa!
Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afrikaas ni tasgabbeessina yeroo jennu tarsimoo raawwii isaa dursinee qiyyaasneetu. Tarsimoo qiyyaafame keessaa ammoo tokko dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa yoo ta’u, Oromiyaa ijaaruun hojii boriif bulfamu osoo hin taane hojii itti fufinsaan raawwatamudha. Dhimma dhaloota har'aa waliin hojjechuu dhaloota egereef galaa kaa'uu ta’e kana irratti hirmaachuun guddummaa Oromoofi utubaa guddicha Itoophiyaa ta’uu keenya waan mirkaneessitaniif irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada.
Qormaatawwan sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufu qolachuuf inisheetiiviin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummicha Ministeeraa keenya Looreetii Nagaa Addunyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin labsame tumsa uummanni keenya taasiseen gaaraafi dachaawwan onan magariisa akka uffatan, laggeen gogan akka mirgisan taasiseera.
Har’as akkuma kaleessaa uummanni Oromoo daangaa hanga daangaatti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa gamtaan ba’ee dhaabuun dafqa isaatiin Ashaaraa yoomiyyuu hin haqamne dhaloota boruutiif haala ajaa’ibaatiin kaa’ee jira. Biqiltuuwwan har'a dhaabne madaala qilleensaa eeguun gaaddisa ta'ee kan aara itti galfannu, nyaata ta'ee kan soorannu, sabbata dachee ta'ee dhiqama biyyoo to'achuuf kan ooluufi simboo ta'ee dachee keenya kan miidhaksu firiin isaa kan yeroo gabaabaafi dheeraati.
Hojii hanga ammaatti hojjetamaa dhufe kanaanis gaarawwaniifi dachaawwan kaleessa onaa turan har’a lafa bashannanaafi gaaddisa boqonnaa ta’anii yeroo agarru boruu keenya har’a ijaaruu akka dandeenyu nuuf mirkaneesseera. Raajii ajaa’ibsiisaa kana kan hojjeteefi hojjetaas jiru uummanni keenya adda hunda irratti injifannoo guddummaa isaa madaalu galmeessaafi kan argate ammoo kunuunsee eeggachuun barbaachisaadha.
Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa boqonnaa jalqabaatiin biqiltuuwwan gosa garaa garaa Biiliyoona 13.86 dhaabbatee dhibbentaan 84 (%) latuun bakka dadhabnee, dafqinee dhaabnetti har’a boqochaa jirra. Kanaanis, hojiin uummata keenya waliin gurmoofnee hojjenne faajjii injifannoo keenya olkaasee; gochuu danda’uu keenya Addunyaaf raggaasisedha. Sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa 2ffaatiinis naannoon keenya Oromiyaa magariisummaan uwwisuuf Ganna kana biqiltuu Biiliyoona 4.5tu dhaabama. Akkuma har'a hojjennee waan karoorfanne milkeessine, biqiltuuwwan har'a dhaabne kunuunsinee oomisha dachaa akka sassaabbannu shakkii hin qabu. Uummanni keenyas akkuma kanaan dura gochuu akka danda’u mirkaneessetti milkaa’ina argame cimsee hanqinaalee turan waloon sirreessee hojii boruu keenya har’a ijaaruu eegalle milkeessuuf gama hundaan akka tumsu waamichakoo dabarsaa, walii gala qaamoleen milkaa'ina hojichaatiif tumsitan hunduu irra deebi'uun galatoomaa jechuun barbaada.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Adooleessa, 2015
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Sirna Federaalizimii Sabdaneessaa Cimsuun Biyya Hunda Keenyaaf Taatu Ijaarra!
Itoophiyaan biyya saboota, sablammootaafi uummattoota hedduu qabduufi birmadummaa ishee mirkaneeffachuun jiraachaa turteefi jirtudha. Lammileen ishees garaagarummaa Sabummaa, Amantaafi Afaanii qabaatanis heddummina isaanii humnaafi madda miidhaginaa godhachuun baandotaafi weerartoota biyya irratti aggaaman tokkummaan qolachuun birmadummaa biyya isaanii kabachiisuu bira darbanii bilisummaa Afrikaanota biroof gumaacha olaanaa taasiftee jirti. Kanaanis, fakkii bilisummaa Gurraachota Afrikaa yoo taatu Afrikaanota irraas kabajaafi jaalala guddaa argatteetti. Haata’u malee, seenessa dogoggoraa lallabamaa tureefi sirna sirnichi dhalcheen sabaafi sablammoonni kunneen sirna afaan, amantaafi alaabaa tokko leellisu jalatti akka bulaniif dirqisiifamaniiru. Ta’us, qabsoo saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa taasisaa turan yeroodhaa gara yerootti finiinaa dhufuun sirna qeenxee olaantummaa garee tokkoo leellisu ilaalchaafi gocha isaa waliin ofirraa fonqolchanii injifannoo weerartoota alaa irratti gonfatan humnoota keessootti tokkummaa isaanii nyaatan irrattis mirkaneeffachaa dhufan. Gaaffii lafaa, gaaffii ofiin of bulchuufi gaaffii dimokiraasii irraa jalaan deebi’aa dhufe jabeessanii qabachaa, imala gara dimokiraasiitti taasifamu irree tokkummaan cimsan. Haala kanaan dhaloonni injifannoo argate kunuunfachaa kan isa hafeef qabsaa’u dhalachuun jijjiirama siyaasa Itoophiyaa falaasama Ida’amuun durfameef bu’uura kaa’e.
Kanaanis ijaarsa Itoophiyaa Afaan qawweetiin osoo hin taane marii ilaaf ilaameetiin guutame; sirna qeenxeedhaan osoo hin taane Federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti ijaarameen biyya hundaan hundaaf taatu ijaaruuf galma taasifate. Dallaa jibbinsaa diiguufi riqicha dhiifamaa waliif ijaaruun kan eegalame imalichi injifannoo sabdaneessummaa miidhaksee kabaja Itoophiyaa olqabuun eegalame. Jijjiiramichaan Saboonni, Sablammoonniifi Uummattoonni Itoophiyaa eenyummaa isaanii isa dhugaa mirga ofiin of bulchuu gonfachuu eegalan.
Imalli haaraan kabaja sabdaneessummaa olqabee birmadummaa Itoophiyaa gama hundaan guutuu taasisuu wayiita eegalu finxaalessaan sirna moototaa hawwu akka yaadeefi bakka yaadee waan of dhabeef afaan qawweetiin sirna moototaa deebisuu ykn Itoophiyaa diiguu filannoo isaa taasifachuun waraana biyyarratti labse.
Uummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa saboota, sablammootaafi uummattoota biyyattii waliin ta’uun injifannoon dhiigaafi lafee ilmaan Itoophiyaatiin argame tiksuu, ijaarsa sirna federaalizimii sabdaneessummaa eegalame jabeessuu, misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuufi Itoophiyaa hunda keenyaaf taatu ijaaruu keessatti gumaacha naannicha irraa eegamu ba’uuf kutannoon hojjeta.
Itoophiyaan waloon ijaaraa jirru hundaan hundaaf kan ijaaramtu, hundaaf kan taatuufi hundaan kan tikfamtu biyya heddumminni kabaja keessatti argatedha. Kanaaf uummanni Oromoofi saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa sirna federaalizimii sabdaneessaa obbolummaa irratti ijaarame tikfachuun kaayyoo finxaalessitootaa duwwaatti hambisuun imala eegalame itti fufsiisuun barbaachisaadha.
Finxaalessitoonni humna sabdaneessummaa gufatanii kufanii caccabu, Itoophiyaan kabajaafi ulfina ishee eeggattee itti fufti.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaaa
Hagayya, 2015
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Qonni diinagdee naannoofi biyya keenyaa keessatti seektera gahee murteessummaa qabuudha” Dr Abarraa Dheeressaa.
Akkuma beekamu qonni utubaa dinagdee biyya keenyaati. Kana jechuun, dinagdeen biyya keenyaa Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaa, Carraa Hojii Uumuun, Wabii nyaataan, Alergiin qonna irratti hundaa’a jechuudha. Faallaa kanaatiin ammoo qonni biyya keenyaa yeroo dheeraaf hanga dinagdee biyya keenyaa utubu xiyyeeffannoo argachuun guddina hin agarsiifne. Malli qonnaa keenya jijjiirama guddaa hin argamsiifne. Yeroo dhiyoon asitti mootummaan sektara qonnaa osoo hin jijjiiriin dinagdee biyya keenyaa jijjiiruun akka hin danda’amne hubachuun qonna biyya keenyaa bu’uura irraa jijjiiruuf hojjechaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaas haala mijataafi carraa gaarii Naannoon Oromiyaa qabdu hojiitti jijjiiruun dinagdee uummata naannichaa cimsuuf Inisheetiiviiwwan garaagaraa qorannoo irratti hundaa’an maddisiisuun hojjetaa jira. Inisheetiiviiwwan hojiirra ooluu eegalaniinis bu’aan abdachiisaan argamuu kan eegale yoo ta’u kun cimee itti fufa.
Hordoftoota keenya haala waliigala guddina qonna Naannoo Oromiyaafi biyya keenyaa, qormaatileefi carraawwan jiran ilaalchisee Qorataafi Gorsaa Olaanaa Dhimma Qonnaa, Itti Aanaa Walitti Qabaa Boordii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa fi Itti Aanaa Walitti Qabaa Boordii Hooggansa Sanyii Filatamaa Oromiyaa Dr Abarraa Dheeressaa waliin gaaffiifi deebii taasifneerra. Dr Abarraa Dheeressaan dhimma qonnaa irratti qorataadhaa hanga hooggansa olaanaatti muuxannoo bal’aa qabaniifi ogummaa isaaniitiin nama biyya isaanii tajaajilanidha. Odeeffannoo bal’aa isaan irraa argannes akka itti aanutti kutaa kutaan isiniif dhiyeessina.
Gaaffiin jalqabaa Dr Abarraa Dheeressaaf dhiyeessine muuxannoo qorataadhaa hanga hooggansa olaanaatti sadarkaa adda addaa waggoota dheeraaf hojjechaa turan irraa argataniin qonni biyya keenyaaf maal akka ta’e akka nutti himan ture. Dr Abarraan “qonni dinagdee biyyaafi naannoo keenyaa keessatti sektera gahee murteessummaa qabudha” jedhan. Sababni isaas qonni carraa hojii % 77 kan uumu, sharafa alaa %72 kan argamsiisu, Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaaf (GDP) %35 kan gumaachu, nyaata namaafi beelladootaaf kan ooluufi induustiriif galteen dheedhii kan irraa argamudha. Kanaafuu, biyyaafi naannoo keenyaaf qonni dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef dhimma mootummaa, hooggansaa, ogeessaafi nama hundaa akka ta’e himu.
Dr Abarraan dinagdee keessatti sektera hojii qooda murteessummaa qabu kana keessatti waggaa dheeraaf sadarkaa garaagaraatti ittigaafatamummaa natti kenname bahachaa turaniiru. Adeemsi dheeraa isaan keessa darban kun garuu qajeelaa qofa/qormaata irraa bilisa akka hin taaneefi bu’aa bayii hedduu kan qabudha. Hojii Mana Barnootaa irraa akka ba’aniin eegalan kana irraa muuxannoofi barnoota bal’aa kan argatan yoo ta’u biyyaafis bu’aa itti buusaniiru. Ogeessa Dirree, Gargaaraa Qorattootaa, Qorataa Jalqabaa irraa hanga Qorataa Olaanaafi Daarektera Jeneraalaatti kan hojjetan Dr Abarraan gama hooggansaatiin sadarkaa Hoogganaa Buufata Xiqqaatii hanga Deetaa Ministeeraa ga’utti akka tajaajilaniiru. Dhaabbilee Qorannoo Idil-Addunyaa adda addaa waliin kan hojjetan yoo ta’u kana irraas muuxannoofi barnoota bal’aa gonfataniiru. Kana keessaas, Miseensa Gorsitoota Boordii Giddigala Qorannoo Misoomaa Idil-Addunyaa, Miseensa Boordii Qorannoo Beelladaa Idil-Addunyaa, Miseensa Boordii Baayoteknoloojii Afrikaa Bahaa fi kan biroo akkasumas hooggantoota biyyoota garaagaraa fi dhaabbilee dhuunfaa adda addaa waliin hojjechuun ogummaa, barnootaafi muuxannoo argataniin biyyaafi uummata isaanii tajaajilaniiru.
#Kutaa-2ffaan itti fufa…
“Mootummaan qonna gateettii sangaa irraa buusuun gara tiraakteraatti ceesisuuf fedhiis imaammatas qaba” Dr Abarraa Dheeressaa
---------
Dhimmoota Qonna Biyya Keenyaa Irratti Turtii Dr Abarraa Dheeressaa Waliin Taasifame
#Kutaa_2ffaa
Muuxannoofi ittigaafatamummaa sadarkaa garaa garaatti gonfatan irraa ka’uun guddina sektarri utubaa dinagdee biyya keenyaa isa guddaa ta’ee kun sadarkaa maalii irratti akka argamu akka nuuf ibsaniif gaaffii dhiyeessineef Dr Abarraan akkas jechuun deebisan:
Qonni naannoofi biyya keenyaa yeroo gara yerootti guddina agarsiisaa jira. Oomishoota gosa hundaan oomishaafi oomishtummaan dabaleera. Fakkeenyaaf, Boqqoolloon heektaaratti kunt 14 irraa gara kunt 40tti, Qamadiin heektaaratti kunt 12 irraa gara kunt 35tti guddateera. Oomishoonni kan biroos haaluma kanaan harka lamaa hanga sadi guddina kan agarsiisan yoo ta’u oomishni waliigalaa ooyiruu qonnaan bulaa irraa bara 1994 kuntaala miiliyoona 99 argamaa ture bara 2014 kuntaala miiliyoona 449 irra ga’eera.
Haata’u malee, guddinni kun wabii nyaataa, fedhii sharafa alaafi galtee dheedhii induustirii naannoofi biyya keenyaa guuteera jechuu hin dandeenyu. Lakkoofsiifi fedhiin uummataa dabalaa, induustiriin babal’achaa waan jiruuf hojii hedduu hojjechuu gaafata jedhan.
Hooggansa Naannoo Oromiyaa biratti dhimmi qonnaa dhimma ijoo ta’uun qabatameera. Hooggansi sadarkaan jiru hojii ijoo taasifachuun fudhatee hojjechaa jira. Keessumattuu, Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa qophii lafaa irraa eegalee hanga sassaabamee galutti yeroo hordofan ni mul’atu. Oomishni qamadii jallisii Bonaa akka muuxannoo gaariitti fudhatamuu danda’ama. Qamadii jallisii Bonaan oomishuun yeroo gabaabaa keessatti qamadii alaa galaa ture hambisuu keessatti gaheen hooggansa siyaasaa olaanaa ture.
Kaka’umsiifi kutannoon hooggansaa baay’ee gaarii ta’us deeggarsi faayinaansii ga’aadha jedhanii fudhachuun hin danda’amu. Akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti baajenni hangi humni danda’e ramadamus akkaataa faayidaa dinagdeefi bal’ina sektarichaatti gahaadha jedhanii fudhachuun nama rakkisa. Qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf pirojektoonni jallisii babal’achuu qabu. Haala qilleensa baramaa hunda keessatti giddu galoota qorannoo hundeessuun meeshaaleefi humna namaan guutuu barbaachisaadha. Warshaaleen xaa’oofi farra ilbiisotaa ijaaramuu qabu. Lafoota babal’aa gara misoomaatti galchuuf bu’uuraaleen misoomaa ijaaramuu qabu. Haalli jireenyaa hojjettoota qonnaa fooyya’uu qaba. Hojiiwwan kunneen hojii baajeta guddaa barbaadan waan ta’aniif bifa adda ta’een baajeta ramaduufi deeggaruun barbaachisaadha.
Gaaffii imalli qonna biyya keenyaa gateettii Qotiyyoo irratti hirkatee tureefi jiru biyya keenya hiyyummaa keessaa baasuu waan hin dandeenyeef rakkoo kana akkamitti furuun danda’ama jedhuuf?
Biyyoonni guddatan guutummaa guutuutti gara makaanaayizeeshiniitti ce’aniiru. Biyyoonni gariin gara sanatti deemaa jiru. Biyyoonni hiyyeeyyiin ammoo mala qonnaa aadaafi ammayyaa walmakaa fayyadamaa jiru.
Dhugumatti Itoophiyaan yeroo dheeraaf gateettii sangaa fayyadamti. Biyyoonni Afrikaafi Eeshiyaa ammoo harkaafi beelladoota biroo kan fayyadaman jiru. Gama kanaan kan keenya fooyyee qaba; sababni isaas guutummaa guutuutti gateettii sangaa fayyadamna.
Mootummaan qonna gateettii sangaa irraa buusuun gara tiraakteraatti ceesisuuf fedhiis imaammatas qaba. Haata’u malee, bu’uurri dinagdee keenyaa laafaa waan ta’eef yeroo tokkotti kan milkaa’u miti; hojii walduraa duubaan hojjetamudha. Jalqaba qonnaan bulaan lafa ciccitaa irratti teknoloojii fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa akka dabalu taasisuu gaafata. Kunis, qonnaan bulaan lafuma isaa irratti ykn kilaastaraan walitti dhufuun tiraaktara, kombaayinara, meeshaa farra ilbiisotaafi farra aramaa akka argataniifi fayyadaman akkasumas odeeffannoo gabaa akka argatan taasisuun tooftaa tokkodha. Karaa biraatiin, lafoota babal’aa hin qotamne adda baasuufi bu’uuraalee misoomaa ijaaruun abbootiin qabeenyaa teknoloojii qonnaa ammayyaa akka fayyadaman, muuxannoo akka dabarsaniifi oomishaafi oomishtummaa akka guddisan taasisuu barbaachisa.
Dabalataan, mootuummaan tiraakteroonni humna qaban adda addaa biyya keessatti akka oomishaman, giddugala suphaafi leenjii babal’isuun qonnaan bultootaafi dargaggoota leenjisuun yoo hojjetame dhawataan qonna keenya gateettii sangaa irraa gara tiraakteraatti ceesisuu dandeenya.
Imaammanni qonnaa ture dhimmoota gaggaarii kan of keessatti qabate ta’us akka biyyaafi naannootti dhimmi guddaan dagatamee ture qabeenya namaafi lafaati. Humni namaa keenya irra caalaan kan barate miti. Huumni kaappitaalaa isaas laafaadha. Imaammanni ture kanaaf xiyyeeffannoo hin kennine. Abbootiin qabeenyaa meeshaalee qananii qaraxa irraa bilisaan akka galfataniif yeroo eeyyamamu qonnaan bultoonni garuu meeshaalee qonnaa qaraxa irraa bilisa karaa ta’een akka galfataniif hin eeyyamne. Abbootiin qabeenyaa Baankii irraa liqii argachaa turan; qonnaan bultootaaf haalli hin mijoofne. Dame qonnaa irratti si’eessituun (incentives) imaammataan kan dhorkame ture. Sababa kanaan oomishtummaan qonnaa baay’inaanis ta’ee qulqullinaan hanga barbaadame hin guddanne.
Jijjiiramaan booda fooyya’insa imaammataa taasifameen kaka’umsi qonnaan bulaa dabaleera; oomishtummaanis guddateera. Qonnaan bulaan meeshaalee qonnaa hedduu qaraxa irraa bilisaan galfachuu danda’a; liqaas ni argata. Lafa qonnaa kilaastaraan walqunnamsiisuun yeroon qotuu, yeroon facaasuufi yeroon walitti qabuu akka danda’uuf meeshaalee qonnaa ammayyaa akka fayyadamu taasifamaa jira. Kun ammoo yeroo, humnaafi maallaqa isaa qusata. Baay’inaafi qulqullina oomishaas ni dabala. Galiin qonnaan bultoota mala/hojimaata qonnaa kanatti fayyadamanii dabalaa dhufuun isaa bu’aa qabeessummaa imaammatichaa mul’isa. Deeggarsi amma taasifamaa jiru bu’aa qabeessa waan ta’eef jajjabeeffamuufi cimee itti fufuu qaba.
#Kutaan_3ffaan itti fufa…
“Ajandaan ce’umsa qonnaa akkaataa eegalameen yoo itti fufe Naannoo Oromiyaa bira darbee akka biyyatti ce’umsa qonnaa fiduu danda’a” Dr Abarraa Dheeressaa
------------
Dhimmoota Qonna Biyya Keenyaa Irratti Turtii Dr Abarraa Dheeressaa Waliin Taasifame
#Kutaa_3ffaa
Makaanaayizeeshinii Qonnaan walqabatee qaamonni lafa ciccitaa irratti qonna ammayyeessuun hin danda’amu jedhan jiru; gama biraan ammoo lafa xixiqqaa qonnaan bulaa harka jiru Kilaastaraan walitti fidanii qotuun bu’aa qabeessummaa qonnaa dabaluun ni danda’ama yaanni jedhus jira. Haala qabatamaa biyya keenyaa waliin isa kamtu deemuu danda’a/sirriidha jettu? moo filannoon kanarra fooyya’aan jira? jechuun gaaffii gaafanneef:
Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf meeshaalee qonnaafi lafti qonnaa babal’aan qofti gahaa miti; galteewwan qonnaa kan akka sanyii filatamaa, xaa’oo, farra aramaa, farra ilbiisotaafi kkfn fayyadamuun, qophii lafaa yeroo isaa eeggate taasisuufi maloota biroo hojiirra oolchuu gaafata.
Kanaafuu, lafa ciccitaa irratti galteewwan qonnaa barbaachisaniifi mala qonnaa ammayyaa fayyadamuun oomishtummaa guddisuun ni danda’ama.
Karaa biraatiin qonnaan bultoota hubachiisuufi amansiisuun lafa isaanii kana kilaastaraan walitti fiduun teknoloojiiwwan qonnaa ammayyaa fayyadamuun yeroo, baasiifi humna hambisuun baay’inaafi qulqullinaan oomishuun ni danda’ama. Malli qonnaa kilaastaraan qotamu hoj-maata gara mala qonnaa ammayyaatti geessu waan ta’eef jajjabeeffamuu qaba; sababni isaas baasii, yeroofi humna kan qusatu baay’inaafi qulqullinaan oomishuu kan dandeessisudha; teknoloojiiwwan qonnaa ammayyaa fayyadamuufis ni gargaara. Kanaafuu, yaadota lamaan ilaalcha keessa galchuun kan irra fooyyee qabu filachuun hojiirra oolchuun ni danda’ama. Akka ilaalchaafi amantaa kiyyatti qonnaan bulaa amanasiisuufi waloon akka hojjetan taasisuun lafa ciccitaa irratti teknoloojiiwwan qonnaa ammayyaafi galtee qonnaa fayyadamuun, liqaa mijeessuufi meeshaalee qonnaa qaraxa irraa bilisaan akka galfatu gochuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun ni danda’ama.
Jijjiiramaan booda mata duree ‘Ce’umsa Qonna Oromiyaa’ (Agricultural Transformation in Oromia) jedhuun gareen qorattoota qonnaa hudhaawwan qonna Oromiyaa keessa jiran qorannoon adda baasuun mootummaaf akka dhiyeessan ibsuun bu’aa qorannichaa irratti hundaa’uun hudhaawwan Qonna Oromiyaa garee qorattootaa kanaan adda ba’an mootummaan hangam galtee taasifatee hojjetaa jira? Gaaffii jedhuuf:
Sanadni ‘Ce’umsa Qonna Oromiyaa’ ogeessota qonnaa naannichaatiin kan qophaa’e yoo ta’u mootummaaf dhiyaachuun ariitiin hojii irra oolaa jira. Sanadichi rakkoowwan qonna Oromiyaa gurguddoo ta’an kan sakatta’e, qonni Oromiyaa maaliif hanga yaadame akka hin guddanne, utubaawwan misooma qonnaa, hojiiwwan yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi yeroo dheeraa keessatti hojjetamaniifi hojiiwwan qonnaa qindoominaan hojjetamuu qaban kan adda baasedha.
Sanadni kun osoo mootummaaf hin dhiyaatiin dura dhimmamtoota qonnaa murteessoo ta’an waliin irratti mari’atamuun bilchaatee sanada dhimmamtoota hundaa ta’uun kan qophaa’edha.
Dabalataan dambiifi tooftaaleen raawwii isaa qophaa’uun sanada kana waliin dhiyaateera. Sanadichi eyyentaa dhimmamtoota hundaa erga argateen booda bakka Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa argamanitti dhiyaatee mariin bal’aan erga taasifamee booda ariitiin hojiirra akka oolu murtaa’e. Ce’umsa qonnaa kanaan Oromiyaa kilaastara torbatti qooduun kaawunsiliin torba kan hundaa’e yoo ta’u sadarkaa naannootti pirezidaantii Naannoo Oromiyaan hoogganama. Pirezidaantiin Naannichaa walitti qabaa Kaawunsilii ta’uun kutannoo hooggansaafi dhimmi qonnaa ajandaa hooggansaa ta’uu isaa kan agarsiisudha.
Bu’aa qabeessummaan sanadichaa ilaalamuun pirezidaantii naannichaan erga ragga’ee booda hojiiwwan murteessoo (inisheetiivonni) dursi kennamuufii qabu 15 adda ba’uun hojiitti galame. Inisheetiivota kanneen keessaa oomishni qamadii jallisiifi misoomni Avokaadoo akka fakkeenyaatti kan eeramanidha. Yeroo gabaabaa keessatti qamadii biyya keessatti oomishuun yeroo dheeraaf biyya alaatii galaa kan ture hambisuun danda’ameera. Oomishni Avokaadoo biyya keenyatti baay’ee hin baratamne yeroo har’aa gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisaa jira.
Garbuu Biiraa biyya keessatti oomishuun biyya alaa irraa kan galu guutummaa guutuutti hambisuun danda’amee jira. Inisheetiivonni akka Bunaa, tajaajila ekisteenshinii, Ashaaraa Magariisaa fi kan biroon akka fakkeenyaatti kan ka’anidha. Dabalataan inisheetiivonni xiyyeeffannoo barbaadan 13 akka misooma ruuzii, akuraatarii, dammaa, lukkuu fi kkf adda ba’uun gara hojiitti kan galame yoo ta’u bu’aan gaariis itti argamaa jira.
Akka amantaa kiyyatti hojiin ce’umsa qonnaa kun haala kanaan yoo itti fufe Naannoo Oromiyaa bira darbee akka biyyatti ce’umsa qonnaa fiduu waan danda’uuf Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa deeggarsa amma eegalan keessumattuu deeggarsa baajetaa cimsanii yoo itti fufan naannoon keenya oomisha nyaataa, alergiifi galtee induustiriin of danda’uun alatti akka ergitu bu’aan abdachiisoon mul’ataa waan jiraniif jabaatee itti fufuu qaba.
Ajandaan ce’umsa qonnaa qabatamaan bu’aa argamsiisaa akka jiru ibseen jira; bu’aan isaas yeroodhaa gara yerootti guddachaa akka jiru hojiin waggoottan darban hojjetaman ni mul’isu. Hojiin ce’umsa qonnaa akkuma hojii misoomaa kamiiyyuu yeroo gara yerootti fooyya’aa kan deemu ta’us fooyya’insi kuni kutannoo hooggansaa irratti hundaa’a. Ajandaan ce’umsa qonnaa ajandaa hooggansaa waan ta’eef bu’aa akka fidu ka’umsuma irraa beekamaa ture. Fakkeenyaaf, misooma Qamadii jallisii, Avokaadoo, Garbuu Biiraa, Ruuzii fi kkf’n bu’aan gaariin galmaa’aa jira. Sanadni ce’umsa qonnaa kun waggaa waggaan sakatta’amaafi gamaggamamaa kan deemudha. Hojiin qonnaa Aanaa fi Gandatti waan hojjetamuuf dhimmi ce’umsa qonnaa kun hojiirra oolaa fi bu’aa galmeessaa jiraachuu isaa hordofuu barbaachisa; baajetaafi humna namaa ramaduu gaafata; kaawunsilii ce’umsa qonnaa hanga sadarkaa Aanaafi Gandaatti hundeessuu barbaachisa. Sanadichis waggaa shan shaniin qorattoota olaanoofi hooggansaan gamaaggamamaa fooyya’aa deemuu qaba.
#Kutaan_4ffaan itti fufa…
Dhimmoota Qonna Naannoofi Biyya Keenyaa Irratti Turtii Dr Abarraa Dheeressaa Waliin Taasifame
-----------
Kutaa 4ffaa
Bu’aa qabeessummaa damee qonnaa dabaluuf qonnaan bultootaaf si’eessituu (incentives) hojiirra oolchuun murteessaa akka ta’e qorattoota hedduun ni himama. Si’eessituun kun maal maal fa’a hammata? Biyya keenyatti haala kamiin hojii irra oolaa jira? Jechuun gaaffii gaafanneef Dr Abarraan yeroo deebisan:
Yaanni kun yaada sirriidha. Humni qonnaan bultoota keenyaa murtaa’aa waan ta’eef paakejota qonnaa hunda bitanii fayyadamuu hin danda’ani. Biyya keenyaaf ammoo qonni dhimma murteessaa waan ta’eef mootummaan hanga tokko deeggarsa taasisuu qaba jedheen amana.
Ammas mootummaan tajaajila qorannoofi ekisteenshinii bilisaa akkasumas gibira lafaa gadi aanaa taasisuun qonnaan bulaa deeggaraa jira. Deeggarsi kun biyyoota guddachaa jiran hundatti kan taasifamudha. Mootummaan oomishaafi oomishtummaan akka dabaluuf deeggarsoota biroos taasisuu qaba. Deeggarsi kunis meeshaaleen qonnaa qaraxa irraa bilisaan akka galan, xaa’oo fi sanyii filatamaa gatii gadi aanaan akka dhiyaatan, bu’uuraaleefi odeeffannoo gabaa, waarshaalee oomishaalee qindeessan, mana kuusaa midhaanii, kiraa tiraakteraafi meeshaalee qonnaa biroo fi bakka leenjii qopheessuun qonnaan bultoota si’eessuun barbaachisaadha. Adeemsa keessa akkuma galiin qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa dabalaa deemuun si’eessituun kun hir’achaa akka deemu hubachuun hojjechuu barbaachisa.
Qonna biyya tokkoo ammayyeessuu keessatti Teknoloojiiwwan Qonnaa (Agricultural technologies) fi Galteewwan Qonnaa (Agricultural inputs) baay’ee murteessoodha. Biyya keenyatti sirna dhiyeessii teknoloojii qonnaa irratti xiyyeeffannoon jiru maal akka fakkaatu akka nuuf ibsaniif gaaffii gaafanneef Dr Abarraab akka itti aanutti ibsan:
Bu’aaleen qorannoo oomishaafi oomishtummaa biyya keenyaa guddisuu danda’an hedduun jiru. Qorannoowwan kunneen hojiirra kan oolaniifi kan oolaa jiran, kan hojiirra hin oolles jiru. Haala qabatamaa biyya keenyaatiinis qorannooleen hedduun kan jiran yoo ta’u qorannooleen kunneen dhaabbilee misoomaa, abbootii qabeenyaafi ooyiruu qonnaan bultootaa irratti hojiirra akka oolaniif mootummaan carraaqqii taasisaa jira. Gama kanaan, gosa midhaanii akka Boqqoolloo, Qamadiifi Garbuu irratti bu’aan gaariin argameera. Haata’u malee, midhaanota kan biroo irratti haala qilleensaa irratti hundaa’uun baay’ifamee akkaataa barbaadameen fayyadamtoota bira ga’eera jechuun hin danda’amu. Sababni isaas teknoloojiin jiraachuu qofa osoo hin taanee humna fayyadamtootaa irratti hundaa’uun hangaafi yeroo barbaadamutti raabsamuu qaba. Gama kanaan carraaqqiin jiraatus hanga barbaadame waan hin taaneef abbootii qabeenyaafi mootummaan xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba.
Teknoloojiiwwan qonnaa sharafa alaan waan dhufaniif hanga barbaadame yeroo barbaadametti argachuuf ni rakkisa. Rakkoon kun hanga hanqinni sharafa alaa hin furamnetti furamuu waan hin dandeenyeef humna ofii oomishuu horachuufi fayyadamtoonnis galtee qonnaa akka qopheeffataniifi filannoowwan garaagaraa akka fayyadaman taasisuun barbaachisaadha. Dhiyeessii teknoloojiiwwan qonnaan walqabatee mootummaa qofa irratti hirkachuun hir’ataa dhufuu qaba. Akka waliigalaatti, hanqinni sharafa alaa osoo jiruu teknoloojiiwwan qonnaaf dursa kennuun gara biyyaa galchuun qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf carraaqqii mootummaan taasisaa jiru kan jajjabeeffamudha.
#Kutaan_5ffaan itti fufa…
“Pirezidaantiin MNO ajandaan qonnaa ajandaa qaama hundaa ta’uu qaba jedhanii hojjechaa jiru; kuni qofti haamleefi kaka’umsa kan namatti horudha” Dr Abarraa Dheeressaa
----------
Dhimmoota Qonna Biyya Keenyaa Irratti Turtii Dr Abarraa Dheeressaa Waliin Taasifame
#Kutaa_5ffaa fi kan xumuraa
Qonna Naannoo Oromiyaa ammayyeessuuf inisheetiiviiwwan hedduun bocamuun hojii irra oolaa jiru. Inisheetiiviiwwan kanneen (keessumattuu Tajaajila Eksteenshinii Qonnaa) bifa caaseffamaa (institutionalization) qabsiisuuf maaltu hojjetamuu qaba jettu?
Imaammanni, tarsimoofi sagantaan qonnaa gaariin qonna ammayyeessuuf gargaara. Haata’u malee, imaammata, tarsimoofi sagantaa kana lafa irratti bu’aa qabeessa taasisuuf caaseffama ga’umsa qabu diriirsuun barbaachisaadha. Yeroo dheeraa irraa eegalee sirni ekisteenshinii qonnaa, teknoloojii qonnaafi odeeffannoo fayyadamtoota biraan ga’u, diriiruun hojiirra oolaa tureera. Akkuma humnaafi xiyyeeffannoo sirnootaatti deeggarsi garaagaraa taasifamaa tureera; bu’aan hin tuffatamnes galmaa’eera.
Sirni ekisteenshinii yeroo ammaa hojii irra jiru hirmaachisaafi hundagaleessadha. Sirni ekisteenshinii kunis leenjii, tajaajila hojjetanii agarsiisuu, odeeffannoo haala gabaafi haala qilleensaa fayyadamtoota biraan ga’uu hammata. Yaanni bu’uuraa isaa gaariidha; hanqinoota jiran keessatti bu’aa hin tuffatamnes fideera. Haata’u malee, sadarkaa hundatti baajenni, humni namaa beekumsaafi dandeettii qabu, loojistiksiifi si’eessituu/beekkamtii ga’aan hin kennamneefi. Keessumattuu sadarkaa Gandaatti baajeta ga’aa ramaduun ga’umsiifi hojimaanni isaa cimaa akka ta’u hojjechuu gaafata.
Kanaafuu, hoj-maata, bu’aafi rakkoowwan tajaajila ekisteenshinii yeroo ammaa hojii irra jiruu sakatta’uun Gandaa irraa eegaluun caaseffamaafi hoj-maata tajaajila ekisteenshinii ga’umsa qabu diriirsuun barbaachisaadha. Abbootiin qabeenyaa, waldaaleen, dhaabbileen barnootaa olaanoo, giddugalli qorannoo, dhaabbileen mit-mootummaa fi kkf’n naannoo isaaniitti tajaajila ekisteenshinii akka kennaniif jajjabeessuu barbaachisadha.
Yeroo oomishaaf oomishtummaan dabalaa deemu walitti hidhaminsi gabaa haalaan murteessaadha. Gama kanaan Waldaaleen Hojii Gamtaafi Yuuniyeenonni (Farmers’ Cooperatives & Unions) ergama isaanii beekanii hangam hojjetaa jiru?
Oomishaafi oomishtummaan itti fufinsaan akka guddatuuf hoj-maata gabaa jabeessuun oomishtoonni galii gaarii akka argatan mirkaneessuun murteessaadha. Caasaan dhimma kana hordofuu –Biiroon Daldalaafi Ejensiin Waldaa Hojii Gamtaa- hundaa’aniiru. Hojiin isaanii inni ijoonis giddugala gabaa ijaaruu, odeeffannoo gabaa gurmeessuufi gabaa tasgabbeessuudha. Midhaan hundaan yoo ta’uu baatellee gosoota midhaanii hedduufi beelladoota irratti rakkoon gabaa jira jedhee hin amanu; sababni isaas fayyadamtoonni yeroo hundaa daballii gatii oomishaalee himatu. Ta’us, hoj-maanni gabaa ykn bittaafi gurgurtaa oomishtoonniifi fayyadamtoonni waloon irraa fayyadaman ittifufinsaan diriiruu qaba.
Akkasumas, mana kuusaa qonnaan bultoonni oomisha isaanii itti kuufatan Gandoota hundatti akka ijaaraman, odeeffannoo gabaa akka argatan, aadaa qusannoo akka guddifatan, giddugala gabaa fayyadamtootaafi oomishtoota walitti fidu baay’inaan akka ijaaramaniifi hojiileen kana fakkaatan yoo hojjetaman jireenyiifi gabaan tasgabbaa’aan ni uumama jedheen yaada.
Dameen Qonnaa ammayyaa’ee gumaachi sekterri kun dinagdee biyyaaf taasisu akka milkaa’uuf gorsa akkami akka kennan Dr Abarraaf gaaffii dhiyeessineef akkas jechuun deebisan:
Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma qonnaa ammayyeessuuf imaammata, tarsimoo, sagantaa qonnaafi tooftaa raawwii ifa ta’e bocuun hojii irra oolchaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa dhimmi qonnaa dhimma hooggansaa, ogeessaa, oomishtootaa, fayyadamtootaa akkasumas dhimma hundaati jedhanii fudhataniiru. Kuni qofti haamleefi kaka’umsa kan namatti horudha. Ajandaan ce’umsa qonnaa bocamee jiru akkuma amma eegalametti dhimma hooggansaa, ogeessaa, oomishtootaa, fayyadamtootaafi dhimma hundumaa ta’uun jabaatee yoo itti fufe qonni biyya keenyaa yeroo gabaabaa keessatti gaaffii wabii nyaataa, sharafa alaafi galtee induustirii guutummaatti ni deebisa jedheen amana.
Amantaan koo kun dhugaa ta’uu kan danda’u karoorri misooma qonnaa Ganda ta’uun humni namaa beekumsa, dandeettiifi nmuuxannoo gahaa qabuufi baajenni gahaan ramadamuun ajandaaleen ce’umsa qonnaa saglan karaa guutuu ta’een hojii irra yoo oolanidha.
Walumaagalatti, sektera qonnaaf baajeta gahaa ramaduun hoj-maata qorannoofi tajaajila ekisteenshinii, dhiyeessii galteefi walitti hidhaminsa gabaa ammayyeessuun abbootii qabeenyaa hojii qonnaa irratti bobba’an deeggaruun, induustiriiwwan xixiqaafi giddugaleessaa bu’aa qonnaa qindeessan akka ijaaraman taasisuun¸ bu’uuraalee misooma qonnaa babal’isuu, qonna magaalaaf xiyyeeffaannoo kennuufi sirna nyaataa keenya fooyyessuun, aadaa qusannaa cimsuu, hoj-maata leenjiifi beekkamtii sadarkaa gadii irraa eegalee diriirsuun akkasumas mootoo Pirezidaantii MNO kan ta’e “dhimmi misooma qonnaa ajandaa hooggansaa, ogeessaa, oomishtootaa, fayyadamtootaafi dhimma hundumaa ta’uu” hundumtuu amanee fudhachuun hojjechuu qaba.
Yeroo keessan waan nuu kennitaniif galatoomaa!
Isinillee waan na affeertaniif galatoomaa!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Kallattii Guddinaa Magaalota Oromiyaa akka Waliigalaatti Adaamaa akka Agarsiiftuutti.
Kutaa 1ffaa/
======================================================
Magaalaan iddoo dhalli nama walitti dhufee lafa muraasarra waliin jiraatudha. Kanaaf, bu’uuraalee misoomaa garaagaraa dabalatee wantoota jireenyaaf barbaachisan dhiyeessuun, qulqullinnisaanii eegamee hawatummaansaanii akka dabalu, jireenya lammiileef mijatoo akka ta’aniif xiyyeeffannaan irratti hojjechuu barbaachisa. Kana malees, magaalonni giddugala sochiin dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa bal’inaan keessatti geggeeffamu, gidugala tajaajilaafi odeeffannoos waan ta’aniif guddina biyya tokkoo saffisiisuu keessatti ga’ee olaanaa qabu. Qorannoowwan adda addaa akka agarsiisanitti biyyoonni Afriikaa Sahaaraa gadi jiran sadarkaan magaalummaasaanii (urbanization rate) %39 irratti argama. Itoophiyaatti %22, naannoo Ormiyaatti ammoo %17 akka ta’etu ibsama. Kana jechuun, ummata Itoophiyaa keessaa %78, Naannoo Oromiyaa keessaa ammoo %87 kan ta'u ammallee baadiyyaa jiraata jechuudha. Kun kan agarsiisu magaalotarratti xiyyeeffannaan hojjetamaa akka hin turredha. Mootummaanis kanuma hubachuun jijjiiramaan as akka biyyaattis ta’e bu’uuraaleen misoomaa adda addaa akka hojjetaman, magaalonni jireenya lammiileef mijaawoo akka ta’aniifi xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechuurratti argama.
Naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannaa mootummaan kenneen magaalota keessatti rakkooleen bulchiinsa gaarii ummata mufachiisan akka furaman, tajaajilli guutuufi hundagaleessi karaa qulqullinaafi saffina qabuun ummataaf akka kennamuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan Biiroon Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa labsii lakk.250/2015’ bahe bu’uura godhachuun bara kana keessa hojiilee jiraattota magaalotaa naannichaa fayyadamoo taasisan hedduu raawwataa jira. Hogganaan Biirichaa Obbo Mohaammad Guyyee Biirichi magaalonni naannichaa Maaster pilaaniin hogganamanii jiruufi jireenya lammiileef mijatoo akka ta’aniifi misoomanii guddina dinagdee naannichaafi biyyaattiif akka gumaachaniif xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Baayyinni magaalota Naannoo Oromiyaa kanaan dura 717 ture, yeroo ammaa 726tti kan guddate yammuu ta’u, magaalonni kunneen tajaajila ummanni magaalichaa barbaadu qixa irraa eegamuun kennuu akka danda’aniif xiyyeeffannaan kennamuu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti magaalonni naannichaa hawatoofi dorgomoo ta’anii karaa ammayyaa’een tajaajila akka kennaniif akkasumas dinagdee naannichaa utubuu akka danda’aniif irra deebiin hundaa’anii jiru. Kan hundeeffamanis, sadarkaa Meetiroopoolisii, Riijiyoopooli, Muummeefi Olaanaa ykn ulaa misoomaatiin ta’uudha kan himan. Akka mootummaattis ta’e ummataatti yaadamniifi ilaalamni magaalaa akka naannoofi biyyaatti ture rakkoolee adda addaa kan of keessaa qabu ture. Bara kana garuu, haala adda ta’een magaalotaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Sababnisaas magaalonni giddugala waan hundaa qofa osoo hin taane bakka jiruufi jireenya dhala namaa waan ta’aniifi jedhaniiru.
Magaalonni Maastar Pilaaniin Akka Hoogganaman Taasisuu
Magaalonni hundeeffamumasaaniirraa eegalee pilaaniin ala ijaaraman: guddachuu, tajaajila barbaadamu kennuufi galma barbaadamaniif ooluu akkasumas iddoo jireenyaaf mijatoofi hawatoo ta’uu hin danda’an. Haalli hojiirra oolmaa Pilaanii magaalotaa garaagarummaa kan qabu ta’us, pilaaniiwwan akaakuu adda addaa kanneen akka mastar pilaanii, pilaanii caasawaa, pilaanii giddugala guddina baadiyyaa, pilaanii misooma qe’ee (LDP), pilaanii bu’uuraafi kanneen biroo qopheessuun akka ittiin hogganaman taasifamaa jira. Akka naannoo Oromiyaattis guddinaafi babal’ina magaalotaan walqabatee yeroo ammaa magaalota walitti makuun magaalonni roga hundaan humna qaban akka hundeeffatan taasifamaa kan jiru ta’uu Obbo Mohaammad himaniiru.Akka addunyaatti magaalonni dorgomoofi ammayyaa’oon yeroo heddummaachaa jiranitti dhimmi magaalota naannichaa giddugala tajaajila hundagaleessaa, odeeffannoo, tekinooloojii, kalaqaaleefi aartiiwwanii ta’an horachuu filannoof kan dhiyaatu miti. Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan naannoofi biyya utubuu danda’an uumuuf hojii bal’aa hojjechaa akka jirullee himaniiru. Hundeeffama magaalotaa keessatti karaa baratameen osoo hin taane pilaanii misoomaa qindaawaan akka hogganamaniif sagantaawwan garaagaraa bocamuun hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Rakkoo pilaaniin hogganamuu magaalota naannichaa biratti mul’atu furuuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin sochii bal’aan taasifamaa jira. Haata’u malee, akaakuu pilaanii ilaalchisee magaalonni gurguddoon akka biyyaatti maastar pilaanii qabaniifi ittiin hogganamaa jiran lakkoofsaan baayyee muraasadha. Kana dura garuu, baayyeensaanii pilaanii caasawaan hogganamaa turan. Naannoo Oromiyaatti ammoo yeroo ammaa magaalonni gurguddoon sadarkaa meetiroopoolis irra jiran (Shaggar), Riijiyoopoolis (Shaashamannee, Adaamaafi Bishooftuu), Muummee (Maayaa, Jimmaa, Naqamteefi Roobee) maastar Pilaanii misooma qindaa’aa (hundagaleessa) mirkaneessisuu itti danda’an akka qophaa’uuf hojjetamaa jira. Akka waliigalaatti pilaaniin magaalotaa haala qophaa’een bulchuufi hogganuun waan hin turreef caabinsi pilaanii bal’inaan geggeeffamaa tureera. Kun ammoo pilaanii beekumsaan hogganuurratti hubannoon ture laafaa ta’uufi fedhiin hannaa mul’atu Pilaanii magaalotaarratti hojiirra akka hin oolleef dhiibbaa guddaa geessisaa tureera.
Amma garuu, magaalonni Pilaanii qophaa’een hogganamuufi misoomuu akka qaban kallattiin kaa’amee irratti hojjetamaa jira. Sagantaan misooma ‘30/30/40’ jedhamu iddoo magariisummaa, bu’uura misoomaafi ijaarsaaf barbaachisaa ta’e eeggachuun akka misoomaniifis hojjetamaa jira. Magaalonni pilaaniin yoo hogganaman magaalaa boruu diigamutu osoo hin taane kan abdii guddaan irra kaa’amutu ijaaramaa deema. Giddugala dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi bulchiinsaas ta’uun tajaajila kennuu danda’u. Kanaaf, Biirichi magaalonni maastar Pilaaniin akka hogganamaniif Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalotaa Oromiyaa waliin ta’uun xiyyeeffannaa olaanaan kennamee hojjetamaa jira, hojiirra oolmaansaas biirichi caasaa sadarkaan jiru qindeessuun hordoffii to’annoo cimaa taasisaa jira, iddoo rakkoon jiruttis tarkaanfiin akka fudhatamu taasifamaa jiraachuu Obbo Mohaammad dubbataniiru.
Kutaa 2ffaan itti fufa…
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Caffeen Oromiyaa baajeta Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2016 Biiliyoona 221,517,956,655 taasisuun raggaasisee jira.
Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee 5ffaa Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa gaggeessaa jiruun Wixinee Baajetaa bara 2016 Mootummaa Naannoo Oromiyaan qarshii Biiliyoona 221,517,956,655 dhiyaate irratti mari'achuun sagalee caalmaan raggaasisee jira. Baajeta qabamee keessaa baajeta Naannoof kan ramadame qarshii 83,091,302827 baajeta marmaartuu Naannoof qarshii 28,837,268,629, baajeta Kaappitaalaa Naannoof qarshii 54,254,034,198, Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaaf qarshii 137,826,653,828 fi baajeta Ittiin of Eeggannoo Naannootiif qarshii 600,000,000 ta'uun ramadameera.
Maddi baajeta kanaas Deeggarsa Mootummaa Federaalaa, galii idilee naannoo, galii keessoo mana hojii, galii mana qopheessaa, gargaarsa alaa fi deeggarsa pirojektootaafi sagantaalee Galmawwan Misooma Itti Fufinsa irraa akka ta'e Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimma Baajetaa Caffee Oromiyaa Dr Gammachuu Araarsaa kaasaniiru.
Baajenni ramadame kun imaammataafi tarsimoowwan mootummaafi Karoora waggaa kudhanii galmaan ga'uuf, guddina misooma dinagdee eegalame itti fufsiisuuf, sochii nageenyaafi dimokiraasii mirkaneessuun fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuuf akka ta'e ibsameera.
Wixinee baajetaa dhiyaate irratti yaadaafi gaaffii miseensota Caffee irraa dhiyaateef ibsaafi deebii kan kennan Hoogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa baajenni bara kanaa maddi isaa irra caalaan isaa galii naannoo akka ta'e, baajeta qabame keessaa dhibbeentaan 60(%) ol Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaaf kan ramadame ta'uu, baajenni guddaan Baajeta Kaappitaalaaf kan qabame ta'uu ibsaniiru.
Wixinee Baajeta Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2016 Caffeef dhiyaate akkasumas yaadotaafi gaaffii miseensota Caffee irraa ka'an ilaalchisuun yaada kan kennan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Naannoon Oromiyaa hojii waggoota muraasa keessatti hojjeteen baasii isaa dhibbentaa 60 (%) ol uwwisuu irra kan ga'e ta'uufi kunis cimee kan itti fufu ta'uu, baajenni ramadame sektaroota hiyyummaa hir'isan irratti akka xiyyeeffate ta'uu ibsuun baajeta ramadame sirnaan hojiirra oolchuu, galii duguuganii sassaabuu, humna waloofi maatii fayyadamuu irratti hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Caffeenis Wixinee Baajetaa bara 2016 dhiyaate irratti mari'achuun Labsii Lakk. 253/2015 Adoolessa 4/2015 taasisuun sagalee caalmaan raggaasiseera.
Dhuma irrattis Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee 5ffaa Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa isaatiin muudamoota qaama raawwachiiftuu tokkoo fi muudama Abbootii Seeraa Manneen murtii Oromiyaa 53 mirkaneessuun yaa'ii isaa xumureera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa naannicha keessatti dhimma manneen seeraan alaa diiguu waliin walqabatee miidiyaaleef ibsa kenneera.
Walqixxummaa amantaalee kabajuun qajeeltoo mootummaa keenyaati. Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa laataniin biyyi keenya mana sabaaf sablammoonni hedduun afaan, duudhaa, aadaa, eenyummaa fi amantaa garaagaraa qaban waldanda'uun keessa jiraachaa jiran yoo taatu, garaagarummaan kunis biyya keenyaaf madda jabinaa fi miidhaginaati malee madda rakkoo miti jedhan. Mootummaan Naannoo Oromiyaas walqixxummaa amantaaleetti kan amanu, kan kabajuufi beekkamtii kan kennudha. Kanas, dhimmoota naannoofi biyyaa irratti dhaabbilee amantaa waliin hojjechuun, rakkoowwan dhaabbilee amantaa keessatti uumaman karaa nagaafi qajeelfama amantaa eegeen akka furaman tumsuun, dhaabbileen amantaa bakka itti waaqeffatan akka qabaataniif lafa karaa seeraa kennuun qabatamaan mirkaneessaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa biyyaafi naannoo keenyatti hojiiwwan nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaman irrattis dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa akka jirus Obbo Hayiluun dubbataniiru.
Haata'u malee, finxaaleyyiin amantaa dahoo godhachuun keessaafi alaan qindaa'anii olola kijibaa fi fedhii siyaasaa giddugaleessa godhate oofaa jiraachuu ibsuun dhimmi ijaarsa seeraan alaa diiguu addatti Mazjiida irratti kan xiyyeeffatee fi Magaalaa Shaggar qofa keessatti hojiirra oolaa kan jiru osoo hin taanee magaalota naannichaa 600 ol ta'an keessatti karaa heeraa fi seera bu'uura godhateen akka ta'e himameera.
Adeemsi ijaarsa seeraan alaa diiguu of eeggannoo guddaadhaan kan raawwatu, qaamni dhimmi ilaallatu kan mariisifamuufi guyyaan kenname akka ofii diiggatu kan taasifamu yoo ta'u raawwiin isaas bifa walfakkaatu, iftoomina qabuufi hojimaata seeraa hordofeen kan raawwatamudha.
Adeemsa raawwii kana keessatti rakkoon yoo jiraates mootummaan mariin hiikuun dhaabbilee amantaa waliin walhubannaa irra ga'uuf balballi isaa banaa ta'uu ibsaniiru.
Kanaafuu, hordoftoonni amantaa Islaamaa shira finxaaleyyii amantaa dahoo godhachuun akka waan mootummaan addatti Mazjiida irratti xiyyeeffateetti fakkeessuun olola oofan dura dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.
Gara fuulduraattis mootummaan dhimmoota naannoo fi biyyaa irratti dhaabbilee amantaa waliin qindoomina cimaan kan hojjetu ta'uu himuun dhaabbileen amantaas qaamota amantaa dahoo godhatanii nageenyaafi tasgabbii biyyaa booressuuf socho'an dura akka dhaabbatan waamicha taasisaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Oomishaafi oomishtummaa muduraa dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira.
Naannoon Oromiyaa qilleensa mijataa misooma muduraaf baay'ee mijataa ta'e qabdi. Haala qilleensaa mijataa fi carraawwan gaarii kana fayyadamuunis misooma muduraa babal'isuun wabii nyaataa mirkaaneessuu bira darbee oomisha muduraa gara biyya alaatti erguun sharafa alaa guddaa argamsiisuu kan eegale yoo ta'u hojii oomisha muduraa kana caalmaatti babal'isuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf akkasumas dinagdee biyyaa utubuuf leenjiin hubannoo cimsuu kennamaa jira. Misoomni muduraa ammaan dura xiyyeeffannoo dhabuun lafarra harkifataa ture yeroo ammaatti misooma muduraa cimsuun bu'aa barbaadamu fiduuf bara kana xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira. Bu'aa oomisha kana irraa argamu dabaluufis Avokaadoo sanyii filamataa gara biyya keessaa galchuun bal’inaan irratti hojjetamaa kan jiru ta’uu Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Muhammadsaaniin Amiin ibsa addatti Biiroo Kominikeeshiniif kennaniin dubbatanii jiru.
Oomisha kana babal’isuuf buufataalen biqiltuu dhibba 1 ol qophaawuun waggaa waggaan biqiltuun miiliyoonaan oomishamaa jira. Kanaanis lafa heektaara kuma 1 dhibba 7 fi 20 Avokaadoo sanyii filatamaan uwwisuun kan danda’ame ta’uun ibsamee jira. Oomisha amma jiru irraa Avokaadoo toonii dhibba 3 ta’u ni argama jedhamee kan eeggamu yoo ta’u kana itti fufsiisuufis bara kanatti dabalataan biqiltuu Avokaadoo mil 2.8 qopheessuuf karoorfame keessaa hanga ammaattii biqiltuun mil. 2.7 qophaa’eera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Dhimmi manneen barnootaa Bu'uura Boruu ijaaruu, dhimma dhaloota boruu ijaaruuti" Dr Tolaa Bariisoo.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo qulqullina barnootaa bu'uura irraa furuun dhaloota dorgomaa ta'eefi ga'umsa qabu uumuuf inisheetiivii Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa maddisiisaniin manneen barnootaa Bu'uura Boruu irratti xiyyeeffatamee hojjechaa jira. Dhaamsa Gootota Oromoo kaleessaa akka B/Jeneraal Taaddasaa Birruufaa "dhaloota baratetu gaaffii mirgaa gaafata; kanaaf Oromoon barachuu qaba" kan jedhu milkeessuun kan danda'amu dhaloota ga'umsa, dorgomaa ta'e, ofitti amanamummaa fi abdii biyyaa ta'e oomishuun yoo danda'ame qofaadha. Kanaaf, ammoo sadarkaa idileen duraa irraa eegaluun manneen barnootaa qulqullina qaban babal'isuun murteessaadha.
"Wanti har'a hojjennu egeree dhaloota boruu murteessa" jechuun irra deddeebiin kan dubbatan pirezidaant Shimmallis inisheetiivii ijaarsa manneen barnootaa Bu'uura Boruufi Ifa Boruu jedhu maddisiisuufi hojiirra akka oolu gochuun waggoottan muraasa darban keessatti milkaa'inoonni gurguddaan argamaniiru.
Bu'uuruma kanaan guyyaa har'aas jilli Hoogganaa Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaa Dr Tolaa Bariisoon durfamu Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Daawootti ijaarsa mana barumsaa Bu'uura Boruu Buusaa jalqabsiiseera.
Dr Tolaan sirna jalqabsiisuu irratti haasaa taasisaniin dhimmi mana barumsaa Bu'uura Boruu ijaaruu, dhimma dhaloota boruu ijaaruuti jedhan. Rakkoo qulqullina barnootaa seenaa gochuuf manneen barnootaa Bu'uura Boruu irratti xiyyeeffannaa addaan kennamee hojjetamaa kan jiru ta'uus dubbataniiru.
Mootummaan rakkoo qulqullina barnootaa bu'uura irraa furuuf mana baruumsa Bu'uura Boruu ijaaruu qaba jedhamee karoorfamee hojjetamaa jiruun hanga ammaatti manneen barootaa bu'ura boruu 10,000 ol ijaaramuun adeemsi baruuf barsiisuu keessatti kennamaa jira.
Marsaa sadaffaatiin naannichatti manneen barnootaa Bu'uura Boruu 4,574 ijaaruuf kan karoorfame yoo ta'u, ijaarsi manneen barnootaa kun guyyaa har'aa mana baruumsaa Bu'uura Boruu Buusaatti ifaan eegalchiifameera.
Manneen barnootaa Bu'uura Boruu marsaa sadaffaatiin ijaaramanis hanga Fulbaana 2016tti xumuramuun hojii baruufi barsiisuuf banaa kan ta'an ta'uus Dr Tolaan eeraniiru.
Manneen barnootaa Bu'ura Boruuf bara kana marsaa sadaffaatiin barsiisonni 9,000 leenjii kan seenan ta'uus ibsameera.
Godina Shawaa Kibba Lixaatti manneen barnootaa Bu'ura Boruu 339 ijaaramanii tajaajila baruufi barsiisuu kennaa kan jiran yoo ta'u marsaa 3ffaatiin ammoo manneen barumsa bu'ura boruu 27 ijaarsi isaanii kan jalqabame ta'uu Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taayyee Guddisaan ibsaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Dubartoonni Uumamaan Kennaa Geggeessummaa Qabu!" Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan.
Fooramiin hooggansa dubartoota Naannoo Oromiyaa kan Biiroo Dhimma Dubarootaafi Daa'imman Oromiyaan qopha'ee Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti geggeeffamaa ture xumurame. Sagantaa kana irratti Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan walitti qabduu fooramii kanaa kan ra'an argamuun dubartoonni uumamaan kennaa geggeessummaa kan qaban ta'uu ibsuun kaayyoon hundeeffama fooramii kanaas geggeessitoonni dubartootaa rakkoo isaanii bakka itti hiikkataniifi iddoo muuxannoo ittiin waljijjiiran waan ta'eef cimee itti fufuu akka qabu qabu dhaamaniiru.
Aadde Jamiilaa Simbirruu hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi daa'imman Oromiyaa gama isaaniin fooramichi sadarkaa Naannoo qofatti kan geggeeffamu osoo hin taane sadarkaa gadiirraa jalqabee geggeeffamuu akka qabu himuun, fooramii kanaan dubartoonni gahee geggeessummaa keessatti qaban kan dabaluu ta'uu himanii jiru.
Dhumarratti namoota biiricha geggeessaa turaniifi qaamoolee biiricha sadarkaa sadarkaan deeggaraa turun akkasumas seektaroota Oromiyaa qooda biiricha cinaa dhaabataniif sirni beekamtii kennamee jira.
Addatti ammoo hooggantuu biirichaa duraanii kan turan jijjiiramni kun akka dhufuuf qabsoo guddaa gochaa kan turan amma garuu boqotanii kan jiran kabajamoo aadde Aziizaa Abdiif sirna yaadannoo taasisuun maatii isaaniif sirna beekamtii kennuun maallaqa qarshii 100,000 deeggarsaan kennanii jiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Godina Shawaa Kaabaatti qamadii jallisii Bonaan lafa heekt. kuma 60 misoomaa jiru irraa callaa kunt.miiliyoona 2 ol argachuuf hojjetamaa jira.
Naannoo Oromiyaatti inisheetiiviiwwan gama qonnaan xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiran keessaa tokko oomisha qamadii harka baay'een dabaluun fedhii qamadii biyya keessaa guutuu, qamadii biyya alaa irraa galaa ture hambisuufi wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee gabaa biyya alaaf dhiyeessuudha. Kanaafis oomisha qamadii duraan rooba Gannaa qofa irratti hirkatee ture hambisuun bara kana akka Oromiyaatti jallisii Bonaan lafa heekt. mil 1 irratti qamadii oomishuuf karoorfamee lafa mil. 1.1 qotuun danda'ameera. Hanga ammaattis oomisha qamadii jallisii Bonaan misoome irraa callaa kuntaala mil. 33 ol sassaabuun danda'ameera.
Guyyaa har'aas jilli Pirezadaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuuf Nya'aatti qamadii jallisii Bonaan misaamaa jiru daawwataniiru.
Daawwannaa kana irratti Obboo Shimallis Abdiisaa akka dubbatanitti hojiin misooma Qonnaa jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu ibsuun inisheetiivota misooma Qonnaa lafa qabsiisuun qonnaan bultoonni fayyadamoo akka ta'aniif qonnaan bultoonni maalan akka hojjetan, hammam akka hojjetanii fi waan hojjetan irraa bu'aa hangamii akka argatan karoorfatanii hojjechuu qabu jedhan.
Bara dhufutti karoora keenya dachaan dabaluun lafa heektaara mil. 2.6 irratti jallisii Bonaan misoomsuuf karoorfamuus Pirezidaant Shimallis ibsaniiru.
Karoora qabame milkeessuufis hojiiwwan galtee qonnaa akka xaa'oo karaa guutuu ta'een dhiyeessuufi itti fayyadamuu, qonnaan bultoonni bishaan bool'aa baasuu fi iskiimota garagaraatti akka dhimma bahan hojjetamaa jira.
Bara kana Godina Shawaa Kaabaatti jallisii Bonaan qamadiin lafa heek kuma 60 ol irratti kan faca'e yoo ta'u callaa kuntaalli mil. 2 ol ni argama jedhamee hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajira Qonnaa Godinichaa obbo Masaay Warquu himaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Tokkummaa Oromoo Jabeessaa Sabdaneessummaa sirneessuun Badhaadhina Itoophiyaa Milkeessuuf Hojjenna
Itoophiyaan biyya sabootaa, sablammootaafi uummatootaa eenyummaa, afaaniifi amantaa garaagaraa qaban, biyya hundaan hundaaf ijaaramaa jirtudha. Biyyi sabootaafi sablammoota afaan, aadaafi Amantaalee garaagaraa qaban irraa ijaaramte Itoophiyaan baroota dheeraaf hacuuccaa sirnaafi namtolchee damdaneessa ta'e jalatti kuftee cabinsa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa hamaa keessummeessuuf dirqamte. Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa hacuuccaa sirnaafi namtolchee mormuun mirga ofiin of bulchuu, gaaffii lafaafi dimokiraasii gonfachuuf qabsoo wareegama gurguddaa gaafate taasisaa turaniiru.
Saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa qabsoo hadhaa'aa waggoota hedduu lakkoofsise taasisuun sirnoota bulchiinsa uummata Itoophiyaa hin madaallee fi hiyyummaafi gadadoo jalatti gaadi'anii kaa'an duraa duubaan ofirraa diigaa ajandaawwan qabsoo uummattootaaf deebii kennaa mootummaa isaanii sagalee ofii isaaniitiin ijaarrachuu irra ga’anii jiru.
Mootummaan uummataa uummataan uummataaf hundaa'es waldhabdeewwan siyaasaa hunda araara biyyoolessaan hiikuuf akkasumas gaaffii sabootaa, sablammootaafi uummattootaa bu'uura heera mootummaan deebisuufi sirna federaalizimii sabdaneessa duudhaa obbolummaa irratti ijaarame jabeessuun sabdaneessummaa, aad-daneessummaafi af-daneessummaa mirkaneessuun duudhaa obbolummaan idileessee sirna dimokiraasii jabaa dhugoomsaa jira.
Sirna Federaalizimii dhugaa dimokiraasiin utubamee fi duudhaa obbolummaa irratti ijaaraa kan jiru, imala badhaadhinaa Itoophiyaa fiixaan baasuuf qabsoofi wareegamni Oromoon gama hundaan taasisaa tureefi jiru angafummaa kan qabuufi birmadummaa Itoophiyaas milkaa'inoota hedduun dabaaluun guutuu taasisaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas injifannoo wareegama qaqqaalii kaffalameen argame kana falaasama Ida’amuun utubamee obbolummaafi wal qixxummaan mirkanaa’ee galma barbaadame akka ga’uuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetaa jira. Kanaafis, duudhaa ganamaatti deebi’uun tokkummaa keessoo Oromoo jabeessuuf xiyyeeffannoo guddaan kennameera. Uummanni Oromoo aadaa gabbataa ilaaf ilaameen qormaata jiru hunda damdamachuu danda'u, rakkoo jiru mariin hiikuun tokkummaa keessoo isaa akka sibiilaatti jabeessuun barbaachisaadha. Bakka tokkummaan hin jirretti nageenya waaressuun, dinagdee jabeessanii biyya utubuufi obbolummaa cimsuun rakkisaadha.
Keessumaa yeroo ammaa kana uummata Oromoo tokkummaa keessoo jabaa qormaata itti aggaamamu injifachuun kabaajaafi ulfina Oromoo ceesisu danda'u horachuun dirqama ta’a. Kanaafis mootummaan Naannoo Oromiyaa guddummaa Oromoo maqaa qofaan osoo hin taane gochaan adda hunda irratti mirkaneessuuf hojiin eegale daran jabeessee itti fufa.
Kanaafis duudhaan wal danda’uu, hammachuufi michoomni Oromoon saboota biroo waliin qabu daran cimaa eenyummaan waloo biyyaalessaa akka gabbatu taasisuu irratti argama. Milkaa’ina kana cimsuufis Mootummaan Naannoo Oromiyaa keessoo Oromootti nageenyi, misoomniifi aadaan ilaaf ilaamee akka ititu tokkummaa uummata keenyaa daangaa hanga daangaatti jabeessuu, dhimma waloo Oromoo garaagarummaan akka hin jiraanne dhaloota kan darbe xiinxalee har'a hubatee egeree tilmaamuu danda'u, dhaloota madaala eenyummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa eegee biyya jabduu badhaadhina hundagaleessa mirkaneeffatte ijaaruuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechuu irratti argama. Waan ta'eef qaamoleen siyaasaa, dhaabbileen siivikii, hayyoonni Oromoo dhimma waloo sabaafi tokkummaa keessoo jabeessuu irratti garaagarummaa tokko malee hojjechuun nageenya naannoo keenyaafi biyyaa waaressuun araarri biyyaalessaa akka milkaa'u gahee isaanii akka bahan waamicha dhiyessina.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Caamsaa, 2015
Finfinnee
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Ijaarama dubartootaa cimaa uumuudhaan biyya badhaadhina hundagaleessa milkeessite ijaaruuf ni hojjetama
Yaa'iin Idilee 5ffaa Dubartootaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jiru irratti ijaarama dubartootaa cimaa uumuudhaan biyya badhaate ijaaruuf kan hojjetamu ta'uu ibsameera.
Keessummaa kabajaa yaa'ichaa kan ta'an Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluu akka jedhanitti Waldaan Dubartootaa Naannoo Oromiyaa hojii cimaa hojjetaniin jijjiirama gama hawaas dinagdee fidaa jiraniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa kan qabuuf ta'uu himaniiru.
Dubartoonni roga hundaan cimanii miidhaa isaanirra qaqqabu karaa gurmaa'een akka ittisaniifi jijjiirama dhufaa jiru keessa qooda isaanii qixa barbaadamuun akka bahatan aangeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa ni hojjetas jedhaniiru.
Badhaadhina Maatii mirkaneessuun galma qabame milkeessuuf gaheen dubartootaa olaanaa ta'uu kan himan Obbo Abdulhakiim Waldaan Dubartootaa Oromiyaa waldaaleefi ijaarama dubartootaa cimsuun jijjiirama bu'uuraa fiduuf hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.
Dura Teessuun Waldaa Dubartootaa Oromiyaa Aadde Shittaayee Dassaaleny gamasaaniitiin Waldaan Dubartootaa Naannoo Oromiyaa erga hundaa'ee waggoota 19 lakkoofsisuu isaa himuun, waggoottan kana keessatti dubartoota Naannicha keessa jiran keessaa dubartoota miiliyoonaan lakkaa'aman ijaarudhaan, gaaffiiwwan gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan qaban hiikuuf qaamota garaa garaa waliin hojjechaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.
Hojiileen waldichi hanga ammaa hojjeteefi hojjechaa jiru jijjiirama kan qabu ta'us yeroo itti aanutti hirkattummaafi eeggattummaa qaama biraa jalaa bahuun dhaabbata dimookraasii cimaa jijjiirama biyya keenya ceesisuu danda'u ijaaruuf xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta'uu Aadde Shittaayeen eeraniiru.
Waldichis miseensoota miiliyoona 2.6 kan qabu yoo ta'u yaa'ii gaggeessaa jiruun murtoowwan gurguddoo fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessan irratti mari'achuun ni mirkaneessa jedhameet eegama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Naannoo Oromiyaatti namoonni yakka malaamaltummaa irratti hirmaatan 1,322 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Koreen Farra Malaamaltummaa Oromiyaa beeksise.
Korichi ibsa har'a kenneen hojiiwwan ji'oottan shanan darban keessatti hojii boonsaa hojjataa tureen eeruwwan 1495 fudhachuun galmeewwan 642 irratti shakkamtoota 4080 irratti qorannoo taasisaa tureen namoota yakka malaamaltummaa irratti hirmaatan irratti tarkaanfiin hidhaa cimaa waggaa 1 hanga waggaa 20tti murteeffamuu walitti qabaan Koree Farra Malaamaltummaa Komishiinar Kaffaaloo Tafarraa ibsanii jiru.
Komishiinar kaffaaloon akka dubbatanitti sochii Korichi taasisaa tureen Lafa Mana jireenyaa kaaree kuma 300 fi 74 seeran ala qabamee turee fi Lafa baadiyyaa heektaara 857.97 gara Baankii Lafaatti deebi'eera jedhaniiru.
Yakka Malaamaltummaa kanaan Gamoon 4 qulqullaa'ee mootummaaf galii kan ta'e yoo ta'u Manni viillaan 33 Gamoon 8 dhoorkan irratti darbuu ibsameera.
Haaluma kanaaan, qarshii miiliyoonni 128 ol akka hin sochoone dhorkamuun qorannaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u qarshiin miiliyoonni 654 ammoo Kaaznaa Mootummaatti akka deebi’u taasiifamuu Komishinar Kaffaaloon himaniiru.
Hoogganaa Waajira Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo gama isaaniitiin hanga ammaatti malaamaltummaa simmintoo wajjiin wal qabatee simmintoo kuntaalli kuma dhiibba saddeetii ol to'atamuu ibsuun mootummaan hojii malaammaltummaa ittisuufi namoota yakka kana keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii seeraa fudhatu cimsee kan itti fufu ta'u beeksisaniiru.
Uummannis gama isaatiin namoota yakka malaamaltuummaa keessaa harka qaban dabarsee akka kennu hubachiisuun uummanni yakka malaammaltummaan walqabatee eeruu kennuu yoo barbaade bilbila bilisaa 9909 fayyadamuun tumsa barbaachisu akka taasisu dhaamaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Uummanni Oromoo imalli Itoophiyaa sabdaneettii dhugoomsuuf taasifamaa jiru waca finxaaleyyiin gufachuu akka hin dandeenye agarsiiseera." Obbo Hayiluu Addunyaa hoogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Guyyaa har'aa hiriirri deeggarsaa injifannoofi milkaa’inoota Bitootessa 24/2010 asitti argaman itti fufsiisuu irratti xiyyeeffate guutummaa Oromiyaatti geggeeffamuu ilaalchisee hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa laataniin uummanni Oromoo hiriira deeggarsaa kanaan imalli Itoophiyaa sabdaneettii dhugoomsuuf taasifamaa jiru waca finxaaleyyiin gufachuu akka hin dandeenye ifatti agarsiisuu ibsaniiru. Obbo Hayiluun hiriirri deeggarsaa guyyaa har'aa Naannoo Oromiyaa guutuu keessatti adeemsifama ture nagaan xumuramuu himuun Uummanni Oromoo sirna waloo uummattoota obbolaa waliin ijaare itti fufsiisuudhaaf deeggarsa hiriira kanaan agarsiisuu himaniiru.
Kana malees hiriirri deeggarsaa har'a guutummaa Oromiyaatti ba'ame kun tokkummaan uummata Oromoo nageenya Itoophiyaaf murteessaa ta'uunsaa hiriira mirkaneesse ta'uu ibsuun, imalli Itoophiyaa sabdaneettii dhugoomsuuf taasifamaa jiru waca finxaaleyyiin gufachuu akka hin dandeenye hiriira ifatti agarsiise ta'uu Obbo Hayiluun ibsanii jiru.
Kana malees deeggarsi har'a uummanni Oromoo hiriiraan agarsiise kun adeemsa finxaaleyyiin biyya diiguuf taasisan callisee akka hin ilaalle ergaa guutuu kan dabaste ta'uu himuun, uummanni Oromoo misooma fayyadamummaa uummattootaa mirkaneessuu eegale itti fufsiisuuf waadaasaa kan haaromse ta'uu dubbataniiru.
Hiriirri kun jijjiiramichi kan uummattoota hundaa ta'uu kan mul'ise ta'uu ibsuun Itoophiyaan bu'aalee gama dinagdee, siyaasaafi dipiloomaasiin argaman itti fufsiisuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsanii jiru
Hiriirri deeggarsaa kun imalli jijjiiramaa Itiyoophiyaa keessatti eegalame milkaa’inaan akka itti fufu kan agarsiiseefi caalmaatti ammoo hoggansa jijjiiramaa kan onnachiisu ta'uu ibsaniiru
Dabalataansi uummatichi mootummaa sagalee uummataan ijaarame karaa dimokraatawaa hin taaneen yookaan karaa qaxxaamuraa diiguuf tattaaffiin taasifamu fudhatama akka hin qabne kan itti mirkaneesse ta'uu ibsuun, tarkaanfii mootummaan nageenya waaraa mirkaneessuuf fudhachaa jiru kan tumsan ta'uu irra deebiin mirkaneessanii jiraachuu obbo Hayiluun Himaniiru!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Intarpiraayizoonni ce'umsa irra gahan fakkeenya waan xiqqoo irraa gara guddaatti hojiin guddachuun akka danda'amu agarsiisaniidha" PBMNO Obbo Shimallis Abdiisaa
Kabajamoo Perezdaantii bulchiinsa nootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa sagantaan ce'umsa intarpiraayizootaa Bara 2015 marsaa 13ffaaf sadarkaa naannootti magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jiru irratti argamun Intarpiraayizoonni ce'umsa irra gahan fakkeenya waan xiqqoo irraa gara guddaatti hojiin guddachuun akka danda'amu agarsiisan ta'uu ibsaniiru.
Dargaggoonni naannoo keenyaa halkanii guyyaa hojjachuun raajii hojjachuu danda'uu ibsuun, hooggansi naannoo Oromiyaa qabatamaan hojjachuun hooggansa diinagdee ta'uu danda'ee jiraachuu himaniiru.
Naannoon keenyaa carraa guddaa kan qabuufi jabaatanii hojjannaan kan milkaa'an akka ta'e himuun hojii hanga ammaatti hojjatameen bu'aan gaariin mul'atee jiraachuus ibsaniiru.
Qusannoon murteessaa ta'uu hubachuun faayidaa gabaaban osoo hin sobamin qusachuun jijjiirama itti fufiinsan boruu keenyaafi biyya keenyaa jijjiiruu danda'u fiduuf hojjachuun murteessa ta'uus dhaamaanii jiru.
Mootummaa naannoo Oromiyaa Interpiraayizoota har'a ce'aniif haala kan mijeessu ta'us himuun, rakkoo gama interpiraanarootan jiru hiikuuf caalmatti hojjachuun interpiraanaroota kumaatamaan horachuun badhaadhina milkeesduuf hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Seeran alummaa gama diinagdeetin jiru irratti hojjachuun biyya keessaa dhabamsiisuun biyya hundaaf mijoftuu taate ijaaruu akka qabnu ibsuun, dhimmi diinagdee biyyaa irratti hojjachuufi sirna ijaaruu xiyyeeffannoo mootummaa naannoo Oromiyaa akka ta'e qaamni hunduu hubachuun tumsa barbaachisu taasisuu akka qaban dhaamanii jiru.
Dabalataan, waldaaleen Interpiraayizoonni ce'uumsarra jiran caalmatti cimanii hojjachuun hudhaalee mudatan irraa tarkaanfachuun abbaa qabeenyaa biyya jijjiiru akka ta'aniif cimanii akka hojjetan dhaamaniiru
Dhuma irrattis sagantaa kanarratti waldaalee interpiraayizootaa ce'an, dhaabbilee qooda isaanii bahachaa turan, hooggantootaa naannoofi federaalaa cimanii hojjechaa turaniif beekkamtii kennaniiru!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Taphni Goobeefi Shiinoyyee Haala Oromoo Tokkummeessuun Guutuu Oromiyaatti Taphatama
Agarsiifni feestivaala Goobeefi Shiinoyyee bifa idilaa'een waggaa waggaan erga agarsiifamuu eegalee waggaa shan guutee jira. Goobeen tapha dargaggoo yoo ta'u,shiinoyyeen immoo tapha qarreeti. Kunis simannaa booqaa birraa,hawwiifi abdii egeree borii ittiin ibsatu. Bara kanas agarsiifni Goobeefi Shiinoyyee marsaa 6ffaan Qaammee 1 hanga 5 bara 2016tti turu guyyaa borii ni eegala. Kana ilaachisuunis Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa dhaabbata Boraatii Artii piromooshinii waliin ta'uun ibsa miidiyaaleef kennee jira.
Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbirruu ibsa kennaniin Oromoon aadaafi duudhaa gaarii saba biraaf gumaache hedduu qabaachuu himanii, isa kana guddisuufis mootummaan naannoo Oromiyaa hojjechaa jira jedhan. Sirnoota darban keessa amantaafi aadaa irratti dhiibbaa guddaan taasifamaa turuun aadaa hedduun sadarkaa baduu irra ga'anii turuu ibsaniiru. Taphni Goobee Qeerroon taphatamuufi Shiinoyyeen Qarreen taphatamus isaan kana keessaa tokko yoo ta'u, bakkatti deebisuuf akka Oromiyaatti hojjetamaa jira jedhan. Hawaasnis aadaa badaa jiru kana hambisuuf tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
Hoji geggeessaan dhaabbata Boraatii Aartii Piromooshinii kan ta'an Dargaggoo Biruuk Girmaa Taphni Goobeefi Shiinoyee waggoota shaniif taphatamaa akka ture himuun bara kanas Qaammee 1 irraa eegalee hanga Fulbaana 9 bara 2017tti ni taphatama jedhan. Kunis Finfinnee,Shaggariifi kutaalee Oromiyaa hundatti taphatama. Aadaa Oromoos qe'ee isaa Magaalaa Finfinneetti kan deebisuu dha. Kaayyoon agarsiisa kanaas haala dargaggoonni itti wal argan taasisuufi kiliyaa addunyaatti akka galmaa'u beeksisuu ta'uus dubbataniiru.
Fulbaana 13 immoo agarsiifni kaarnivaalaa deemsa daandii irraa namoota hedduu hirmaachisu Adwa 00 irraa hanga Giddu Gala Aadaa Oromootti taasifama.Sirni hulluukkoo keessa ba'uu taasifamee bakka tokkottis namoonni 4500 ol ta'aniin sirni suura ka'uu taasifamuun xumuramas jedhaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Biyya Bu'uuressu Dhaloota Waaressu!
Naannoo Oromiyaatti Hagayya 17/2016 Biqiltuu Miliyoona 520 dhaabuuf qophiin xumurameera! Naannoo Oromiyaatti Hagayya 17/2016 Biqiltuu Miliyoona 520 dhaabuuf qophiin xumurameera!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Galteewwan Qonnaa Yeroodhaan Qonnaan biltoota qaqqabsiisuun oomishaafi oomishtumma dabala.
Bara kana sadarkaa Naannoo Oromiyaatti callaa guddistuu yeroodhaan qonnaan bultoota qaqqabsiisuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Raabsaa xaa’ootiin wal qabatee rakkoo ture hiikuun karaa iftoomina qabuun qonnaan bulaa harka akka qaqqabu taasifamaa jiraachuu Itti Aanaa Hoogganaan Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Masfin Raggaasaa himaniiru. Keessattuu bara kana maallaqa kaffalamu karaa dijitaalaatiin raawwachuun tuttuqqaa irraa bilisa akka ta’u taasifamuun rakkoo armaan dura ture furaa jiraachuus dubbataniiru.
Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti xaa’oo kuntaala miliyoona 8.8 qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf qaqqabsiisuuf karoorfame keessaa kuntaalli miliyoona 5.8 (66%) galuun gama yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uraatiin qonnaan bulaaf raabsamaa jira jedhan. Kan hafes yeroo gabaabaa keessatti galchuun ariitiidhaan kan raabasamu ta’uu dubbataniiru.
Raabsaa xaa’ootiin walqabatee qajeelfamni haaraan hojiirra oolaa jiraachuu isaafi ciccituu neetwoorkiitiin harkifannaa mul’atu bu’uura godhachuun gama qonnaan bulaatiin komii ka’aa jiru hiikuufis qonnaan bulaan baankiitti kaffaluun nagaheedhaan akka fudhatu taasifamaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Qonnaan bulaan fedhii fayyadama xaa’oofi sanyii filatamaa daran dabalaa kan dhufe ta’uu kan dubbatan Obbo Masfin yuuniyeenonniifi waldaaleen bu’uuraarraa sanyii filatamaa sassaabuun qonnaan bulaaf akka dhiyeessan taasifamaa jira jedhan.
Yeroon kun yeroo murteessaafi iddoowwan hedduutti facaasaan qonna Gannaa yeroo ittii eegalamu waan ta’eef yuuniyeenonniifi waldaaleen bu’uuraa hundi Sanbata dabalatee guyyaa hunda banaa ta’uun qonnaan bulaaf xaa’oofi sanyii filatamaa ariitiidhaan raabsuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Yuunuyeenii Lumee Adaamaa Obbo Kaasaayee Charuu gamasaaniitiin oomishaafi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf sanyii filatamaa dabalatee calla guddistuufi qonna makaanaayizeeshinii dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Armaan dura yuuniyeenichi qonna Gannaa irratti qofa xiyyeeffatee kan hojjechaa tureefi yeroo ammaa garuu Gannaafi Bona misoomsuun galii qonnaan bulaa akka dabalu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Yuuniyeenichi bara kana xaa’oo kuntaala kuma 200 qonnaan bulaaf qaqqabsiisuuf kan karoorfateefi kuntaala kuma 158 ol qaqqabe keessaa kuntaalli kuma 147 ol gara waldaalee bu’uuraatti raabsuun qonnaan bulaaf gurguramaa jiraachuu ibsaniiru. Dabalataanis sanyiin filatamaafi keemikaalonni garaa garaa qonnaan bulaaf dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bultoonni Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatis dubbifnes kaffaltiin xaa’oo siistamaan ta’uu isaatiin qisaasamaafi kiraa sassaabdummaa jiru kan hir’ise ta’uu dubbatu. Ragaa lafa qonnaa qabaniin fudhachaa jiraachuun isaanii rakkoo armaan dura ture kan hir’ise ta’uus himaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiifi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti tibbana jalqabsiifameera. Oduu Ijoo torban kanaa Kallacha Oromiyaa.
Sirna jalqabsiisaa kanarratti Muummichi
Ministeeraa Dr. Abiyyii Ahimad Sagantaa
jalqabsiisa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa irratti
argamuun dubbii taasisaniin injifannoon damee
qonnaan argame gama industuriin dabaalamuu
akka qabu ibsaniiru.
Hojii qonnaan jalqabne ammayaa'ee industiriin
deeggaramuu qaba. Bu'aan gamasanaan argame
gama industiriinis dabalamuu qaba. Oggansi
imaamnata qonnaa milkeesse kan industirii kanas
akka milkeessu abdiin qabas jedhan.
Zooniin bilisaa carraawwan ijaarsa babal'isuu,
misooma industirii babal'isuu, sirna daldalaa
ammayyeessuu, investimentii kan babal'isuufi al
ergii keenya kan guddisu ta’uu eeraniru.
Industiriiwwan keenya carraa
hojii bal'inaan uumuu, dinagdee
biyyaa bu'uura amansiisaarra
dhaabuufi al-ergiin dinagdee keenya
dandamachiisuun badhaadhina
biyyaa kan dhugoomsu ta’uu kan
ibsan Dr. Abiyyi, Yeroo muraasa
booda deebinee dhugoomuusaa
labsuu qabnas jedhan.
Gaggeessitoonni hojiiwwan muraasa
hojjechuun quufuu keessaa bahuun
hojiin olaanaan isaan eeggatu
fuulasaanii dura jiraachuu beektanii
bu'aa caaluuf ofqopheessuu akka
qaban kan dhaaman Ministirri
Muummee FDRI Dr. Abiyyi,
biyya keenya keessatti hojiiwwan
hojjetamuu qaban baay’ee waan
ta'aniif of qopheessuutu isinirra
jiraatas jedhan.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
gamasaaniitiin inisheetiviiwwan
jiruufi jireenya ummata keenya
jijjiiran hedduun hojjetamaa
jiraachuu eeranii, hawaasa
keenya qabatamaan dinagdeesaa
fooyyeessuuf hojiiwwan jalqabaman
cimanii itti fufu jedhan.
Industirii babal'isuudhaan
ogummaan akka babal'atu,
interpiranaroonni akka uumaman
taasisuu, abbootii qabeenyaa
keessaafi alaa jajjabeessuun
dammaqinaan akka hirmaataniif
hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Zooniin Dinagdee Addaa Kunis
iddoo itti cehumsi biyyaa
dhugoomuufi ummanni keenya
dinagdee itti horatu waan ta'eef
carraa mijaawaa uumame kanatti
sirnaan itti fayyadamuu qabnas
jedhan
Daarektarri Olaanaan Zoonii
Dinagdee Addaa Gadaa Obbo
Mootummaa Tamasgeen
rifoormiiwwan dinagdee damdaneessa mootummaan baase bu'aa
buusaa jiraachuu eeruun, Zooniin
Addaa Gadaa kunis bakka itti
dinagdee horannu qofa osoo hintaane,
beekumsaafi muuxannoollee itti
argannudha jedhan.
Hojiin misoomasaatiis
boqonnaawwan adda addaa afur
kan qabu ta’ee lafa heektaara kuma
24 irratti Dhaabbata Mootummaa
Chaayinaa CCECC tiin kan ijaaramu
yommuu ta’u carraa hojii namoota
335,475 oliif kan uumudha.
Kilaastaroota industirii adda
addaafis lafti adda baafamee
abbootiin qabeenyaa 21 kaappitaala
bil. 120 galmeessisan waliin hojiitti
seenamaa jiras jedhan.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Zooniin Dinagdee Addaa Maali? Zoonii Dinagdee_Addaa_Gadaa: Mul'ata Giddugala Dinagdee Afrikaaf Moodela Ta'e Ijaaruu Qabatee kan ka'e.
Dorgommii addunyaa kanarratti taasifamu keessaa tokko dorgommii gama dinagdeetiin taasifamudha. Biyyoonni guddina dinagdee ariifataa, ittifufinsa qabuufi damdamataa (resilient) ta'e galmeessuun fedhii uummata isaanii guutuuf tarsimoo adda addaa baafachuun hojiirra oolchu. Tarsimoo dinagdee biyyoonni tokko tokko hojiirra oolchuun ittii milkaa'an keessaa tokko Zoonii Dinagdee Addaati. Zooniin Dinagdee Addaa daangaa biyya tokkoo keessatti bakka murtaa'aa guddina dinagdee eyyentaa akka maddisiisuuf ijaaramu jechuudha. Zooniin Dinagdee seerotaafi qajeelfamoota dinagdeefi daldalaa biyyicha kutaalee kaan keessatti hojiirra oolan irraa addaafi caalaa mijataa ta'an akka taaksii, si'eessituufi kan biroon kan hoogganamudha. Kaayyoon ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa madaala dinagdee, carraa hojii, investimentii alaa, ce'umsa teknoloojiifi alergii guddisuu akkasumas bulchiinsa dinagdeefi biizinasii bu'aa qabeenya hojiirra oolchuu of keessatti hammata.
Akka waliigalaatti, Zooniin Dinagdee Addaa guddina dinagdee ariifataa galmeessuuf kan gargaaru yoo ta'u akka ragaa Konfiransii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimma Daldalaafi Misoomaa bara 2022 ALAtti taasifame irratti dhiyaate agarsiisutti Zooniilee Dinagdee 7000 olitu kutaalee addunyaa hunda keessatti argama. Biyyoonni guddataa jiraniifi dinagdeen isaanii ce'umsarra jiru Zoonii Dinagdee akka meeshaa Indaastiraalayizeeshiniitti itti fayyadamu.
Zoonin Dinagdee Addaa (Special Economic Zone) akka Addunyaatti kan jalqabe bara 1950 keessa biyya Ayerlaandi(Ireland)tti. Bara 1970 keessa ammoo biyyoota akka Laatin Ameerikaafi Baha Eeshiyaa keessatti ammoo babal'ateera. Biyyi Zoonii Dinagdee Addaa hojiirra oolchuun baay'ee ittiin milkoofte ammoo biyya guddina dinagdee ariifataa galmeessisaa jirtu Chaayinaadha.
Dhimmoonni murteessoon filannoo bakkaa ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa itti gaggeeffamu duuba jiran bu'aa argamsaa, Magaala Guddoo biyyaatti dhiyeenya qabaachuu, daandii saffisaafi daandii baaburaa, buufata fe'isaa lafarraafi buufata xiyyaaraa, lafti ga'aafi bu'uuraaleen misoomaa akka ibsaa,telekoomii, bishaaniifi kan biroon jiraachuu dha.
Haaluma kanaan, yeroo ammaatti zooniin dinagdee addaa biyyoota akka Ameerikaa, Meeksikoofi Kuubaa dabalatee iddoo hedduutti baay’inaafi qulqullinaan itti gargaramaa kan jiran yoo ta’u Eeshiyaa (Asia) keessattis biyyoota akka Baanglaadesh, Chaayinaafi India keessatti guddina dinagdee biyyasaanii olkaasuu bira darbee hariiroo biyyoota ollaa cimsuun investaroota heddumminaan akka horatan taasiseera.
Bu’aa qabeessummaan zoonii dinagdee addaa(Special Economic Zone) dabalaa dhufuun yeroo ammaa Afrikaa keessattis biyyoota Missir, Botswaanaafi Naayijeeriyaafi kan biroo hedduu keessatti hojiirra oolaa jira. Biyyoonni Zoonii Dinagdee Addaa hojiirra oolchaa jiran sirna daldalaa mijataa uumuufi humni faayinaansi waliigalaa isaanii akka dabalu taasisuun guddina dinagdee isaanii ariifachiisaa jira.
Zoonii Dinagdee Addaa daldala gabaa bilisaa babal'isuun hunda kan hirmaachisu, adeemsa oomishaalee dheedhii qulqullinaan gara warshaatti galchuun al-ergiif akka oolan taasisuun galiin biyyaa dabaluu keessattis gumaacha olaanaa qaba. Zooniin Dinagdee tajaajila hunda galeessa bakka tokkotti kennuun Industiriif haala mijataa uumuufi bu'a qabeessa taasisuun guddina dinagee biyyaa ariifachiisa.
Zooniin Dinagdee Addaa tajaajila iddoo tokkoo kennuun haala mijataa waan uumuuf, investaroota biyya keessaafi alaa kallattiin simachuufi biyya keessatti akka oomishaniif carraa guddaa uuma. Kanaanis, oomisha biyya keessaa alatti erguufi sharafa alaa argamsiisuuf daandii saaqa.
Biyyi keenyas riiformii dinagdee Riifoormii Dinagdee Biyyaalessaa, Riiformii Dinagdee Mandhalee, Sochii Hojii Biizinasii Salphisuu, Tarsimoo Dinagdee Damdaneessa ijaaruu, Biyya keenya fakkeenya badhaadhinaa taasisuu fi Ce'umsa Industirii milkeessuuf hojjetamaa jiru bu'uura godhachuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan labsii Zoonii Dinagdee Addaa raggaasisuun hojiirra oolchuun eegalamee jira.
Akka biyyaatti seera akka biyyatti ragga'eefi Mana Maree Naannoo raggaasisuun Naannoon Zoonii Dinagdee Addaa ijaaruu eegale Naannoo Oromiyaa dha. Naannoo Oromiyaatti Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa( Geda Special Economoc Zone) jechuun hundaa'ee ijaarsi isaa eegalamee jira. Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee irraa km 65 irratti Magaalaa Adaamaafi Magaalaa Mojoo gidduutti kan hundaa'e yoo ta'u ijaarsi isaa dhaabbata biyya Chaayinaa CCECC jedhamuun kan raawwatama.
Bakki Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa (Gada Special Economic Zone) itti ijaaramuuf filatame magaalaa Finfinnee, buufata fe'isaa lafarraa Mojoo, Daandii Ariifataa Finfinnee-Adaamaafi Mojoo-Hawaasaa, Buufata Xiyyaaraa, Daandii Baaburaa Jibuutii-Sabbataatti dhiyaatee argamuufi bu'uuraalee misoomaa biroo dhiyeessuuf mijataa ta'uu akkasumas humni namaa hedduun jiraachuufi meeshaaleen ijaarsaafi kan biroon jiraachuun akka filatamu taasiseera.
Pirojektiin kun bal'ina lafaa hektaara kuma 24 irratti kan bu'uuraffame yoo ta'u giddugaleessaan namoota 335,475 oliif carraa hojii kan uumudha. Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa dargaggoota nannichaa kuma hedduu ta'aniif carraa hojii uumuu danda'a.
Sektaroonni Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti akka hammatamaniif xiyyeeffannoon dursaa kennameef zoonii daldala bilisaa, industirii paarkii, buufata fe'isaa, Paarkii Infoormeeshin Kominikeeshinii (ICT Park), paarkii saayinsiifi teknoloojii, Zoonii Agro-Processing and Qonna Magaalaa, Zoonii Turizimiifi Bashannanaa, Paarkii tajaajila daldalaa, zoonii bu'aalee beelladaa, bakka jireenyaa jiraattotaafi kan biroodha.
Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa bara 2062tti giddugala dinagdee sadarkaa Afrikaatti fakkeenya ta'e ijaaruu yoo ta'u investimentii biyya alaafi biyya keessaa hawwachuu oomishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaan bakka buusuufi alergii guddisuun akka naannoofi biyyaatti ce'umsa dinagdee ariifachiisuufi carraa hojii bal'aa uumuu mul'ata taasifatee kan ka'edha.
Kunis, giddugala daldalaa sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta'e ijaaruufi Giddugala Faayinaansii Afrikaa ta'uun mul'ata biyyi keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta'uuf qabatte kan dhugoomsudha.
Riifoormii dinagdee hunda galeessa ta'e diriirsuun guddina dinagdee ammayyaa'aafi sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta'e ijaaruun kaayyoo Zoonii Dinagdee kanaati.
Zooniin Dinagdee kun qaama inisheetiivii biyya Chaayinaa "Road_and_Belt_Initiative" ti.
Kanaafuu, yaadama haaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa ce'umsa riifoormii dinagdee biyyaa hojiirra oolchuun jiruuf jireenya hawaasa baadiyyaafi magaalaa jijjiiruu fi carraa hojii bal'aa uumuun biyya keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa akka taatuuf hunduu qoodasaa bahachuu qaba.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Dinagdee cimaa ijaaruun biyya keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf hojjatamaa jira.
Mootummaan Badhaadhinaa biyya keenya fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf sochii jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa hunda galeessa ta'e milkeessuuf hojjetaa jira. Kana dhugoomsuufis yaadamoota dinagdee haaraa maddisiisuufi hojiirra oolchuun pirojektoota seenaa biyya keenyaa jijjiiruu danda'an hedduun eegalamanii xumuramaa jiru; haaraanis eegalamaa jiru. Kana keessaa tokko Zoonii Dinagdee Addaa (SEZ) yoo ta'u kaayyoon isaas Foreign Direct Investment(FDI) hawwachuu, carraa hojii bal'aa uumuu, hojiirra oolmaa riifoormii dinagdee fi imaammata mirkaneessuun guddina dinagdee rog-daneessa, ariifataafi ittifufinsa qabu mirkaneessuudha.
Zooniin Dinagdee Addaa industirii babal'isuufi si'eessuu akkasumas ce'umsa caasaa dinagdee fiduuf akka meeshaa gaariitti ilaalama. Galma kana milkeessuuf sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha.
Biyya keenyatti dhimmoonni yaadama Zoonii Dinagdee Addaatiif ka'umsa ta'an Riifoormii Dinagdee Biyyaalessaa, Riifoormii Dinagdee Mandhalee, Sochii Hojii Biizinasii Salphii, Tarsimoo Dinagdee Damdaneessa ijaaruu, Biyya keenya fakkeenya badhaadhinaa taasisuu fi Ce'umsa Industirii milkeessuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas tarsimoo jijjiirama dinagdee akka biyyaatti eegalamee jiru bu'uura godhachuun Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa ijaaruuf Caffee Oromiyaan raggaasisee sochii eegalee jira. Kaayyoon ijaarsa Zoonii Dinagdee kanaas dargaggoota kumaatama ta'aniif carraa hojii uumuu, Giddugala daldalalaa sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta'e ijaaruu, Giddugala Faayinaansii Afrikaa ta'uun dinagdee naannichaa ariifataafi cimaa taasisuudha.
Zooniin Dinagdee Gadaa kiroojektii akka Afrikaatti fakkeenyummaa qabuufi bal'ina lafaa hektaara kuma 24 olirratti kan ijaaramudha.
Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa (Gada Special Economic Zone) magaalaa Adaamaa fi Moojoo jidduutti kan ijaaramu kun bakki itti ijaaramus magaalaa Finfinnee, buufata fe'isaa lafarraa Mojoo, Daandii Ariifataa Finfinnee-Adaamaafi Mojoo-Hawaasaa, Buufata Xiyyaaraa, Daandii Baaburaa Jibuutii-Sabbataa dhiyaatee kan argamuu fi bu'uuraalee misoomaa biroo dhiyeessuuf mijataa ta'ujn isaa filatameetudha. Zooniin Dinagdee kun carraa hojii namoota 335,475 oliif kan uumudha.
Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa giddugalli gabaa bilisaa, loojiistiikii, giddugala warshaalee qophii oomisha al- ergii, paarkii industirii naannoo gabaa gara garaafi tajaajiloota adda addaa kan hammatedha.
Zoonii kanatti magaalaa hunda galeessaafi tajaajila hunda hammataa ta'e kan diriirfamu yoo ta'u humna dinagdee biyyaa sadarkaa Addunyaatti olkaasuun akka mul'atu taasisuun fayyadamummaa lammiilee toora hundaan mirkaneessuuf hojjetamaa kan jirudha.
Guyyaa har'aas waliigaltee Abbaa Taayitaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaafi Dhaabbata Mootummaa Chaayinaa CCECC tiin bakka hooggantoonni mootummaa olaanaa naannoofi federaalaa argamanitti ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa sirni ijaarsa jalqabsiisuu ni taasifama.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Milkaa’inni gama misooma qonnaan argame gama industiriitiinis dabalamuu qaba" MMI Dr. Abiyyi Ahmad.
Muummichi Ministeeraa Dr. Abiyyii Ahimad Sagantaa Jalqabsiisa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa irratti argamuun dubbii taasisaniin injifannoon damee Qonnaan argame gama Industuriin dabaalamuu akka qabu ibsaniiru. Biyyi keenya waggoottan muraasa darbanitti qonnarratti hojjechaa tureen bu'aa argame amma gara industiriitti ceesisuun dhaabbata carraa hojii namoota kumaatamaan uumuu danda'u ijaruu jalabuun guddina diinagdee biyyaa kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.
Hooggansi jijjiirama waggoottan muraasa seektara qonnaa irratti milka'ina olaanaa galmeesse ammas hojii indastarii irratti ofeeggannoon hojjechuu galmaan gahuu qaba jedhaniiru.
Bu'aan qonnarraa argamu industiriin dhugoomuus qindoominaan hojjechuufi muffiifi harkifannaa malee itti fufsiisuun murteessaa ta'uu eeranii jiru.
Muuxannoowwan hojii qabnutti fayyadamuun caalmatti jijjiirama olaanaaf hojjechuun hojiilee misoomaa gara garaa jalqabne yeroon xumuruun tajaajilaaf oolchuun barbaachisaa ta'u kaasaniiru.
Pirojektiiwwan gurguddoon akka biyyaatti jalqabame sharafa alaa kan argamsiisu, hariiroo biyyootaa kan cimsu oomishaale gara garaa alaa galan biyya keessatti oomishuun baasii kan xiqqeessuufi galii biyyaa kan guddisu ta'uu ibsanii jiru.
Mootummaan seenaa hojmaata diinagdee ariifataa bocuun hojiirra oolchaa jiraachuu kan ibsan Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad damee qonnaa cimsuun bu'aa argamu gara industiriitti ceesisuun qabeenya dilbii gama anniisaatiin biyyattin qabdu duguuganii fayyadamuun misoomaaf oolchuu, humna namaa ogummaafi gahumsa qabu ijaaruufi oomisha Qamadii irratti jijjiirama bu'uuraa dhufe Industiriin dabaaluu irratti ciminaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Dhaabbanni CCECChar'a waliigaltee malleetteesse yeroo jedhame keessatti xumuruun tajaajilaaf oolchuu akka qabus dubbatanii jiru.
Zoonin Dinagdee Addaa Gadaa yaadamaafi falaasama haaraan kan jalqabame ta'uu kan ibsan Pirezidaantii Mootummaa Naannoi Oromiyaa Obbo Shimallus Abdiisaa Zoonii Dinagdee kun bu'uura jijjiirama dinagdee biyyoolessaa ta'ee mul'ata dinagdee biyyaa milkeessuu bira darbee tasgabbii gabaa Gaanfa Afrikaatiif ka'umsa jabaa ta'a jedhaniiru.
Sochiin amma taasifamaa jiru jijjiirama dinagdee qonnaan bulaa kan hammateefi jiruuf jireenya qonnaan bulaafi horsisee bulaa biyya keenyaa kan jijjiiru ta'uu qaba.
Naannicha keessatti investimantii irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjechuun industurii babal'isuu, galiin biyyaa akka dabalu taasisuu, aadaa qusannoo cimsuun dinagdee damdaneessa ijaaruun badhaadhina maatii roga hundaan mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii jiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Uummanni Oromoo qabeenya uumamaafi namtolcheen akkasumas seenaa, duudhaafi aadaa akka galaanaa yaa'ee hin dhumne qaba" Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Af-Yaa'ii Caffee MNO
Milkaa'inoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota darbanii kan agarsiisu qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan kan qophaa'e Magaalaa Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti bakka hooggantoonni olaanaa Naannoofi Federaalaa argamanitti daawwattootaaf banaa taasifame. Baniinsa sagantaa kanaa irratti argamuun haasawaa baninsaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa sirna kominikeeshinii si'ataafi qaqqabamaa hojiirra oolchuun mootummaafi uummata jidduutti wal-hubannaan akka uumamu, ajandaawwan gurguddoo akka biyyaafi naannootti jiran irratti waliigalteen biyyaalessaa akka jiraatu akkasumas maqaan Naannoo keenyaa roga gaariin akka ijaaramuuf hojjechaa kan jiru ta'uu himaniiru.
Kana milkeessuufis tooftaalee kominikeeshinii adda addaa fayyadamuun odeeffannoo waqtaawaa, qulqulluufi dhugaa ta'e uummata bira akka ga'uufi yaadonni uummataas mootummaa bira akka qaqqaban taasisuun mootummaafi uummata jidduutti riqicha ta'ee kan hojjetu ta'uu himuun yeroo ammaa guddinaafi ammayyoomuu teknoloojii odeeffannoon walqabatee meeshaaleefi tooftaaleen kominikeeshinii odeeffannoon ittiin tamsa'u saffisa guddaan babal'achaa dhufuu kaasaniiru.
Guddinni teeknoloojii odeeffannoo kun danqaa bakkaafi yeroo hir'isuun Addunyaa mandara tokko taasisee jiraachuu ibsuun babal'achaa dhufuun teknoloojii odeeffannoo akkuma bu'aa olaanan galmeesse yaaddoo guddaas fidee dhufuu dubbataniiru.
Kanaafuu odeeffannoo sobaa ariitiin facauun xiyyeeffannoon uummataa ajandaa misoomaa irraa akka maqu gechuun burjaajii hamaa uumuu ka'umsa walitti bu'insaafi jeequnsa kaasanii nageenyi akka hin waarofne taasisuuf qaamni hojjetu jiraachuu kaasuun dhugan kana hubachuun qaqqabummaa odeeffannoo mirkaneessuuf caasan kominikeeshiniifi miidiyaalee mootummaa dorgomaa akkasumas dhaabbilee miidiyaa itti gaafatamummaafi naamusa ogummaa bu'uura gonfatanii akka hojjetaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu oobba Hayiluun ibsaniiru.
Keessumattuu imaammatni, tarsiimoo, karoorriifi raawwiin mootummaa ariitiifi qulqullinaan uummata biraan ga'uun uummanni ajandaa misoomaafi nageenyaa irratti akka xiyyeeffatu karaa biraan ammoo odeeffannoowwan sobaa uummata burjaajessan qolachuuf tooftaalee kominikeeshiniifi miidiyaa jiran hunda fayyadamaa jiraachuus kaasaniiru.
Kana malees ergamni keenya ijoon odeeffannoo naannicha waaltessuu, bulchuufi hoogganuu sirnaan hojiirra oolchuuf akkasumas hojiiwwan misoomaa, siyaasaafi nageenyaa mootummaan hojjetu uummanni akka beekuufi hirmaannaa isaa akka cimsu, yaadonniifi gaaffiiwwan misoomaa uummata biraa ka'an mootummaa bira qaqqabuun mootummaaf galtee akka ta'an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuu dubbataniiru.
Kanaafis, miidiyaalee dijitaalaa, elektirooniksiifi maxxansaa fayyadamuun akkasumas miidiyaalee mootummaafi dhuunfaa naannoo keenya keessatti hojjetan waliin fooramii hundeessuun odeeffannoo waqtaawaafi qulqulluu uummata biraan ga'uu, uummanni imaammata, tarsiimoofi karoora mootummaa irraa beekee akka fayyadamu gochuufi injifannoo argame balballoomsuu irratti milkaa'inni gurguddaan argamuu himaniiru.
Dabalataanis tooftaalee kominikeeshinii Biiroon keenya hojiirra oolche keessaa agarsiifni egzibiishinii isa tokko waan ta'eef agarsiisni imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa" qindeessummaa Biiroo keenyaan kominikeeshinii Oromiyaan qophaa'e kun milkaa'inoota gurguddoo hundeeffama Mootummaan Naannoo Oromiyaa hanga bara kanaatti jiru milkaa'ina caalmaaf mootummaafi uummata kan qopheessu ta'uu himuun hojiilee manneen hojii Mootummaatiin hojjetamaa jiru uummata biratti akka beekamuufi sekteraaleen mootummaas muuxannoo walirraa akka qooddataniif kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti keessummaa kabajaa ta'uun kan argaman Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan "Agarsiifni Imala Mootummaa Naannoo Oromiya" milkaa'inoota waggoota darbanii kan agarsiisu kun seena qabeessa ta'uu kaasuun biyyi keenya Itoophiyaan biyya dilbiiwwan qabeenya uumamaafi namtolcheen badhaate waan taateef sadarkaa idil addunyaatti alaabaa isaa kabajaan ol kaaftee sodaatamtee kabajamtee jiraattu ta'uu ibsaniiru.
Ta'us garuu sirnoonni darban sirna wal qixxummaa sabaaf sablammootaa sarbuun seenessa qeenxee eenyummaa saba tokkoo dagaagsuuu biyya sabdaneessummaan keessatti kabaja dhabe taasisuu himuun yeroo ammaa kana qabsoo wal harkaa fuudhinsa dhalootaatiin sirni cunqursaa awwaalameee gaaffileen dimokiraasii, sirna ofiin of bulchuu, obbolummaan sabdaneessaafi sirni federaalizimii dhugaa mirkanaa'aa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaanis sirni federaalizimii sabdaneessa bu'uurri isaa obbolummaa ta'e mirkanaa'uu dubbachuun gama hawaasummaafi dinagadeedhaanis bu'aan gaariin jiraachuu kaasaniiru.
Kana malees uummanni Oromoo qabeenya uumamaafi namtolcheen akkasumas seenaa, duudhaafi aadaa akka galaana yaa'ee hin dhumne qabaachuu himuun qabeenyi nuti qabnus addunyaa har'aaf fakkeenya ta'uu himaniiru.
Milkaa'inoonni gonfanneefi qabeenyawwan qabnu keessa kanneen agariisaaf dhiyaatan kunneen akka nama galaana fal'aanaan waraabuutti kan qabnu kitila keesaa muraasni dhiyaachuu himuun Biirooleefi Dhaabbileen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Milkaa'inootaafi qabeenya gola Oromiyaa har'a qabatanii agarsiisaaf dhiyaatan kun bara dhufutti kana caalaa dachaan qabatanii dhiyaachuu itti gaafatamummaa dachaan qaban gochaan akka agarsiisan dhaamaniiru!
Agarsiifni kunis guyyoottan 3n itti aananiif kan turan ta'uu ibsameera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Injifannoon misooma Qamadii imala keenya dhugoomsaa jira.
Mootummaan jijjiirama akka biyyaafi Naannootti eegalame itti fufsiisuuf dhimmoota ni danda’amu jedhamee hin yaadamne qabatamaan raawwachaa jira.Bu'uurri danda'u kunis yaadama haaraa irraa kan madde yoo ta'u, yaadamni haaraan kunis hojiin dabaalamuudhaan injifannoo gama siyaas - diinagdeetiin argamsiisaa jiraachuu isaarraan kan ka'e uummata biyyattii boquu yoo ol qabachiisuu qaamoota ilaalcha faallaa qaban immoo boquu gad cabsaa jira. Baroota dheeraa darbaniif qonni biyya keenyaa rooba qofa irratti hirkatee kan ture yoo ta'u, kunis midhaan nyaataan akka of hin dandeenye gochuudhaan deggarsa barbaaduuf harka ishee akka gara biyya alaatti hiixattu gochuu irraan kan ka'e birmadummaa biyya keenyarrattillee dhiibbaa uumaa ture.
Biyya keenya Itoophiyaatti jijjiirama siyaas- diinagdee waggoota muraasa dura eegalaman hordofuudhaan dameen jijjiirama guddaan irratti argame keessaa misoomni qamadii isa tokko. Itoophiyaan yaadama haaraa ilmaan isheetiin maddeen bonaa gannaa oomishuun akka danda'amu tarkaanfii haaraa misooma qamadiitiin eegalameen ganna roobaan, bona immoo jallisiin qamadii misoomsuudhaan fedhii biiya keessaa guutuudhan gabaa alaatiif dhiheessuun diinagdee biyyaa utubuun danada’ameera.
Kunis misooma Qamadii irratti xiyyeeffannoofi ciminaan hojjechuun Itoophiyaa deggarsaan qamadii barbaadduurraa gara oomisha qamadii gabaa alaaf dhiheessuutti ceesisuun danda'amuu argisiisa.Injifannoo gama misooma qamadiitiin argame kunis karoora imala badhaadhinaa biyyi keenya qabattee jirtu qabatamaan dhugoomsaa kan jiruufi danda'uu Itoophiyaa Addunyaatti kan agarsiisu injifannoo Adwaa 2ffaadha.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
------
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Sirni Gadaa sirnaan beekamee akka cimuuf Mootummaan xiyyeeffannaan hojjetaa jira', Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO
Sirni Gadaa Oromoo sirnaan beekamee akka cimuuf barnootaa sirna barnootaa keessa galchuufi Ardaalee jilaa misoomsuun akka dagaaguuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa. Sirni wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Gujii 75ffaan Ardaa Jilaa Me'ee Bokkootti raawwaatameera.
Sirna kana irraatti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Itti gaafatmaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, hooggantoonni olaanoo mootummaa biroofi Keessummoonni gara garaa argamaniiiru.
Gadaan Harmuufaa Gadaa Roobaleef Aangoo Gadaa karaa jaalalaaf Gammachuun waliif dabarsaniiru.
Sirnicharratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Abbootiin Gadaa Baallii keessan dabarsitanii kennitan baga gammaddan jechuun warri Gadaa Roobalee aangoo fudhattaniis baga gammaddanii jedhaniin.
Gadaan Oromoo sirna barnootaa keessa galee rakkoo hawaas diinagdee akka hiikuuf mootummaan naannoo Oromiyaa hojjachaa jira jedhan.
Ardaan Jilaas bakka turistoonni daawwataniifi bakka qorannoofi qo'annoo akka ta’uuf giddu galli aadaa akka irratti ijaaramu ni taasifama jedhan, pirezidaanti shimallis.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Godambaan yaadannoo injifannoo Adwaa Eebbiffame.
Godambaan yaadannoo injifannoo Adwaa bakka Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee, Ministira Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad, Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo, Ministira Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunee, Pirezedaantotni Naannoleefi hooggantoonni olaanoo mootummaa biroon argamanitti eebbifameera. Godambaan Yaadannoo Injifannoo Lola Adwaa mallattoo birmadummaafi bilisummaa uummata Gurraacha hundaa ta'e ijaarsi isaa xumuramee har'a eebbifama.
Injifannoon lola Adwaa dirree tokkummaa fi gamtoonni saboota, sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaa birmadummaa biyya isaaniitiif taasisan irratti mul'ate ta'uu bira darbee injifannoo mataa uummata Gurraachaa olqabedha. Injifannoo Gurraachi adii injifachii akka danda'u mul'isee fi oftuulummaa warra koloneeffattootaa kan qaanessedha.
Godambaan kun karaa injifannoo kana madaaluu danda'uun ijaaramee xumurame. Godambaan Yaadannoo Injifannoo Lola Adwaa mallattoo birmadummaafi bilisummaa uummata Gurraacha hundaa ta'e ijaarsi isaa xumuramee har'a eebbifama.
Injifannoon lola Adwaa dirree tokkummaa fi gamtoonni saboota, sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaa birmadummaa biyya isaaniitiif taasisan irratti mul'ate ta'uu bira darbee injifannoo mataa uummata Gurraachaa olqabedha. Injifannoo Gurraachi adii injifachii akka danda'u mul'isee fi oftuulummaa warra koloneeffattootaa kan qaanessedha.
Godambaan kun karaa injifannoo kana madaaluu danda'uun ijaaramee xumurame.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Sabdaneessummaan Obbolummaa Irratti Ijaarame Waliin Jireenya Uummattootaaf Wabiidha:Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Itoophiyaan biyya Sabdaneettii, Af-daneettiifi Amantii hedduu qabdu; biyya duudhaa wal danda'uu gabbifachuun qormaatawwan ishee mudatan hunda qolachuun ijaaramaa as geessedha. Kanaanis Saboonni, Sablammoonniifi uummattoonni biyya birmadummaan ishee kabajameefi mallattoo gootummaa taate ijaaraaniiru. Qormaata hedduus waliin ce'uun biyya wareegamaan tiksan dhaloota har'aaf dabarsaniiru.
Biyya guddoo sabdaneessummaan mallattoo ishee ta'e keessatti waggoota dheeraaf sirni heddummina keessummeessu ijaaramuu dhabuu isaatiin Itoophiyaan waanjoo ulfaataa sirna qeenxeen itti fe'ameen wal'aansoo qabaa turte. Daneessummaan kabaja dhabee akka abaarsaatti ilaalamaafi saboonnis eenyummaa isaanii akka balfaniif irratti hojjetamaa ture. Hacuuccaan rog-daneessi daangaa darbe qabsaa'ota ijoollee uummataa daangaa hanga daangaatti dammaksee injifannoo galmeessaa dhufuun Heerri walqixxummaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa mirkaneesse bara 1987 akka ragga'u taasise.
Kabajamuun eenyummaafi mirgi ofiin of bulchuu Heera FDRI mirkanaa'uun sirna qeenxummaa diigee waloomatti kabaja hore. Erga Heerri keenya sabdaneessummaa olkaasee gaaffii mirga ofiin of bulchuu uummattootaa raggaasisee as guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa marsaa 18ffaaf waloon kabajanneerra; kabajachaas jirra. Kanaanis, garaa garummaan keenya madda rakkoo osoo hin taanee qabeenya waloofi miidhaginaa ta'uu hubannee maalummaa waldanda'uufi waliin jiraachuu qabatamaan Addunyaatti agarsiifnee jirra.
Haata'u malee, kuufamoonni gaaffilee gurguddoo uummattoota biyya keenyaa sirnoonni jijjiiramanis deebii quubsaa argachuu waan hin dandeenyeef qabsoon uummataa itti fufuun waggaa Shan dura mootummaan jijjiiramaa akka dhalatu taasise. Mootummaan uummataan uummataaf ijaarame rakkoolee kuufamanii har'a ga'an hundeerraa akka furaman taasisuun Itoophiyaa nagaa ishee waaressite, tokkummaan ishee cimeefi badhaadhina lammiilee dhugoomsite ijaaruuf kutannoon hojjechaa jira. Kana galmaan ga'uufis, dallaa jibbinsaa dhiifamaan diignee riqicha jaalalaa ijaaruun rakkoolee keessoo keenyaa mareefi marabbaan furuu irratti fuulleeffanne; kanas gochaan agarsiisaa jirra. Mareen araara biyyaalessaa seena qabeessa ta'es kuufama rakkinoota gamaa gamanaa furuun ilaalcha biyyaalessaa cimsuuf xiyyeeffannoon itti deemama jira.
Gaaffiiwwan ijoo barootaaf turan keessaa tokko mirga ofiin of bulchuufi dimokiraasii dhugaa ijaaruu yoo ta'u kanaafis sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti ijaarame akka diriiru taasifamaa jira. Waggoottan jijjiiramaa shanan darban keessatti naannolee haaraan afur sagalee uummataan hundaa'an kanaaf agarsiiftuu guddaadha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama guddicha kana lafa qabsiisuufi sabdaneessummaan kabajamee mirgi walqixxummaa heera biyya keenyaatiin ragga'e cimee obbolummaanis mirkanaa'ee ijaarsa biyyaalessaa fiixaan baasuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Kanajamtoonni Uummata Oromoo akkasumas Saboonni, Sab-lammoonniifi Uummattoonni biyya keenyaa hundi baga guyyaa dinqisiisaa obbolummaan keenya ifee sabdaneessummaan keenyas cimee itti mul'ate kana nagaan geessan jechuun barbaada. Guyyaan kun guyyaa garaa garummaa keenya jidduutti tokkummaa cimaafi miidhaginni hawwataan daawwatamee hin quufamne akka jiru itti agarsiifnu guyyaa gammachuu addaati. Kana malees, guyyaa Sabdaneessummaan keenya madda miidhaginaafi obbolummaan keenyas salphaatti kan hin diigamne ta'uu firaafis diinaafis itti mirkaneessinudha. Duudhaafi safuun uummanni keenya nu dhaalchise saboota biroo waliin akka itti jiraannu nu barsiiseera. Har'as ta'u boru kanuma cimsinee itti fufsiifna.
Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa bara kanaa wayiita kabajnus ilaalchota finxaalessummaa seenessa qeenxee leellisuun walooma keenyaa diiguu barbaadan waliin yeroo walaansoo wal qabaa jirruttidha. Galmi finxaalessitootaa Itoophiyaa cimtuu hunda fakkaattuufi hundaaf taatu akka hin ijaaramne gochuudha. Inumaayyuu afaan garaa garaa dubbatanis ergamniifi galmi isaanii kun tokkuma; yoo danda'an sabdaneessummaa diiganii sirna qeenxee ijaaruu yoo dadhaban Itoophiyaa laaftuufi tasgabbiin irraa fagaate uumuudha. Uummanni Naannoo keenyaa aggaammii finxaalessitootaa gamaaf gamanaa kanneen dura dhaabbachuun caasaalee nageenyaa waliinis ta'ee fashaaleessaa jira. Kun ammoo finxaalessitootaaf gufuu biyya jabduu ijaarruuf utubaa guddaadha.
Sabdaneessummaan eenyummaa keenya isa dhugaa heddumminniifi walqixxummaan keessatti mirkanaa'u waan ta'eef akka agartuu ija keenyaatti tikfanna. Dallaan jibbinsaa diignee riqichi jaalalaa ijaarrus gaaddisa sabdaneessummaafi walqixxummaa jalatti ta'uu hunduu hubachuu qaba. Kun ammoo harka tokkoon abidda qabatanii harka biraatiin araaraaf qophaa'uun osoo hin taane shira lagatanii qajeelummaan nagaaf of qopheessuun milkaa'a. Kanaaf ammoo mootummaan harka araaraaf diriirse yoomiyyuu kan dachaasu akka hin taane irraa deebiin waamicha dhiyeessina. Qaama Heera sagalee uummataan ragga'e irratti aggaammii taasisuufi nageenya uummataa booressu irratti mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta'uu hubachiifna.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa irra deebi'uun baga guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa geessan jechaa harka tokkoon hojiilee misoomaa cimsuun karoora xiiqii qabanne milkeessuuf hojjechuun barbaachisaadha. Harka biraatiin ammoo caasaalee nageenyaa waliin ta'uun nageenya keenya tikfachaa daandii badhaadhinaa eegalle irraa osoo boodatti hin deebi'iin milkaa'inaaf akka imallu waamichan dhiyeessa. Egereen keenya aarsaa har'a kaffalluun milkaa'a. "Heddumminniifi walqixxummaan keenyas haala kanaan galma ga'ee tokkummaa biyyaalessaa waan cimsuuf hunduu gumaacha isarraa eegamu taasisuu qaba.
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa bara kanaa kun kan gammachuu, badhaadhinaafi waadaa keenya haaromsuun imala ijaarsa biyyaa itti fufsiifnu nuuf haa ta'u.
Ayyaana gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Sadaasa, 2016
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Olka’insi Alaabaa Keenyaa, Wabii Tokkummaa Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati!
Biyyi birmadummaa ofii kabachiifattee uummata, mootummaafi lafa bulchiinsa daangaa ofii ishee qabdu Alaabaa eenyummaa ishee bakka bu’us ni qabdi. Alaabaan ammoo mallattoo biyyi tokko biyyoota biraa irraa adda baatee ittiin beekamtu ibsituu eenyummaati. Alaabaan huccuu halluu adda addaa irraa mallattoofi boca of danda’e qabaatee kan hojjatamu ta’ee bocni, halluufi mallattoon addaa Alaabaa irratti argamus aadaa, duudhaa, seenaa jireenya uummataafi wareegama kaffalan kan ibsudha. Kana malees, yaadaafi yaadama hawaasaa kan bakka bu'u; kabajaafi birmadummaa biyya tokko kan ibsu mallattoo Abbaa biyyummaa ta’uunis beekama. Biyyi keenya Itoophiyaanis biyya Alaabaa mataashee qabduufi birmadummaa ofii kabachiisuun jiraachaa turteef jirtudha. Kanaanis Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya weerara warra lixaa ofirraa qolattee birmadummaa ishee mirkaneessuun Alaabaa ishee olqabde biyya goota fakkeenya bilisummaa Gurraachota Afriikaati. Kanaanis Alaabaan biyyi keenyaa itti fayyadamaa jirtu biyyoota Afriikaafi sadarkaa Idil-Addunyaattis kabajaaf ulfina olaanaa qabaachuun beekama. Kabajaafi ulfinni Alaabaa dhaloota biratti beekamee akka itti fufuuf guyyaan Ayyaana Alaabaa Akka biyyaatti marsaa 16ffaa dhaadannoo “Olka’iinsi Alaabaa Keenyaa, Wabii Tokkummaa Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati!” jedhuun kabajama.
Naannoo keenyatti guyyaa Alaabaa Marsaa 16ffaa wayiita kabajnu Mallattoo Waloomaafi Birmadummaa biyya keenyaa kan ta’e alaabaa keenya karaa olqabuu dandeenyuun waloon kabajuun barbaachisaadha.
Qormaatileen namtolcheefi uumamaa yeroof nu muudatanis obbolummaa sabdaneessummaa keenya cimsachuun irra aannee injifannoo boonsaa galmeessaa dhufuu keenya wal yaadachiisaafi yoo tokkoomne wanti duubatti nu deebisu akka hin jiraanne hubannee injifannoo arganne kunuunsuun injifannoo biraaf of qopheessuu qabna.
Guyyaa kana yeroo kabajnu Ol ka’iinsi alaabaa keenyaa, wabii tokkummaa sabdaneessummaafi birmadummaa biyya keenyaa ta’uu hubachuun kabajaafi jaalala alaabaa keenyaaf qabnu cimsuun akkuma abboota keenyaa birmadummaa biyyaa tiksuufi gama hundaan gooticha raayyaa ittisa biyyaa bira dhaabbachuutu hunda keenya irraa eegama. Garaa garummaa jirus wal dhageeffachuufi mareen furuun dhimmoota waloo irratti waliigallee biyya jabduu ijaaruuf hojjechuu qabna.
Akkuma Abbootiin keenya biyya birmadummaan ishee eegame kabajaan nuuf dabarsan dhaloonni ammaammoo misoomaan dabaaluun maraammartoo hiyyummaa injifatee Alaabaa biyyaas olkaasuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf waloon hojjechuu qaba.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Onkololeessa 2016
Finfinnee
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"BRICS” Gaaffii Miseensummaa Itoophiyaa Fudhachuun Dhaga’amummaa Biyya Keenyaa Kan Mirkaneessedha.
"BRICS” biyyoota baay’ina uummata Addunyaa keessaa %40 qooddatan biyyoota gama dinagdee, teknoloojiifi humna waraaanaatiin guddina ariifataa galmeessisaa jiraniin qajeeltoo 'Tumsa Kibbaa-gara-Kibbaa' jedhamu bu'uureffachuun kan hundaa'edha. Hunndeeffama tumsa kanaa irraa eegalee biyyoota miseensota garichaa jidduutti hariiroon dinagdee, siyaasaafi teknoloojii guddachaa dhufuun waltajjiiwwan Idil Addunyaa irratti dhaga’amummaan isaanii dabalaa akka dhufu taasiseera. Kunis, Garichi xiyyeeffannoo biyyoota hedduu akka argatu taasiseera. Biyyoota gaaffii miseensummaa “BRICS” dhiyeeffatan 40 keessaa tokko kan taate Itoophiyaan ulaagaawwan barbaachisu guuttee dhiyaachuu isheetiin gaaffiin miseensummaa ishe fudhatama argateera. Kunis injifannoo dippilomaasii guddaa biyyi keenya gonfattedha.
Imaammanni Haajaa Alaa Agarsiiftuu milkaa'ina Imaammata biyya keessaa akkuma ta’e jijjiiramni waggoota shanan darban keessatti gama siyaasaa, diingdeefi hawaasummaan galmaa’e injifannoo gama dippilomaasiin argame kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera. Waggoota shanan darban keessatti biyyi keenya ulaa galaanaafi boba’aa osoo hin qabaatiin akka Afrikaatti dinagdee guddaa 5ffaa, akka Baha Afrikaatti dinagdee guddaa 1ffaa ta’uu dandeessee jirti.
Itoophiyaan baay’ina uummataatiin Afrikaa irraa sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu; biyyoota ollaas ta'ee fagoo waliin hariiroo dippilomaasii gaariifi tumsa irratti hundaa'e kan qabdu; Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbilee Idil-Addunyaa gurguddoof hundeessituufi miseensa kan taate sadarkaa Idil-Addunyaatti haqniifi nageenyi akka mirkanaa'uuf ergama nageenya kabachiisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin itti kennamu ga'umsa olaanaan ba'achuun seenaa boonsaa kan qabdudha. Dinagdee ariifataafi ittifufinsa qabu biyyi keenya Itoophiyaan galmeessisaa jiraachuufi hariiroo dippiloomaasii tumsaafi obbolummaa irratti isheen hordoftu ulaagaa BRICS guutuun gaaffiin miseensummaa dhiyeessite fudhatama akka argatu dandeessiseera.
Injifannoon argame kun hojii guddaa gama dippilomaasiitiin taasifameen kan milkaa'e; sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaga’amummaa biyya keenyaa kan dabalu akkasumas gumaacha haqaafi haqummaan akka mirkanaa’uuf taasisaa turte cimsitee akka itti fuftu; gama Investimentii Kallattiin filannoo dursaa biyyoota miseensa Garichaa akka taatu, oomishaalee isheetiif arraa gabaa biyyoota kaneenii akka argattu kan dandeessisu akkasumas ce’umsa tekinoloojiifi beekumsaa argachuun imala badhaadhinaa eegalame jiru ariifachiisuu keessatti qooda olaanaa waan qabuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa gammachuun itti dhaga’ame olaanaa ta’uu ibsaa uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga gammaddan baga gammanne jechuu barbaada.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa biyya keessatti jijjiiramniifi milkaa'inoonni gurguddoo galmaa'aniif akkasumas gama hariiroo alaatiin injifannoon dippilomaasii akka argamuuf hooggansa bilchaataa MM keenya Dr Abiyyi Ahimad kennaniin ta'uu isaatiin galata guddaa kan dhiyeessuuf yoo ta'u biyyoota akka Biraazil, Hindi, Chaayinaa, Raashiyaafi Afrikaa Kibbaa gaaffiin biyyi keenya miseensummaa “BRICS”f dhiyeessite fudhatama akka argatu tumsa olaanaa taasisaniif galanni keenya guddaa ta’uu ibsa.
Walumaagalatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo boonsaa gama dippilomaasiin argame galaa godhachuun biyya keenyatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’u, ijaarsi sirna dimokiraasii jalqabame galma akka ga’uufi imalli badhaadhina hunda galeessaa eegalame akka mirkanaa’uuf hojiiwwan gama hundaan jalqabaman cimsee kan itti fufu ta’uu ibsa.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Raawwii hojii piroojektoota bara kanaafi dhimmoota bajata Naannoo Oromiyaa.
Biiroo Komnikeeshiinii Oromiyaatti garee maxxansaa Barruu Kallachaatiin dhimmoota Pirojektotaafi baajata naannichaa irratti Hogganaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa waliin dhimmoota iftoomina barbaadan irratti turtii taasiseera. #Kutaa 1ffaa :- Haala Pirojektii Naannoo Oromiyaa Waliigalaa Ibsu
Barruulee Kallachaa: Piroojektoonni gurguddoon buleeyyiifi haaraan akka Naannoo Oromiyaatti karoorfamanii raawwatamaa jiran meeqa? Bajanni ittiin raawwiisaaniif qabameefi maddisaa hoo? Hirmaannaan ummanni qarshiifi akaakuun taasise hoo hangam ta’a?
Obbo Tolasaa: Mootummaan Naannoo Oromiyaa erga hundaa’ee kaasee qaawwa misooma dinagdeefi hawaasummaa jiru cufuuf karoora yeroo dheeraafi gabaabaa qabamu keessatti (karoora waggaa waggaan baafatu keessatti) piroojektoonni iddoo olaanaa qabu. Fedhii misoomaa ummanni naannichaa waggaadhaa gara waggaatti agarsiisaa jiru waliin tarkaanfachuufi sochii mootummaan dinagdee naannoo keenyaa guddisuuf taasisaa jiru waliin walqabatee ijaarsi, facaatiifi baay’inni piroojektootaa akkasumas bajanni ramadamuuf dabalaa deemaa jira.
Raawwiin piroojektoota kanneeniis hudhaafi harcaatiin tokko tokko darbee darbee haa quunnamu malee, kanneen baroota darbee waliin yoo ilaalamu dabalaa jira. Keessattuu bara 2012 asitti raawwii piroojektiif xiyyeeffannoon kennamee hojiin bara bajataa tokko keessatti mootummaa sadarkaa naannoo, kan aanaatiinis ta’e sadarkaa federaalaatiin, dhaabbilee miti mootummaa, hirmaannaa ummataanis ta’e tajaajila lammummaan raawwatamu dabalatee karoorfaman yeroo kaa’ameef keessatti xumuramanii tajaajilaaf akka oolaniif eessaa kaanee eessatti deemaa jirra harcaatiin eessa jira jedhamee yeroo yeroon ilaalamaa, xiinxalamaafi kallattiin fuulduraas kennamaa jira.
Duraan adeemsi akkasii hin turre. Yeroo dhiyoo asitti hojiin piroojektootaa iddoo tokkotti mootummaa naannootiin hogganamaa jira. Kanaanis jijjiirmni guddaan dhufeera.
Bara kanas piroojektoota gurguddoo sadarkaa naannoof qofa bajata qarshii Biliyoona 38.14 oltuu qabamee ittiin hojjetamaa jira. Saganata Misooma Itti Fufinsaa (Sustainable Development Goal) jedhamuuf bajanni qarshiin Biliyoonni 4 kan ramadame yommuu ta’u, kunis Paarkii Misooma Industirii Qindaa’aa Qonnaa, Agiroo Piroosesiingii industiyaal paarkii jedhamuufi kan jallisiif qabame of keessaa qaba. Garri qarshii Biliyoona 22.88 immoo saanduqa mootummaa ala (Sagantaa gargaarsaa) qabamanii jiru.
Sadarkaa aanaattis dur piroojektiif qar. Biliyoona 3 hanga 4 ol kan hin qabanne bara kana karaa adda ta’een qarshii Biliyoona 14.5 ol ta’u bajata kaappitaalaaf qabamee piroojektoonni adda addaa baay’een ittiin geggeeffamaa jiru.
Egaa bara kana sadarkaa Mootummaa Naannootti Piroojektoonni buleeyyii gurguddoon 1947fi haaraan 165 waliigala 2112 ol qarshii Biliyoona 38fi Miliyoona 14 oliin hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, sadarkaa aanaa/bulchiinsa magaalaatti piroojektoonni xixiqqaa haa ta’an malee buleeyyiin 1,846fi haaraan 11,087 waliigalatti 12,933 bajata qarshii Biliyoona 14fi miliyoona 5 oliin hojjetamaa jiru.
Sagantaa gargaarsaanis piroojektoonni buleeyyiin 350 haaraan 2003 waliigala 2,353 qarshii Biliyoona 22.88n hojjetamaa jiru. Haaluma walfakkaatuun Dhaabilee Miti Mootummaa (NGO)n piroojektoonni buleeyyiin 198, haaraan 596 waliigala 794 qarshii Biliyoona 28.57n hojjetamaa jiru.
Hirmaannaa ummataan piroojektoota haaraa 11,570tu qarshii Biliyoona 4.58n hojjetamaa jiru. Walumaagalatti akka Naannoo Oromiyaatti piroojektoonni buleeyyiin 4,341fi haaraan 25,421 waliigala 29,762 bajata qarshii Biliyoona 108.47n hojjetamaa jiru.
Kanaaf piroojektoonni gurguddoo jedhaman jechuun hanga bajata ramadamee (fakkeenyaaf piroojektiin tokkichi gara qar. Biliyoona 4 hanga 6 fixan), kontiraaktaroota gurguddaan hojjetamaniifi ulaagaa ijaarsaa biroon gurguddaa jedhamuu danda’an manneen hojii naannoo keessatti kan qabaman piroojektoota 2000 olidha. Piroojektoonni bajannisaanii Bilyoonaa gadi ta’anii garuummoo Miliyoonota dhibbaan lakkaa’amaniin hojjetaman piroojektoota giddugaleessaa jennee fudhachuu ni dandeenya.
Proojektoota Miliyoonota muraasa fakkeenyaaf Miliyoonota 100 gadiin hojjetaman akka piroojektii xixiqqaatti fudhachuun ni danda’ama. Sadarkaa guddina giddugalummaafi xixiqqaan piroojektoonni kun seeraan tumamee taa’uu baatus bajatasaaniirratti hundaa’uun yeroo inni fudhatuufi lakkoofsa ummata tajaajiluu danda’uun sadarkeessuun ni danda’ama. Kutaa 2ffaan itti fufa.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Tajaajila Dhibee Vaayirasii Tiruu qaqqabamaa taasisuuf gaheen Hooggantootaafi Ogeessota Dhaabbilee Fayyaa tajaajilichi keessatti eegalamuuf jiruu murteessaadha.
Dhibeen Vaayirasii Tiruu (Hepatitis) jedhamu dhukkuba Vaayirasiin dhufu ta'ee dhibee Tiruu namaa hubuun miidhaa qaqqabasiisudha. Dhibeen Vaayirasii Tiruu kun vaayirasii gosa Shaniin (A,B,C,D fi E) kan dhufu yoo ta'u bal'inaan kan beekamaniifi miidhaa geessisaa kan jiran vaayirasii gosoota B fi C akka ta'e qorannooleen garaagaraa ni mul'isu. Dhibeen kanaan addunyaa irratti waggaatti namoonni biiliyoona 2-3 ta'an kan qabaman yoo ta'u namoonni miiliyoonni 2.4 caalan ammoo du'aaf ni saaxilamu.
Biyya keenyattis namoonni hedduun dhibee Vaayirasii Tiruu kanaan kan qabamaniifi du'aaf saaxilamaa kan jiran yoo ta'u hanga har'aatti xiyyeeffannoo barbaachisuu argatee akka hin jirre Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Gushaa Balakkoo himaniiru. Itoophiyaa keessatti namoonni kuma dhibba 862 ol dhibee kana waliin kan jiraatan ta'uu kan dubbatan Dr Gushaan namoonni umurii 30-45 jidduutti argaman baay'inaan kan qabaman ta'uu himaniiru.
Dhibeen Vaayirasii Tiruu namoota hedduu du'aatiif saaxilaa kan jiru ta'us sababa hubannoon hawaasaas ta'ee ogeessa fayyaa laafaa ta'uu, qoollifannaa namoota dhibee kana waliin jiraatan irra ga'u, hanqina leecalloo, imaammataafi xiyyeeffannoo gahaa argachuu dhabuu, baasiin yaalaa dhibichaafi qorichaa qaalii ta'uu fi qorannoon dhibee kana irratti jiru baay'ee xiqqaa ta'uun dhibichi akka babal'atu taasiseera jedhan.
Dhibichi biyya keenya keessatti dhibbeentaa 10(%) babal'ataa kan jiru yoo ta'u namoota vaayirasiin HIV/AIDS'n dhiiga isaanii keessatti argamu irratti miidhaan isaa akka hammaatu ibsameera.
Yeroo ammaa jedhan Dr Gushaan mootummaan ittisaafi to'annoo dhibee kanaaf irratti xiyyeeffachuun hooggantootaafi ogeessotaaf leenjiifi hubannoo kennuun Hospitaalota Naannicha keessa jiran 16 keessatti eegaluuf qophii barbaachisu kan xumure yoo ta'u yeroo gabaabaa keessatti hospitaalota hunda keessatti babal'isuuf hojjetamaa jira jedhan.
Guyyaa har'aas hooggantootaafi ogeessota hospitaalota tajaajilli dhibee Vaayirasii Tiruu keessatti eegalamuuf waltajjiin hubannoo uumuu magaalaa Adaamaatti kennamee jira. Hanga yoonaa sababa qorichi dhibee kana yaaluuf oolu hin argamiiniif tajaajilli yaala isaa kan ture ta'us yeroo ammaa Ministeera Fayyaa Federaalaa waliin ta'uun hojii hojjetameen qorichi waan argameef yaaliin isaa jalqabuuf akka ta'e Dr Gushaan eeraniiru.
Hojiin xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qabu hojii hubannoo uumuu, kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta'aniif talaalli akka kennamu taasisuu, namoonni gara mana yaalaa deemuun qorannoo akka taasisaniifi yaala akka argatan taasisuu akka ta'e Dr Gushaan kaasaniiru.
Tajaajilli dhibee Vaayirasii Tiruu eegalamu kun akka milkaa'uuf gaheen Hooggantootaafi Ogeessota Hospitaalota tajaajilli kun keessatti eegalamuu baay'ee murteessaa ta'uu himuun Biiroon Fayyaa deeggarsaafi hordoffii barbaachisu akka taasisu ibsaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Milkaa'ina karoora bara 2016tiif xiiqiidhaan hojjechuun murteessaadha" Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO
Gamaaggamni raawwii hojii bara 2015 fi boqonnaan qophii karoora bara 2016 hojiiwwan Mootummaa fi Paartii magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjii kana irratti argamuun akka dubbatanitti bara 2015 keessatti humnoota waloo qindeessuudhaan hojii hojjetamaa tureen milkaahinoonni hedduun akka argame himuun milkaahinoota argaman kanneen caalmaatti itti fufsiisuudhaan bara itti aanu injifannoo dachaa galmeessuudhaaf xiiqiidhaan hojjechuu qabna jedhaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa hooggansi sadarkaan jiru fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojii isaa ariitii fi kalaqaan dabaalee hojjechuu akka qabu ibsuudhaan galma gahiinsa karoora qabameetiif qaamni hunduu xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuu akka qabu ibsaniiru.
Waltajjiin gamaagga raawwii hojii bara 2015 fi boqonnaa qophii karoora bara 2016 hojiilee Paartii fi Mootummaa kun guyyoota sadihiif kan gaggeeffamu akka ta'es ibsameera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
"Karoorri bara 2016 Karoora Xiiqiiti" Kab Prez M.N.Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa Guddinaa fi fayyadamummaa uummata naannichaa mirkaneessuuf inisheetiivota garaa garaa maddisiisuun ni hojjetamas jedhaniiru. Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee 5ffaa Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa gaggeessaa kan itti fufee jiru yoo ta'u Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kallattii gurguddoo karoora bara baajetaa 2016 dhiyeessaniin oomishaafi oomishtummaa qonnaa dabaluu, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jelqabamee jiru itti fufsiisuu, Albuuda baasuun hojiirra oolchuu, itti fayyadama lafa baadiyyaafi magaalaa Kaadastaraan hoogganuun guddina dinagdee akka tumsu taasisuu, Misooma Magaalaa cimsuu akkasumas ogummaafi intarpiruunarshiippii babal'isuun dargaggootaa carraa hojii bal'aa uumuuf cichoominaan ni hojjetamaa jedhan.
Obbo Shimallis bara baajetaa 2016 hojii lammii ga'umsaafi ofitti amanamummaa qabu oomishuu, nageenya naannichaa amansiisaa taasisuu, kenna tajaajila naannichaa saffisaa, qaqqabamaafi qulqulluu taasisuu, tajaajila lammummaa cimsuun humna waloo qindeessuun hojiiwwan bu'aa qabeessa hojjechuu akkasumas galii naannichaa guddisuuf xiyyeeffannoofi kutannoo olaanaan ni hojjetama jedhaniiru.
Bara 2016 kutannoon hojjennee imaanaa keenya ni ba'anna!
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Waggoottan arfan darbanitti hojii tajaajila lammuummaatiin hojiin Qar Biiliyoona 163.4tti tilmaamamu hojjetameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina biyyaa ariifachiisuun biyya cimtuu ijaaruun dhaloota dhaalchisuuf duudhaa ganamaa Oromoon qabutti deebi’uun murteessaa ta’uu hubachuun hojii tajaajila lammummaa labsuun hojii qabatamaatti galuun bu’aawwan hedduun galmaa'eera. Hojiin tajaajila lammummaa labsiidhaan deeggarame hojiirra akka oolu taasifamuu isaatiin hawaasni hojii misoomaa waloodhaan akka raawwatufi irraa fayyadamaa ta’u kan taasise ta’uu Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Maallaqa Oromiyaafi Itti Gaafatamaan Damee Tajaajila Lammummaa Dr Mohaammadnaasir Abbaajamaal ibsa addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiif kennaniin himaniiru. Uummanni misooma waloof qabu tajaajila lammuummaadhaan eeggattummaa malee misooma adda addaa keessatti hirmaachuu isaatiin misoomni baajata guddaa gaafatu hirmaannaa ummataatin hojjetamaa jira. Hojiin tajaajila lammummaa akka Naannoo Oromiyaatti waggaa arfan keessatti hojjetameenis qaawwa Mootummaan qabu duuchuun imala badhaadhinaa qabame itti fufsiisuu keessatti shoora olaanaa taphachaa kan jiru ta’uus eeraniiru.
Hojiin tajaajila lammummaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan dhufe yoo ta’u, Bar 2012 qarshii miliyoona 13.6, Bara 2013 qarshii biliyoona 26.4, bara 2014 qarshii biliyoona 49.22fi bara 2015 qarshii biliyoona 72.2 tilmaamamu hojiin tajaajila lammummaa kan hojjetame yoo ta’u waliigala waggaa arfan darbanitti hojii tajaajila lammummaa qarshii biliyoona 163.4 tilmaamu hojjetameera. Kun ammoo qaawwa mootummaa duuchuun misooma waloo ummanni qabuu akka raawwatamu kan taasiseedha. Uummannis misooma waloof tumsi gochaa jiru akka dabaluufi aadeeffatu taasisee jira.
Bara kana qofa hojii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu’ura boruu 6,000 ijaaruuf karoorfamee manneen barnootaa 6,081 ijaaramuun dhaloonni keessatti qaramaa jira.Akka waliigalaatti labsiin tajaajila lammummaa erga labsame as dareen dabalataa kuma 50 ol kan ijaaraman yoo ta’u qulqullinni barnootaa dabaluuf hojii hojjetamaa jiru keessatti nyaata barataaf dhiyeessuu,kitaaba wabii deeggarsaan kennuu,mana kitaabaa ijaaruu,mana barsiisaa ijaaruufi kkf hojii tajaajila lammummaatiin hojjetame heddu iirraa bu’aa olaanaan kan argame ta’uu ibsameera.
Gama seektara fayyaatiin hojiileen hojjetaman heddu akka ta’anis ibsameera. Aadaa wal gargaarsa jiru cimsuun manneen jireenyaa harka qalleeyyii heddu kan ijaarame yoo ta’u lammiileen daandirra jiran mana jireenyaa akka argataniifi jireenya fooyya’aa akka itti fufan taasifameera. Sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa tokkoffaatiin biqiloota biliyoona 13.6 ol dhaabuun seenaan kan hojjetamee ta’uu eeruun bara kanas biqiltuu biliyoona 4.5 tajaajila lammummaatiin dhaabuuf qophiin xumuramaa kan jiru ta’uu Dr Mahaammadnaasir ibsaniiru. Uummanni duudhaa ganamaa Oromoon qabu cimsachaa misooma waloo isaatiif tumsa taasisaa jiru itti fufsiisuu akka qabus dhaamaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Hojiin Ashaaraa Magariisaa hojii yeroo tokkoo osoo hin taane hojii biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuti!
Addunyaan keenya sababa jijjiirama qilleensaatiin rakkoowwan garaa garaatiif saaxilamaa jirti. Sababa mancaatii bosonaatiin haalli qilleensaa jijjiiramee gammoojjummaan babal'achuun, dhiqamni biyyee hammaatee oomishaaf oomistummaan xiqqaachuufi rakkoowwan walxaxaan dhala namaa dabalatee jireenya lubbu qabeeyyii hunda irratti dhiibbaa fidaa jira. Dhimmi kun, qormaata Addunyaa guutuu waan ta'eef furmaanni isaas hirmaannaa uummata addunyaa hundaa kan gaafatu ta’uun hubatamee jira. Keessumaa kaayyoo adda addaaf ciramuun bosonaa, dhiqamuun biyyee hammaachuufi aarri warshaalee Induustiriiwwan gurguddaa biyyoota guddataniin gadi lakkifamu qilleensa faaluun jijjiirama qilleensaa hammeessee gaaga'ama hamaaf ardii keenya saaxilaa jira. Jijjiiramni qilleensaa addunyaa keenya muudachaa jiru kun biyyoota guddachaa jiran irratti ammoo miidhaan isaa daran hammaataadha.
Faalama qilleensaa yaaddoo addunyaa ta’e kana furuuf falli biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu hojiiwwan hojjetaman bu'aa teknoloojiitiin bakka buusuu akka ta’e rogeeyyiin eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa, hayyoonniifi hooggantoonni biyyootaafi dhaabbilee Idil-Addunyaa irratti walii galuun tarkaanfileen garaa garaa fudhatamaa jiru. Dhimmi jijjiirama qilleensaa dhimma madaala uumamaa dabsuun ittifufiinsa dachee irra jiraannu yaaddoo keessa galchuun furmaata hatattamaa barbaadu waan ta'eef galmoota gurguddoo guddina itti fufiinsaa mirkaneessuu keessatti haammatamee hojjatamaa jira.
Biyyi keenyas jijjiirama qilleensaa yaaddoo Addunyaa ta’e kana xiqqeessuuf Inisheetiiviin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummee Ministeeraa FDRI Dr Abiyyi Ahimadiin labsamuun waggoottan arfan darban uummata keenya waliin hojjetaa turre milkaa'inoota ajaa'ibsiisaa ta'an galmeessisuu dandeenyee jirra. Hojiin waggoottan arfan darbaniif akka naannoofi biyyaatti hojjetaa turres biyya keenya sadarkaa Idil-Addunyaatti injifannoo gaarii gonfachiiseera. Uummata naannoo keenyaa hunda Ashaaraa keessan yeroo hunda yaadatamaa jiraatu kaa'uun maqaan biyya keenyaa sadarkaa idil-addunyaatti olka'ee akka waamamu taasisuu keessaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galataafi kabaja guddaa isiniif qaba.
Haata'u malee, hojiin biyya keenya magariisummaa uwwisuu hojii waggoota muraasa qofa hojjetamee dhiifamu osoo hin taane biyya magariituufi mijattuu dhaloota dhaalchisuu waan ta'eef hojii itti fufiinsaan qindoominaafi hirmaannaa keenya hundaa barbaadudha.
Kanaafuu, Oromiyaa magariisa uwwisuun ergama guddaa dhaloota egeree biyya badhaate dhaalchisuu ta’uun hubatamee biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun karaa fakkeenyummaa qabuun aadaa ta'ee itti fufuu qaba. Dhaabbii biqiltuu biiliyoona 1.91 dhaabuun eegalame, waggoota muraasa keessatti biqiltuuwwan gosa garaa garaa biiliyoona 14 dhaabuun seenaa haaraa kan galmeessine yoo ta'u biqiloota dhaabaman keessaas 84.95% latuu danda'aniiru.
Muuxannoowwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baroottan darban irraa arganne galtee godhannee Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiifis akka biyyaatti biqiltuuwwan gosa garaa garaa biliyoona 6.5 dhaabuuf karoorfame keessaa naannoo keenyaatti biqiltuu biliyoona 4.5-tu dhaabama. Kanaafis, akka naannoo keenyaatti qophii ga'aa kan taasfneefi biqiltuun dhaabamus kanneen eegumsa biyyoofi bishaanii akkasumas nyaataaf ooluun bu'aa dabalataa qaban qopheessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa tureera.
Biyyaafi naannoo keenya magariisummaa uwwisuun jijjiiramaafi faalama qilleensaa ittisuun cinatti dinagdee magariisaafi damdamataa ijaaruuf gahee bakka hin bu'amne waan qabuuf uummanni keenya injifannoo irratti injifannoo galmeessuun aadaa isaa ta'e kaka'umsa olaanaadhaan tumsa ajaa'ibsiisaa agarsiisaa turtan cimsitanii itti fufuun karoora dhaabbii biqiltuu bara kana qabanne akka milkeessinu waamicha koon dhiyeessa.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii, 2015
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Pirojektoota misoomaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuruun fayyadamummaa uummata mirkaneessuuf murteessaadha.
Wantoota guddina biyya tokkoo saffisiisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan keessaa tokko bu'uuraalee misoomaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuruun tajaajilaaf akka oolan taasisuudha. Badhaadhina hunga galeessa mirkaneessuunis pirojektoota misoomaa jireenya hawaasaa salphisaniin alatti hin yaadamu. Hawaasni waan oomishe gara gabaatti geeffachuuf, mana yaalaa deemuuf, hojiin isaa saffisaafi qulqullina akka qabatuuf, bishaan qulqulluu argachuuf, barachuun addunyaa waliin dirgomuuf bu'uuraaleen misoomaa haalaan murteessoodha. Gama biraan pirojektoonni qulqulinaafi baay'inaan yeroo qabameef keessatti xumuramuun ijaarsa biyyaa milkeessuu keessattis gumaacha bakka bu'insa hin qabne qabu. Biyyaafi naannoo keenyatti kanaan dura pirojektoonni harkifachuun biyya baasii hin malleef saaxilaa turaniiru; madda rakkoo bulchiinsa gaarii hammaataas ta'uun uummataafi mootummaa walitti buusaa turaniiiru.
Waggoota shanan darbaniin asitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee gama kanaan turan bu'uura irraa furuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira. Pirojektoota gurguddoofi misooma hawaasaa keessatti hiikkaa guddaa qaban yeroo gabaabaa keessatti qulqullina olaanaan xumuruun danda'ameera. Kanaanis rakkooleen bulchiinsa gaarii hedduun furamanii jiru; muuxannoo guddaanis argameera. Muuxannoo waggoota Shanan darban argaman kanneen caalaatti cimsuun pirojektoota madda komii hawaasaa ta'an furuun barbaachisaadha.
Bara kanas pirojektoonni gosa garaa garaa baajeta mootummaa, mit-mootummaafi hirmaannaa uummataatiin ijaaramaa kan jiran yoo ta'u kanneen xumuraman marsaa lamaan xumura ji'a kana irraa eegalee eebbisiisuuf hojjetamaa jira. Pirojektoonni hojjetaman qulqullinni isaanii eegamee fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf akkuma mootummaan xiyyeeffannoo kennee jiru uummannis deeggarsa barbaachisaa taasisuu qaba.
Odeeffannoo Dabalataa argachuuf;
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Obbolummaa Sabdaneessa bu'uura cimaa irratti ijaaruun Finxaalessummaa dhabamsiisaa ijaarsa biyyaa itti fufsiifna.
Itoophiyaan qormaatilee keessaafi alaa hedduu injifachaa birmadummaafi tokkummaa ishee eeggachuun har’a gahuu kan dandeesse tokkummaa sabootaafi sablammootaa bu’uura cimaa irratti ijaarameen akkasumas hariiroo jabaa jidduu isaanii jiruufi wareegama biyya isaaniif jecha gamtaan kaffalaa turaniinidha. Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa afaan, aadaa, duudhaa, amantaafi eenyummaa garaagaraa qabaatanis hariiroon obbolummaafi waliin jireenyaa, jaalalli biyya isaaniif qabaniifi wareegamni biyya isaaniif jecha kaffalaa turan garaagarummaa kanaan kan daanga’e miti. Inumaayyuu, garaagarummaa kana madda miidhaginaafi ciminaa taasifachuun weerartoota birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf aggaamaa turan hunda irree tokkummaan ofirraa qolachuun ashaaraa gootummaa yeroon hin jijjiirre dhaloota dhaalchisaniiru. Ashaaraan gootummaa abbootii keenyaan bu’uurame kunis dhaloota har’aaf madda sabboonummaa ta’uun tajaajilaa kan jiru, tokkummaan bu’uura injifannoo ta’uus kan mirkaneessedha.
Tokkummaafi obbolummaan sabootaafi sablammootaa kun sirnoota kaleessaa, hariiroofi obbolummaa sabootaaf osoo hin taane dantaa murnaafi fedhii aangoo isaaniif dhiphataniin qoramaa kan ture yoo ta’u, har’a ammoo finxaleyyii fedhii walitti bu’insaa, jeequmsaa, nagaafi tasgabbii dhabuu biyyaa irraa bu’aa argachuuf hojjetaniin qormaata keessummeessaa jira. Ta’us, bu’uurri obbolummaan sabdaneessaa Itoophiyaan irratti ijaaramte rakkoowwan garaagaraan kan qoramu ta’us, qormaatilee kana injifachuun biyya badhaateefi kabajamte akka ijaaru shakkiin hin jiru.
Biyyi keenya Itoophiyaan biyya rakkoowwaniifi qormaatilee hedduu keessa dabartee as geesse ta’uun ishee akka biyyaatti dhimmoota tokko tokko irratti waliigalteen osoo hin uumamiin akka turu taasiseera. Finxaaleyyiin dhimmoota akka biyyaatti waliigalteen irratti hin uumamne kanatti fayyadamuun sabaafi saba, amantaafi amantaa, naannolee ollaa walii ta'an gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf dhagaan isaan hin galagalchine hin jiru.
Yeroo ammaa mootummaan bu’ura Ida’amuutiin waldhabdeewwan seenaafi siyaasaa turan hunda dhiifama, mariifi araaraan furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Komishinii Araara Biyyoolessaa hundeessuun hojii guddaa hojjechaa jira. Gama biraan biyya keenyatti obbolummaa sabdaneessa federaalizimii sabdaneessaan utubame cimsuu, sirna dimokiraasii ijaaruu, mirga ofiin of bulchuu sabootaafi sablammootaa bu’uura seeraan dhugoomsuu, madaala eenyummaa sabummaafi biyyoolessaa eeguun tokkummaa biyyaa cimsuu, badhaadhina dinagdee mirkaneessuun fayyadamummaa dinagdee lammiilee haqa qabeessa dhugoomsuufi dhaabbilee ciccimoo ijaaruun biyya hundaaf mijatte uumuuf hojjetamaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas naannoon keenya naannoo nagaafi tasgabbiin keessatti mirkanaa’e, obbolummaafi waliin jireenyi sabootaa keessatti dagaage, naannolee ollaa waliin hariiroo gaariin uumame, olaantummaan seeraa keessatti kabajame, ilaalchiifi gochi finxaaleyyii bakka dhabe taasisuuf xiyyeeffaannoo olaanaan hojjechaa jira.
Haata’u malee, Finxaaleyyiin sabaafi amantaa jala dhokachuun bu’aa sabaafi amantaa kamiyyuu akkasumas dantaa biyya giddugaleessa hin godhanne argachuuf keessaafi alaan qindaa’anii hojjetan kunneen kaayyoo isaanii isa dhumaa sirnaafi biyya diiguu galmaan ga’achuuf sabaafi saba, amantaafi amantaa walitti buusuuf, hooggansa jidduutti walshakkii uumuufi addaan qoqqooduun mootummaa dadhabsiisuuf olola sobaa, duula jibbinsaafi maqa balleessii facaasuu hojii isaanii guyyaa guyyaa taasifatanii hojjetu.
Uummanni Oromoos akkuma kaleessa saboota, sablammootaafi uummattoota obbolaa waliin ta’uun birmadummaafi tokkummaa Itoophiyaa irree gamtoomeen tiksaa Itoophiyaan injifannoo gonfachaa akka itti fuftu taasisaa ture, har’as sabaaf sablammoota waliin obbolummaa isaa caalmaatti cimsachuufi federaalizimii sabdaneessa jabeessuun injifannoo qabsoofi wareegamaan gonfate tikfataa ilaalchaafi gocha finxaalessummaa dhabamsiisuun biyya badhaadhina hundagaleessa milkeessite uumuuf gumaacha taasisaa tureefi jiru cimsee itti fufuu qaba.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Caamsaa, 2015 Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootaa olaanaadha Aadde Saamiyaa Abdallaa.
Jijjiirama akka biyyatti dhufe keessatti dargaggoonni biyya keenyaa gahee adda durummaa bahatanii jiru. Dargaggoonni keenya jijjiiramni siyaasaa biyya keenyatti akka dhufu taasisuu qofa osoo hin taanee jijjiiramichi qormaatawwan hedduu keessa darbee milkaa'inoota hedduu akka galmeessuuf gahee isaan irraa eegamu bahachaa jiru. Mootummaanis hirmaannaa dargaggootaa gama hundaan mirkaneessuun fayyadamummaa dargaggootaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jira. Milkaa'inaafi fayyadamummaa dargaggootaa gama siyaasaan argame gama dinagdeetiinis dabaluuf mootummaan dinagdee keessatti tarsimoo hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa dhugoomsu bocuun hojjetaa jira.
Bu'uuruma kanaan dargaggoon gahee ijaarsa biyyaa keessatti qabu hubatee kallattii hojii itti aanuuf akka of qopheessuuf yaadamee konfiransiin dargaggootaa geggeeffamaa jira. Godina Buunnoo Beddelleettis konfiraansiin dargaggootaa marsaa 13ffaan dargaggoota aanaalee godinichaa hirmaachisuun geggeeffameera. Dargaggoonni kunneenis hojiiwwan misoomaaf fayyadamummaa dargaggootaa irratti hojii hojjetamaa jiruuf galateeffataniiru. Mootummaan dhaabbileef warshaalee carraa hojii bal'inaan uuman gara godinichaa akka dhufan taasisuuf bakkeewwan oolmaa dargaggootaa akka ijaaramaniif gaafataniiru.
Dargaggoonni qabsoo cimaa taasisuun jijjirama fidan kana utubuufi badhaadhinni hundagaleessi akka mirkanaa'u akkasumas ijaarsa biyyaa keessatti ciminaan gahee isaanii bahuu akka qaban himameera.
Hojiiwwan misoomaaf guddina dinagdee mara keessatti dargaggoonni ijaaramaaf dhuunfaan akka hirmaataniif hojjetamaa kan jiru yoo ta'u dargaggoota hojii mataa isaanii uummachuun hojjetaniif dhiyeessiin maashinaafi faayinaansii taasifamaa jira.
Hoggantuun Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa Itoophiyaan lafeef dhiiga ilmaan Oromoon ijaaramtee osoo jirtuu seenessa sobaan Oromoon biyyasaarraa fageeffamaa turee jedhan. Itoophiyaa ofii ijaare kana keessattis walqixxummaaf sabdaneessummaa dagaagsuuf qabsoo cimaa taasisee jijjiirama biyya diigumsarraa baraaru argamsiisee jedhan.
Dargaggoonni qabsoo kana keessatti aarsaa guddaa kanfalanis seenessa sobaa ture dhugaan bakka buusaa, seenaa guddinaa, tokkummaaf badhaadhinaa galmeessuufis dandeettif beekumsa qabuun hojjechuu qabaa dhaaman. Sochii hawaas-diinagdee dargaggoitaa guddisuuf hojjetamuufis mootummaan ciminaan hojjeta kan jedhan aadde Saamiyaan, bakkeewwan oolmaa dargaggootaaf dirree ispoortii babal'isuufis kan hojjetamu tahuu eeraniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Bara 2016 keessa Caasaa Biiroo DhDD fi Jarmiyaalee Dubartootaa Oromiyaatiin hojiin 'Tajaajila Lammummaa' namoota miil.19 fayyadamaa taasisu ni hojjetama
Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii Oromiyaa jaarmiyaalee dubartootaa Oromiyaa waliin ta'uun karoora hojii Tajaajila Lammummaa bara 2016 irratti miidiyaaleef ibsa kennee jira. Karoorri qophaa'e kunis fayyadamummaa dubartootaafi daa'immanii giddu galeessa kan taasifatedha.
Bu'uuruma kanaan Hoggantuun Biirichaa Aadde Jamiilaa Simbiruu ibsa isaanii keessatti bara hojii 2016 keessa namoota miiliyoona 8 hojii tajaajila lammummaa irratti hirmaachisuun hawaasa miiliyoona 19 hojii kana irraa fayyadamoo akka ta'aniif ni hojjetama jedhaniiru. Hojiin hojjetamu kunis baajeta mootummaa qarshii Biiliyoona 6tti tilmaamamu baasii irraa hambisuu akka danda'u dubbataniiru.
Hojiiwwan ni hojjetamu jedhamanii jiranis mana jireenyaa haadholii harka qalleeyyii gandoota baadiyyaa hunda keessatti mana afur afur, gandoota magaalaa hunda keessatti mana sadi sadi waliigala manneen jireenyaa 30,550'n ni ijaaramu.
Daa'imman abbaafi haadha hin qabne ykn kanneen haala hamaa keessa jiran akkasumas kanneen daandii irra jiraatan dabalatee daa'imman miiliyoona 2.4f meeshaaleen barnootaa uffata yuuniformii waliin akka kennamuuf kan karoorfame ta'uu ibsaniiru.
Dabalataanis manneen barnootaa keessattis daa'imman yaaddoo malee nyaata argataniu barnoota isaanii akka hordofaniif qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjetama.
Karoora qabame milkeessuufis dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee arjoomtotaa, dhaabbilee amantaa, abbootii qabeenyaafi jaarmiyaalee adda addaa hirmaachisuun qabeenyi guddaan akka argamuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Aadde Jamilaan himaniiru.
Dhaabbileefi namoonni dhuunfaa biyya keessaafi ala jiranis hojii eebbifamaa kana irratti qooda fudhachuun dirqama lammummaa isaanii ba'uu akka qaban waamicha taasisanii jiru.
Hojiin tajaajila lammummaa bara kanaas Waxajji 3 bara 2015 akka Oromiyaatti kan eegalu ta'uun ibsameera.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Misooma itti fufinsaa fi qulqullina qabu dhugoomsuun badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf hojjetamaa jira. Obbo Hayiluu Addunyaa,Hoogganaa BKO
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa raawwii hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2015 hanga kurmaana 3ffaatti jiru irratti miidiyaaleef ibsa kennee jira.
Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina ariifataa, itti fufinsaa fi qulqullina qabu dhugoomsuun badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Misooma qonnaan walqabatee bara kana oomisha qamadii jallisii Bonaan lafa heek. miil.1.1 qotuun callaa kun. miil.31.5 argachuuf karoorfamee kunt. miil.26.2 sassaabamuu kan ibsan Obbo Hayiluun qonna Arfaasaa bara 2015/16’n lafa heek. miil.1.12 qotuuf karoorfamee lafti heek. miil.1.2 (134%) kan qotame yoo ta’u kana irraas oomishni kunt. miil. 22.6 kan eegamu ta’uu dubbataniiru. Dhiyeessii callaa guddistuu ilaalchisee Xaa’oo waggaatti kuntaala miil.7.7, sanyii filatamaa kun. miil.1.04 dhiyeessuuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti walduraa duubaan xaa’oon kunt. Miil. 3.8 fi sanyiin filatamaan kun. kuma 200fi kumni 75 kan dhiyaate yoo ta’u xaa’oon kun.2.05 fi sanyiin filatamaan kun. miil.0.203 raabsamuun ibsameera.
Gama makaanaayizeeshinii qonnaan bara kana Tiraaktera 1116 dhiyeessuuf karoorfamee ji’a sagal keessatti Tiraakteroonni 541 dhiyaachuu Obbo Hayiluun himaniiru. Hojii misooma Sululaafi eegumsa biyyoofi bishaaniin walqabatee bara kana daagaa Km miil.1.03 qotuuf karoorfamee daagaan Km miil.1.04 hirmaannaa uummataan qotamuu kan ibsan Obbo Hayiluun Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna dhufuuf biqiltuu biil.4.9 qopheessuuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti biqiltuun biil.4.6 qophaa’eera jedhan.
Hojii barbaaddotaaf carraa hojii uumuun walqabatee dhaabbiin namoota miil.1.76, yeroon 255, 000 carraa hojii uumuuf kan karoorfame yoo ta’u walduraa duubaan namoota 1.67 (95%) fi 458,998 (180%) carraan hojii uumamuu Obbo Hayiluun eeraniiru. Xiyyeeffannoo mootummaan misooma investimentiifi induustirii babal’isuuf hojjetaa jiruun pirojektoota investimentii 6,309 simachuuf karoorfamee 5,833 kan simataman yoo ta’u pirojektoonni 3,605 kaappitaala qarshii biil. 186.283 galmeessaniifi gosoota hojii qonnaa, tajaajila, manufaakcheriingii fi agroo-induustirii irratti bobba’an Boordiif dhiyaatanii mirkanaa’aniiru.
Naannichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun lammii ga’umsa qabu oomishuuf hojii hojjetamaa jiruun bara kana barattoota miil. 7.5niif nyaata dhiyeessuuf karoorfamee hanga baatii sagaliitti barattoota miil.5.04’f nyaanni dhiyaateera. Akkasumas, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu 6000 ijaaruuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti manneen barnootaa 5,937 xumuraman keessaa manneen barnootaa 5870 keessatti hojiin baruufi barsiisuu jalqabamee jiraachuu Obbo Hayiluun dubbataniiru.
Misooma fayyaan walqabatee mana qorichaa Moodela Hawaasaa 180 qopheessuuf kan karoorfame 115 kan qophaa’an yoo ta’u Inshuraansii Fayyaa Hawaasaan miseensota miil.25 horachuun galii qarshii biil.2.25 walitti qabuuf karoorfamee miseensota miseensota miil. 26.3 horachuun qarshii biil.2.27 sassaabuun danda’ameera.
Bara kana galii idilee qarshii biil.49.85, galii mana qopheessaa biil.7.76 sassaabuuf karoorfamee walduraa duubaan galii idilee qarshii biil.46.69, kan mana qopheessaa qarshii biil.8.03 sassaabameera. Raawwii bara darbee yeroo walfakkaataan walbira qabamee yoo ilaalamu kan idilee %43.5’n kan mana qopheessaa ammoo %50.4’n caalmaa kan qabu ta’uu ibsameera.
Itti dabaluunis bara baajetaa 2015tti pirojektoota adda addaa rakkoo hawaasaa furan 16,829 hirmaannaa uummataa, baajeta mootummaa, sagantaa gargaarsaa fi dhaabbilee mit-mootummaan qarshii biil 94.17 hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Dhuma irrattis ji'oota lamaan hafan keessatti hojiiwwan harca'anii hafan duguugamanii akka hojjetaman, pirojektoonni misoomaa hojjetamaa jiran yeroo qabameef keessatti xumuramuun eebbaaf akka qophaa'an akkasumas karoora bara 2016tiif qophiin taasifamaa akka jiru Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Himaniiru.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Uummanni keenya injifannoowwan wareegamaan gonfate tikfachuun Badhaadhina Itoophiyaa milkeessuuf kutannoo akka qabu kan agarsiisee jira.
Biyya keenyatti jijjiiramni waggaa shanan har'aa qabsoo uummataafi hooggansa jijjiiramaan dhalate jijjiirama hundagaleessa, saboota sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa hirmaachiseefi dungoo bilisummaa, walqixxummaafi fayyadamummaa haqa qabeessa qabsiisedha. Jijjiiramichi Itoophiyaa maraammartoo walwaraansaa keessaa baasuun hariiroo hawaasummaafi walitti dhufeenya lammiilee dabee ture sirreessuun biyya sabdaneettii obbolummaan sabootaa keessatti dagaage, qabeenya uumaan badhaasetti fayyadamuun harka ormaa eeggachuu jalaa baatee lammii isheetti kabaja horte, sirni dimokiraasii keessatti dagaage walumaagalatti Itoophiyaa Badhaateefi kabajamte uumuu galma kan godhatedha. Kunis hawwiifi fedhii uummattoonni Itoophiyaa barootaaf akka dhugoomuuf qabsaa'aa turanidha.
Uummanni Oromoos akkuma kaleessa sabaaf sablammoota obbolaa isaa waliin ta'uun ijaarsa biyyaa keessatti gahee adda durummaa bahachaa ture daangaa hanga daangaatti socho'uufi hooggantoota jijjiiramaa ofitti makuun jijjiiramni bilisummaa, walqixxummaafi obbolummaa dhugaa labse kun akka dhugoomuuf aarsaa qaqqaalii kaffaleera; ilmaan kumaatamaan lakkaa'aman itti wareegeera. Hooggansi jijjiiramaa qabsoo uummataan gara aangootti dhufes quuqama uummatummaa qabuun uummata of cina hiriirsuun biyya qarqara diigumsaa irra geesse baraaruu bira darbee barii jijjiiramaa irraa eegalee waggoottan shanan darban keessatti injifannoowwaniifi milkaa'inoota gama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasii hedduu galmeessuu danda'ee jira. Kunis Bitootessa 24 bara 2010 akka yaadannu, injifannoowwaniifi milkaa'inoota gama hundaan argaman akka eeggannu nu taasisa. Wanti hubatamuu qabu jijjiiramni biyya keenyatti waggaa shanan har'aa dhufe qabsoofi dhiibbaa saboonni hundumtuu taasisaniinidha.
Gama biraan hooggansi jijjiiramaafi mootummaan sagalee uummataan hundeeffame aggaammiiwwan keessaafi alaan aggaamaman hunda tooftaafi bilchinaan qolachuufi qormaatilee muudatan gara carraatti jijjiiruun hawwiifi dheebuu misoomaa, nageenyaafi ijaarsa sirna dimokiraasii uummanni Itoophiyaa qabu bu’uuraan deebisaa kan jiru yoo ta’u bifuma walfakkaatuun qormaatileen muudatanis yeroo gara yerootti bifa isaanii jijjiirrachuun itti fufaniiru. Keessumaa qormaatileen amala jijjiiramichaa irraa maddaniifi finxaaleeyyii bitaafi mirgaan muudatan qormaatilee tokkummaa uummata keenyaa gaafatanidha.
Uummanni Oromoos milkaa'inootaafi injifannoowwan waggoottan shanan darban keessatti argate tokkummaan tikfachuun aggaammiifi qormaatilee muudatan aarsaa barbaachisu kamiyyuu kaffalee qolachuun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf qophii ta'uu isaa hiriira guyyaa kaleessaa Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa Naannoo Oromiyaa hunda keessatti ba'uun sagalee isaa dhageessisee jira. Hiriira kana irratti saboonniifi sablammoonni biroos irratti hirmaataniiru.
Hiriira kanaanis sirna waloo uummattoota obbolaa isaa waliin ijaare itti fufsiisuudhaaf deeggarsa isaa cimsee kan itti fufu, tokkummaan uummata Oromoo nageenya Itoophiyaaf murteessaa ta'uu isaa kan mirkaneesse, imalli Itoophiyaa sabdaneettii uumuuf taasifamaa jiru wacaafi shira finxaaleyyiin sekoondii tokkoofillee gufachuu akka hin dandeenye akkasumas adeemsa finxaaleyyiin biyya diiguuf taasisan callisee akka hin ilaalle, mootummaa sagalee uummataan ijaarame karaa qaxxaamuraa diiguuf tattaaffiin taasifamu fudhatama kan hin qabneefi kan hin milkoofne, misooma fayyadamummaa uummattootaa mirkaneessuu eegalamee jiru itti fufsiisuuf waadaasaa kan haaromseefi tarkaanfii mootummaan nageenya waaraa mirkaneessuuf fudhataa jiru kan tumsu ta'uu irra deebiin mirkaneessee jira.
Kanaafuu, uummanni Oromoo injifannoowwan wareegamaan gonfate tikfachuufi qormaatilee muudatan kamiyyuu aarsaa barbaachisu kaffalee qolachuun Badhaadhina Itoophiyaa milkeessuuf kutannoo kan qabu ta'uu irra deebiin agarsiisee jira. Kunis yeroo tokkummaan dhaabbannu humni kamiyyuu duubatti nu deebisuu akka hin dandeenye kan mirkaneessedha.Tokkummaa keenya jabeeffataa hariiroo saboota obbolaa waliin jirus cimsataa deemuun badhaadhina, nageenyaafi tasgabbii naannoof biyya keenyaa haa mirkaneessinuun dhaamsa keenya.
WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more
Barsiisummaan ogummaa kabajamaa dhaloota beekumsaafi dandeettii gonfachiisudha." Shimallis Abdiisaa, PMNO
Icciitiin qaroomina addunyaafi milkaa'ina biyyoota dureeyyii xiyyeeffannoo barnootaaf kennan ta'uu wal nama hin gaafachiisu. Barnoota babal'isuu, qulqullina isaa mirkaneessuu dandeettii barsiisotaa cimsuufi kabaja ogummaa barsiisummaa guddisuun badhaadhina biyya keenyaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaata.
Babal'inaafi qulqullinni barnootaa Naannoo keenyaa sadarkaa har'a irra jiru gahuuf daandii dheeraa kan deemame yoo ta'u qaamonniifi qooda fudhattoonni hedduun aarsaa kaffalaniiru. Qaamota kanneen keessaa abbaa bu'uura ogummaa hundaa kan ta'an barsiisonni keenya ammoo gumaacha adda durummaafi seenaan hin daganne bahaniiru.
Barsiisonni Naannoo keenyaa aarsaa qaalii kaffaluun dheebuu barnootaa uummanni Naannoo keenyaa yeroo dheeraaf qabaachaa ture deebisuuf dirqama dachaa bahachaa akka turaniifi jiran eenyu jalaa kan dhokatu miti. Kunis, gama tokkoon sirnoonni duraan turan uummata keenya barnoota irraa dhiibuun dukkana wallaalummaa keessatti akka hafuuf hojjetaa turan injifachuun uummata keenya beekumsa gonfachiisuu danda'aniiru. Gama biraan ammoo bakka haalli mijataa hin jirre hunda keessatti haalli naaf mijachuu qaba osoo hin jedhiin lammii isaanii qaruuf aarsaa kaffaluun dirqamni barsiisonni keenya bahachaa turaniifi jiran daran guddaadha.
Aarsaan barsiisonni keenya kaffalaa turaniifi dirqamni lammummaa isaan bahachaa jiran dhaloota baratee har'a Oromiyaa fi biyya ijaaraa jiru kana uumuu danda'ee waan jiruuf hunda keenya kan boonsu yoo ta'u Mootummaan Naannoo Oromiyaas barsiisota keenyaaf kabaja guddaa qaba.
Barsiisummaan ogummaa kabajamaa akka biyya keenyaatti qofa osoo hin taanee akkuma addunyaattuu ogummaa doofummaa balleessuun dhaloota beekumsa gonfachiisudha. Barsiisaafi ogummaa barsiisummaaf kabaja barbaachisu kennuun doofummaa dhabamsiisuun dhaloota beekumsa gonfatee rakkoo uummata isaa furuu danda'u uumuuf murteessaadha. Kanaaf akka Naannoo keenyaatti mata duree “Barsiisummaan Haadhoo Ogummaa Hundaati” jedhuun Torban kabaja Barsiisaa kabajamaa kan jiruuf.
Naannoo keenya keessatti waggoottan darban keessatti hojii waliin gahinsa barnootaa mirkaneessuuf hojjetame keessatti qoodni barsiisonni keenya bahachaa turan salphaa miti. Har'as dhaloota ga'umsa, ofitti amanamummaa qabuufi abdi egeree biyyaa ta'e uumuuf hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Ormiyaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiru keessatti barsiisonni gahee adda durummaa isaanii cimsanii akka itti fufan dhaamuun barbaada.
Barsiisonni jijjiirama biyya keenyatti dhufe keessatti karaa tokkoon dhaloota dammaqaa jijjiirama fedhu barsiisuun karaa biraan sirni walqixxummaafi obbolummaa sabootaa dhiibu diigamuun sirni dimokiraasii akka ijaaramuuf ofii keessatti hirmaachuun qooda dachaa kan qaban yoo ta'u ammas jijjiiramichi qormaatilee keessa darbuun badhaadhina biyya keenyaa akka mirkaneessuuf gahee adda durummaa isaanii bahachuu qabu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haalli baruufi barsiisuu bu'aa qabeessaafi lammii dorgomaa ta'e oomishuuf akka dandeessisuuf qooda fudhattoota barnootaa hunda waliin qindoomina olaanaan kan hojjetu yoo ta'u dandeettiifi gahumsa barsiisotaa guddisuuf rakkoo isaanii hiikuuf akkasumas barsiisotaaf haala mijataa uumuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetu ta'uu ibsaa baga guyyaa barsiisotaa geessan jechuun barbaada.
Oromiyaa ni ijaarra
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina
Waaqnis nu gargaara
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bitootessa 23, 2015
Finfinnee WALIIGALAN ALAA GALAN!Read more